Monday, July 17, 2017

Siyaasaan Fakkeessuu Eessayyuu Nama hin Geessuu

Siyaasaan Fakkeessuu Eessayyuu Nama hin Geessuu

                                              (Jawar Mohammed)

Dubbi-himaan mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa Qixxeessaa barruu ganama kana maxxansaniin mormiin gibira irratti godhamaa jiru kan sababa hin qabneefi miiraan guutame, kan qabsoo Oromoos miidhuudha jedhan. Obbo Addisuufi qondaalota OPDOtin wanni jennuun;
1) Daldalaa hiyyeessaa kaapitalli isaa 20,000 gibira 40,000 yeroo irra tuultan diduun miiraan guutamuu osoo hin taane lubbuuf wixxifachuudha.
  • 2) Fincilli baroota darbe keessa godhame gatii guddaa kafalchiise malee bu'aa hin argamsiifne jette. Wareegama qaalii kafaluun keenya dhugaadha. Injifannoo gurguddaa Oromo, Oromummaafi Oromiyaa awwaala Wayyaaneen qotteef keessaa baase addunyaatti futtaaseedha. Kan bira haa hafuuti namoonni akka keetiifi Lammaa Magarsaa gara fuulduraatti baafamanii afaan sabboonummaa onnatanii akka dubbatan kan godhe fincila ilmaan Oromooti. Osoo beektee galateeffachuu qabda malee xiqeessuuf yaaluun kee gantummaa kaleessaatti gadi deebi'uudha.
  • 3) Baajatani mootummaa Oromiyaa biliyoona 56 yoo ta'u galiin gibira irraa argamu biliyoona 10 qofa jette. Kanaaf itti gaafatamaan OPDO fi mootummaa naannoo Oromiyaati malee daldalaa miti. Isintu aangoo isiniif kenname dabarsee federaala harka Tigree jiruuf laate. Daataa ati maxxansaa jirtuufi Caffee irratti dhihaaterraa akka agarrutti galiin Oromiyaa keessaa harki 80% ta'u mootummaa federaalaattin guuramaa jira. Mootummaa federaalaa galii isaa waliigalaa keessaa dhibbeentaa 60% ta'u Oromiyaa keessaa argata. Kana jechuun galiin Oromiyaa keessaa argamu baajata Oromiyaa bira dabree mootummaa federaalaafi naannolee biraa subsidize godhaa jira. Kanaafuu achi teessanii Oromiyaa saamsisaa hanqina bajataa nu mudate jechuun daldalaaa hiyyeessa saamuun haqaa miti. Diddaan eegales madaallii kamiinuu haqa qabeessa.
  • 4) Mormii qodhamaa jiru warra qindeessan irratti tarkaanfii fudhanna jettee doorsisuu yaaltee jirta. Kun waan haaraa miti. Waanuma Fiqaaduu Tasammaa ( namichi si duraa bakka ati amma jirtu kana ture) fi Muktaar Kadiir jechaa turaniidha. Lammaa Magarsaa tibba darbe "dhiiga Oromoo jigsaa misoomni dhufu hin jiru' jedhee ture. Doorsisini ati ilmaan Oromoo ajjeechisuuf har'a goote kun haasaan Lammaa sun fakkeessaa ta'uufi OPDOn bakka ishii duriitti afaanin malee gochaan akka hin jijjiramin ragaa baha.
  • 5) Mormii godhamaa jiru akkuma barattan alatti dhiibuu ( externalize) gochuu eegaltanii jirtin. Kan isin diidaa jiru daldalaa Oromiyaa keessaati. Qaamni hawaasaa kun kan yeroo dheeraaf isin obsee jaalates ta'ee sodaate isin cinaa dhabbachaa tureedha. Har'a gamnaanif jiruu isaatifi kan maatii isaa baraaruuf gibira humnaa olii hin kafalu jedhe. Nuti warri biyya alaa jirru sagalee ummata sanii taanee dabarsaa jirra. Eenyu haa dubbaturee? Hoggansi Oromoo biyya keessa jiru takkaa hidhaa qilintooxiin ykn mooraa OPDOtiin lugaamamee jira. Hogganni akka Dr Mararaafi Baqqalaa Garbaa dallaya Qilinxootin ugguramee jira. Kan akka keetiifi Lammaa Magarsaa foonaa Wayyaaneen jaarte kan OPDO jedhamtu keessatti osoo garaan beekuu kijiba hafarasa; haqa ummataa awwaaluuf battisa. Haala kana keessatti roorroo ummata keenyarra gahu bakka feenes jiraannu irraa dubbachuun, ummata keenya jajjabeessuun dirqama nurra jiruudha. Dirqama kana ammoo bahuu itti fufna.
  • 7) Oromiyaa keessatti jijjirama fidaa jirraa jettan. Eeyyeen warra isin duraatiin yoo wal bira qabamu jijjirama xixiqqaa fiddanii jirtan. Kana ammoo osoo ala kana nutti wacamuu ifatti isin deeggarree jira. Dhimma daangaa irratti, dhimma lafa deebisiisuu iratti tarkaanfii sirrii isin fudhattan dhoksaa maletti jajnee jirra. Dhimma qubee irratti isin morminee gaafa isin karatti deebi'uuf waadaa galatan isin amannee ifatti isin galateeffanne. Ummanni Oromoo baldhaanis waan gaarii gaafa dubbattaniifi hojjattan badii keessan kaleessaa laalee galata isin dhoorganne. Bahee isin faarse. Siinqee jala hulluuqsisee dhibaayyuu isin unachiisee isin faarsa. Wantee qabsiisee farda yaabsiee isin onnachiise. Gaafa balleessitan ammoo dhoksaan maletti isin morma. Murtiifi imaammata miidhaa qabu Wayyaanerraa fuutanii gaafa gadi fiddan ammoo cichee isin dura dhaabbata.
  • 8) Mormiin ka'aa jiru karoora xixiqqaa yeroo gabaabaa isin qabdan gufachiisuu mala. Garuu yoo gab jettanii xiinxaltan yeroo dheeraa ( long term) keessatti humna isiniif dabalaa daran isin aangessaa deema. Fakkeenyaaf kubbaniyyaaleen gurguddaan Oromiyaaf gibira akka kafalan godhuu feena jettan. Kuni tolaan akka hin taane anis atis beekta. Akeeka san galmaan gahuuf diddaan ummataa kun humna guddaa isiniif taha. Kanaafuu garbitti majii dhoksitu hin ta'inaa.

Gibira humnaa olii daldalaarraa buusaa; 

Nama alaa sababsachuu dhiisaa
Ummata of cinaa hiriirsaa
Qabeenyaafi aangoo Oromiyaa deebisiisaa.

No comments:

Post a Comment