Thursday, July 20, 2017

MORMIIN GIBIRA HUMNAA OLIII EESSA GAHE? GARAMITTI DEEMUU MALA?

MORMIIN GIBIRA HUMNAA OLIII EESSA GAHE? GARAMITTI DEEMUU MALA? 

                                                     (Jawar Mohammed irraa)
Jawar Mohammed
Gibirri daldaltoota irratti humnaa ol fe'amuun erga dubbii kaasee torban lama dabree jira. Daldaltoonni dura gibirri kaffaluu qaban kan bara dabreetin yoo walbira qabamu dachaa hedduun dabaluu isaatiin komii isaani gara waajjira galiiwwanii dhiheessan. 
Komiin isaanii garuu dhageettii waan hin argatiniif gara mormiitti jijjiramuu eegale. Daldaltoonni Calanqoo hiriira bahuun mormii kana eegalan. uummanni Gudar ammoo diddaa hojii dhaabuu labsate. Gincii, Ambo, Walisoof magaalonni naannoo sanii itti aanan. Naqamteetti cehuun magaalaan cal taate. Mormiin kun guyyaa har'aa gara Gimbii, Dambi Doolloo, Mandiifi Najjoo cehe. Takkuma takkaan Oromiyaa walgahaa jira. Gibirri kun hanga ammaa kan ifatti daldaltootatti ibsame Oromiyaafi magaalaa Finfinneeti. Finfinneen duubatti haa harkifattuu malee har'a naannoleen muraasni suuqiilee isaanii guutuu guutuutti cufachuun mormichatti dabalamanii jiru.

- Gara mootummaatiin hanga ammaatti yaadni amansiisaa ta'e hin dhiyaanne. Gibirri inumaatuu hin daballeefi dabaluun sirriidha yaadota jedhan wal dhoofsisaa jiran. Sababa labsii muddamaatiifi tarkaanfii humnaa fudhatamaa tureen uummanni guutuutti cabee jiilee harka kennee jira jedhanii waan jala muranii turaniif mormiin kun ni ka'a jedhanii gonkumaa hin shakkine. Kanaafuu, miira rifatuufi hamaa keessa bu'anii jiran. Har'a boru nurraa dhabbata jedhanii abdachaa turan. Ammas 'oolmaa boruu ilaallee tarkaanfii itti aanu murteessina' ejjannoo jetturra jiran.

- Dhimmi gibiraa waan nama hundaa lafee tuqu waan taateef akka laaftuutti akka mootummaan hawwutti addaan waan dhaabbatu miti. Magaalonni dura hojii dhaaban hojiitti deebi'uun abdii kenneefi ta'a, garuu dogongoranii jiran. Qabsoo nagayaa keessatti qoqqobbiin diinagdee biyyi guutuun bifa takkaan gabaa lagachuunis ta'ee dabaree dabareen gochuun lamaanuu bu'aa buusa. Kan bakka takkaa sun dhiibbaa yeroosiifi qara qabu ( immediate and sharp) uumuun mootummaa harka kan kennisiisu yoo tahu, kan dabareen godhamu waldura dhaabbannaa dheeressuun dhawaataan dhiibbaa guddataa deemu uuma. Keessattuu haala mootummaan tun keessa jirtuun kan walharkaa fuudhinsaa kanatu irraa ishii miidha. Sababni isaas olola biiyyi tasgabboofte jechuun ummataafi faranjii amansiisuuf duulaa jiran fashaleessa. Guyyaa tokko magaalaa lammaan takkas yoo cufatte, odeeffannoon isaa miidiyaan waan bahuuf isaan cinqaa deema. Dheerachuun sun immoo magaalonni haara galfachaa sirnicha dagachiisaa akka deeman isaan gargaara. Tooftaan walharkaa fuudhuun dheeratee deemuu kun gaafileen biraa ka'uun duula kanarratti qaamni hawaasaa biraas akka itti dabalamu karaa waan banuuf hammasuma dhiibbaa dabalaa dhufa. Kanaafuu magaalonni guyyaa addaa addaa diddaatti seenuun kun waan ishii gargaaru yoo itti fakkaate mootummaan dogongortee jirti. Kana jechuun ummanni bifa harca'een haa deemu osoo hin taane daldaltoonni akkuma wal mari'atanii waliigalaniin guyyaa isaanif tolu murteeffachaa deemuun faayidaa qaba.

Odeeffannoo hanga ammaa nu gaheen guyyaa sadan as aanu diddaan kun daran babal’achaa akka deemuuf karoorfame akeeka. Kunis Jimaanniifi Sanbattan lamaan guyyaa gabaa waan ta'eef tarkaanfiin diddaa fudhatamu dhiibbaa cimaa qabaata.

- Ammaaf mootummaan tooftaa mee bullee ilaalla ( wait and see ) jedhu hordofaa jirti. Tooftaa kana garuu guyyoota sadeen tokko ol obsitee turuu hin dandeessu. Ofiif jecha gaaffilee uummataa kana deebisuun ishii waan hin oolle. Akkuma gubbaa kanatti tuqne bubbuluun humna ummataa harcaasa jettee haa abdattuu malee dhugaan jiru tooftaan amma ummanni eegale kan humna isaa qosachaa kan mootummaa laaffisaa deemuuf isa dandeessisuudha. Muuxannoo waggoota lamaan dabranirraa horames laafaa akka hin taane hubachuun barbaachisaadha.

-Guyyoota itti aananitti magaalonni akkuma qophii fixataniin itti dabalamaa haa deeman. Magaalonni dursanii eegalan gaafa humni laaffate haara galfachuun tooftaa sirriiti. Naamusni, bilchinni tooftaa ittiin filatan ( wise tactical selection) fi tokkummaan adeemsaa barbaachisaadha. Guyyoonni sadeen itti aanan hedduu murteessaa waan ta'aniif magaalonni hanga ammaa hin hirmaatin saffisaan qophii xumuratanii tarkaanfii fudhachuun dhiibbaa dabaluufi haamilee waliif kennuuf murteessaadha.

Wednesday, July 19, 2017

Xalayaa Banaa PMNO Kabajamoo Obbo Lammaa Magarasaaf

Xalayaa Banaa PMNO Kabajamoo Obbo Lammaa Magarasaaf

                                          (Jawar Mohammed irraa)
Jawar Mohammed
Bakka jirtutti nageenyi rabbi si haa gahu. Akkuma waliinuu hordofaa jirru ummanni Oromiyaa ammas mormii biraa keessa seenee jira. haala kanarratti qabxii muraasa siif dabarsuun fedha.
  • 1) Ji'oota jahan dabran kana ummanni Oromoo bifa hoggana OPDO kamiifuu godhee hin beekneen ofitti si fudhatee jira. Godinoota hunda keessatti bahee si simachuun si dhugeeffatee jira. Kana kan godheef dhugaa isaa waan irraa dubbatteef. Haasaa keettu onnee seene. Xiqqaatus tarkaanfii qabatamaa ati fudhattetu abdi itti hore.
  • 2) Mormiin amma ka'es kan jibba siifi bulchiinsa keetii miti. Inumaatu ummanni abdii waan sirraa qabuuf waan warra si duraa tokkollee hin gaafatin si gaafachaa jira. Gibira humnaa olii nurraa buusi jechaa jira. Hubadhu, ummatuma har'a suuqii isaa cufee konkolaataa dhaabe mormaa jiru kanatu gaafa ati karoora warraaqasa diinagdeetti isaan waamte garagalee bahee guyyaa takkatti miliyoona dhibbatamaan sheeri bitate. Kanaaf ummanni waan gaarii ati fidde yennaa itti amane qabatamaan si bira dhaabbatee; gaafa waan isa miidhaa itti fidde mormiitti deebi'e.
  • 3) Gibirri amma fe'ame kun madaallii kamiinuu humnaa ol akka ta'e sitti himuun hin barbaachisu. Bara dabre sochiin diingdee biyyattii, keessattuu kan Oromiyaa haalaan miidhamee akka ture namuu beeka. Hamma fedhes hanqinni bajataa jiraatu bara kana gibira dabaluun gaariidha jedhee abbaan murteesse nama qalbii hin qabne ta'uu qaba. Ummanni gibira kana kafaluuf osoo hayyamaa ta'eeyyuu kafaluuf qarshii isaa hin qabu. Pirojektoota yaaddaniif maallaqa yoo barbaaddan gadi baatee ummata keetin dhugaa itti himtee as kennaa osoo jetteenii galii silaa gibiraa kanaa oliin si badhaasuu mala. Garuu gibira haqa maleessaa itti fe'uu ammoo cichee morma.
  • 4) Ummanni kan mormaa jiru gibirri humnaa ol isatti dabalamuu qofaa miti. Kubbaniyyaaleen gurguddaan Oromiyaaf gibira kafaluu dhiisanii seeraan ala mootummaa federaalf kafaluu isaanii, akkasumas, qabeenyi uumamaa Oromiyaa harka alagaa jiraachuu isaati. Mootummaan naannoo Oromiyaa daldalaa magaalaa Ambotti dafqa isaa xuruurse suuqii xiqqoo takka banate irratti gibirri dachaa shaniin yoo dabalu, warra bishaan Amboo waraabaa biliyoonaan gugurguratu irraa sumunii buufachuu yoo dadhabe maal jedhamaree? Kanaafuu mormiin ka'aa jiru gibira hin kafalluu osoo hin taane gibirri kan galii keenyaan wal madaale haa ta'u, Oromiyaan qabeenya isheerratti abbaa haa taatuudha. Afaan biraan mormiin kun mootummaan naannoo Oromiyaa mirgaafi aangoo seeraan kennameefi shiraan irraa fudhatame akka deebifatu guuza/ jigii bahaafi jira jechuudha. Itti fayyadamaa!
  • 5) Mormiin kun hamma ammaatti sochii farra mootummaa miti. Mootummaan gibira humnaan walgitu ( fair taxation) haa nu gaaftu akkasumas sirni federaalizimii diinaggee ( fiscal federalism) hojiitti hiikamee naannoleen qabeenya lafa isaanii irra jirutti aangoo guutuu haa qabaatan kan jedhuudha. Kana ifatti jara waliin jirtan hubachiisu qabdan.
  • Kanarraa ka'uun gorsa obbolummaa armaan gadii laachuun fedha
  • - Shalaggii gibiraa haaraa kana dafaa haqaa. Yoo baay'ate ummanni hammuma bara dabree haa kafalu. 
  • - Rakkoon adeemsa gibira guuruu Oromiyaa keessa akka jiru namuu beeka. Kana bifa gaariin furuuf koree ogeeyyota biiroo galiiwwani, hayyoota dhimma kana qoratan, fi daldaltoota irraa walitti dhufan jaaraa. Koreen kun mariifi qorannaa godhee yaadaa imaammataafi tarsiimoof ta'u isiniif haa dhiheessu.Sanirratti hundaayun gibirri bara dhufuu haa murtaayu.
  • - Heerri mootummaa Itoophiyaa akkaataa gibirriifi galiin itti guuramu irratti ifaadha. Daladala alaa ( import and export) kan gibira irraa guuru federaala. Daldala naannoo keessaa kan gibira irraa guuru mootummaa naannooti. Albuuda gurguddaa irraa ammoo waliin hiratu. Kubbaaniyyaan tokko hamma fedhes haa guddatu, eessattuu haa galmaayu gibira naannoma keessatti galii irraa argatu saniif galchuu qaba. Kana sodaa tokko malee falmadhaa. Jarri diddee morma raasnaan tarkaanfii fudhadhaa...heeraafi ummanni isin faana jira. 
  • - Mormiin godhamaa jiru guututti kan nagayaati. Ummanni hokkara kaasuu gonkumaa hin barbaadu. Kanaafu qaamota nageenyaa naannoo ajaja kee jala jiranitti qajeefama ifaafi jabaa dabrsuun ummata akk hin tuqne dhoorgi. Poolisiifi loltoonni federaals ummataan akka walitti hin buune akeekkachiisa ifaa warra isaan ajajuutti dabarsi. 
  • - Dabballee jaanjoo garii kan alagaan akka qalqallootti akka isaa tahutti hodhe, tan yeroo ummanni komii kaase hunda saba ciniinuuf fiigdu tana sansalata mormaa gabaabaa ( short leash) itt godhuu feesisa.

Dhumarratti dhugaaf haa t'auu fakkeessaaf waan ummanni jaalatu dubbachuun qalbii isaanii hawwattee jirta. Jechoota dubbatte hojitti hiikuun qormaata itti aanee si eeggatuudha. Dhimma qubee ofirraa dabarsitanii jirtan. Qormaata Finfinnee gatantartanis yeroo dheereffachuu dandeessanii jirtu. Dhimmi gibiraa qormaata cimaadha. Waadaan ummataa galteefi abdiin itti horte hoomacha moo dhadhaadha kan jedhu asirratti adda baya. Ummanni ammas abdii sirraa qaba. Ati didnaan ykn dadhabnaan mirga isaa kabachiisuuf qophiidha.
Nagayaan
Obboleessa kee
Jawar Mohammed

Monday, July 17, 2017

Siyaasni kijibaaf gantummaa hoo gara injifannootti nu geessaa laata?

Siyaasni kijibaaf gantummaa hoo gara injifannootti nu geessaa laata?

                                             (Girma Gutema irraa)

  • 1) OPDOn akkuma amala ishee durii sana karaa qabsoo ummataatirra dhaabbattee akka waan ummataaf qabsooftuu fakkeessuudhaan siyaasni akkamii akka gara injifannootitti nu geessu akka danda’urratti ‘Lecture’ nu godhuuf yaalaa jirti. Kan Agaazii ummatarratti waamtee ficcisiisaa turte ishuma taatee osoo jirtuu, as deebitee ammoo injifannoowwan Qeerroon Oromoo lafeef dhiiga ufiitiin goonfate kanneen yeroo dhiheenyaa san hunda akka waan injifannoo OPDO ta’eetitti xeebdi. Kun waan hunda caala nama aarsa. Kan na rukutterra kan na arrabsitetu na dhukkubse jedha warri gamaa. OPDOn hojii food-for-work wayyaaneetirra yoom bilisa baateti ammoo kan injifannoo qabsoo qeerroo Oromoo dhuunfachuuf dhamaatu? Silaa injifannoon qeerroo kun akeekni isaa tokkoohuu OPDO maxantummaaf gabrummaa wayyaanee jalaa baasuu hin turree ishumatu didaa jira malee?
  • 2) Hiriira mormii ba’uun, gabaa lagachuun, diddaa adda addaa karaa nagaya qabuunillee adeemsisuun adeemsa siyaasaa duubatti hafaa dha jetti OPDOn. Ajab! Yaa OPDO, agaazii yaamanii akka keessan ollaa keessa waliin deemuudhaan karaa itti agarsiisanii ummatarratti dhukaasissudhaaree qabsoon ammayyaa?
  • 3) Ummanni kan mormaa jiru gibira hin kaffaluu jedheeti miti. Osoo jedheehuu ammo dhugaa qaba. Mootummaan OPDO mootummaa ummata Oromootiin filatamee muudamee miti. Kana ammoo sochi bara dabree guutuu godheenis caasaa OPDO Oromiyaa keessa jiru cufa mancaasee balleessuudhaan agarsiisee jira – the people completely rejected OPDO gov’t. Kanaafuu, haaluma dubbii ijoo beekamaa “no taxation without representation” jedhuun gibira mootummaa OPDOtiif hin kaffalu osoo jedheehuu dhugaa qaba ummanni. Garuu sanuu hin jenne ummanni. “Tilmaama galii guyyaa” shira jedhuun ba’aa gibira irratti tuuluuf deemtan falmaataa jira ummanni ammaaf.
  • 4) Rakkinna wal-madaaluu dhabuu (imbalance) galiif baasii mootummaa Oromiyaatiif itti gaafatamaan adda duree OPDO dha. OPDOn as baatee kana lallabuun ishii ufumaan akka uf saaxiltu taasise. Heeruma (constitution) biyyattiitin aangoo kennameef itti fayyadamuu dhabuudhaan mootummaan fadaraalaa galii gurguddoo Oromiyaa keessa maddan kophummaadhaan (exclusively) akka saamu godhuudhaan OPDOn karaa Kanaan ummaata saamsisuurra dabartee, amma ammoo gibira dabalataa ummatarratti tuuluu feeti. Ummanni Oromoo paartii siyaasaa kan qabeenya naannoosaa samsisu, kanarras dabree kan ijoolleesaa agaazii itti yaamee ajjeesisu ni morma malee hin deeggaru.

  • 5) Daldaltoota kuma 46 ol gara “seera qabeessummaatti” galchine jettan. Namni hagana gahu cufa seeraan ala Oromiyaa keessatti haga yoonaa daldalaa turan taanaan, mootummaan OPDO akkamiinuu ani mootummaa dha, Oromiyaa bulchaan ture ufiin jedhuu danda’a yaakh? Kunis mataasaatiin hangam tokko OPDO kan saaxilu dha.
  • 6) Dabalataanis dubbii kana ammas “qaama fageenyarra taa’ee” jirutti qabachuun kun ammas rakkoo jajjabduu OPDOtti fiduuf deema. Rakkoo jiru alatti qabachuun (externalize godhuun) kun hiikkaa lama, (lamaanuu kan OPDO saaxilu) qaba: Tokkoffaa: Ummatni OPDOrra qaama biyya alaa taa’ee fageenyaan dhaamsa wayii dabarfatu dhagaya malee OPDO ani mootummaa Oromiyaa ti jettee dubbattuuf gurra hin qabu – kanaaf warra fagoo kana dhagahee ka’aa jira hiika jedhu qaba. Kun ammo akkuma olitti qabxii 4 irratti ibsame, OPDOn mootummaa taatee Oromiyaa bulchaa akka hin jirre, ta’uus akka hin dnadeenye daran mirkanneessa. Lammaffaa: Jechi akkasii kun TPLF/OPDOn tuffii ummataaf qabdus kan agarsiisuu dha. Ummata agaaziif qawwee ishii dura dhaabbatee mirga ufiitiif falmu dura dhaabbatee, lakkii gaaffiin kun kan warra alaati malee keetii mitii jechuudhaan tuffii ummataaf qabdu agarsiisa. Tuffiin kun kan dhufu ammoo aantummaa ummatichaa dhabuurraa kan ka’e ummaticha akka alagaafi bitamaa ilaaluurraa kan maddu dha.

Siyaasaan Fakkeessuu Eessayyuu Nama hin Geessuu

Siyaasaan Fakkeessuu Eessayyuu Nama hin Geessuu

                                              (Jawar Mohammed)

Dubbi-himaan mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa Qixxeessaa barruu ganama kana maxxansaniin mormiin gibira irratti godhamaa jiru kan sababa hin qabneefi miiraan guutame, kan qabsoo Oromoos miidhuudha jedhan. Obbo Addisuufi qondaalota OPDOtin wanni jennuun;
1) Daldalaa hiyyeessaa kaapitalli isaa 20,000 gibira 40,000 yeroo irra tuultan diduun miiraan guutamuu osoo hin taane lubbuuf wixxifachuudha.
  • 2) Fincilli baroota darbe keessa godhame gatii guddaa kafalchiise malee bu'aa hin argamsiifne jette. Wareegama qaalii kafaluun keenya dhugaadha. Injifannoo gurguddaa Oromo, Oromummaafi Oromiyaa awwaala Wayyaaneen qotteef keessaa baase addunyaatti futtaaseedha. Kan bira haa hafuuti namoonni akka keetiifi Lammaa Magarsaa gara fuulduraatti baafamanii afaan sabboonummaa onnatanii akka dubbatan kan godhe fincila ilmaan Oromooti. Osoo beektee galateeffachuu qabda malee xiqeessuuf yaaluun kee gantummaa kaleessaatti gadi deebi'uudha.
  • 3) Baajatani mootummaa Oromiyaa biliyoona 56 yoo ta'u galiin gibira irraa argamu biliyoona 10 qofa jette. Kanaaf itti gaafatamaan OPDO fi mootummaa naannoo Oromiyaati malee daldalaa miti. Isintu aangoo isiniif kenname dabarsee federaala harka Tigree jiruuf laate. Daataa ati maxxansaa jirtuufi Caffee irratti dhihaaterraa akka agarrutti galiin Oromiyaa keessaa harki 80% ta'u mootummaa federaalaattin guuramaa jira. Mootummaa federaalaa galii isaa waliigalaa keessaa dhibbeentaa 60% ta'u Oromiyaa keessaa argata. Kana jechuun galiin Oromiyaa keessaa argamu baajata Oromiyaa bira dabree mootummaa federaalaafi naannolee biraa subsidize godhaa jira. Kanaafuu achi teessanii Oromiyaa saamsisaa hanqina bajataa nu mudate jechuun daldalaaa hiyyeessa saamuun haqaa miti. Diddaan eegales madaallii kamiinuu haqa qabeessa.
  • 4) Mormii qodhamaa jiru warra qindeessan irratti tarkaanfii fudhanna jettee doorsisuu yaaltee jirta. Kun waan haaraa miti. Waanuma Fiqaaduu Tasammaa ( namichi si duraa bakka ati amma jirtu kana ture) fi Muktaar Kadiir jechaa turaniidha. Lammaa Magarsaa tibba darbe "dhiiga Oromoo jigsaa misoomni dhufu hin jiru' jedhee ture. Doorsisini ati ilmaan Oromoo ajjeechisuuf har'a goote kun haasaan Lammaa sun fakkeessaa ta'uufi OPDOn bakka ishii duriitti afaanin malee gochaan akka hin jijjiramin ragaa baha.
  • 5) Mormii godhamaa jiru akkuma barattan alatti dhiibuu ( externalize) gochuu eegaltanii jirtin. Kan isin diidaa jiru daldalaa Oromiyaa keessaati. Qaamni hawaasaa kun kan yeroo dheeraaf isin obsee jaalates ta'ee sodaate isin cinaa dhabbachaa tureedha. Har'a gamnaanif jiruu isaatifi kan maatii isaa baraaruuf gibira humnaa olii hin kafalu jedhe. Nuti warri biyya alaa jirru sagalee ummata sanii taanee dabarsaa jirra. Eenyu haa dubbaturee? Hoggansi Oromoo biyya keessa jiru takkaa hidhaa qilintooxiin ykn mooraa OPDOtiin lugaamamee jira. Hogganni akka Dr Mararaafi Baqqalaa Garbaa dallaya Qilinxootin ugguramee jira. Kan akka keetiifi Lammaa Magarsaa foonaa Wayyaaneen jaarte kan OPDO jedhamtu keessatti osoo garaan beekuu kijiba hafarasa; haqa ummataa awwaaluuf battisa. Haala kana keessatti roorroo ummata keenyarra gahu bakka feenes jiraannu irraa dubbachuun, ummata keenya jajjabeessuun dirqama nurra jiruudha. Dirqama kana ammoo bahuu itti fufna.
  • 7) Oromiyaa keessatti jijjirama fidaa jirraa jettan. Eeyyeen warra isin duraatiin yoo wal bira qabamu jijjirama xixiqqaa fiddanii jirtan. Kana ammoo osoo ala kana nutti wacamuu ifatti isin deeggarree jira. Dhimma daangaa irratti, dhimma lafa deebisiisuu iratti tarkaanfii sirrii isin fudhattan dhoksaa maletti jajnee jirra. Dhimma qubee irratti isin morminee gaafa isin karatti deebi'uuf waadaa galatan isin amannee ifatti isin galateeffanne. Ummanni Oromoo baldhaanis waan gaarii gaafa dubbattaniifi hojjattan badii keessan kaleessaa laalee galata isin dhoorganne. Bahee isin faarse. Siinqee jala hulluuqsisee dhibaayyuu isin unachiisee isin faarsa. Wantee qabsiisee farda yaabsiee isin onnachiise. Gaafa balleessitan ammoo dhoksaan maletti isin morma. Murtiifi imaammata miidhaa qabu Wayyaanerraa fuutanii gaafa gadi fiddan ammoo cichee isin dura dhaabbata.
  • 8) Mormiin ka'aa jiru karoora xixiqqaa yeroo gabaabaa isin qabdan gufachiisuu mala. Garuu yoo gab jettanii xiinxaltan yeroo dheeraa ( long term) keessatti humna isiniif dabalaa daran isin aangessaa deema. Fakkeenyaaf kubbaniyyaaleen gurguddaan Oromiyaaf gibira akka kafalan godhuu feena jettan. Kuni tolaan akka hin taane anis atis beekta. Akeeka san galmaan gahuuf diddaan ummataa kun humna guddaa isiniif taha. Kanaafuu garbitti majii dhoksitu hin ta'inaa.

Gibira humnaa olii daldalaarraa buusaa; 

Nama alaa sababsachuu dhiisaa
Ummata of cinaa hiriirsaa
Qabeenyaafi aangoo Oromiyaa deebisiisaa.

Thursday, July 13, 2017

Gaafa OPDOn dibbee warraaqsa diinagdee rukuttu san gorsa armaan gadii laanneefi turre. Maxxansi Addisuu Araggaa har'a kanuma ragaa baha. Gaafas gurra cufatanii har'a gibira humnaa olii daldalaatti fe'uun rakkoo galii keessaa bahuu barbaadu. Har's borus galii Oromiyaa keessaa bahu dhuunfachuu baannaan mootummaan naannoo sanii rakkoo diingdee gonkumaa furuu hin danda'au

Gaafa OPDOn dibbee warraaqsa diinagdee rukuttu san gorsa armaan gadii laanneefi turre. Maxxansi Addisuu Araggaa har'a kanuma ragaa baha. Gaafas gurra cufatanii har'a gibira humnaa olii daldalaatti fe'uun rakkoo galii keessaa bahuu barbaadu. Har's borus galii Oromiyaa keessaa bahu dhuunfachuu baannaan mootummaan naannoo sanii rakkoo diingdee gonkumaa furuu hin danda'au 




Qabeenya Oromiyaa Saamsisaa Hoji-dhabdummaa Hir'isuun hin dandayamu
Gurraandhala 14, 2017

                                             (Jawar Mohammed Irraa)
Haasaan Obbo Lammaa Magarsaa jidduu kana godhe ijoo marii tibbanaa tahee alaa manattis irraa dubbatamaa jira. Sababni isaa ifa. Hogganaan dhaaba OPDO tokko ifatti ummanni Oromoo gabrummaa jala jiraachuu yeroo dubbatu dhagahuun isaa waan hin eegamne fi haaraa waan taheefi. Lammaa fi OPDOn haasaa akkanaa maalif eegalan? Wayyaaneen hoo maalif itti dhiifti? Qabxiilee kanniinirratti kana jechuun barbaada:
1) Sabboonummaa Oromoo xiqqeessuudhaafi xureessuun Oromoo injifachuun akka hin danda'amne waan hubataniifi. Tooftaan Oromoo xureessuufi xiqqeessuu waan kufeef amma tooftaa filatan, Oromoo faarsuun erga firoomfatanii booda deebisanii too'achuufi.
2) Yeroo dheeraaf Wayyaaneen Hogganoota jibbaafi ilaacha farra sabboonummaa Oromoo qabaniin fayyadamaa turte. Tooftaan sun waan kufeef amma namoota sabboonummaa Oromoo hubataniifi afaan sabboonummaa dubbachuu danda’an as baasan. Yoo hogganoonni haaraan kun haasawa bira darbanii tarkaanfii qabatamaa fudhachuutti cehan humna waraanaa waan harkaa qabnuuf ni rukanna jedhanii daguun eeguuf murteessan.
Waa haalleefuu waan Obbo Lammaan dubbate keessaa waan tokkorratti waa jechuun fedha. Obbo Lammaan xiyyeeffannaan guddaan isaa dargaggoo Oromoo diinaggeen humneessuu akka tahe haasaa isaa yeroo adda addaa irraa ni hubanna. Diinaggee irratti fuulleeffachuun kun qalbii dargaggoo gaafii siyaasaa irraa gara diinaggeetti deebisuun warraaqsa kana dhaamsuufi xiinxalli jedhu dhihaataa jira. Sirri ta'uu mala. Akkasuu ta'ee siyaasaan haa hafuuti yoo dhugaan rakkoo diinaggee kana furuuf barbaade akkaataan amma itti deemaa jiran bu'aa barbaachisaa san akka hin buufne beekuu qaba.
Rakkoo hoj-dhabdummaa yeroof furuuf maallaqa itti facaasanii jiruu yeroo gabaabduu (temporary employment) kumaatamaan uumuun ni danda'ama taha. Hiyyummaa hiddaan buqqisuuf garuu sababa hiyyummaa sanii hiddaan buqqisanii gogsuu barbaachisa.
Hubannoon dogongoraa inni guddaan Ummanni Oromoofi Oromiyaan hiyyeeyyiidha yaada jedhu dha. Lakki ummanni kun ni hiyyoomfame (impoverished) malee uumaan hiyyeessa (poor) miti. Kan hiyyoomfames weerara, saamicha, imaammatafi tarsiimoo alagaatiini. Ammatti OPDO fi Lammaan sirna alagaa Oromoo hiyyoomsu guutumatti haa fonqolchan jennee gaafachuun of hin sobnu. Haaluma keessa jiranittuu tarkaanfiilee madda hiyyuummaa kanatti caama buusaniifi akeeka hojii uumuu kana gargaaran fudhachuu danda'u.
Mootummaan naannoo Oromiyaa rakkoo hoji-dhabdummaa kana sirnaan furuudhaaf hunda dura qabeenya Oromiyaan qabdu guutumaan guututti dhuunfachuu danda'uu qaba.
Qabeenya Oromiyaa yoo dhuunfate hawwii imaammataa hiyyummaa hirdhisuu galmaan gahuudhaaf, imaammata bilisa ta’eefii baajata ni qabaata jechuudha. Itoophiyaan galii waggatti argattu keessaa yoo xinnaate 60% Oromiyaa irraa dhufa.( Warshaaleen biyyattiin qabdu harki 80% Oromiyaa keessa, meshaan alatti ergamu kan akka bunaa 70%, jimaa 100%, albuuda 85%, loon, kal'ee kkf). Faallaa kanaatiin ammoo baajatni Oromiyaan mootummaa federaalaa irra agattu ( budgetary subsidy) kan Itoophiyaa guutuun yoo walbira qabamu 28% caalee hin beeku.
Kana jechuun Oromiyaan madda galii Itoophiyaa taattus qabeenya kana dhuunfachaa hin jirtu. Fakkeenyaaf galiin mootummaan Oromiyaa naannoo san keessaa ofiif fudhatu gibira qonnaatifi daldala xixiqqaati. Kun ammoo galii waggaatti Oromiyaa keessaa argamu irraa yoo guddate 25% taha. Kana jechuun galii waggatti Oromiyaa keessaa argamurraa 75% federaalatu fudhata jechuudha.
Akka seera feederaalizimiitti baajatni naannolee waan lama gurguddaa irratti hundaaye qoodama; baay’ina ummatataatifi gumaata galii naannoon biyyattiif galchuudha. Akkuma statistics mootummaa saniittuu Itoophiyaa keessaa ummanni 35% Oromiyaa keessa jiraata ( dhugaan garuu 50% akka hin hanqanne namuu beeka). Diianagdee biyyatti keessaa ammoo harki 42% Oromiyaa irraa dhufa jedhanii amanu jarrinuu. Maarree shallaggii kamiini Oromiyaan ummata 35%, galii 42% qabaattee gaheen baajata federaalaa 28% kan ta’uuf? Wanni ani asitti kaasuu barbaade qabeenyi Oromiyaa dhuunfannaa mootummaa naannoo Oromiyaa jala waan hin jirreef, hanga wanti kun hin jijjiramnetti Lammaan faan hamma fedhanis yoo wixxifatan rakkoo hoji dhabdummaa furuuf madda galii argachuu hin dandayan.
Dhimma diinaggee biyyatti sanii yeroo haasayamu wanni yeroo baay'ee hin dubbatmane isa kana. Wayyaaneen karaa lamaan Oromiyaa irraa galii argatti. Karaan tokkoon diinaggee Oromiyaa daldaltoota Tigree harka itti galchanii jiran. Kunis daldala naannoo Oromiyaa sadarkaa qabeenya paartii ( EFFORT) akkasumas daldaltoota dhuunfaatiin too'achiisanii jiran. San qofaa miti. Bu'uraalee misoomaa Oromiyaa keessatti jaaraman kontiraanni kubbaaniyyaalee Tigreetiif akka kennamu gochuuni. Karaan lammataa ammoo akkuma armaan olitti tuqame kan mootummaa federaalaa dahachuudhaan maddeen galii ( warshaalee, oyyruu qonnaa, albuudaa kkf) Oromiyaa keessa jiran kallattiidhaan too'achuun galii sassaabbatani. kana jechuun mootummaan federaalaa maddeen galii gurguddoo Oromiyaa keessaa too'chuun bulchiinsa naannoo Oromiyaa hagabsee fudhata.
Bara 1995 yeroo caasaan federaalaa dhaabbatu warashaaleen gurguddaan (kan akka warshaalee sukkaraa, simintoo, huccuu, dhugaatii), qonni midhaanifi bunaa babal'oon, lafti albuudaa, hoteelonni kkf 'qabeenya ummanni Itoophiyaa waliin hore waan ta'eef naannoo tokkoof kennamuu hin qabu jechuun federaala jala galche. Hubadhaa qabeenyi mootummaa (state owned enterprises) kan federalaaf kennaman dhibbentaan 80% Oromiyaa keessaa, muraasni Kibbaa, xiqqoon wayii naannoo Amaaraati. Galii Oromiyaa irraa waggatti galu keessaa enterprise mootummaa federaalaa jala galan kun harka 40% akka tahe ni tilmaamama.
Mootummaa federaalaan kan too'atummaa kubbaaliyyaalee mootummaa qofaa miti. Kubbaniyyaalee dhuunfaa ( private limited Companies LLC, Kobbaaniyyaalee waloo ( share companies) akkasumas kubbaaniyyaalee biyya alaa ( foriegn companies) cufa kan gibira galii irraa guuruu mootummaa federaalaati. Labsii heera mootummaa cabsu baasuun kubbaaniyyaaleen biyya keessaafi alaa mootummaa federaalaa jalatti akka galmaayan gochuudhaan aangoo heeraan mootummaan naannoo Oromiyaatif kenname hoongessanii ofiif too'tan. Bifa kanaan gibirri Oromiyaan guurtu kan qonnaan bulaafi enterpirsii xixiqqaa qofatti daangeffame. Galiin Oromiyaan gibira kanarraa argattu dargaggootaaf hojii uumuu dhiisi mindaa hojjattoota mootummaatuu kaffaluu hin danda’u.
Kubbaaniyyaalee mootummaa fi dhuunfaa kanarraa Oromiyaan gibirumallee waa takka hin argattu. Akkuma namuu beeku kan biraa dhiifnee hojjataanuu naannoo biraatirraa fidama. Afaan hojii isaanii afaan Oromoo miti. Hubadhaa kubbaaaniyyalee kana dhuunfachuudhaaf mootummaan federaalaa bu'ura seeraa tokkollee hin qabu. Sirna federaalizimii keessatti fi akka heera mootummaa Itoophiyaatti mootummaan federaalaa goojjoo naannoleen walitti baasanii jaarratani. Buusii naannoleetin ijiraama.
Wantoota gurguddoo bu'ura seeraatin kannamaniif kanneen akka raayyaa ittisa biyyaa, maallaqa biyyolessaa (national currency) maxxansuu, dantaa alaa qajeelchuu akkasumas daladala alaa too'achuun alatti qabeenya naannoolee dhuunfachuuf bu'urri seeraa aangoo kennuuf hin jiru. Akkuma beekamu kubbaaniyyaalee kana erga dhuunfatee boodaa mootummaan federaalaa maqaa piraayvetaazashiiniitin gurgurataa jira. Kana gochuuf garuu aangoo heeraa tokko hin qabu. Qabeenyi mootummaa Oromiyaa keessa jiru, kan mootummaa naannoo Oromiyaati. Kanaaf qabeenya akkasii gurguruu, kireessuu, girbira guuruuf aangoo kan qabu Oromiyaadha.
Bara 1995 as mootummaan federaalaa seerota qabeenya Oromiyaa suduudaan saamuudhaaf dandeessisu hedduu baafate. Kana keessaa labsiileen gibiraat, kan liiziifi invastimantii warra hangafaati. Bifa heera mootummaa cabsuun kubbaaniyyaaleen dhuunfaa galiin isaanii guddaa ta'e gibirri isaanii mootummaa federaalaatiif akka galu labsiin bahe bu'ura federaalizimiifi heera mootummaa federaalaa kan diiguudha. Akka seera federaalizimitti kubbaaniyyaan tokko galii hamma fedheetuu yoo qabaate gibira galii mootummaa naannoo saniitiif kenna malee mootummaa federaalaafi miti. Seerri liizii kan mootummaan federaalaa lafa naannolee 'moogiziitiidhaan' akka bulchu kennus shira bu'ura heeraa hin qabneedha. Akka seeraatti lafti kan ummataati, mootummaan ummata bakka bu'ee bulcha. "Mootummaan" sun garuu mootummaa naannoti malee kan federaalaatii miti. Mootummaan federaalaa seeraan lafa taakkuu takkas hin qabu. Sababni seeera liizii kanaaf dhihaachaa ture "naannoleen invastaroota hawwatanii keessummeessuuf gahuumsaafi qindoomina hin qaban" kan jedhuudha. Dadhabinni akkasii osoo jiraateyyuu humna naannolee ol guddisuudha malee aangoofi mirga heeraan laatameef mulquun gonkumaa sirrii ta’uu hin danda’u. Sababni dhugaa garuu lafa Oromiyaa akka fedhanitti gurguratanii galii ofii guddifachuuf Mootummaa Naannoo Oromiyaa laafiisuuf yaadameeti.
Kanaafuu Obbo Lammaafaan yoo dhuguma hidda rakkoo hoji-dhabdummaa dargaggoo Oromoo hir’isuudhaaf fedhii qabaatan, tarkaanfiin dura fudhachuu qaban qabeenya Oromiyaa keessa jiru harka mootummaa naannootti galchuudha. Kubbaaniyyaalee kanniin harkatti galfachuun hojii uumuu keessatti Mootummaan Naannoo Oromiyaa waan lama fayyadama. Gara tokkoon gurgurtaafi gibira kubbaaniyyaa kanneenirraa galii naannoo ol guddisuun bajata hojii uumuuf isaan dandeessisu argatu. Har'a birri biliyoona 6 qofaan hojii miliyoona tokko uumna jedhanii wixxifatan. Kubbaaniyyaalee kana osoo dhuunfatanii garuu maallaqa eerame kana dacha dachaan waggatti irraa galfatan.
Faaydaan lammaffaa kubbaaniyyaalee kanniin too'achuun kan gargaaru, kubbaaniyyaaleen sun lammilee Oromiyaa keessa jiran sadarkaa jalaa hamma gubbaatti akka mindeessan gochuun dargaggootaaf hojii haaraa uumuu danda'u. Akkasumas invastaroonni biyya keessaafi alaa mootummaa Oromiyaa jalatti akka hojjatan gochuun galiin Oromiyaaf akka galu gochuu qofaaf osoo hin taane tarsiimoon isaanis dantaa ummataatin akka wal simatu dirqisiisuuf fayyada. Haaluma kanaan lafa Oromiyaa keessaa guututti yoo too'atan miidhaa qonnaan bulaarra gahu hirdhisuuf, dargaggootaaf lafa kennuuf akkasumas invastaroonni bifa ummata naannoo fayyaduu danda'uun akka hojjatan gochuuf isin dandeessisa.
Walumaagalatti rakkoo hoji-dhabdummaa Oromiyaa keessatti muldhatu sababni guddaan tokko qabeenyi naannichaa alagaadhaan dhuunfatamuu isaati. Akka afaanii (afaaniin dubbatan) kana onnee yoo qabaatan heerumaafi seera amma lafa jirutti fayyadamuun qabeenya Oromiyaa dhuunfaa mootummaa naannoo Oromiyaa jala akka galu falmachuu danda'u. Caffeen Oromiyaa labsiilee mirga ofiin of bulchuu (autonomy) heera mootummaa federaalaatiin kaayame diigan hunda labsii mataa isaatiin haquu danda'a. Kun aangoo Caffeeti. Murtii Caffee kana miseensonni Oromiyaa bakka bu’anii mana marii bakka bu’uutaafi federeeshinii keessa jiran sadarkaa federaalaa geessuun falmachuu danda’u. Pirazidatichiifi kaabineen naannoo qajeelfama baasuudhaan kubbaaniyyaaleen Oromiyaa keessa jiran suduudaan biiroolee naannichaatiin akka too'ataman gochuu danda'an. Akkuma Lammaan jedhe aangoon guyyaa muraasaafis taatu harka nama gallaan jijjirama hamma tokkoo fiduun ni danda'ama.
Kun garuu daadhannoon qofa osoo hin taane murannoo gochaan muldhatuun agarsiifamuu qaba. Afaaniin qofa osoo hin taane tarkaanfii qabatamaatiin asitti mirkanaa’uu qaba. Tarkaanfilee armaan olii kana fudhachuun akka dhuunfaafi dhaabaatti gaaga’ama (risk) akka qabu shakkiin hin jiru. Qabatamaan hojjachuuf yoo murannoon jiraate aarsaaf of qopheessunis jiraachuu qaba. Lammaafi OPDOn aarsaa kana fudhatanii dhaadannoo afaanii kana hojiitti ni jijjiiranii laata? Ana natti hin fakkaatu; garuu haatee bareeddii jennaan….akkuma jedhan ittuu dhufnaa ni agarra.
Hammasiifuu wanni irra deddeebinee ummata keenya yaadachiifnu wabiin mirga siyaasaafi diinaggee isaa, qabsoo isaa qofaa ta’uudha.

Saturday, July 1, 2017

Wixinee labsii "dantaa addaa" jedhamee bocame kana suphuun hin danda'amu.

Wixinee labsii "dantaa addaa" jedhamee bocame kana suphuun hin danda'amu.

                       (Dr Milkeessaa Miidhagaa irraa)
Dr Milkeessa Miidhagaa

Wixinee labsii "dantaa addaa" jedhamee bocame kana suphuun hin danda'amu.
*****

Sababoota muraasa:

**Keewwata 2 (5): Dhalattoota sabaan Oromoo jechuun Oromoota magaalattii keessaafi Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee jedheetu hiike.
**Keewwata 3: Labsiin kun kan hojiirra oolu magaala Finfinnee fi yeroo barbaadametti immoo Godina Addaa keessatti jedha.
***Godinni Addaa Oromiyaan bulti. Godina Oromyaa tokko fudhatee irratti seera baasuu hin danda'u paarlamaan federaalaa. Aangoon sun kan Naannoo Oromiyaati. Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa awwaalanii, yoo labsii kana seera godhanii baasan heeruma federaalizimii jedhan sanallee ni diigu. Biyyi kunis ifaa ifatti sirna unitary durii isheetti deebiti jechuudha. Paarlamaa Federaalaa fayyadamuun asuma taa'anii magaala ykn baadiyyaa barbaadaniif seera kan jedhan baasuu itti fufu jechuudha.
**Keewwata 4: Manni barumsaa dhalattoonni sabaan Oromoo ta'anii itti baratan "akka gurmaa'an ni taasifama". Jechoota kana ilaalaa. Mana barumsaa Afaan Oromoo, Af Sumaaleen ykn Gamoon Finfinnee keessatti argachuun mirga heerri saboota hundaaf kennedha. Mootummaan Finfinnee kana kennuu dirqama heeraa qabdi ture. Manneen barnootaa Afaan Amaaraa Oromiyaa keessa jiran bu'uurama kanaan banamani. Dadhabinni MN Oromiyaa nama gaddisiisa. Gama kanaan dadhabinni (sodaan) abbootii qabeenyaa keenyas nama gaddisiisa. Namnu mana barnoota afaan kanaa maaliif bante jedhee nama gaafatu hin turre. Namni mana barumsaa Afaan Oromoon banadha jedhee Biiroon Barnoota Finfinnee eeyyama dhorke hin jiru (ani biiroo sana qorannoo koof gaafadheen ture). Hunduu banachuu sodaateetu ofsakaale. Dadhabina hunda keenyaati (qorqalbiidhaan dhumneerra).
*Keewwata 5: Mirga mana yaalaa dhaquu dantaa addaa ta'ee? Waan tokkon isinitti hima. Hospitaalli Dil Corraa Dirree Dhawaa dhukkubsattoota Naannoo Oromiyaa fi Sumaaleen cinqamti yeroo mara. Dhimmi kun biyya federaalawaa ofiin jedhan keessatti dhimma "spillover effect" waan jedhamuun ilaalama malee dantaa addaa jettanii nu hin kofalchiisiinaa.
**Keewwata 6(1): Tajaajila dantaa addaa jedhaman kana akka argataniif Afaan Oromoo afaan hojii bulchiinsa magaalattii ta'ee tajaajila. (Afaan mana murtii hin dabalatu, mana maree magaalattii hin dabalatu, hoji-raawwachiiftuu ykn kaabinee magaalattii hin dabalatu, manneen daldalaa hin dabalatu, siivil sarviisii hin dabalatu.....eessa egaa afaan hojii?). Kanaafuu, fakkeessaadha dubbichi. Dantaan addaa Oromoos hin jiru, Afaan Oromoonis afaan hojii hin taane akka labsii kanaatti. Labsittiin yeroo darbe miliqxee baate sun gama kanaan gaarii turte. Ifaa ifatti keessi ture isheen.
**Keewwata 6(2): Addabaabayii, kaaraa, bakka bashannanaa, tiyaatira, giddu gala aadaa, kkf seenaafi eenyummaa Oromoo akka calaqqisu ni taasifama jedha. Mirgoonni aadaa, mirga lammilee magaalattii keessa jiran maraaf heerri biyyattii mirkaneessedha; Finfinneen teessoo Mootummaa Federaalaa waan taateef, afaan, aadaa, seenaa, eenyummaa sabaafi sablammiif bakka kennuu qabdi ture bu'uura heeraan. Waan akkasiitiin dantaa addaa jechuun wallaalummaa ykn tuffii irraa dhufa.

**Keewwata 7: Mootummaan Naannoo Oromiyaa qamoo wayii ijaarrachuu yoo barbaade "liizii irraa bilisa" kan ta'een argata. Oromiyaan Finfinnee keessatti keessummaa ykn maxxanee qaama jiraatudha jechuudha. Lafa kadhateetu argata. Oromiyaan abbaa lafa Finfinnee miti jechuudha.

**Keewwata 8 hanga 24tti wanni jedhame dantaa addaa Finfinneen Godina Addaa Oromiyaa irraa argachuu qabdudha (maaster pilaanii qindaawaa jedhamee dhiiga ilmaan Oromootiin nurraa haqame sanadha). Dirqama addaa Oromiyaan Finfinneef qabudha. Fakkeenyaaf Keewwata 8 (dhiheessii bishaanii Godina Addaa irraa Finfinneedhaaf), 
Keewwata 9 (geejiba qindaa'e Godina Addaa fi Finfinnee), 
Keewwata 10 (carraa hojii Finfinneefi Godina Addaa), 
Keewwata 11 (Giddu galli gabaa Ashawaa meedaa cufamee 
qotee bulaan Finfinneetti as fidee gurguruu qaba), 
Keewwata 12 (ijaarsa kondomiiniyeemii), 
Keewwata 13 (qotee bulaa lafarraa buqqaasuu),
 Keewwata 14 (misooma bishaanii), 
Keewwata 15 (kosii Oromiyaatti gatuu), 
Keewwata 16 (waajira maaster pilaanii hundeessuu---isuma duraan ture haarumsuudha), 
Keewwata 17 (teessoo waajirichaa), 
Keewwata 18 (Kaayyoo waajirichaa),
 Keewwata 19 (miseensa waajirichaa- Mana Maree Finfinnee fi
Caffee Oromiyaa irraa miseensota walqixa ta'an), 
Keewwata 20 (itti waamama waajirichaa---isayyuu Mootummaa Federaalaaf jedhaam! Itti waamamni isaa Caffee Oromiyaa fi kan Finfinneef utuu jedhee fakkeessuufillee ni tola ture). 
Keewwa 21 (dirqama hojiirra oolmaa isaa tumsuu), 
Keewwata 22 (seerota fudhatama hin qabne), 
Keewwata 23 (dambiifi qajeelcha Mootummaa Federaalaatu baasaaf), fi Keewwata 24 (guyyaa hojiirra oolmaa labsichaa).

*Walumaa galatti, labsiin qaamni wayii xaxee Paarlamaa Federaalaa galchee yeroof achumatti dhaabbate kun balaa cimaa baata waan ta'eef, akkuma jirutti keewwanni hundi isaa jijjiiramuu qaba. Kanaaf, isarratti yeroo ofii gubuun hin fayyadu. Wanni guddaan miseensonni DhDUO paarlamaa keessa jiran labsicha irratti haa marii'atamu jechuun nurraa dhaabuu isaaniiti. 


*Kanaafuu, labsiin ji'a tokkoon dura miliqxee baate sun (ka DhDUOtu qopheesse jedhame sun) ni wayyiti waan ta'eef, isheen akka fooyyoftuuf irratti yoo mariin godhame wayya jedheen amana. Ogeessonni Oromoo (kan seeraa, bulchiinsaa/siyaasaa, afaanii, dinagdee, seenaa, barnootaa, geography, environmental science, mahaandisoonni, abbootiin Gadaa, kkf) hundi irratti hirmaatanii marii'achuu qabu.
Wanni dhoksaan godhan gadi yoo baatu 
nama qaanessiti.
 Galagalcha: