Wednesday, March 22, 2017

Odaa Bus: Tarsiimoo Oromoo itti humneessan moo tooftaa haraaya saba itti saaman?

Odaa Bus: Tarsiimoo Oromoo itti humneessan moo tooftaa haraaya saba itti saaman?

                                          (Jawar Mohammed irraa)

Daadheessaan OPDOn kubbaaniyyaa geejjiba ummataa ODAA jedhamu dhaabuuf bobeessaa jirtu dhimma falmii tahee jira. Gariin akka waan kubbaaniyyaan kun qabeenya Oromoo kan kubbaaniyyaalee Tigree kan akka Selam Bus waliin dorgomuuf yaadameetti dhaadhessaa jiran. Gara kaanin ammoo Selam Bus santu Oromiyaa keessa socho'uun waan rakkiseef maqaa Oromoo baafte dhufe jedhu.

Mee kanuma OPDOn jettu dhugaadha jennee haafudhanuu. ODAA Bus Oromoo humneessuuf kan dhaabbate jennee haa fudhannu. Kubbaaniyyaan geejjibaa akkanaa gara galiitiin milkii ( profitable) akka argatu shakkiin hin jiru. Gaafiin ka'uu malu, kubbaaniyyaaleen amma dura maqaa Oromootiin dhaabbatan maalif kufan? ODAAn hoo haaluma saniin maallaqa hiyyeessi itti dhangalaasu fudhatee cilee bishaan buute akka hin taane wabiin maali? Fakkeenyaaf DINSHO fi kubbaaniyyaaleen isa jala turan akkamitti kufan. Rakkoo bulchiinsaa ( management) moo kan tarsiimooti? Rakkoo bulchiinsaa akka hin jedhamne kubbaaniyyaaleen sun namottaa OPDO keessatti sammuu qaban jedhaman kan akka Dubbaalaa Jaalleefi Abdishuu Huseenin bulfamaa ture. Tarsiimoo gabayaatis yoo taate Oromoon garagalee invest itti gochaa irraayis bitaa ture. Maarree maaf kasaaran? Yoo yaadattan bara hoggansa Dubbaalaa Jaallee kubbaaniyyaa geejjibaa ummataafi fe'uumsaa dhaabatee ture? Kubbaaniyyaan sun yoosuu kufee meeshaan isaa Trans Ethiopia fi Selam Bus fa'aan dhaalame. Bifuma saniin daldalli jimaatis cufamee Azeeb fudhatte. Kana jechuun ifatti DINSHO akka kasaaru kan taasise tarkaanfii siyaasaa TPLF fudhateedha. Maarree ODAA Bus carraan warra isa duraa akka hin mudanne wabii maltu jira?

Warri ODAA Bus dhaadheessuun ummanni akka aksiyoonii bitatu barbaadan kubbaaniyyaaleen amma duraa maalif akka kufan qoratanii beeksisuu qaban. ODAA Bus tarsiimoo akkamiitiin geggeeffamuu heda? Boordiin eenyu? Gareen bulchiinsaa ( management) hoo muuxannoofi barnoota akkamii qabu? Dabalataanis kuni dhimma daldalaa waan taheef ogeeyyotaan malee dabballoota paartiitiin dhaadheffamuunis ta'ee buluun miidhaa malee faaydaa akka hin qabne beekuun barbaachisaadha. Hammasiifuu ummanni keenya hawwiidhaan maallaqa isaa akka hin qisaasne gorsina.

Monday, March 20, 2017

Homogeneity-Heterogeneity versus Freedom

Homogeneity-Heterogeneity versus Freedom

                                                (By Najat Hamza)

 What do the Oromo people want? What have we been dying for? What are we still dying for? Where does our royalty belong? Is our loyalty to a political party? Or political ideology? Or does our loyalty lay with attaining freedom? I apologize if I bombarded you with a lot of question, this is me trying to make sense of what is going on. Most of you who criticize those of us who take our ideas to social media, to our local host countries and so on, this is how I fight. I do not have the privilege to live in my county to be there physically. Every effort has an effect however small it may seem at the present moment. So, I ask you lets stop belittling each others' effort and instead ask how can we work together to make more impact.


I want all of us to remember that revolution does not stand with soldiers with guns alone. We have to have medical team to treat our wounded. We need writers to record history and inspire others to be part of the struggle. We need journalist to report and inform the world about what is unfolding. We need logistics team to keep inventory and make sure our military operations runs smoothly. We need generals to make sure soldiers obey orders. In general, we all have parts to play in our struggle. We need to let go of this homogenized thinking mode where we all feel that our way is the right way.

We are proud of our Gadaa system and the concept of democracy; however we pick and choose which principle to embrace! Democracy is not complicated, unless we make it so. If one of the core principles of democracy is to give every voice a place to be heard then we are not doing a good job of practicing it. We need freedom to be free, to live with peace on our own land, but we do not need to wait for freedom to embrace and practice the principles of democracy. These principles are one of the unique markers of Oromo people. Then, where do we get this "my way or the highway" mentality? We do not have to agree with every ideas and opinions but we have to agree that they are as valid as another.

We forget the enemies that we have been fighting; we are fighting them because they embrace unilateralism. They suppressed voices, destroyed/destroying identities, killed/killing, tortured/torturing because they refuse to believe in these principles and the right for us to live on our land as rightful owners. We have to ask ourselves are we loyal to being right or being free? There is more to be done when we embrace each other than when we decide to play juvenile games. We all need to grow up! I do not know about you but what I want is freedom and quite frankly I do not give a damn how it is obtained as long as we get it!!

  • Why do we die?
  • Why do we fight?

P:S This is me using my freedom of expression to say Iwriteforfreedom sue me!!!

Multiple efforts are not something bad!!!
And no one person or entity has a patent to fight for or own our struggle!!! We are all under occupation and we all have equal say in fighting it. Just because I fight it, does not mean I am using your bullets!!! Even if I used your bullets to fight our enemy I am still fighting our enemy. It is a gain for all not a loss!!!



Saturday, March 18, 2017

FACE THE CONSEQUENCES OF YOUR CHOICES, OR DIE OUT: WE PROMISE NOT TO HELP YOU!

FACE THE CONSEQUENCES OF YOUR CHOICES, OR DIE OUT: WE PROMISE NOT TO HELP YOU!

                                           (By Dr Tsegaye Ararssa)

If you have failed to speak for your people for 26 years; if, in fact, you caused a destruction of untold proportions on the people siding with TPLF; if you invariably chose to please TPLF in every single policy measure including the most innocuous of all; if you brutally murdered the generation that voiced your own dream of liberation from the TPLF oppression; if you continue to smear that same generation that called your attention to the suffering of the people in whose name you served TPLF as stooges; if you fail to realign yourself with your people because you thought your alliance with TPLF fascists would last forever; then face the consequences when the monstrous TPLF machine turns against you.

Don't run around mindlessly seeking this generation of Oromos to save you. No amount of borrowed insinuations such as "narrow nationalist" (the most recent phrase used by one of your most "educated apes" is "narrow democracy"!) will save you from the popular anger or from the TPLF killing machine. Stop the nonsense about "economic revolution", the revolution that never was, to suppress the simple popular aspiration for peace, human security, and the dignity thereof.

No economic empowerment can happen while you yourself as leaders of the OPDO (let alone the people) are under TPLF repression in your own Oromo-speaking ghettoes. (Yes, the word used by the current OPDO leader, rightly, is gabrummaa, i.e., slavery, making himself a Slave President!) For you to lead a "revolution" of any sort, first you need to free yourselves from slavery.

Else, hold your peace. Or die out. There is time for everything: a time to kill, a time to heal. A time to live, a time to die. You have killed more than your share, OPDO. You have killed too many for far too long. Perhaps, it is time for you to die. Yes, die out before you are consumed by a fire raging against you from two directions. Iffirraa du'a, dhiiroo!!! (Perhaps Girma Woldegiorgis's death is the last signal reminding you of the end of an era for opportunists.)

NAMA SHILINGII BACHIISEE DUNGOO QARSHII BITEE BARBAADU HIN TAANU.

NAMA SHILINGII BACHIISEE DUNGOO QARSHII BITEE BARBAADU HIN TAANU.

                                              (Saphaloo Kadiir irraa)

Tooftaan OPDO akka waan humna murteessumaa qabduu fakkeessuun diddibanii ummata Oromoo isii balfe keessatti deebisuuf yaaluu akkuma itti fufetti jira. Yeroo gabaabaa booda ammoo OPDO'n bakka lamatti bahuuf kan jirtu tahuu mallattooleen amma agarru ni mul'isa. Opdon takka akkuma diraamaaf qopheessanitti tan dhungoomfachuuf fiiydu, takka ammoo akkuma dur san intalashee godhaatnii hamashaa kijibaa irratti hidhanii deemaanii jiran. Hundarra garuu kan nama dhibu miidiyaan wayyaanee TV Oromiyaa (TV Boqqolloo) kan akkuma OPDO afaan Oromoo dubbatu dhiheenya kana waan jarumaa waliin humna arkate fakkaata. Yeruma takkatti akkuma aanga'oota OPDO ooyruu keessaa bahee magaalaa keessatti galuun isaa kuniis nama hedduu ajaa'ibsiisuun hin oolle. Ji'uma tokkotti ooyruu keessaa magaalaa walakkaa dhaquun dhugumatti naman ajaa'ibsiisuu

Haa tahuu garuu wanti dagachuu hin qabne guddaan warri Miidiyaa wayyaanee ykn TVO'n rakkoo ummata Oromoo irra gahaa jiru golga godhachuun rakkoolee akka saamiinsa lafaa, qulqullina naannoofi kkf qoratee akka saaxilu ajajni itti kennamuu isaati. Wanti kana booda jiru ammoo maddoota rakkoo hoggaa irra oliif gad deemee qoratee ibse booda rakkoo saaminsa lafaa fi qulqullina naannoos warreen federaalaa naanneessanii gama aanga'oota naannoo Oromiyaatti achi micciraanii tooftaan harcaasanii, OPDO isaaniif taatu kalaqachuudha. Amma tooftaan jiru wayyaaneen akka waan harka keessaa fudhattee fakkaattee, akka waan OPDO'n aangoofi murteessummaa qabdu fakkeessuun isaanuma warra opdo kana waliin macalaasuufi. Kun marti diraamaa wayaanee dur irraa opdo mataa isii hojjachisuun sirna tortoraa kana keessa itti if hulluuqsisaa as geeysee dha. Kanaaf kun ummata Oromootiif bu'aas tahee gatii tokkollee hin qabu. Akka namni gariin OPDO keeysaan wanti Oromoon barbaadu san ni dhufti ja'ee kajeelu sanii miti dubbiin.

Gama biraatiin yeroo biraa caalaa weerarri daangaa Oromiyaa keessattuu kan gama Soomaaleen wal daangeessu hammaachuun kaayyoo if danda'e kan qabu tahuun waan dagatamuu miti. Labsiin yeroo muddamaa bahuufi weerarri liyyuu poolisii Oromotti hammaachuun wayyaaneef galii if dandahe qabaachuu namni hin tilmaamne waan jiru natti hin fakkaatu. Mootummaan wayyaanee bakki inni duruma irraa ifirraa sodaatu guddaan naannoo horsiisee bulaan Oromoo jiru kana. Sababniis horsiisee bultoonni hidhannoo waan qaban qofaaf osoo hin taane humniti biraa isaan kana keessaan hulluuyxee na seenti ja'uus waan firraa shakka. Kanaaf liyyuu poolisii kanneen gama tokkoon waardiyaa godhachuu Oromiyatti bobbaasa. Gama kaaniin sabni wayyaaneen ifirraa shakkituufi sodaattu Oromoo waan taheef naannoo yeroo mara ifirraa shakkaa jiraatu tana qulqulleessuu madditti nagaya waaraa silaa kajeeltu san arkachuuf Oromoo lafa tanarraa buqqaasuu akka furmaataa godhatte.

Hanga achiin liyyuu poolisiifi federaalli Oromoo daangaa irraa buqqisan ammoo walakkaa Oromiyaa tan sababa master pilaaniin birxeen irraa kaate tana tuttuqee, rakkoo jirtu mul'isee akka nama furmaata itti laachuu deemuutti qalbii ummataa hatuu qofaaf kan fayyadamaa jiru tahuu isaa hubachuun dirqama. Akka waan Oromoon falmachuun haqa isiiti ja'ee murteessuu fakkeessee, rakkoo ummanni Oromoo duraan irraa iilkaa aadaa ture san hooysuudhaan akka sabni kun if dagatee rafu godhuudhaafi. Sabni kun rakko dhugaa qabaachuu gaafa tuttuqu ammoo keeysa keeysa ammoo akka hawaasni kun yoo haqa isaa dubbataniif akka if dagatu wayyaaneen qorannoo yeroo dheeraatiin sirritti bartee jiraachuus dagachuun hin barbaachisu. Madaa duraan ifumaaf fottooysaa turan san amma hooysanii raffisuu, san booda ammoo tarkaanfiin itti aantu abbaafi mala kaa.

Hundumaafuu garuu shururuu sobaa tan wayyaanee tana amanuun, gara OPDOtiiniis jijjiiramni Oromoon barbaadu ni dhufa ja'aanii abdachuun waan gur'uun gad guddatte qofaaf gaangee irraa dhala eeggachuu dha. OPDO'nis dhaloonni Oomoo kan ammaa kun akkuma dhaloota duraanii laaftumatti kan sobaman yoo sehan dhugumatti halusa garaa malee waa surriin keeysa hin jirtu jara. OPDO'n bakka lamatti fottoquu deemtuus imala injifannoo keenyaa kan qabsoo hadhooytuu bira geenye kana nu jalaa qancarsuu yoo taate malee bu'aa biraa suldii caphxuu takka Oromoo hin qabdu, Nyaanni harka namarraa fuudhaa wayyeeyfattullee nama hin quubsu. Harka wayyaaneetiifi opdo irraa waan takka hin eeggannu, eegganullee gatii takkallee hin qabdu. Hubadhaa! Yoo amma imala keenya jalqabne kana irraa kan meeynu tahe, yookaa ammoo jaratti kanarraa kan waa eeynu tahe gatiin keenya nama halkan shilingii bachiisee dungoo qarshii bitee barbaadu tahuu keenya akka tahe. shilingiin mul'attullee dungooniis dhume waan taheef gatiin wal hin baaftu.
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Bitooteessa, 2017

Thursday, March 16, 2017

Goolaba Gumii Hoggansa Oromoo 2ffaa

Goolaba Gumii Hoggansa Oromoo 2ffaa

                                                 (Hiwi-Elona irraa)

Akkuma hundi keenya dhageenyetti Gumiin Hoggansa Oromoo marsaan 2ffaa akkuma kana duraa haala miidhagaadhaan xumurameera. Gumiin kuni rakkoolee heddu keessa dabree akka as ga'e hundi keenyayyuu sirritti ni beekna. Haat'u garuu gufuuwwan sana hunda bira dabarree akka sabaatti walcinaa teenyee, waldhageeffannee, wal sirreeffannee, wal eebbisuu danda'uu keenyaan gammachuu guddaatu nutti dhagayama.


Labsii hoggansa gumii sanaa irraa akka hubannetti gumiin kuni haala milkaa'en xumurameera. Akka dhuunfaa koottis gumiin kuni haala barbaadamuun goolabamuu isaatiin gammachuun koo guddaadha. Keessattuu yaadolee haarawa; Dubartootafi Dargaggoo Oromoo cimsuu jedhan baay'en jaaladhe. Kuni Qabsoon Uummanni keenya gaggeessaa jiru har'a qofaaf osoo hin ta'in hamma yeroo dheeraatti kan milkaa'u akka ta'uuf gumaacha guddaa godha. Koonfaransiin Dargaggoota Oromoo Adduunyaa ofdura ni gaggeeffama jedhamee kaayyeffame Qeerron Oromoo daran akka gurmaa'ufi haala qindaawaa ta'een qabsoo akka tumsuuf hedduu fayyada jedheetin amana. Dhaloonni kaleessaas Qeerrowwan kanaaf haala waaltawaa ta'een muuxannoofi beekkumsa isaanii akka qoodaniif carraa guddaa ni ta'a. Gama biraatiin xiyyeffannaan Dubartoota Oromoo aangessuuf kenname daran akka cimaniifi waan amma irra jiraniin ol akka hojjataniif karra kan saaqudha.

Dhumarratti caasaan deeggarsa sabaaf godhamu kallattii qindaawaa tokkoon akka hoggananuuf ijaarame kan baay'ee nama gammachiisudha. Qisaasama maallaqaa, yeroo akkasumas deeggarsa biroo haala faffaca'oo ta'een sabaaf kennamaa turan kallattii tokkotti deebisuun komii Diyaaspooraan Oromoo yeroo dheeraadhaaf kaasaa ture kan furuudha jechuun ni danda'ama. Deeggarsi Uummata biyya alaa jiruun walitti qabamee uummata bira gahuu dadhabe bifa qindaa'en eddoo barbaadame akka ga'uuf faaydaa guddaa qaba.

Walumaagalatti gumiin akkanaa kuni uummata keenya daran akka walitti dhufu, akka wal dhageeffatuufi garaagarummaa yaadaa jidduu keenya jiru akka dhippatu gochuudhaan galmi sabaa akka galma gahuuf faaydaa guddaa qaba. Kanaafuu hundi keenyaa eddoo jirrutti kaayyoleefi wantoota lafa kaawwaman hunda gama dandeenyu hundaan haa tumsinu jechaa hamma barreeffama biraatiin walitti deebinutti nagaadhaan naaf turaan amaanaa kooti.
Naa Jiraadhaa!

Wednesday, March 15, 2017

Press Release For Immediate Release

Press Release
For Immediate Release
March 14, 2017
                        (by Oromo Leadership Convention(OLC)
The Oromo Leadership Convention (OLC) held its second meeting in the City of Washington, District of Columbia, March 10 - 12, 2017. The Convention was opened with the blessing of representatives of the main religious groups in Oromo society and concluded after successfully deliberating on the current situation in Oromia and passing landmark resolutions that affirm the unity of all Oromo and underscore the need to strengthen institutions of democracy.
This Convention was attended by over 600 religious, civic and community leaders from across North America and other parts of the world, political organizations, professional and civil societies, artists, businessmen, scholars, veterans of the struggle and Oromo notables who have contributed to the advancement of the Oromo cause in their respective fields.
Considering the gravity of the deteriorating situation in Oromia and the tremendous suffering that the state of emergency has imposed on our people, the Convention focused on taking action.

1. Based on the proposal recommended by the Task Force on Humanitarian Assistance, the Convention established a non-governmental organization known as HIRPHA International (Humanitarian Initiative to Relieve the Plight in the Horn of Africa) to assist in the effort deliver coordinated and efficient aid to the victims of the Ethiopian government.

2. Accepting the proposal of the Task Force on Diplomacy and Advocacy, the Convention established a research and policy center that will assist the efforts to conduct diplomatic action in a strategic and coordinated manner with the view to assisting the struggle to end tyrannical rule in Ethiopia. This center will be named Organized Diplomacy and Advocacy Action in the Horn of Africa (ODAAHA).

3. Recognizing that the Task Force of Experts presented revised documents known as the Declaration of Oromo Unity and National Aspirations and Oromo Charter of Freedom, Justice, Dignity and Human Rights reflect the views of the delegates regarding the foundation of Oromo unity and a common ground for political action, the Convention adopted the revised documents as its official documents.

4. Recognizing that the need for further discussions to internalize the contents of these documents, the Convention recommended them to Oromo communities around the world for studying and discussions. The Task Force of Experts was named as a Commission of Experts to spearhead the effort.

Considering that the Oromo struggle needs robust, functioning and autonomous democratic and civil society institutions, the Convention discussed new agendas proposed by the OLC Executive Committee. The new agenda emphasized the need for enhancing women’s participation and youth engagement in the Oromo nation’s future and initiated an effort to create professional associations.

After thoroughly discussing two concept papers, the delegates recommended launching a community-wide conversation with a view of taking concrete steps to enhance women and youth participation in Oromo affairs within a reasonable period.

Recognizing the demand of the Oromo people, the Convention stressed the importance of the unity of purpose among Oromo political organizations for the success of our people’s struggle. The participants recommended to all political parties to continue to work together to find ways to mobilize our people for the bitter struggle ahead and redouble efforts to expand the arena of interparty collaboration, build democratic institutions, and fortify self-rule capabilities.

Recognizing the gravity of the time, Convention participants decided to increase their support for the Oromo struggle and to join hands in solidarity with all freedom loving peoples to fight against the repressive TPLF regime. In view of the continued suffering of our people, the Convention, once again, condemns in the strongest of terms the continued killings, mass incarcerations, enforced disappearances, and persecution of Oromo. The delegates also demanded an immediate end to the State of Emergency that has made life impossible for our compatriots.

Concerned with the continued impunity of the Ethiopian regime, the Convention, once again, calls upon the international community to live up to its commitment not to “never again” allow mass killings from occurring again by demanding the establishment of an independent and thorough investigation into the mass killings, especially at the Irreecha festival on October 2, 2016, and the other crimes perpetrated by Ethiopian security forces against innocent people.

Finally, the Oromo Leadership Convention extends its call to all peoples in Ethiopia to redouble their efforts to end totalitarian rule in the country.
March 12, 2017
City of WASHINGTON, District of Columbia
OFFICIAL DOCUMENT

Yaa'iin Hoggansa Oromoo akkam ture? Maalin gadi bahe?

Yaa'iin Hoggansa Oromoo akkam ture? Maalin gadi bahe?

                                           (Jawar Mohammed irraa)

Gaafilee jedhaniin inbox kiyya guutaa turtan. Yaroodhaan akka isiniif hin deebifneef cabbiifi dirsaan naannawa Baha Ameerikaa haguugee qabe karoora imala keenyaa waan waliin dhaheefi. Haala yaa'ii sanii ibsa koreen qindeessituu baaseefi gabaasaalee miidiyaa irraa ni habattan jedheen abdadha. Gabaabaatti wanti ta'eefi murtaaye akkan armaan gadiiti.

Akeekni yaa'ii 2ffaa kanaa waan lama ture. Kan duraa murtiilee yaa'iin tokkoffaa kan Atlanta sun murteesse hojitti hiikkamuu isaa hordofuun murtii dhumaa kennuu. Kan lammataa ammoo ajandaalee haaramya mariif barbaachisan dhiheessun mariin fala itti barbaaduudha. Haaluma kanaan;

  • 1) Yoo yaadattaan yaa'iin Atlanta Dokumantiilee bu'ura tokkummaa Oromoo ( declaration of Oromo Unity) fi Irbuu Oromoo ( Chartara Bilisummaa Oromoo) jedhaman irratti erga mari'atee booda koree ogeeyyotaa filate daran akka gabbisan ajajee ture. Koreen hayyootaa kun ji'oota afuriif erga bilcheessanii booda fidanii jila yaa'ii lammataatif dhiheessan. Jilli kunis galmeelee kanarratti erga mari'atee booda wantoota ammas fooyya'uu qaban eeruun, waliigalteen kun marii hawaasa baldhaatif akka dhihaatuufi hojitti akka hiikamuuf Komishinii Chaartara Oromoo itti dhaabee jira.

  • 2) Yaa'iin Atlanta barbaachisummaa qindoomina diplomaasiin Oromootifi gargaarsi hawaasni biyyaa alaa godhu irratti baldhinaan erga mari'atee booda koree jaarmaya diplomaasiifi gargaarsaa dhaabdu ramaduun ni yaadatama. Koreen sun ji'oota afuriif qorannoo erga godhanii booda caasaa, tarsiimoofi adeemsa jaarmayoota saniif tahu qopheessuun jila yaa'ii lammataatif dhiheessan. Jilli kunis kurfii isaaf dhihaate erga madaalee booda, dhaabbata gargaarsaa HIRPHA International jedhamu ijaaree jira. Boordii bulchiinsaatis itti ramadee jira. Akkasumas jaarmaya diplomaasii Oromoo qorannoofi qindoonimaan gargaaru ODAAHA jedhamu dhaabuun boordii itti ramadee jira.

  • ( Jaarmayoonni lamaan armaan olitti tuqaman kun yeroo dhihotti karooraafi tarsiimoo isaanii ummatatti dhiheessan jennee abdanna)
  • 3) Yaa'iin Hoggansa Oromoo ajandaa haara "Qooda Dubartoota Oromoo" ilaallatu erga marii baldhaa godheen booda, Jaarmaya sadarkaa addunyaatti dubatoota Oromoo humneessuf propozaala qopheessitoonni agandaa kanaatin dhihaate irratti mari'atee raggaasisee jira. Jaarmaya jaararmuusfis jilli yaa'ii kanaatifi hawaasni baldhaan deeggarsa barbaachisaa akka laatuuf waliif galameera.

  • 4) Haaluma walfakkaatuun "Qooda Dargaggoonni hawaasa Oromoo keessatti qaban" ajandaa jedhu irratti qorannoofi propozaala dhihaate irratti erga mari'aatee booda karoora Kora dargaggoota Oromoo ( Oromo Youth Leadership Conference) qopheessuuf, akkasumas Waldaa Daragaggoo Oromoo Addunyaa daran jabeessuuf dhihaate raggaasisuun tumsa barbaachisaa hunda gochuuf waadaa galee jira.

  • 5) Guyyaa dhumaa fuulduree Yaa'ii Hoggansa Oromoo irratti yaanni baldhaan mana keessaa ka'ee irratti mari'atamee ture. Yaadota ka'an keessaa yaa'iin akkanaa waggatti yeroo muraasaaf magaalota fagoo keessatti godhamuun dabalatee sadarkaa hawaasaatti akka godhamuu qabu akeekamee jira. Yaa'ii sadaffaa irratti ajandaalee adda dureen dhihaachuu qaban keessaa dhimmi waraana jaaruu akka tahus eeranii jiran.

Waliigalatti wannin yaa'ii kanarraa hubadhe, bilchinni ( maturity) nama keenyaa daran cimaa dhufuu isaati. Dhimmaa falmisiisaa kamirrattuu hulaa cufatee wal waqaree ejjannoo tokkofi murtii walootin bahuu akka danda'u ifatti muldhatee jira. Kana jechuun hoggansi siyaasaa, hawaasaa, diinaggee, amantiifi sivikii Oromoo saba bilisoomsuu qofaaf osoo hin taane biyya ijaaruufis qaamaa qalbiin qophaayuu isaat agarsiisa.

Sunday, March 12, 2017

"Economic Revolution?!?"

"Economic Revolution?!?"

                                                      (By Dr Tsegaye Ararssa)

I believe that OPDO's rhetoric of 'economic revolution' is nothing more than a strategy of distraction and of hijacking the political tremors brought about by Oromoprotests, which later became OromoRevolution.
Having lived through what we lived through, there is hardly a reason for us to expect OPDO to deliver on its promises. It has neither the will nor the capacity (and necessary autonomy) to do so. These deficiencies are constitutional; they are deliberately made to be incapable.

But even assuming that they have changed and that they are truly committed to implement what they say they will, are we going to be impressed? Absolutely not. After all, that is what they are always expected to do as a government. Were we expecting anything less from a group that claims to have won 100%of the votes, a party that has been in government for the last 26 years, a party that claimed to be the only genuine representative of the Oromo people?

If they have the best at heart for the Oromo, if they are in deed an Oromo Party, how come they discovered this "economic revolution" only after the entire Oromo public rejected them through a protest that lasted for over two years?

What were they thinking when they issued an urban development law that entrenches the master plan in late 2015? What were they thinking when they were leading the way to have thousands killed by the Agazi? Weren't they the ones who went house-to-house to arrest and incarcerate over 50, 000 Oromos in the last one year and a half alone?

If they are an Oromo party, how come they said it is not in the interest of the Oromo people to make Afaan Oromo the working language of Ethiopia? If they are an Oromo party, how come they insisted publicly, on record, in the midst of two political campaign debates (in 2010 and 2015), that making Afaan Oromo a federal working language is "harmful" to other peoples in Ethiopia, that it will be "an imposition" on others, that "the language is not developed enough," that "we should first teach the language to the other peoples of Ethiopia"? (Just whose rights and interests are they working to protect?)

If they are an Oromo party, why did they lie about the invasion by the Special Police of Abdi Illey? Why did they say Abdi Illey's invasion of Oromia is not a governmental act? (Just whose interest do they stand to advance?)

I understand that when their TPLF masters are in their own death throes, they press the PDOs hard to save themselves from the direct heat of the popular anger. The TPLF uses them as a shock absorber, a cushion. I understand that the OPDOs need a last chance to hang on to life. The so called "economic revolution" may be part of their quest for a life line. But why would they want us to give them a life line?

After all, it is the OPDO that put the Oromo people in the predicament they find themselves in today. The OPDO caused the problem. The OPDO IS the problem.
I refuse to be impressed by their "economic revolution" even if they make it happen. Because that is their job. That is their responsibility.

The demands of the #Oromoprotests are demands for social justice:
  • 1. Demands for genuine political representation and voice;
  • 2. Demands for recognition of identity and human dignity thereof;
  • 3. Demands for equitable economic opportunities and (shared)sovereignty over their natural resources.
  • 4. Demands for a free political self-expression as is appropriate in a free and open, democratic society where everyone expresses and actualizes her/his aspirations without fear and state terror.

Anything less, or anything else, is a distraction.

Thursday, March 9, 2017

OPDO Obbo Lammaa Magarsaa ilaalchisee sabboontota Oromoo gidduutti ilaalchonni 3 waan dhalatan fakkaata.

OPDO Obbo Lammaa Magarsaa ilaalchisee sabboontota Oromoo gidduutti ilaalchonni 3 waan dhalatan fakkaata.

                                                    (Yaya Basher irraa)

OPDO Obbo Lammaa Magarsaa ilaalchisee sabboontota Oromoo gidduutti ilaalchonni 3 waan dhalatan fakkaata. Ilaalchi tokko, waan OPDOn hojjechaa jirtu tuffachuun sirrii miti, bishaan itti naquu hin qabnu jedha. Ilaalchi kaan ammoo, Lammaan basaasa Wayyaanee hamaa waan taheef arraba damma dibatee caalaatti qabsoo Oromoo ukkaamsuuf hojjechaa jira jechuun dura dhaabbata. Ilaalchi sadaffaan warra dhimmichi harkaa badnaan waan jedhu wallaalee taajjabaa jiruu dha. Inni sadaffaa kun lakkoofsa heddu waan qabu natti fakkaata. 

An akka mataa kootti, ejjennoon OPDO Obbo Lammaa Magarsaa irratti qabu akkana. Gaaffii mirga abbaa biyyummaa kan Oromoon bara dheeraaf dhiheessaa jiru furuuf tarkaanfii tokko tokko fudhatamaa jiru nan deeggara. Keessattuu waan OPDOn godhaa jirtu laalchisee wanni Habashootaa fi Wayyaanota dallansiisu kamuu nabiratti deeggaramaa dha. Garuu tarkaanfii hagasiitiin Oromoo afaan qabnee diddaa ummatichi sirna kana irratti qabu dhaamsina jechuuf moo waan eegalan kana gara sadarkaa guddaatti itti fufu kan jedhu yeroon waan nu agarsiisuuf ammaaf ejjennoo qabachuuf itti jarjaruu hin qabnun jedha. Akkasuu tahee OPDO qeequun itti fufuu qaba. Waan silaa heeraan dhaabsisuu dandeessu hedduutu Oromoo irratti dalagamaa jira, kanaaf OPDOn gaafatama jalaa hin baatu. 

 OPDOn yoo dhuguma AKKA DHAABAATTI sabboonummaa magarfataa dhufaa jiraatteef maal faa gochuu akka qabdu itti himnee waan isiin jettu haa laallu. ''Warraaqsa dinagdee'' jechuun wacuu caalaa warraaqsa siyaasaa yoo dursite isii amanna. Fakkeenyaaf, akkuman yeroo dabre jedhe, aangoo siyaasaa fi waraanaa kan Oromoof quuqama qabu, kan wayyabummaa Oromootiin gitu akka heera biyyattiitti dhugoomfachuuf haa socho'anu. Yoo san irraa eegalan qofa sabboonummaan isaanii amanamaa deemuu danda'a. Akka amma jiru kanatti garuu Wayyeeneen dhaamsa sakoondii 30tiin waan hunda dhaabsisuu dandeessi. Aaangoon ittiin Wayyaanee of irraa dhiibanii ofiin of bulchanii fi Oromoo qabeenya isaatiin duroomsan aangoo siyaasaa fi humna ittisaa wayyabummaa ummatichaatiin gitu dhugoomfachuu qofa. Yoo akkas tahe qofa qajeelfama faallaa kan gubbaa irraa gad itti dhufu ofirraa qolachuun danda'ama.

Tuesday, March 7, 2017

Sirna Bulchiinsa Mootummaa (Kutaa 3ffaa) Maalummaa Ofiin Of-bulchuu (Self-rule) Miseensota Federeeshinii

Sirna Bulchiinsa Mootummaa (Kutaa 3ffaa) Maalummaa Ofiin Of-bulchuu (Self-rule) Miseensota Federeeshinii

                                             ( Milkessa Midega irraa)

Biyyi tokko federeeshiniidha jechuuf mootummaa waloo (shared-rule) fi miseensota federeeshinii ofiin of-bulchan (self-rule) qabaachuu qaba. Mootummaa waloo kutaa 2ffaa keessatti ilaallee jira. Amma miseensota federeeshinii ofiin of-bulchan ilaalla. Maqaan miseensota federeeshiniif kennaman biyyaa biyyatti gargar ta'uu danda'a. Biyya Switzerlanditti"kaantoon" jedhamu, biyya Ameerikaatti "state", Afrikaa Kibbaatti "province", Jarmaniif Ostriyaati "Landers", Naayjeeriyaafi Itoophiyaatti "state", Kanaadaatti "province", Raashiyaatti "republic", fi kkf jedhamu. "State" jechuuniifi naannoo jechuun gargar ta'us, barruu kana keessatti tokkuma jedhaatii fudhaa yeroo dubbiftan. Egaa ofiin of-bulchuu jechuun maalii? Dameelee mootummaa sadan, jechuunis seera-baaftuu (Caffee), raawwachiiftuu, fi mana murtii aangoo guutuu qaban qabu naannoleen jechuudha. Sadan dameelee mootummaa naannoo kunneenis bilisummaa ofii qabu, aangoo heera federaalaan isaaniif kenname gaafa hojiitti hiikan murtee xumuraa dabarsu, isaanii oli taa'ee aangoon isaan ajaju humtuu hin jiru jechuudha. Itti-gaafatamni biiroo maallaqaa ykn biiroo nageenya naannoo caffee naannichaaf qofa ta'adha. Qaamni mootummaa federaalaa kamiyyuu biiroo naannoo tokkollee ajajuus gamaggamuus hin danda'u. Manni maree federaalaafi caffeen naannolee aangoo walgitu qabu, lamaanuu uummataan filamani, lamaanuu aangoo heeraan itti kenname qabu waan ta'eef. Kaabineen federaalaafi kaabineen naannoolees aangoo walgitu qabu, tokko isa biroo ajaju, to'achuu, gamaggamuu hin danda'u. Qaamni abbaa seerummaa mootummoota lameeniis akkanuma. 
Garuu, namoonni baay'een mootummaa naannoo mootummaa federaalaa gadi godhaniitu amanu, ilaalu. Kun dogoggora guddaa ilaalcha yunitarii ykn impaayera ykn sooshaalistii dulloome irraa madda. Namoonni dogoggoraan ilaalcha yunitarii baatanii yoo hooggansa mootummaa naannoo argatan, ergamtoota mootummaa giddu galeessaa ta'u. Bilbilli mootummaa federaalaa irraa bilbilamu, barchuma irraa isaan kuffisuu gaha. Warri akkasii mootummaa giddu galeessaa bakka bu'uun naannolee bulchu. Yeroo akkasii, ofiin of-bulchuun hin jiru jechuudha. 
Mootummaan naannoo ofiin of-bulcha jechuun aangoowwan seera baasuu, raawwachiisuu, seera-hiikuu hunda isaa irratti ofuma isaaf murtee xumuraa kenna. Ofuma isaatiin seera naannoo isaaf tolu baafata, akka isaaf tolutti hojiidhaan agarsiisa, akka fedhetti seerota kana mana murtii ofii qaama siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta'een hiikkata. Dhimmoota naannoleen mirga ofiin of-bulchuu irratti qaban:
• Siyaasaafi caaseffama bulchiinsa naannoo ofii akka fedhanitti ijaaruufi bulchuu;
• Filannoo bilisa ta'e gaggeessuun caffee ofiifi kaabinee ofii ijaarrachuu
• Dinagdee naannoo ofiirratti olaantummaan ajajuufi imaammata hawaas-dinagdee uummatichaaf tolu baasuufi hojiirra oolchuu;
• Galii mataa ofii murteeffachuu;
• Lafaafi qabeenya uumamaa naannichaa ofiin bulchuu;
• Poolisii naannoo ofii bifa isaaf ta'uun ijaaruufi ajajuu;
• Hojjettoota mootummaa naannoo qacarachuufi hoogganuu (fkn, ministeerri fayyaa ogeeyyii barbaade ergee biiroo fayyaa naannootiin qacari jechuu hin danda'u).
• Mana murtii naannoo ofii bilisummaa qabuufi kan federaalaan walgitu ijaarrachuu;
• Barnoota afaan ofiin barsiifachuu; biyyoota baay'ee keessattimmoo yunivarsitiillee naannoleetu ijaarratee ajajata.
• Aadaa, eenyummaafi afaan ofii dagaagfachuu, ittiinis hojjechuu (afaan hojii naannoo ofii murteeffachuu); fi kkf.
• Biyya Beeljiyeem keessattimmoo naannoleen ministeera haajaa alaafi biyyoota addunyaa irratti ambaasaaddaroota mataa ofii ergatanii qabu. Ambaasaaddaroonni kunis Imbaasii Beeljiyeem keessa taa'u. 
Mootummaan federaalaa harka isaa dheereffatee aangoo naannolee kana keessa galee borcuuf aangoo heeraan kennameef hin qabu. Biyyoota sabaafi sablammii irraa ijaaraman keessatti, naannolee irraa mirga ofiin of-bulchuu fudhatanii to'annoo mootummaa federaalaa jalatti ittisuun rakkoo raafama dinagdee, hunkurama siyaasaafi diigamuu biyyaa fiduu danda'a akka muuxannoon biyyoota federeeshinii gama Awurooppaa bahaa agarsiisanitti. Federeeshinoonni sab-daneessa turan Awurooppaa bahaa kanneen akka Yugozlaaviyaa, Gamtaa Sooviyeet, Chekosloovaakiyaa fa'a paartii hooggansa abbaa-irree koministii jedhamu kan mootummaa giddu galeessaa keessa taa'ee ajaju jala turani yeroo dheeraaf. Naannoleen mirga ofiin of-bulchuu tokkollee hojiitti hiikkachuu hin dandeenye. Hubadhaa, naannoleen biyyoota Awurooppaa bahaa kunneen afaan hojii mataa ofii qabu ture, afaan ofiitiin barnoota kennu ture, garuu murtoo siyaas-dinagdeen walqabatu hunda akka heera federaalaatti utuu hin taane, akka fedhii hooggansa waraanatiin bulu ture. Saboonnii fi naannoleen walqixxummaa dhabaniitu yeroo dheeraaf hacuucamaa turani. Kanarraa kan ka'e, jalqaba bara 1990moo keessa, Gamtaan Sooviyeet biyya kudha shanitti diigamte, Yugozlaviyaan biyyoota shanitti, Chekosloovakiyaan biyya lamatti diigamaniiru. Kanaafuu, biyyoota sab-daneessa ta'an keessatti, sirna federaalizimii filachuun karaa dhugaan saboonni ykn naannoleen walqixxummaan waliin biyya tokko keessa akka turan taasisuufi. Bu'uurri kaayyoo ofiin of-bulchuu, saboonnii ykn naannoleen walqixxummaan biyya tokko keessa akka jiraataniifi. Biyyoota uummata lakkoofsa baay'eefi lafa baldhaa qaban, giddu galeessa tokko taa'anii bulchuun waan hin danda'amneef, mirgi ofiin of-bulchuu naannoleef heeraan kennameetu federeeshiniin uumama. 
Utuma jennuu, sababuma baay'ina uummataafi baldhina lafaatiif Oromoon waggaa dhibboota baay'een dura aangoo giddu gala tokko irra ture gara ilmaan/godinoota isaaf dabarsuun labseetu sadarkaa mootummaa giddu galeessa ofii dadhabsiisuu irra gahee ture yeroo humni weerartoota Awurooppaafi Minilik gaanfa Afriikaatti dhufan. 
Mee haala mirgoonni ofiin of-bulchuu miseensota federeeshinii Itoophiyaa itti jiru ilaalaa. Akka hubannoo kootti, waggoota 25n darban naannoleen sagal ijaaramanis, mirgoota ofiin of-bulchuu heeraan kennameef hojiirra oolfachuu hin dandeenye. Kana booda sirni federaalizimii Itoophiyaa lubbuu horateetu, naannoleen dhugummaafi walqixxummaan ofiin of-bulchuu eegalu moo maaltu dhufa laata?

Horaa Bulaa, Gadaan gadaa dhugummaan ofiin of-bulchuu eegallu nuuf haa ta'u.
Milkeessaa Miidhagaa, Finfinnee.

Monday, March 6, 2017

Sirna Bulchiinsa Mootummaa (Kutaa 2ffaa) Maalummaafi Hirmaannaa Aangoo Mootummaa Federaalaa

Sirna Bulchiinsa Mootummaa (Kutaa 2ffaa) Maalummaafi Hirmaannaa Aangoo Mootummaa Federaalaa

                                           
                                           (Milkessa Midega irraa)
Mootummaa federaalaa jechuun mootummaa waloo isa "shared-rule" jedhamudha. Naannoleen federeeshinicha ijaaran haala madaalawaan kan keessatti hirmaatanidha. Bakka kanatti wanni hunduu dandeettii amansiisuun (bargaining power)n dhufa. Hoodhu kana fudhu, kun siif ta'a, wanni jedhamu hin jiru. Situ marii garaa garaa gochuun (negotiation) amansiifattee dhiibbatta. Maal qooddattaa; hammam qooddattaa? Wanni qoodamu:
Teessoo mana maree (Paarlamaa),
• Hooggansa olaanaa (Muummicha Ministeeraa, Presidentii, ministeerota, itti aanaa isaanii, ambaasaaddaroota biyya alaa keessa faca'anii jiraatan, aangoo siyaasaan argamu hunda)
• Miseensota waraana biyyaalessaa, hooggansa waraanaa, humna addaa (federal police), qaama nageenyaa siivilii,
• Abbootii seeraafi abbooti alangaa federaalaa
• Hojjettoota mootummaa federaalaa (federal civil servants)
• Budgetaafi galiiwwan biyyaalessaa kan biroo
• Tajaajila tamsaasaafi maxansaa (sa'aa raadiyoo, TV, barullee, gaazexaa, online)
• Afaan hojii mootummaafi barnootaa dhaabbilee federaalaa
• Kan kana fakkaatan.
Wanni qooddatan kun hunduu mootummaa federaalaa jedhama. Achi keessaa nama qabaachuun gahaa miti; nama bakka bu'insaan qajeeloon hirmaatutu, falmatutu aangoo hirmaateera jedhama. Mana maree federaalaa keessaa bakka bu'een naannoo ykn saba tokkoo dhimma saba ykn naannoo bakka bu'ee achi jiruu falmuun (bargain) gochuun bu'aa uummata isaaf argamsiisuu qaba. Mootummaan Naannoo isaaniis ergama bakka bu'ee isaatti kennuu qaba. Manni maree federaala Itoophiyaa silaa lafa walfalmiin guddoon itti ka'u, lafa seerri tokko yoo bahu anatu miidhamaa, situ fayyadamaa, lakki kana sana waliin jedhanii dhumarratti waliigalan ta'uu qaba ture. Amma lafa itti rafan, dhaqanii itti boqotan fakkaata. 

Hooggansi siyaasaa filannoon dhufus, eenyummaa naannolee ykn biyya saboota hedduu keessatti, eenyummaa sabootaa calaqqisiisuu qaba. Prezidaantiin Switzerland waggaa waggaan bakka bu'ee kaantoonii tokkorra isa biraatti ce'a. Presidentiin waggaa tokkoo ol bulchu hin jiru. Biyya filannoo sirna sagalee walcaalmaan (majoritarian parliament) bulan keessatti garuu, saba iisa guddaatu yeroo mara Muummicha Ministeeraa ta'a. Biyya presidentiin bultu keessatti immoo saba isa guddaatu presidentii ta'a gaheen sirna paartii biyya bulchuu akkuma jirutti ta'eetu. Ministeeronni saba tokko qofaarraa yoo guutaman sirna apartheid ta'a. 

Keessattuu, biyya sabaafi sablammii taate keessatti, missensot waraanaafi hooggansa isaa hirmaachuun hundee nageenyaati. Biyya kam keessattuu, negotiationiin jalqabaa, qaama hidhatee socho'u qoqqooddachuu ta'a. Fakkeenyaaf, heerri federaala Itoophiyaa Keewwanni 87/1 akkas jedha: "Qabiyyeen humna ittisa biyyaa sabaafi sablammoota Itoophiyaa bakka bu'ummaa madaalawaan (equitable representation) calaqqisiisuu qaba". Lafarra wanna jiru hundi keenyayyuu ni beekna. Caasaa nageenyaa federaalaa hunda keessatti Oromoon hammamii? Isinumtuu madaalaa. 

Siivil sarvaantota federaalaan walqabatees, Keewwanni 39/3 sabaafi sablammoonni Itoophiyaa mootummaa federaalaas ta'ee mootummaa naannoo keessatti bakka bu'ummaa madaalawaa argachuu qaba jedha. Garuu Oromoon mootummaa federaala keessaa sababa afaan hojiin hojii ala godhamee jira. Isuma bara duriitu ittifufe. Oromoon Mootummaa Oromiyaa keessattuu akka baay'ina isaatti hin qacharamne. Oromoon Oromiyaa keessa jiru, akka Istaatiskii federaalaatti, parsantii gara 90 ti. Garuu, mootummaa Oromiyaa keessa Oromoon jiru parsantii 80 qofa. Dhugummaa kanaaf, gabaasa Ministeera Siivil Sarviisii yeroo dhihoo ilaalaa.

Aboootii seeraafi abbootii federaalaa keessa sabaafi sablammoonni Itoophiyaa bakka bu'ee madaalawaa waan qaban natti hin fakkaatu. Ambaasaaddarootas ilaalaa mee. Yeroo mana maree federaalaatti kun hunduu muudaman Kabajamoo A/Y Obbo Abbaa Duulaan waan jirtu hunda ni beeku. 

Baajenniifi galii qooddachuun bu'uura hojii hundaa waan ta'eef, naannoleen foormulaa maaliin qooddatuu, eenyutu irra argataa? Naannoleen uummata xiqqoofi uummata baldhaa qaban akkamitti baajeta kana argatuu? Foormulaan bahu murteessaadha. 
Filmaanni afaan hojii walfalmiifi waldhabdee isa guddaa kaasa biyya sabaafi sablammii ta'an keessatti. Afaan tokko callisanii afaan hojii federaalaa jedhanii yoo uummata irratti fe'an, warri afaan sanaan dhalatan yeroo mara fayyadamaa yoo ta'an, warri hafan moggaatti hambifamu jechuudha. Kanaafi, biyyoonni hedduun afaan hojii federaalaa afaanota baay'ee kan taasifataniif. Kan Itoophiyaa waan addaati, afaan guddichi biyyattii Afaan Oromoo utuu taa'uu, afaan bara duriis afaan cunqursaa turetu hojii isaatti itti fufe. Maaltu negotiate ta'e egaa. Afaan Ingiliffaan Imposed ta'e jedhama. 

 Walumaagalatti, mootummaa tokko mootummaa federaalaa wanti jechisiisu yoo jiraate, yoo karaa madaalawaa ta'een qoqqoodinsi aangoo jiraate qofaadha. Kanaan ala mootummaa impaayeraa ykn waraanaan bultu ykn kan abbaa-irree ykn gonfoo ykn fiwudaalawaa ta'a jechuudha. Mee kan Itoophiyaa kana ilaalaatii madaallii keessan lafa kaayaa.
Horaa bula
Milkeessaa Miidhagaa, Finfinnee

Abjuun bara beelaa....

Abjuun bara beelaa.....

                                      
                                          (Jawar Mohammedirraa)
Jidduu tana Addisu Araggaa itti gaafatamaan damee ololaa OPDO dubbii 'Oromo Economic Revolution" jedhu irra deddeebi'ee maxxansaa jira. Jarri tun ni afaanfacjjoofte moo afaanfajjii uumuu feeti? Jechi revolution jedhu galaafii laata?

Gama diinaggees ta'ee siyaasaatin revolution jechuun jijjirama hundee caasaa sirna jiru tokkoo diigee haaraatti jaaru jechuudha. Gama siyaasaatin yoo laallee revolution jechuun jijjiirama sirna mootummaa jiru barbadeessanii akka haaraatti lafaa ol ijaaruun dhufu jechuudha. Gama diinaggeetin ammoo economic revolution jechuun abba qabeenyummaa, immaammataafi tarsiimoo biyti takka hordofaa jirtu guututti jijjiruun haarayaan bakka buusuu jechuudha. Fakkeenyaaf kun Itoophiyaa keessatti bara 1975 ta'ee jira. Sirni mootii ( monarchy) diigamee kan waraanaatin bakka buufame. Imaamanni diinaggee gara command economy jijjirame. Lafti abbaa lafaatirraa fuudhamtee qonnaan bulaaf kennamte. Manneen magaalaa dureeyyotarraa fuudhamtee jiraattotaaf hirame. Jijjiiramni sun haa toluu haa baduu revolution jedhamu dandaha.
Jijjirama guddaa akkasiituu dhiifnee Green Revolution biyya India fi kanneen birootti raaw'ate yoo laalle tarsiimoofi teknolojii qonnaa takkaa addunyaa keessaatti muldhatee hin beekne hojiirra oolee hamma omishaa addunyaan agartee hin beekne waan muldhiseef jechi 'revolution' jedhu kennameef. Waliigalatti jijjiramni siyaasa, diinaggees ta'ee hawaasummaa tokko revolutionary dha yoo jennu geddaruumsa immaamataa, tarsiimoofi caaseffamaa of haala haaraa uumu jechuudha.

Maarree 'economic revolution' OPDOn xibaartu kami laata? Kubbaaniyyaa biyyatti gurguddaatu ummataaf kenname moo? Hamman ani beekutti EFFORT har'as kan Tigreeti, Midroc kan Arabtichaati. Galii Oromiyaan galfataa jirtu keessaa ammas harki 75% maqaa mootummaa federaalaatin Tigreetu sassaabbataa jira.
Tarii OPDOn ofitti hin qaanoftu aksiyoona geejjibaa dhaabuuf karoorfatteen akka waan revolution diinaggee saba guddaa miliyoona 50 ta'u kanaaf fiddee itt fakkaatinaa? Kubbaaniyyaa isaan amma ni dhaabna jedhan kana torban kan tahu Tigreen waggoota 20 dura dhaabbachuu isii ni irraanfatanii? Baasii isaan Pirojektoota amma ni dhaabna jechan, jechuunis kan gejjibaa, dhugaatii fi konstiraakshini dimshaashatti yoo walitti idaane qabeenya Tigrichi Saamu'e Taaffasaa ( sunshine construction) qabu keessaa harka 10 hin gahu. Kubbaniyyaaleen amma ni dhaabna jedhan kun osoo milkaa'inaan hojiirra oolaniiyyu ummata miliyoona 50 dhiisaati nama kuma dhibba tokkoofu faayyadamaa hin godhan.

Tattaaffi xixiqqaa maqaa dargaggoota gargaarutin godhamu busheessuufi miti, Garuu waan hin fakkaanne odeessuun of salphiftanii orma nutti hin kofalchiisinaa. Gaafa lafa albuudaa Al Amoudin harka jiru fuutanii, EFFORT Oromiyaa keessaa baaftanii, galii Oromiyaan qabu federaala hanqiftanii, kubbaniyyaalee Oromiyaa keessa jiran dhuunfannaa bulchiinsa naannoo jala galchitanii jettan waa'e 'economic revolution' nutti haasayuu dandeessu. Hammasiifu revolution mataafi maqaa keessanii ol jiru xibaaruu dhiisaati diina ummata keenyaa daangaarraa hadhaa jiru dhoorguu yaalaa, beela ummata goolaa jiru baraarsuuf tattaafadhaa. Ummanni Oromoo OPDOn revolution diinaggees ta'ee kan siyaasaa nuu fiddi jedhe of sobee hin beeku. Hin fiddanis. Wanni ummanni isinirraa eegu guddaan meeshaa diinaa tahuun nu saamsisuufi ajjeechisuu dhiisaadha.

Sunday, March 5, 2017

Sirna Bulchiinsa Mootummaa (Kutaa 1ffaa) Ulaagaalee Biyyi Federaalizimiin Bultu Guutuu Qabdu

Sirna Bulchiinsa Mootummaa (Kutaa 1ffaa) Ulaagaalee Biyyi Federaalizimiin Bultu Guutuu Qabdu.

                                                     
                                             ( Milkessa Midega irraa)
Gaaffii namoonni hedduun na gaafatan irraa ka'uun ulaagaalee biyyi tokko federaalizimiin bulti jechuuf guutuu qabdu akka xiinxaltoonniifi muuxannoon addunyaa agarsiisutti kan armaan gadiiti.
Hunda dura garuu sirni bulchiinsoonni mootummaa yunitarii (tokkummaawaa), mootummaa sirna federaalaa, impaayeraa, fiwudaalistii, sooshaalistii, mootummaa kolonii, abbaa-irree/waraanaan bultu, mootummaa gonfoo, mootummaa amantaa, fi kkf hunduu adda bahanii hubatamuu qabu. Akkuma yeroo arganneen tokko tokkoon ilaaluu ni dandeenya. Amma ulaagaalee biyyi federaalizimiin bultu guutuu qabdu ilaalla:

  • 1. Mootummaa aangoon walmadaalu lamaafi lamaa olqabaachuu. Mootummaa federaalaafi mootummoota naannolee jechuudha. Biyya tokko tokko keessatti immoo mootummoonni aanaalees aangoo mootummoota naannoleefi federaalaan walmadaalan qabu. Yeroo akkasii mootummaa sadiitu jira jechuudha. Aangoo walmadaalu qabu jechuun mootummoonni hunduu aangoo mataa ofii qabu, tokko isa biraa hin ajaju. Hunduu aangoo isaanii kan argatan heeraafi uummata bulchan irraati waan ta'eef, wal hin caalani. Aangoo kanas guutummaa guutuun itti fayyadamu jechuun murtee xumura qaban ofiif kan kannan ta'a. Mootummaan federaalaa aangoo isaaf kenname yoo itti fayyadamu naannolee hin eeyyamsiisu, naannoleenis aangoo ofii yoo fayyadaman mootummaa federaalaa hin eeyyamsiisani. Kanaafuu, birmadummaan biyyaa bakka lamaafi lamaa olitti hirama jechuudha (divisible sovereignty) biyya sirna federaalaan bultu keessatti. Kanaafi, naannoleen alaabaa mataa ofii kan godhataniif. Birmadummaa jechuun murtee xumuraa kennuu jechuudha. Birmadummaan kan uummataati, haa ta'uutii karaa bakka bu'oota uummataan ykn Caffeedhaan hojiirra oola. Hubadhaa: Mootummaa federaalaa jechuun mootummaa naannoleen waliin ijaarratanii qabanidha; mootummaa dhokatee bakka ta'ee asbahe jechuu miti. Biyya tokko, alaabaa tokko, afaan tokko, eenyummaa tokko, birmadummaa tokko wanni jedhamu sirna bulchiinsa biyya impaayeraati, yunitarii keessayyuu hin jiru. Hooggansi ADWUI tokko tokko gara ilaalcha warra ofiitti harkisuudhaan "ijaarsa hawaasa siyaasaa tokkoo fi hawaasa dinagdee tokkoo" jedhamee heera federaalaa irratti barraa'e, kaayyoo impaayera ijaaruuf oolfachuu barbaadu. Biyya hawaasa dinagdee tokkoo ijaarra jedhaniitu, aangoo naannoleef heerri kenne seera baasuun diigaa turani. Seerota yeroo dhihoo bahan hedduu akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda'ama. Kanaafuu, mootummoonni lamaafi lamaa ol kan birmadummaa mataa ofii qaban waliin jiraachuu qabu. 
  • 2. Aangoon seera baasuu, hojii raawwachiisuu, seera hiikuu (abbaa seerummaa) heeraan mootummoota lamaaniif ni hirama. Aangoon heeraan hirmaatamus walmadaaluu qaba. Dalagaafi aangoon uummatatti dhiyoo ta'an hunduu kan naannolee ta'u. Aangoon biyyattii akka waliiniitti itti fayyadamamuu qabu kan mootummaa federaalaa ta'a. Mootummaa federaalaa keessattis naannoleen ykn saboonni karaa ifa ta'een aangoo hirachuu qabu. Maddi galii mootummootaas walmadaaluu qaba. Akka Itoophiyaatti heerri federaalaa, naannolee saglaniifuu aangoo walfakkaatu kennaafi. Aangoo naannoon tokko itti fayyadamee, tokko hin qabne akka heeraatti jiraachuu hin danda'u. Fakkeenyaaf, naannoleen hunduu poolisii mataa ofii akka barbaadanitti ijaarrachuu ni danda'u jedha Keewwanni 52. Mee Naannoo Sumaaleefi naannolee hafan hunda, keenyas dabalatee ilaalaa, naannoleen raawwii aangoon walcaalaniiru. Yoo aangoon hundi kan mootummaa federaalaa ta'e, naannoleen aangoo waan hin qabneef birmadummaa hin qabani; biyyi akkasii sirna federaalaan bulaa hin jirtu jechuudha.
  • 3. Heerri barreeffame jiraachuu qaba. Aangoon hirmaatame heera irratti karaa ifa ta'een taa'uu qaba. 
  • 4. Olaantummaan heeraa kabajamuu qaba; kana jechuun sirni dimokraasii jiraachuu qaba; mirgi dhala namaa kabajamuu qaba, ykn mirgoonniifi dirqamoonni heera keessatti caqafaman hunduu hojiirra jiraachuu qaba jechuudha. Olaantummaan heeraa hin jiru taanaan ulaagaan guutamu tokkollee hin jiru waan ta'eef, sun biyya mootummaa abbaa-irree ykn impaayeraa ta'a.
  • 5. Qaamni abbaa seeraa mootummaa lamaan irraa walaba ta'ee sirna federaalizimii kana taphachiisu jeraachuu qaba. Qaama heera hiiktuu jedhama. Seeronni mana mareen bahan heeraa faallessu yoo ta'e, tarkaanfileen hoji-raawwachiiftuun yeroo yeroon fudhatan heera yoo cabsa ta'e, qaama kanatu qoratee murteessa. Biyyoota baa'ee keessatti Mana Murtii Walii Galaatu fudhata aangoo kana. Ykn, Mana Murtii Heeraa kan jedhamutu ijaaramuu qaba. Namni kamuu yoo mirgi heeraa isaa cabe lafa itti dhaqee himatee, dhugaa argatu jiraachuu qaba. Akka biyya Itoophiyaatti qaama Mootummaa Federaalaa kan ta'e, Mana Maree Federeeshiiniitu aangoo kana fudhate. Utuu mootummaan federaalaafi mootummaan naannoo tokko walitti bu'anii eenyuuf akka manni maree kun murteessu beekamaadha. Kanaafi, dhimmi Dirree Dawaafi Finfinnee lafarra gototamee kan har'a gaheef. 
  • 6. Mana maree seera baasuu danda'u lamatu mootummaa federaalaa keessa jiraachuu qaba. Mana maree olaanaa (senate) fi mana maree bakka bu'oota uummataati. 
  •  7. Bakka bu'ummaan addaa naannoleedhaaf ykn sabootaaf kan ta'u mana maree olaanaati. Miseensonni mana maree kanaa bakka irraa dhunfan bakka bu'u. Fakkeenyaaf manni maree olaanaa biyya Jarman Bundesrat jedhama, innis mirka naannolee (Landers) eeguuf uumame. 
  • 8. Qaamni ykn dhaabbanni ykn walga'iin ykn adeemsi walaba ta'ee mootummoota birmadummaa qaban lamaan walitti fidee, akka waliin marii'atanii qindoominaan waliin dalagan taasisu jiraachuu qaba. Intergovernmental Relations (IGR) jedhama. 

Kanaan madaaluun ni danda'ama biyyoota addunyaa irra jiran hunda. Fakkeenyaaf, biyyi Afriikaa Kibbaa ani federeeshiiniidha ofiin hin jettu, garuu ulaagaalee armaan olii waan guuttuuf, federeeshiiniidha. Biyyi Itoophiyaa eessa akka isheen jirtu, maal akka isheen fakkaattu heeraafi raawwii lafarratti ture ilaalaatii madaalaa mee. 
Horaa Bula, 
Milkeessaa Miidhagaa, Finfinnee