Saturday, October 14, 2017

QABSOON MAARAATOONIIDHA

QABSOON MAARAATOONIIDHA

                                                                  (Jawar Mohammed)
Jawar Mohammed
Torban dabre wal fakeenya qabsoo keenyaafi fiigicha maaraatoonii jidduu jiru ibsuudhaaf barruu gabaabduu takka feesbuukii gubbaatti maxxanseen ture. Akkuma beekkamu Fiigichi Maaraatoonii dorgommii kiloomeetira 42ti. Kiilomeetira 41n duraa san kufnee, kaanee, isa nu dura jiru dhaqqabnee fiigicha itti fufuu dandeenya. Akkuma Atleetin teenya Tiikii Galaanaa bara dabre goote sana jechuudha. Dheebonnu karaarraa gorree, bishaan fudhannee, bayyanannee humna horannee fiigicha keenya itti fufna. Kiilomeetira dhumaa keessatti garuu kufnee dogongora xiqqaa tokko raawwannaan moo'atamuu dandeenya. Fakkeenyaaf atileetonni tokko tokko yeroo sarara xumuratti dhihaatan gammachuun of dagatanii yeroo burraaqanitti kan itti dhiyaatee duubaan jiru sirriitti fiigee isaan moo'achuudhaan badhaasa isaan kiilomeetira 42 guutu itti xaaran yeroo dhabsiisu agarra.

Qabsoo Oromoo waggoota shantamaaf godhamaa jirtu keessattis sodaan kiyya guddaan, erga aarsaa hedduu kanfallee sadarkaa ol’aanaa amma irra jiru kanaan geenyee booda gantantarree akka of jalaa hin balleessineefi. Waggoota dheeraa dabran injifannoo gurguddaa argannee jirra. Dogongora hamaas hojjannee turre. Garuu yeroo qabaachaa waan turreef qabsoon dandamattee karaatti deebi'aa as geenye. Waggoota afran dabre kana ammoo saffisa dabaluun goolabbiitti dhihaachaa jirti. Adaduma sarara goolabbiitti dhihaachaa deemnuun tarkaanfiin fudhannu cufti kan nu gatantarsiisan akka hin taane of eeggannoo cimaa godhuu qabna
.
Hiriira mormii tibbana godhamaa jiru kanas haaluma kanaan ilaaluun barbaachisaadha. Ummanni maalif hiriira bahaa jira jennee yoo gaafanne deebiin isaa baay’ee salphaa akka ta’e ifa gala. Sababiileen guddaan haalli Oromoofi Oromiyaa ammaa fincilaaf bilchaataa ( ripen condition)

- Uummanni keenna osoo hin jaalatin Wayyaanee waggoota 26f baadhatee dugdi isaa waan madaayeef;
- Madaan ajjeechaa baroota dabranii ammas kan hin qoorin waan ta’eefi tuqaan xinnoon ishee miira isaa waan kakaasuf;
- Hidhamuunifi salphifamuun hoggantoota isaa baay’ee waan isa gaddisiisuf/ isa aarsuf;
- Daangaan isaa shira diinaan qindaayeen sarbamee obboleewwan isaa eddoofi lafa jireenyaa biyya teenya jedhanii keessa jiraataa turan irraa buqqa’uun isaanii baay’ee waan isa madeessef;
- Injifannooleen gurguddoon waggoota dabran galmaahan abdii ol’aanaa ta’e waan itti horeef; ( confidence)

- Hoggansi qalbii isanii hubatuufi dhugaa isaanii dubbatu gama aangoo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhufuun onneefi ofitti amanamummaa waan itti horeef; ( euphoric hope)
- Poolisiin Oromiyaa Uummata isaatiif aantummaa agarsiisuuniifi fedhii uummataatii
n masakamee hiriira dhowwuu dhabuun uummatichi hamma poolisiin Oromiyaa bira jirutti miidhaan akka irra hin geenye/ irra gahus baay’ee xiqqaa akka ta'u waan amaneef/ waan tilmaamef; ( low risk anticipation)
Dimshaashatti uummatni keenya bifa yeroo kamiinuu adda ta’een sirriiti bilchaatee jira. Bilchini kun qabsaa'ota Oromoof abdiifi humna guddaa kan kenne yommuu ta’u diinatti ammoo naasuufi sodaa hamaa uume jira. Bilchinniifii kaka’umsi uummataa armaan olitti tarreessine kun akkanumaan lafatti kan dhufe osoo hin ta’in hojii ol’aanaa aarsaan guddaan itti baheen kan dhugoomeedha. Kanneen tokko tokkoon yoo ilaalle;

- Dadammaqiinsa sabboonummaa ( nationalist concisouness) kana uumuuf waggoota shantammaan dabre hayyoonni, barreessitoonnifii qindeessitoonni kumaatamaan lakkaawwaman humnaafi lubbuu isaanii itti wareeganiit takka takkaan jaaran ( it was built brick by brick);

- Dhaaba waggoota dheeraadhaaf meeshaa diinaa ta'ee diinni uummata keenya ittiin cunqursu, saamufi ajjeesuuf ijaarate keessatti hoggansi sabboonummaafi aantummaa sabaa qabu aangoo kan dhuunfate akka hireettii miti. Kuni kan dhugoomuu danda’eef tariismoodhaan irratti dalagamee, aarsaan guddaan amma himamuu hin barbaachifne itti kafalameeti.

- Poolisiin Oromiyaa aangoo alagaa eegsisuuf ummata keenya fixaa ture, har'a ajaja diinaa didee namootuma seera cabsaniiyyuu qawwee lafa kaayee kan kadhaataa jiruuf waggaa takka keessatti raajiin (miracle) kun lafatti dhufe seetanii? Lakki! Jijjiiramni kun kan laayyotti dhufe osoo hin ta’in, kan hojiin guddaan irratti hojjatameefi namootni muraasni aarsaadhaaf of qopheessanii dirqama kana fudhatanii jijjirama fiduudhaaf raawwachiisaa jiraniidha.
Kanaafu jijiirama gurguddaa xumura qabsoo keenyaatiif baay’ee barbaachisaa ta'an kana of eeggannoon itti fayyadamuun murteessaadha. Diinni ammoo humna fiigicha meetiroota dhumaatiif kuufanne kana waan arguuf akka qisaasnu gochuun of duuba nu deebisuu barbaada. Akeekni isaanii qaamota qabsoo kana finiinsaa jiran sadiin asii gadii kanneen qaamaafi ololaanis kuffisuudha.

A. QEERROO OROMOO - Humni dargaggoota Oromoo kun waggota dabran keessatti tarsiimoodhaan diina caalee siyaasaa biyyattii kallattii isaa jijjiireera. Kanaafuu firaafi alagaa fagoofi dhihoo birattis humna kabajamuufi sodaatamu ta'ee jira. Akkuma baatilee dabran kana keessa muldhatetti ajaja jeneraalota biyya saniitrra kan Qeerrotu ummataan kabajamaa jira. Qeerroon Oromoo mootummaan biyya bulchaa jira ofiin jedhu ija ummataatin xiqqaatee ( undermined) akka tuffatamu godheera. Mootummaan tokko qaama biraatin wal bira qabamee tuffatamnaan mataa namaa keessatti kufuu isaa kan agarsiisudha. Achirraa qaamaan kufuuf yeroo gabaabaa qofa gaafata.

Diinni kufaatii ol’aanaa kallattii kanaan irra gahaa jiru kana jalaa bahuuf ilaacha ummanni Qeerroof qabu jijjiruu akka qabu sirriitti beeka. Sababa kanaaf Qeerroon kan tarsiimoon masakamu osoo hin taane kan miiraan machaaye fiigu fakkeessee dhiyeessuu barbaada. Humna tokkummaa qabu osoo hin taane kanuma faffaca'ee fincilu godhees agarsiisuun akeeka isaati. Humna kaayyoo biyya ijaaruu qabu osoo hin taane walitti qaba daa'immaniifi kashalabbee biyya jeequdhaaf machoofte akka taatetti mataa ummataa keessatti uumuu fedha. Kana ammoo ololaan yaalanii waan dadhabaniif luuxxee seentotaafi lukkeeleedhaan ( infiltrators and agent saboteurs) fayyadamuun Qeerroo fakkaatanii hojii tarsiimoo hin qabneefi ummata nuffifisiisu fayyadamuutti cehaa jiru. Harargeetti yeroo uggura jimaa Qeerroo fakkaatanii daldalatoota saamaa turan, haadholii waa gurguratan boochisaa turan. Hiriirota godhaman keessatti ummata gara kaambii waraanaatti oofuu dabalatee shira gaaga'ama guddaa fiduu danda’u garagaraa kan yaalan ta’us yaaliin isaanii kuni tattaaffii manguddootaafi poolisiin hanga ammaa qindoominaan godhaniin fashalaa’uu danda’e. Gara fuulduraatis shira kana daran cimsanii akka itti fufan shakkiin hin jiru.

B. POOLISII OROMIYAA - kasaaraa Wayyaaneerra barana gahe keessaa inni ol’aanaan poolisiin Oromiyaa ummatarra goruu isaati. Poolisiin Oromiyaa uummata isaatiif qabatamaan aantummaa agarsiisiisuu isaa bira darbee saamicha jeneraalonni Wayyaanee godhaa jiran bakka heddutti harkatti qabuudhaan gufuu itti ta'eera. Weerara jeneraalonni kun Abdi Ilee duubaan taa’anii godhanis ummata waliin ta'uun kan fashalse poolisii Oromiyaati. Qaama mootummaa kamuu keessatti caasaan hidhateefi hojii nageenyaa keessatti gahee guddaa qabu qajeelfamaafi akeeka mootummaa sanii hojiitti hiikuu diduun isaa sirni suni jiguuf kalaawuu isaa kan agarsiisudha. Akkuma amma dura jenne mootummaan utubaalee aangootin (pillars of power) deeggaramee jiraata. Utubaalee san keessaa tokkoofi jabaan qaama poolisiiti. Poolisiin gara ummataa gore jechuun utubaan tokko sirnicha jalaa baheem sirnichis kufuuf garaasitti jallate jechuudha.

Wayyaaneen aantummaa akkanaa kana yoomiyuu hin fudhattu. Kanaafuu haala kana jijjiirudhaaf mala barbaaduun ishii hin oolu. Kanaaf filannoo lama qabdi. Kan duraa humnaan micciirtee poolisiin sodaatee akka ajajamuuf gochuudha. Kan gochuuf garuu sababa ishii barbaachisa. Poolisiin Oromiyaa nama ajjeesuu waan dhaabaniif inni jedhu sababa gahaa isaaniif hin ta’u. Kanaafuu gara filannoo lammataa deemuuf dirqamu. Kunis yeroo hiriiraa, walgahiifi bakka poolisiifi ummanni walitti dhufanitti jeequmsa kaasuun Uummataafi Poolisii walitti buusuudha. Walitti bu'iinsi kun waa lamaaf kaarra saaqa. Kan duraa aantummaan poolisiin ummataaf qabu kun sababa jeequmsaatiin gara diinummaa duraaniitti akka deebi'u godha. San qofaa miti. Yoo danda'an Oromiyaa guututti jeequmsa uumuudhaan, poolisiin Oromiyaa naannicha keessatti heeraafi seera eegsisuu dadhabeera jechuudhaan kallattiidhaan hoggansi poolisii Oromiyaa ajaja federaalaa jalatti akka galu godhuu barbaadu. Kana gochuuf ammoo labsiin mootummaa federaalaa lakk. 359/2003 jedhamu kan federaalli akka aangoo naannoo irraa fudhatu hayyamuuf baafatanii lafaa qabu. Halli Oromiyaa keessaa karooraan maletti boorayee ajajoonni poolisii Oromiyaa bakkaa kaafaamanii poolisiifi milishaan Oromiyaa kallattiidhaan federaalaan ajajamuu jechuun immoo kasaaraa hamaa qabsoo teenya waggoota hedduun of duuba deebisu yommuu ta'u Wayyaaneef ammoo lootorii lubbuu ishii gaggabde tana baraarsuudha.

C. HOGGANSA MNO- Bu'aa warraaqsa waggoota sadan dabranii keessaa tokko DHDUO keessa warri sabboonummaa, beekkumsaafi murannoonis irra wayyaa qaban gara aangotti dhufuudha. Jarri kun gara aangotti dhufuun gaafii Oromoo deebisee saba keenya kan aangesse ta'uu baatus qabsoo bilisummaa Oromootiif faaydaa guddaa akka qabu jijjiramoota mul’ataa jiran irraa hubachuun ni danda’ama. Jijjirama gama poolisiitiin dhufe armaan olitti kaaseen jira.

Miidiyaan kaleessa saba Oromootin dhiphoota, shoorarkeessitoota jechaa ture har'a ejjannoo sabboontotaa dhiheessuu eegalee jira. Misooma kijibaa dhiisee dhugaa ummataa dhiheessuu eegalee jira. Daangaa Oromiyaa gurgurachuun hafee tiiksutti seenamee jira. Qabeenya Oromiyaa irratti abbaan Oromoo ta'uu akka qabu qondaalota dubbatantu as bahe. Hojii xixiqqaas taatu wanti eegalan waan gaaridha. Warri amma aangoo irra jiran warra akka kanaan dura federaala ( Wayyaanee) bakka bu'ee Oromiyaa saamsisan osoo hin ta’in wa warra mirgaafi dantaa naannichaa falman akka ta'an dubbataa jiru'

Shira wayyaaneen xaxxuu fshalsuuf falmaa kana keessattis aangoo federaalaa ifatti gadi dhiisuu mormii eegalanii jiran. Hoggana waan sabni barbaadu hojjachuuf aangoofi humna qabu ta'uu baatus kan hawwiifi fedhii ummataa dhaggeeffatee dubbatutu as bahe. Waliigalatti dhaabni Wayyaaneen Oromiyaa al-kallattiidhaan ittiin bulchuudhaaf ijaarattee turte gara mooraa qabsoo Oromootti saffisaan as siqaa jiraachuun kun saba keenyaaf hiree guddaa yoo ta'u Wayyaaneef immoo baay’ee sodaachisaadha. Kana jijjiruuf saffisaan socho'aa jirti. Akka duritti akka feetetti kan jibbite aangoo irra kaaftee kittillayyoo biroo aangoo irraa baasuu akka hin dandeenye waan beektuuf sababa uummachuu qabdi. Shirri gara naannoo Soomaleetin gooteyaa li duraati. Garuu fashalee jira. Shirri itti aanu Oromiyaa jeequmsa guddaa keessa galchitee keewwata armaan olitti tuqne sanitti fayyadamuun bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa waraana biyyattii jala oolchuudha. Hogganoota Oromiyaatiin warra nageenya naannichaa eeguu dadhaban/didan ( unwilling and unable to protect the constitutional order), kanneen shoorarkeessitoota waliin hidhata qaban taappeellaa jedhu itti maxxansanii rukutuudha. Gara kanatti akka deemaa jiran immoo nama qalbiin xiyyeeffate hundaaf ifa natti fakkaata.

Qeerroo, Poolisii Oromiyaa fi hogganoota MNO waliin dhahuun maqaafi qaamaan balleessuun ( Physical and political elimination) akeeka yeroo ammaa Wayyaaneen lubbuu ofii ittiin baraaruuf lafa kaayyattee ittiin socho'aa jirtuudha. Akeekni ishii kun galma kan ga'u yoo qaamonni sadeen kunneen karooraafi tarsiimoo itti yaadamee qophaayeen masakamuu dhabanii diinaaf qaawwa bananiidha. Mootummoonni abbaa irree yeroo warraaqsi uummataa isaan kuffisuuf ka'u tooftaalee farra warraaqsaa ( counter revolution strategies) fayyadamu. Farra Warraaqsaa (Counter revolution) hoggaa jennu warraaqsi tokko yennaa sirna abbaa irree kuffisuuf dhiyaatetti warraaqsi suni sakaallamee ykn butamee akka of duuba deebi'u ykn ammoo abbaan irree sun erguma kufeeyyuu humnoonni warraaqsaa aangoo dhuunfatanii turuu dadhabuu isaanitiin sirni kufe sun ykn qaamni sirna sanaa ( fkn waraanni) deebi'ee aangoo qabachuu yeroo danda'eedha. Dhiheenyuma kana yoo fudhanne Waraanni biyya Masrii (Egypt) kan biyyattii waggoota 60 oliif bitaa ture warraaqsa Arabootaa (Arab Spring) bara 2011 saniin erga kufee booda, warruma warraaqsa san qabsiise jijjirama fide san walitti buusuudhaan deebi'ee aangoo qabatee ture.( dhimma counter revolution kanarratti guyyota itti aanani bal'inaan isiniin gahuun yaala).

Walumaagalatti akkuman baniinsa barruu kanaa irratti ibsetti kiiloomeetiriin takkittiin dhuma fiigicha maaraatoonii sun abshaalummaa, tasgabbii fi of eeggannoo cimaan socho'uu gaafatti. Yeroo gabaabduu hafte sana obsaan goolabuun osoo danda’amuu jarjara hin barbaachisne keessa galuun kufaatii hamaa ta’e fiduu malti. Osoo karaan hin dhumin dhumni isaa dhiyaatee waan nutti muldhate qofaaf gammachuudhaan of wallaaluunis of dagachuu fiddi. Kanaafuu akkuma atileetotni keenya yeroo irraa gara yerootti hamma injifatanitti miiraafi of eeggannoo cimaadhaan fiiganii moo’atanii nutti agarsiisan sanatti nutis karaa gabaabduu nu hafte tana tarsiimoo lafa kaayamee hanga ammaa bu'aa buuse irraa osoo hin maqin, tasgabbiifi waldhaggeeffachuun adeemuun baay’ee murteessaa akka ta’e hubachuu qabnan jedha.

Har'aaf kanuma
Isinitti dheeressee dhiifama
Dhugaa qabna
Tokkummaan qabsoofna
Tarsiimoon masakamna
Ni injifanna!!

Wednesday, October 11, 2017

Tokko tokko immoo “Oromoon bilisummaatti dhiyaateera

Tokko tokko immoo “Oromoon bilisummaatti dhiyaateera

                                                             ( Dr Milkeessaa Miidhagaa)
Dr Milkeessaa Miidhagaa

Tokko tokko immoo “Oromoon bilisummaatti dhiyaateera; gaafa sana anatu bulchuu qaba waan ta’eef anis hiriira waameera”

 tokko tokko immoo Itoophiyaa ala taa’ee marii wayii wayyaanee wajjin jalqabe jedhamee oduun odeeffamu nama ajaa’iba. Kuni hunduu bilaasha. Kuni hunduu gadi aantummaadha. Kuni hunduu miira mo’amuuti. Kuni hunduu kisaara fi dantaa dhuunfaaf bitamuudha. Qabsoo Oromoon taasiseen OPDOn jabaattee “Oromoon dhiibameera sirna federaalizimii kana keessatti; Mootummaan Federaalaa Oromoo irratti qoqqooddii geessiseera; Oromoon sirna kanarraa Oromoon humaatuu hin fayyadamne; kanaafuu, aangoo muummicha ministeeraa ykn biyya kana bulchuu amma fudhachuu kan qabu Oromoodha” yoo jette, kun waan jajjabeeffamuu qabudha malee waan OPDO waliin morkii uumu ta’uu hin qabu ture. Barana waan baay’ee dhagahuuf deemna. Kan maddi aangoo jara dulloomee bakka lixu dhabe kanadha jedhee amanee “biyyatti na galchaa ani Oromoo isiniifan qaba” qaamni jedhe jira jedhani. Hiimmmm. Kana jechuun “OPDO durii santu ala kanatti uumame moo akkamii” nama jechisiisa. OPDOn duriituu qabsoo waggoota sadan afran darbe kana keessatti jijjiirameera. Qabsoo Oromootti makamuun “qabsoo kana ni hoogganna” jechaa jiru gareen Obbo Lammaa faa. Akka duriitti yaaduun hin danda’amu. Utuma jennuu waan tokko jala murree walitti himuun dirqama. Kunis Oromoon mirga isaaf falmataa jira malee dhaaba siyaasaa kamiifuu falmaa hin jiru. Kanaafuu, dhaabni siyaasaa dantaa Oromoof qabatamaan dhaabatu kamiyyuu deeggarsa isaaf malu argachuu qaba. Duruu Mallaasaan gaafa dubbiin manaa itti cimte, “abaluun dhaqee fida; magaalli abaluu kan warra akkasiiti; abaluu wajjin marii godhaa jirra….” jechaa ture. Diraamaa qabsoo uummataa irratti dalagaa ture. Amma booda qabsoo uummataa irratti “diriddiriin” kamiyyuu taa’amuu hin danda’u. Diriddiriin biyya alaatti godhamu kamiyyuu diinaaf umrii dheeressuu malee bu’aa hin buusu. 

Warri OPDO hoogganus kana booda, mudhii hidhattanii masaraa kiiloo afurii galuudhaan gaaffilee Oromoo kuma tokko walirra bara dheeraadhaaf tuulaman altokkoon deebisuuf yoo hojjettan hojjedhaa! Kana gochuu qofatu isin baasa. Kana gochuu qofatu uummata Oromoo waliin isin tursiisa. Kana yoo gootan tokkummaa uummataa gama hundaan qajeeloon lafa qabata; fi deeggarsa uummataa gahaas ni argattu. Qamnii dhoksaan qabsoo uummataa irratti qumaara taphattan; warri dhiigni Oromoo dhangala’u malee dhiigni keessan hin hojjenne nurraa dhaabaa! Warri itti amantanis tarsimoon keessan dogoggoradha nurraa dhaabaa!

Tuesday, October 10, 2017

GORSA: ALAABAA

GORSA: ALAABAA 

                                                                (Jawar Mohammed)
Jawar Mohammed
Jidduu kana alaabaan ABO Irreechaafi hiriira irratti argamuun marsaalee hawaasaa irratti wal falmisiisaa akka jirun arga. Alaabaa qabatanii bahuun gaariidha kan jedhuufi sirrii miti kan jedhus hammeenyaaf natti hin fakkaatu. Dhimma kana gorsa obbolummaa armaan gadii dhiheessuun fedha.

1) Alaabaan tun faajjii qabsoo Bilisummaa Oromooti. Sadarkaa qabsoon har'a irra geesse kanaaf xurree kan taraare qabsaa'ota alaabaa tana jalatti hiriiranii dhiiga isaaniitin Oromummaafi Oromiyaa gadi dhaabaniidha.Sammuu Oromoofi diinaa keessattis qabsoo Oromootif alaabaa tana adda baasanii yaaduun waanuma hin danda'amne. Kanaafiidha alaabaan tun tan dhaaba ABO qofa osoo hin taane faajjii Qabsoo Bilisummaa Oromooti ( Resistance or Freedom Flag) kan jedhamuuf.

2) Irreechas ta'ee hiriira irratti ummanni alaabaa kan fiduuf jaalala irraa qabuufi mallattoo murannoo isaa waan taateefi. Ergamtoonni diinaa duris har'as fakkeessanii nu jidduu lixuun iccitii argachuufi qabsaa'ota funaanuuf alaabaafi mallattoolee qabsoo biraa of dura qabuun beekkamaadha. Kanaafuu qabsaa'onni dhugaa alaabaa bakkoota akkasii fiduun miidhaa tooftaafi tarsiimoo yoo kan qabaatu taate malaan gorsa laachuu malee balaaleffannaafi maqaa walirra kaayuun gaarii miti. Inumaatuu xiiqii keessa nama galcha. Alaabaa tana xiqqeessuun, warra ishii qabatee bahuu dimashaashatti maqaa balleessuun gonkumaa fudhatama hin qabu; atakaaroo hin taane uumee tokkummaa keenyas laaffisa.

3) Alaabaas ta'ee dhaadannoon hiriiraafi walgahiilee irratti dhihaatu kan haala yeroo saniifi akeeka mormii yeroo sanii waliin deemu ta'uu qaba. Haala amma irra geenyeen poolisiin Oromiyaafi qaamni bulchiinsaa qabsoo tanaaf naatoo agarsiisuu eegaluun injifannoo guddaadha. garuu ammoo Poolisiifi qaamni bulchiinsaa qabsoodhaaf naatoo agarsiisuun tarkaanfii ukkaamsuu fudhachuu irraa of haa qusatan malee ammas qaama mootummaa sanii ta'anii tajaajilaa akka jiran irraanfachuu hin qabnu. Tasgabbiifi nagaya eegsisuu, heeraafi seera mootummaa sanii eeguun biddena isaaniiti. Kanaafuu mormii goonu keessatti alaabaa, dhaadannoofi tarkaanfii rakkoo keessa isaan galchu fayyadamuu dhiisuun aantummaan isaanii daran cimee akka itti fufuu dandeessisuun qabsoo teenyaaf faaydaa guddaa qaba;

4) Yeroo ammaatti Wayyaaneen Poolisiin Oromiyaafi caasaan bulchiinsa Oromiyaa sadarkaa adda addaa Qeerroo waliin walitti dhihaachaa dhufuun hedduu naasisee aarsee jira. Tumsaafi tokkummaa Oromootaa kana gamanumaa qancarsuudhaaf walitti buusuuf shira hin xaxne hin qabdu. Fakkeenyaaf lukkeeleen diinaa ( agent provocateurs)ummatatti makamuun dhaadannoo saboota biraa tuqu dhageessisuu malu, hanga ammaatis yaalanii dhaabsifamaa turan. Hiriiratti makamanii qabeenya mootummaafi ummata barbadeessuun jeequmsa uumuun tooftaa isaanii isa biraati. Poolisiifi Qeerroo walitti buusuuf hiriira keessaan Poolisii dhahuu ykn poolisii fakkaatanii Qeerroo ajjeesuu malu. Haaluma kanaan alaabaa qabatanii jalatti dahachuun qindeessitoota ciccimoo adda baafachuun dabalatee poolisaafi qaama bulchiinsaatiin 'ergamtoota ABO' jedhanii taappeellaa itti maxxansuun Wayyaaneef akka mijaatu karaa saaquu malu. Kanaafuu Tokkummaan Qeerroofi poolisii Oromiyaa kun akka cime itti fufuuf qaawwa kamillee diinaaf saaquu hin qabnu. Tooftaalee daran walitti dhiheessuufi Wayyaanee sababa dhoorkutti dhimma bahuun haxxummaadha.

Dhumarratti alaabaan tun dhiiga obboleeyyan keenyaatiin qalbii Oromoo cufaa keessatti sumudamtee jirti. Yoo hamtuu ishii dubbatan nama keenya kan obbolaan alaabaa tana jalatti hiriiranii saba kanaaf wareegaman dhiigatu danfa. Kanaafuu dhimma tooftaatin walqabsiifnee alabaa qabannee baana moo ni dhiifna yaada jedhurratti yeroo mari'annu jechoota fayyadamnu keessatti of eeggannoo cimaa godhuu qabna. Tarsiimoodhaaf jecha yeroo tokko tokko alabaa qabattanii hin bahinaa yeroo jennu, alaabaa xiqqeessuuf osoon hin taane akeekaa alabaa sanii daran gara fuulduraa tarkaanfachiisuuf akka ta'u wal hubachiisuun barbaachisaadha. Tarsiimoon masakamnee, malaan yoo sochoonee saffisa amma irra jirruun itti fufne gaafni alaabaan goototaa tun magaalaafi baadiyyaa Oromiyaa hunda keessatti injifannoon itti mirmirtu fagoo miti.
Mari'adhaa 
Jachaan wal eeggadhaa
karaa waloo saaqqadhaa
Injifannoo Goonfadhaa!

Irreecha Malkaa Ateete

Monday, October 9, 2017

Miidhaa dhiisanii miidhamaa balaaleffachuun cubbuudha.



Miidhaa dhiisanii miidhamaa balaaleffachuun cubbuudha.

Mohammed Abdella
Mirga ofii akka hundattuu gaafachuun cubbuu hin qabu. Mirgaa fii haqa ofii akkaataa keessa jirtutti falmatta malee akka qaama mirga kee sirraa mulqe gammachiisuttii miti. Karuma fedheenuu abbaan haaqaa isaa yoo gaafate qaanessuun cubbuudha.Mootummaa abbaa irree keessatti ummanni karaa itti fakkatee fii dandayameen mirga isaa gaafata komii isaa calaqqisa.Gaafii mirgaa kana ukkaamsuufiis mootummaan abbaa irree maloota adda addaatti fayyadamee ummatarraan miidhaa geessisa.Yeroo mootummaan abbaa irree ummata mirga gaafaterratti tarkaanfii fudhatee ummata miidhu kan cubbuu hojjate mootummicha malee ummata mirga gaafatee miti.Kan balaaleffatamuu fii qaaneffamu qabuus miidhaadha malee miidhamaa tahuu hin qabu.

Miidhaa dhiisanii midhamaa balaaleffachuun xiqqeessuun busheessuun yaadaan gama miidhaa jiraachuudha agarsiisa.Midhaadhaan gochi kee sirrii miti jedhanii balaaleffachuu ceephessuu dhiisanii miidhamaadhaan maaliif akkanatti mirga gaafatta? Maaliif akkasitti hin gaafatin ? Siituu of miidhe waan akkasitti gaafatteef badiin keeti jechuun miidhaadhaaf tumsa tahuudha.Kun ammo cubbuudha.

Alaabaa ayyaana Irreechaa Malka Ateetee irratti ummanni qabatee baheen walqabatee yaadonni gara garaa miidiyaa hawaasaa kanarra naannawaa jira.Yaadota kana keessaa tokko alaabaa qabatanii bahuun sirrii miti rakkoo sababa kanaan fuula dura dhufuu maltufiis kan kanaan dura dhufteefiis ummata alaabaa qabateetu ittigaafatama kan jedhudha.Gareen yaada kana tarkaanfachiiftu kun gaafa akkanaa gaafa akkasii sababa alaabaa qabatanii bahaniif namni hanganni hidhamee hanganni immoo ajjeefamee alabaa qabachuun sirrii miti ummata alaabaa qabatee deemeetu badii kana fudhachuu qaba jechaa jiru. Alaabaa akkasii qabatee ummanni waan baheef fuula duraas mootummaan akkas godhuu ta’a akkana godhuu ta’a jedhanii ummata abbaa badii godhuun sodaachisaa jiru.Haala kanaan cufamuu Walda Maccaa fiii Tulaamaatiifiis ummata alaabaa qabatee bahe abbaa badii godhuudhaan itti gaafatamaa godhaa jiru.

Ajjechaa gaafa hiriira Guddicha Oromoofiis ittigaafatamummaa ummatarra kaaya jiru. As irratti gaaffiin guddaan tokko gocha miidhaan raawwateef miidhamaa balaleeffachuun ceephessuun xiqqeessuun maaliif barabaachise? Ummanni abbaa mirgaati akkuma fedhettuu yoo mirga isaa gaafate haqa isaati mirga isaati.Kan nama hidhuudhaa fii ajjeesuudhaaf cepha’amuu qabu xiqqeeffamuu qabu qaneeffamu qabuu mootummaadha malee ummata miidhamee miti.Gocha miidhaan raawwateef miidhamaa balaaleffachuun cubbuu miidhamaa itti gaafatamummaa jalaa baasuuf godhamuudha.Miidhamaa abbaa badii godhuu fii ittigaafatamaa godhuun kun yaadaan gara midhaadha jiraachuu agarsiisa.Ummanni abbaa mirgaa hanga tahetti ummanni haaluma fedheenuu mirga isaa gaafachuuf mirga qaba.Ummanni mirga isaa gaafachuudhaaf eega mirga qabaate miidhaa sababa ummanni mirga gaafateef mootummaan midhaa ummatarraan gaheetu gaafatamuu qaba balaalleffatamuu qaba malee ummataa miti.

Gareen miidhaa ummatarra gahee ummata itti gafatamaa godhaa jiru kun yaadan gara mootummaa galuu isaaniif ragaan guuddaan tokko yeroo isaan yaadaa kana kaasaniidha.Alaabaa qabatanii hiriira bahuun,ayyaanaa dhaquun bakka waltajjii dhaquun arra hin eegalle yoo tiqqate waggaa 10 kan godhamaa tureedha( haala addaatiin immoo waggaa lamaan darban kana haalaan raawwatamaa ture).Namoonni amma guyyaa keessaa nama alaabaa qabatee ayyaana dhaqe kana balaalleffataniif maali? Gochii kun sirrii miti jedhanii yoo itti amanan kanaan dura dubbachuu maaltu isaan dhoorke? As irratti wanti ifa tahuu qabu an alaabaa qabachuun siirridha jechaa hin jiru.Kaniin an jechaa jechaa jiru miidhaa mootummaatiif midhamaa balaaleffachuun sirrii miti akkasumaas eega waggaa baayyee kana callisanii guyyaa keessa ummata balaaleffachuutuun sirrii miti jechuu kiyya.
Kana malees, gareen kun alaabaa qabatanii deemuun wareegama baayyisa yaada jedhu kaasaa jiran.

Gaaridha.Dhuguma alabaa qabatanii kanaan hiriira bahuun ‘wareegama hin barbaachifne’ nu kafalchiisa yoo tahe,waggoota baayyee kana sababa alaabaatiin ‘wareegama hin barbaachifne’ kana hanga sabni kun kafalu maaliif callisan? Moo ‘wareegamni hin barbaachifne’ kun aarruma itti mullatee? Kanaan dura osuma wareegama hin barbaachifne kana argaa jiranii callisan yoo tahe ummata keenya kan ‘wareegama hin barbaachifne’ kafalaa ture kana bararuuf maal godhaa turan? Namni hanga sabni isaa wareegama hin barbaachifne kafalu kana callisee itti eegaa ture arra guyyaa keessaa saba kanaan wareegama hin barbaachifnerraa baraaruudhaaf dhufe yeroo jedhu anaaf fudhatama hin qabu.

Karaa biraatiin yaadni gareen kun dhiheessa jiru alaabaa qabatanii ayyaana Irrechaa dhaquun murtii gumii abbootii gadaa faallessaa sirrii miti kan jedhudha.Ayyaana Irreechaa siyaasaarraa bilisa gochuudhaaf murtii gumii abbootii gadaa fudhachuun sirriidha.Garuu,ayyaanni Irreechaa siyaasaarraa walaba tahuu qaba yeroo jedhamu ilaalcha siyaasaa namni dhunfaa karaa adda addaa alaabaa qabachuun uffata alaabaa fakkaatu ufachuun calaqqisurraa bilisa jechuu miti.Siyaasaa irrraa bilisa yeroo jedhamu akka dhaabaa siyaasatti jechuudha.

Dhumarratti yaadni gareen kun kaasan, alaabaa kana qabachuun mootummaa naannoo Oromiyaa yakkiisiisa jedhu. As irratti kan hubatamuu qabu OPDOtu qabsoo ummataatti dabalamaa jira malee ummanni OPDO dabalamee qabsaawaa hin jiru.Eega kana tahe ,OPDO tu waan ummanni fedhe qabatee deemuu qaba malee ummanni waan OPDO feete qabatee deemuu hin qabu.Dhaabni siyaasaa ayyaana Irreecha san waltajjii siyaasaa godhachuu hin qabu jechudha. Kara fuula duraa immoo eega gochi tokko raawwatame quba walitti qabuu osoo hin tahin waliin mariyachaa wajjiin yoo deemne gaariidha.

Sunday, October 8, 2017

Wal muddaan siyaasaa Oromoo fi Wayyaanee gidduu jiru hundee gad fageeffataa deemaa jira

Wal muddaan siyaasaa Oromoo fi Wayyaanee gidduu jiru hundee gad fageeffataa deemaa jira

                                             (Yaya Beshir/ Boruu Barraaqaa irraa)
Yaya Basher
Wal muddaan siyaasaa Oromoo fi Wayyaanee gidduu jiru hundee gad fageeffataa deemaa jira. Keessattuu dubbiin jajjabduun gara dhimma aangoo biyyattiin wal qabatutti xiyyeeffachaa jirti. Kanaaf jecha Wayyaaneen qalbii ummata Oromoo giddu galeessa irraa gara xarafaatti deebiftee ofii qehee keessaa wantoota gufuu itti tahan of duraa qulqulleeffachuuf hojjechuu barbaaddi. Wanni weerarri waraanaa Harargee irratti akkas jabaataa dhufeefis kanumaan wal qabata jedheen yaada.
Daangaalee Oromiyaa biroo (Fakkeenyaaf, gama Afaarriin, gama Kibbaa fi gama Dhihaan) weerara nurratti hammeessuuf lafa jala itti jirti. Kun hundi qalbii keenya guutummaatti moggaa biyyaa (peripheral lands) irratti deebiftee ajaja masaraa giddu galeessaa (central command) jajjabeeffachuufi. Walumaa galatti tarsiimoo qabsoon Oromoo haarayatti horachaa deemaa jirtu facaaftee bittaa sirna ishii itti fufuuf yaalii gochuu maltu hundumaa dursinee harkatti bacancarsuu feesisa.

Akka fakkeenyaatti wantoota godhamuu qaban keessaa muraasa: 

1. Finfinneen akkuma handhuurummaa isaa wiirtuu qabsichaa tahuun akka hin dagatamne, Masaraa Finfinneetii harka diinaa jiruu Oromiyaan gonkumaa nagaa hin argattu. 


2. Qondaalonni OPDO gurguddaa fi ummata Oromoo biratti jaalala horataa jiran of-eeggannoo jabeessuu qabu. Wayyaaneen amma saree maraatte taatee jirti. Ishii amananii eegumsa tikaa gahaa malee bakka fedhetti waliin walgahii taa'uun yeroo kanatti amansiisaa miti. 


3. Kutaalee Oromiyaa Wayyaaneen itti duulaa jirtu baraaruuf deeggarsi jabaatee akka itti fufu,


4. Xiyyeeffannoo Wayyaanee gargar facaasanii bittinneessuuf jecha kutaa Oromiyaa mara keessatti fincilli dhoohee lafa sochoosuu qaba.

 
5. Meeshaan waraanaa gurguddaas tahee xixiqqaan dachii Oromiyaa keessatti kuufamee argamu toyannoo MNO jala hatattamaan galuu fi yoo barbaachisaa tahe Poolisa Oromiyaa (PO) fi Foollee Oromoo (FO)f qoodamee ajaja PO tiin taliigamuu feesisa. 


6. Ilmaan Oromoo Humna Ittisaa keessatti sadarkaa guddaa hanga xiqqaatti jiran Oromiyaaf dirmachuun amma akka tahe qaama dhimmi laaluun qajeelfamni dabruufii feesisa. 


7. FO hanga ammaatti jaarame irratti dargaggoonni Oromoo kumoota kudhanootaan itti dabalamanii Foollummaadhaan jaaramuun dirqama. Foolleedhaaf leenjiin waraanaa idilee hatattamaan qophaaweefii PO wajjin harka wal qabatanii Oromiyaa toyachuuf qophaahuu qabani. Injifannoon qabsoo Oromoo falmaa hidhannoon alatti dhufa jedhanii eeguun gonkumaa hin danda'amu waan taheef.


Walumaa galatti akka bal'ina lafa keenyaa fi guddina saba keenyaattii bakka hundaa fi bifa hundaan yeroo tokkotti yoo itti kaane waan qabattuuf gadhiiftu ishee wallaalchisuutu danda'ama. 

OROMIYAAN NI BILISOOMTI!

Saturday, October 7, 2017

AbbaaDuulaa Gammadaa: Ganamaan hirribaa dammaqee akkuma barate harki kiyya gara bilbilaa fiige.

AbbaaDuulaa Gammadaa:
Ganamaan hirribaa dammaqee akkuma barate harki kiyya gara bilbilaa fiige.

                                                                (Babsa Tula irraa)
AbbaaDuulaa Gammadaa
Ganamaan hirribaa dammaqee akkuma barate harki kiyya gara bilbilaa fiige. Duuba Oromoon tuni akkamitti oolte/bulte isa jedhu oduu abuuruuf harki ammas akkuma barate gara facebook taffise. Inbox tiyya odeessa hoo'ituun oli guuttee na eegdi. Kabajamaan Obbo AbbaaDuulaa Gammadaa afa-yaa'ii mana maree mootummaa Woyyaanee gadi lakkisan jetti! Mee hanga taate AbbaaDuulaa irraa dubbanna takkaa, bu'a bayii fi adeemsa isaa!
Biyyoota diinagadee, siyaasaa fi --.haawasummaan guddina agarsiisan keessatti mootummaan isaan waliin hojjetan karaa irraa maqnaan, adeemsi bulchitoota mootummaa sanii gammachiisuu didnaan, mootummaan suni mirga lammiilee biyyaa tuqnaan fi badii biroo adda addaa raawwannaan namootni sabaaf dhimmaman dhiitanii keessaa bayu! Fakkeenyaaf asi dhiyoo tana biyya America keessatti warri olaantummaa ummata adii leellisan (white supremacists) Virginia magaalaa Charlottesville ti duula gaggeessaniin namni hedduu miidhamee ture. Ijjannoon yaadaa kan President Donald Trump fudhate kan isaan hin gammachiisin, keessattuu gorsitootni diinagdee Trump (business and manufacturing CEOs) angoo isaanii gadhiisanii keessaa yaa'an!

Biyyoota Afrikaa keessas wayta mootummaan daangaa ceehu mootummaa sani keessaa ofi baasuun darbee darbee waanuma jiru. Garuu yeroo baay'ee kan ta'u yoo mootummaan kufaatitti dhiyaatu. Akkuma beekkamu mootummaan biyyoota Afrikaa yeroo kufaatii isaa waa balleessee deema. Yeroo mootummaan tokko waa balleessee baduuf jedhu namootni quuqama saboota isaaniif qaban mootummaa keessaa yoo yaa'an kufaatii mootumichaa akka malee ariifachiisa! Kuni aadaa abbootii irree Afrikaati!

Gara biyya keenyaati yoo deebinu ammoo; mootummaan Shiftaa Tigraay wanjela hedduu ummatoota Ethiopia, keessattuu Oromoo, irratti raawwataa ture. Namootni Oromoo qaama mootummaa kanaa ta'an tokko tokko kan dubbiin sabaa isaan dhukkubistu yeroo adda addaatti keessaa yaa'aa baqattuu ta'aa turan. President irraa kaasee hanga Jeneraalotaa warri didanii keessaa yaa'an heddu!

Baroota 2/3 darban kana keessa qabsoon Oromoo bifa jijjiirattee Warraaqsa ummata guutuu taatee asi baatee jirt. Mootummaan Tigree ganna 100 biyyattii tana bita jedhee dhaadataa ture caasaan isaa burkutaayuu eegale. Diinagdeen isaa daaraa ta'e! Siyaasaa addunyaa keessatti kufe, gama dipilomaasiitiin. Akkasuma ummatni keenyas gara jabinaan mootummaa kanaan dhume. Yeroo kanatti waan biyyoota Afrikaa keessatti barame sani OPDO irraa eegaa turre! Mootummaa sani keessaa yaa'anii kufaatii isaa ariifachiisuu! Yeroo nuti eegne sanittis ta'uu baatu amma kabajamaan Obbo AbbaaDuulaa Gammadaa nuuf eegalee jira! Viva, bravo, Obbo AbbaaDuulaa jennaan!

Obbo AbbaaDuulaa Gammadaa kana Oromoon haala addaatiin ilaalti. Tokko tokko ni komatti, tokko tokko ni abdatti! Ani yeroo inni gara angoo president seenu nama reefuu siyaasaa hoo'ifataaru ture. Yeroo sanatti ajajaa fi ergaa warra keenya tokkoo malee hin sosso'uun ture. Waraqaa isaan natti ergan kan AbbaaDuulaa balaaleffattu, arrabsitu, maqaa addaa kennituuf dubbisaa, facaasaa ture. Namichi erga president Oromia ta'ee waa hedduu irratti odeeffamaa turte soba taasise! Oromoon inumaa nama jabaa angoo qabutti fayyadamee ummata isaa tajaajile filatamaa gootee ofitti fudhatte!

Booda, AbbaaDuulaan abbaa fi tooftaa mahandisii Ijaarsa OPDO ta'ee asi baye. Bara 2004/5 irraa kaasee OPDO dargaggoota, barattoota, namoota baratan, qotee bulaa, daldalaa, fi qaamolii hawaasaa cufa itti naqee OPDO duri miseensota kuma dhibba hin caalle qabaataa turte million horeef! Kun karaanis ta'u karaa malee qabsoo Oromoon baroota darban godhaa turaniifis, haala amma keessa jirruufis boqonnaa injifannoo haaraya ta'ee jira! Garaa garummaa OPDO hardhaa fi kaleessaas uumee jira! Balaan feete galtu OPDOn hardhaa mataa gadi cabsattee dugdaan gadi jettee diinaaf him eegamtu!

Booda, Obbo AbbaaDuulaan master plan Tigreen Oromoo dachii irraa dhabamsiisuuf qopheeffatte karaa adda addaan ofirraa gate! Dursa, master plaanicha gara ummataa baase. Deebi'ee, master plaanicha irratti ijjannoo qabu lafa kaaye akkana jedhee: wanti ummata keenya miidhu hojii irra hin oolu, ummata keenya fayyadus ummanni keenya hin fedhu taanaan qilee haa bu'uu. Jedhee didaa ture!

Booda, jijjiirama amma OPDO keessatti muldhatu kanaafis mahaandisii ture jedhama. Garee Muktaar kan Tigreen achi kaayattee duubaan Oromoo waxaltu AbbaaDuulaan balbalaan yaasee itti cufee garee Oromoof hojjetti jedhu duubaan itti naqee kunoo Obbo Lammaan afaan dammaa keenya president Oromia akka ta'uuf sababaa ta'e!

Booda, dantaa addaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu jedhanii ammas master plan biraatiin dhufan paarlaamaaf dhiyeessan Obbo AbbaaDuulaa Gammadaa dubbii maree ofi duuba kaaye. Kana ummanni Oromoo irratti mari'atu malee xurii isin maqaa kiyyaan tuquu fi ummata kiyya ittiin galaafatu feetan ani hin hayyamu jechuu fakkaatti dubbiin!

Booda, Obbo AbbaaDuulaa Gammadaa dubbii daangaa irratti Baale deeme. Ummata isaa dubbisee caqase. Gootummaa ummata sanaa arge! Rakkoo ummata sanaa arge! Cubbuu ummata sani irratti raawwatame arge! Walii galatti gadadoo jarri tuni ummata isaa irraan gayaniin arge. Ilkaan ciniinnatee Baalee gara Boolee qajeele!

Booda, yaada araaraaf taati jedhu Shiftoota Tigreetiif dhiyeesse! 1. Dhimma Finfinnee waliin tapha dhiisaa haqxi abbaaf haa galtuu jedhe. 2. Dhimma daangaa Oromiyaa hatattamaan haa sirraayuu jedhe. 3. Abdi Iley angoo irraa ka'ee seeraatti haa dhiyaatuu jedhe. 4. Tana diddan boolla hinquuftuutti galaa jedhe!

Jarri boolla hinquuftuu filatte! AbbaaDuulaan bilisummaa isaa labsate! Tuni boolla dhumaa jarattii akka taate shakkiin hin jirtu!!!!
Obbo AbbaaDuulaan kabajamaa dha!

Wednesday, October 4, 2017

Jimaa Oromiyaa keessaa akka uumaafi seeratti kan irraa fayyadamuu qabu

Jimaa Oromiyaa keessaa akka uumaafi seeratti kan irraa fayyadamuu qabu

                                                                (Jawar Mohammed)
Add caption


Jimaa Oromiyaa keessaa akka uumaafi seeratti kan irraa fayyadamuu qabu
  • 1. Qonnaan bulaa Oromoo
  • 2. Daldalaa Oromoo
  • 3. Mootummaa godinaafi naannoo Oromiyaati.


Shira wayyaaneetiin qaamni sadan kun galii isaaniin malu hin argatan. Waldayoota daldala jimaa Oromoo hojiin ala baasuudhaan daldala jimaa jeneraalonn Tigreefi Abdi ileen faan dhuufanchuun gatii jimaa akka fedhanitti akka murteessan dandeessise. Haala kanaan daldalaa keenya hojiin ala godhuu qofa osoo hin taane qonnaan bulaan keenyas jimaa isaa gatii gabaatin ( market value) osoo hin taane gatii daldaltoonni alagaa murteessaniin gurgurachuuf dirqame.

San qofaa miti. Dur qaraxa keellaalee irratti dhaabbatuun bulchiinsi naannoofi godinaalee galii argatu turan. Ajaja Mallasin keellaan erga ka'ee booda bulchiinsi Oromiyaa gubbaa hamma gadiitti galii argachuu malu ni dhabe. Gabateen armaan gadii qoorannoo hayyuun Kokkobee Siyuum Yunivarsitii Amboo irraa godhe irraa fudhatame. Akka qorannoon kun agarsiisutti bara 2005/ 1997 (gaafa keellaan jiran) galii qaraxaa jimaa Harargee lamaan irraa argame birrii miliyoona 146,064,224.3 ture. Keellaan hafee waggaa 7 booda galiin argame miliyoona 16,312,169 gadi bu'e. Kana jechuun galiin mootummaan naannoo Oromiyaa jimaa irraa argachuu qabu dhibbeentaa sagaltana (90%) hirdhate jechuudha. Kan Harargee Bahaa kophaa yoo laallee bara 2005/1997 galiin qaraxa jimaa 106,816,811 ture. Bara 2011 gara zero gadi bu'e. kana jechuun Jiomaa Awwadaay, Gaara Muldhata kkf irraa Oromiyaan sumunii cabduu hin argattu.

qaraxa hambisuuf sababni Mallasaan dhiheesse sharafa biyya alaa argamsiisuudha. Garuu qaraxnis hafee sharafni biyya alaa mootummaan argatu homaa hin daballe. Maarree qaraxni hafuu irraa eenytu fayyadame? Deebiin kan reefu maxxansina...kaampanii daldalaa Kaali 99, Z29, Soojid... fa'a. Abbaan kubbaaniyyaalee kanaa eenyu? Jeneraalota Wayyaanee, Abdi Illee fi Liyyu Poolisiidha.
Kun jijjiramuu qaba. Qabeenyuma keenya nama keenya hagbsanii quufanii nurratti haqqisuun hanqatee nu fixaa jiran. Kanaaf yeroon Oromoofi Oromiyaan jimaa dabalatee qabeenya isaa biroo irratti abbummaa guutuu dhuunfate itti fayyadamu amma.




Tuesday, October 3, 2017

Tarkaanfiiwwan jajjabduu waggaa tokko keessatti fudhataman keessaa kan yaadatamuu qaban (politically significant measures taken this year).

Tarkaanfiiwwan jajjabduu waggaa tokko keessatti fudhataman keessaa kan yaadatamuu qaban (politically significant measures taken this year). 

                                       ( Dr Milkeessaa Miidhagaa)

Tarkaanfiiwwan jajjabduu waggaa tokko keessatti fudhataman keessaa kan yaadatamuu qaban (politically significant measures taken this year). (Tarkaanfilee fudhataman kana yaadachuun, bu’aa qabsoon Oromoo argamsiiseef beekumtii kennuu qofa utuu hin taane, qabsoo itti aanuuf kallattii agarsiisa).
Tarkaanfiilee fudhataman:

  • 1. Jijjiirama faasama siyaasaa: Falaasama hacuuccaa irraa gara falaasama Oromoo fi Oromummaatti araaramuun deebi’uutu ta’e. Gooftaa biraa hin qabnu; gooftaan keenya uummata keenya jedhanii labsachuudhaan madda aangoo kanaan dura qaama biraa ture irraa gara uummata Oromooti deebisani. Qabsoo uummata Oromottis guutummaa guutuutti dabalamanii. Taappeellaawwan dhiphummaan, farreen nageenyaa, faarreen misoomaa bakka dhufanitti deebi’ani.

  • 2. Gaaffiiwwan Oromoon Mootummaa federaalaa irratti kaasaa turetti makamuu. Fakkeenyaaf, Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa akka ta’uuf ifatti as bahanii dubbachuun irratti akka hojjetaniif waadaa galaniiru hooggansi haaraan (dur kana jechuun ykn adeemsisuun miseensa dhaaba shororkeessaa nama jechisiisa ture). Hidhamtoonni siyaasaa kanneen akka Dr Mararaa, Obbo Baqaalaa fa’a akka hiikaman ifatti fedhii agarsiisuu fi Mootummaan Federaalaas akka hiikuuf irratti hojjechuu isaanii. 

  • 3. Poolisii/milishaa Oromiyaa, fi uummata gidduu ilaalcha walshakkii ture dhabamsiisuun poolisii fi milishaan gaachana uummataa akka ta’an taasiseera.
  •  
  • 4. Namoota gooftolii duraatiitti sagannu malee hin jiraannu jedhan, ofirraa kutanii gatuu. FKN garee Sharaten komandi poostii.

  • 5. Murtee saamicha lafaa dhaabsise (anti land grabbing measures): Lafa Godina Addaa keessatti saamtota irraa fuudhamaniiru. Kuun dhaabbata basaasa Federaalaa irraa fuudhamee; kuun immoo maqaa abbaa qabeenyaa jedhuun warra lafa nyaataa turan irraa fuudhame.

  • 6. Murtee farra kontorobaandii (anti contribund measures). Gareen kontorobaandii gaggeessu warra caasaa fi aangoo biyyattii akka fedhan godhan ta’uun ni beekama. Haa ta’uutii jara kana magaalota gurguddoo Oromiyaa keessaa dhahanii baasaniiru. Kana gochuu isaaniifis saba tokko irratti xiyyeeffattan jedhamaniiru.

  • 7. Garee qabeenya uumamaa Oromiyaa kan akka albuudaa, dhakaa….maqaa investimantiin saamaa turan hedduu irraa fuudhuun dargaggoof kennani. Kunis duula baay’ee isaan irratti bansiisee ture.

  • 8. Manneen barnootaa Afaan Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti banamuu.

  • 9. Daangaa Oromiyaa riifirandamiin irratti gaggeeffamee utuu hin sararamiin wagga kudha lamaa oliif ture dhibbentaa 80 sararuu danda’uu. 

  • 10. Waggaa 26 guutuu ukkaamfamee kan ture, faayidaan addaa Oromiyaan Finfinnee irraa argachuu qabnu akka hojiitti hiikamuuf, wixinee labsii ta’ee as bahee ajandaa guddaa ta’eera qabiyyeen isaa waan fedhes haa ta’u.

  • 11. Sararamuu daangaatiin walqabatee weerara Liyyuu poolisiin meeshaa gurguddaa hanga funyaaniitti hidhattee uummata daangaa irratti lola bante poolisii fi milishaa ofiitiin qolachuudhaan kuffisee kufaa ture, ammas ittuma jira.
  •  
  • 12. Karooraa Qubee Afaan Oromoo ABCD, Afaan Oromoo matuma isaa, aadaa fi duudhaa Oromoo akkasumas tokkummaa Oromoo balleessuudhaaf diinni waggoota dheeraaf irratti hojjetaa turte, qorannoo irratti hundaa’uudhaan daba sana balleessuun aangoo Ministeerri Barnootaa fudhatee ture, Biiroo Barnootaaf deebisee aangoo barnootaa ofii gonfateera Oromiyaan. Hubadha waan kana Oromiyaa qofatu irratti dammaqee bu’uura heeraatiin sirreeffate, naannoleen hafan hunduu haaluma durii sanaan barachaa jiru ammallee.

  • 13. Gaaffii uummataa dhaggeeffatee fudhachuudhaan, Oromoonni gaafa rakkoon isaan mudate waliin dhaabbatanii walgargaaruudhaan tokkummaa isaanii akka mirkaneeffatan ta’eera. Miidhaan uummata keenya irra gahus, tarkaanfii kanaanis tokkummaan uummanni Oromoo waggoota dheeraaf arguuf hawwaa ture, dhugoomuu danda’eera. 

  • 14. Murtee Mootummaan Federaalaa aangoo naannoo cabsuun waraana, poolisii fi damee basaasaa Irreecha baranaa irrattis bobbaasuuf dabarse, murtee mataa ofiitiin Mootummaan Naannoo Oromiyaa murticha dhorkeera; aangoo heerri kenneefis tikfateera. Haaluma kanaan Irreecha irratti Gumii Abbootii Gadaa Oromoo (GAGO) aangessuudhaan nagaa fi tasgabbii mirkaneesseera.

  • 15. OBN sagalee uummataa akka ta’u murtaa’uu isaa;


Hubachiisa: 


Tarkaanfileen armaan olitti tarreeffaman kun waan guddaa ta’aniif utuu hin taane, yeroo gabaabaa waggaa tokko keessattii fi haala walxaxaa siyaas dinagdee biyya kanaa kan baroota dheeraaf hundee gadi fageeffatee ture keessatti ta’uun isaa hubatamuu qaba. 
Qabxiiwwan olitti tarreeffaman kun, hooggansa Obbo Lammaa garmalee faarsuuf ykn gadi xiqqeessuuf utuu hin taane, wantoonni qabatamaan raawwataman kun seenaa DhDUO keessatti jijjiirama bu’uuraa kan lakkaa’amuu danda’an ta’uu isaa yaadachiisuufi. Tarkaanfileen fudhataman kun hundi firii qabsoo uummata Oromoo ta’uun isaas dagatamuu hin qabu.

Sunday, October 1, 2017

Bara Mootummaan Naannoo Oromiyaa murtii fi qajeelfama Gumii Abbootii Gadaa Oromoo (GAGO) guutummaa guutuutti fudhatee hojiitti hiiku irra geenyeerra.

Bara Mootummaan Naannoo Oromiyaa murtii fi qajeelfama Gumii Abbootii Gadaa Oromoo (GAGO) guutummaa guutuutti fudhatee hojiitti hiiku irra geenyeerra.

                                             (Dr Milkeessaa Miidhagaa irraa)

Bara Mootummaan Naannoo Oromiyaa murtii fi qajeelfama Gumii Abbootii Gadaa Oromoo (GAGO) guutummaa guutuutti fudhatee hojiitti hiiku irra geenyeerra. Erga Oromoon bara 1880moo keessa bittaa halagaa jalatti kufee as kun seenaa Oromoo keessatti waan haaraadha. Tolas kan dhufe miti wanni amma argaa jirru kun, qabsoo dhiigni ilmaan Oromoo itti dhangala’een dhufe. Kana salphifnee waan ilaallu yoo ta’e dogoggora guddaadha. Aantummaa fi qabsoo Poolisiin Oromiyaa bakka maratti itti jiran ilaalaa jirra. Daangaa Oromiyaa diinni cabsuuf yaaltu irratti adda durummaan diina weerartuu kuffisee kufaa kan jiru poolisii fi milishaa Mootummaa Naannoo Oromiyaati. Har’as kunoo uummata Oromoo bira dhaabbachuun, garee dhiiga ilmaan Oromoo jigsuuf watwaatu san nurraa ittisaa oolani. 


(Gootummaa Poolisii Oromiyaa haala tokko tokko irrattis ijaan waan agarretu jira). Foollee keenyaaf leenjii gahaa kennuun nageenya uummata keenyaaf dhaabataniiru Poolisiin Oromiyaa. Ulfina Mootummaan Naannoo Oromiyaa GAGOf kenne kana siyaasa biyya Itoophiyaa ammaa keessatti arguun hin danda’amu. Waraanni, poolisii fi basaasni Mootummaa Federaalaa heera cabsuun ibsa inni dheengadda baase dhageessaniittu. Heerota lamatu jira biyya kana keessa: Heera Federaalaa fi Naannootu jira. Lameenuu kabajamee hin beeku armaan dura. Amma garuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa heera lameen bu’uureffachuun ibsaa fi fedhii lallabame sana dura dhaabbachuun olaantummaa murtii GAGO mirkaneessaniiru. Kana waan salphaa goonee fudhachuun dogoggora guddaadha. 


Yaa dargaggoo Oromoo, yeroon keessa jirru yeroo ce’umsaati. Yeroo heerri hojiitti hiikamuu qaba jechuun Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabsoo uummataatti makamedha. Waan qabsoon argatte kana kunuunfadhu. Kun siif injifannoo cimaadha; waliin tokko ta’iitii injifannoo olaanutti ce’i. Dur gaafa yaada mormii kaaftu poolisii Oromiyaatu warra siyaasa hoogganuun ergamee si haleelaa ture. Barana garuu, warri siyaasa Oromiyaa hoogganan Oromummaa fi qabsoo Oromootti waan makamaniif, poolisiin Oromiyaas uummata Oromoof akka dhaabbatu ta’eera. Kuni qabsoo ati gooteen ilaalchi hooggansa siyaasaa waan jijjiirameef, poolisoonni keenya poolisii uummataa ta’aa dhufaniiru. Jijjiirama gonfatte kana haala salphaan si harkaa akka hin baane eeggadhu. Dogoggora xixiqqoo argituun, jarjartee haamlee hooggansaa fi poolisii Oromiyaa akka hin cabsine, abdii akka hin kutachiifne. Sirraas kabajaa fi galata barbaadu waan ta’eef. Walumaa galatti, tokkummaa amma gama hundaan argachaa jirru kana yoo tikfanne, yoo kunuunfanne, diinni kamiyyuu Oromoo fi Oromiyaa lamuu hin sarbitu, sanarra dabrees uummanni Oromoo akka baay’inaa fi qabeenya isaatti biyyattii kana irraa gahee isaa argachuuf deema. Yoo tokkummaa fi gamtaa amma arganne kana diigne immoo, akkuma barame boonyee walboosisuutti deebina, waan harkaa qabnullee dabarsinee ormaaf kennuu malla. 



Amma Irreechi keenya nagayaa fi tokkummaan xumuramuun nu gammachiiseera; 



Hundi keenya baga gammanne, baga gammaddan!



Mootummaan N. Oromiyaa, Poolisiin Oromiyaa, GAGO fi uummanni Oromoo galata dachaan argadhaa!