Tuesday, November 29, 2016

SEENAA GOOTAA AWWAALUUN BADIIDHA.

SEENAA GOOTAA AWWAALUUN BADIIDHA

                                                (Kamal Aloo Irraa)


Hardha ammoo xiqqoo ilaalchaafi ulfina gootota keenya qabsoo yeroo dhihoo kanaa keessatti woreegamanii fi gootota qabsicha keessatti osoo lubbuu ufii hin qusanne diina raasanii rabbi lubbuu hanbisnaan lubbuudhaan nu wojji jiraniif kennamaa jiruufi kennamuu male irraa waan natti muldhatuun dubbadha. 
Kanas barreessuudhaaf waan na kakaasetu jira. Maali? Yoo jettanis :-
Guyyaa lamaan dura fuula "FB"Nomolos_ungushee jalatti barreeffama tokko dubbisee ture. 
Barreeffamicha san keessatti jecha hedduu nama dallansiisu tokko arge. 


Jechichis, Gooticha oromoodhaa Fiqaaduu shumataa kan goota isa godhe nama suuraa /Fotoo san kaaseedha jedhee namni natti barreesse jecha jedhu.!
Jechi kun hedduu na dallansiise. 
Jecha san dhugumatti namni seenaa qabsoo ummata keenyaa keessumattuu kan bara dabree kana quba qabu jecha barreessu natti fakkaachuu dide. 
Eenyumayyuu taanaan namni jecha kana dubbate dubbii fokkattuufi dubbatamuu hin malle akka dubbate beekuu qaba. 
Nomolos ungushee dubbii kana ufiif barreesse taanaan dogongora jedhaan amana. 
▶Mee namni dubbii kana barreesse badii akkamii akka uumes haa ilaalluu :

  • 1]Dubbii kana dubbachuun seenaa dhugaa awwaaluudha. 
  • 2]Hamilee goota sabaaf uf kenne tokkoo cabsuudha. 
  • 3]Gootota fakkaataa isaa hedduu irrayis kabaja gootaan male mulquudha. 
  • 4]Qabsaawota gootota ilmaan oromoodhaa akka fiqaaduu shumataa faa wojjiin osoo diinaan falmatan qaamaa hirdhatanii jiruun isaanii siree gubbaa taate hundarraallee kabaja fuudhuufi galata dhabsiisuudha. 
  • 5]Woreegamtoota gootota kanneen biraa woreegamaniifis kabaja dhabuufi seenaa isaaniillee barbadeessuudha. 
  • 6]Gootota ilmaan sabaa kanneen diinaan morkatanii harka duwwaa diinarraa qawwee hiikkatanii gaaraafi hallaya keessatti aduuf roobni itti wol jijjiiraa jiru hamilee kutachiisuudha. 


Dhugaan jirtu ammoo :


Fiqaaduu shumataa kan gootummaa kenneef nama suuraa kaasee miti. 
Fakkaattota isaa ilmaan oromoodhaa yeroo diinaan falman suuraaleedhaan miidiyaa hawaasaafi miidiyaalee garagaraa irratti arguu turre hundaa namni suuraa kaasu sun gootummaa isaaniifi waan hojjatame nutti garsiise malee gootummaa hin kennineef. 
Kennuufiis hin danda'u. 
Suuraa gubbaatti arguu kan turres gootota qofaa miti. 
Luynas, gantuus, basaastuus, diinaa fi wontoota biroos suuraa namni kaasee erguun argaatuma turre. 
Jara kanaas faallaa qabsaayotaafi gootaa kan isin godhe nama suuraa kaaseedha jennaaniiree? 
Lakki hojii fi muldhata jaraati malee. 
Fiqaaduu shumataa kan harka diinni saba oromoodhaa ni kennisiifna jedhee miidiyaa isaatiin nutti dhaadachaa ture san didee falmachuudhaan harka kaasee irree fi murannoo oromoon haqa isaa irratti qabu garsiise iddoo bashannanaattii miti. 
Dirree falmii haqaatiif sabni roorrifame oromoon irratti tokkummaadhaan wolitti dhufee osoo gubbaafi jalaan rasaasni itti roobee reeffi dirree tuulamee arguu diina onnee fi tokkummaaf murannoo garsiisaa ture gubbaatti. 
Irree harka mirgaa fiqaaduu shumataa guyyaa san kaase irraa waan hedduutu muldhata. 
Mallattoolee hedduutu irree fiqaaduun kaaseefi fuula isaa irratti fe'amee jira malee akkuma laaftutti harka duwwaa kaase waan jedhamuu miti. 


HUBADHAA :


Irree diddaadhaa kaafamte san irra waan hedduutu jira. 

  • 1}Jecha abbaay_xahayyee (LIK INNAS GABBAACHUWALEN) Jedheef deebii haqaafi mirga keenyaaf falmachuu keessatti harka hin kenninu jedhutu irraa muldhata. 
  • 2}Jecha Diinni (WODEDACHUM, XALLACHUM MASTER PILAANU SIRAA LAY YIWULAAL) Jedheefis deebii diddaadhaa irree tokkummaatiin ni falmanna. Jedhutu jira. 
  • 3}Gootummaatu suuricharraa muldhata. 
  • 4}Dallansuun irree humna guutuudhaan olkaafamteefi fuula fiqaaduufi hiriyoota isaa hunda irraa muldhattus roorrifama sabaafi roorroo diinaatiif finiinanii lubbuu gumaachuun isaanii dhuguma gootonni kunniin ilmaan gudeedaa sabni kun dhaleefi dhalche ta'uu isaanii nama garsiisa. 
Nama ija kabaja sabaa qabuuf waan hedduutu suuraa san irraa muldhachuu danda'a. 
FKNF :-
Gootichi oromoodhaa fincila kanaaf hooggansaafi falmataa guddaa ture 
Jawar_Muhaammad guyyaa suuraa san maxxanse jecha diina hedduu abdii kutachiiseefi saba abdachiise dubbatee ture. 
Dalansuufi murannoo ummata oromoodhaa kan suuraaleefi video gubbaa muldhatu kun hundi eessaa dhufuu danda'ee? 
Gaaffii jettuuf, 
Jawar_Muhaammad "akkuma dhiigni jiguun dhiigni danfaa deema"deebii jettuudha kan kenne. 
Gootonni ilmaan oromoodhaa yeroo sanitti Fiqaaduu fi kanneen biroo wojjiin diina dura dhaabbatanii falmachaa turan hedduun woreegamanii saba kanaaf jecha garaa dachee jiru. 
Gariin mana hidhaatti hiraaramaa jiru. 
Gariin ammoo qaamaa hirdhatanii sireerratti hafaniiru. 


Fiqaaduufi fakkaattonni isaa amma lubbuudhaan diina baqatanii biyya namaafi biyya keessa jiran hundi haftoo ykn hambaa woreegamtoota sanii akka ta'anillee beekuun barbaachisaadha. 
Hambaa woreegamtootaatiif kabajaafi jaalala kennuun woreegamtootaaf kabajaafi jaalala kennuudha. 
Hambaa isaaniitiif kabajaafi jaalala dhabuun ammoo woreegamtoota saniifi kanneen mana hidhaa, siree gubbaafi kkf jiran hundaaf jaalalaaf kabaja dhabuudha. 
Dhiheenya kana ammoo harka diinaa jalaa bahuu gooticha oromoodhaa Gammadaa waariyootiin wol qabsiifamee haasaan tokko yeroo bukaayu argina. Yeroo sabni ijjannoo Gootichi kun guyyaa irreechaa diinarratti fudhateen boone oromoon maaltu mudannaan hafuurri isaa dilana dhabame laata jedhee yaada seenetti Gammadaan kaayroo seenuu dhageenye. 
odeeffannoo kanaan hedduu gammannus toora miidiyaa hawaasaarratti odeeffannoon sobaallee hedduu waan muldhatuuf amanuu dadhabne. osoo hin turin suuraan isaa sabboontota Cairo wojjiin muldhatu social media gubbaatti gad baheetiin maxxanfame. 
Oromoota suuraan Gammadaa waariyoo wojjiin maxxanfame keessaa Fiqaaduu shumataan isa tokko ture. 
Suuraan Falmattoota sabaa kamiituu wojjiin muldhatanii maxxanfamuun silaa waan rakkoo qabu natti hin fakkaanne. 
Namoonni mataan isaanii shira Diiggamtoota jaarmayaalee oromoodhaa kutaadhaan wolitti dhaadachiisuudhaatiin guutame garuu qabsaayota kana lamaan akka woldorgomsiisuudhaa keessa galuun jaraa yaadaafi gocha fokkataadha. 
Adeemsa qabsoo keessatti seenaa falmattoonni ykn gootonni sabaa wol duraaf duubaan galmeessan wol dorgomsiisuun hin danda'amu. 
Maaliif? Jennaan :-
Qabsoon ba'aa ulfaataa iddoon baatanii geessan fagoo taate kan namni tokko baatee geessuu hin dandeenyeefi gootonni qabsaayonni sabaa ba'aa kana wolirraa fuudhaa baatanii iddoo ykn bakka gahuu qabduun kan gahan waan taateefi. 
Dhumarratti :-
Yaanni hubannoo dadhabaa qabu akkanaa yeroo saba keessa kaafamu hunda ilmaan sabaa dubbiin tun ifteef hundi dura dhaabbachuudhaan dhugaa bakka irraa buqqaatetti deebisnee dhaabuun amaanaa sabaa nuuf ta'uu qaba jechee barruu kana xumura. 
Dogongora muldhatuuf na hoffolchaa. 
QABSOON ITTI FUFA. 
OROMIYAAN NI BILISOOMTI. 
INJIFANNOON UMMATA OROMOOTIIF.! 
▶Kamaal Aloo

Donald Trump: Qabsoo Oromootif hiree moo balaadha?

Donald Trump: Qabsoo Oromootif hiree moo balaadha?

                                             (Jawar Mohammad irraa)

Donald Trump: osoo namuu akka qoosaatti laaluu filannoo pirazidantummaa Ameerikaa moo'atee hogganootaafi hayyoota biyyatti qaanyessee jira. Imaammanniifi tarsimoon bulchiinsa Trump maal ta'a kan jedhu baatii dabre kana mataduree marii namuutuu ta'eee jira. Deebii isaa garuu innuu ifatti waan beeku hin fakkaatu. Nuti Oromoonis, silaa waaqaa gaditti addunyaa kan kirkirsu Ameerikaa waan taateef, dhufaatiin Trump tun risqii moo gaaga'ama nuuf qabdii laata jennee xiinxaluunifi tarsiimoo baafachuutu nu barbaachisa. Kanarratti xiinxala armaan gadii kana akka yaada ka'umsaatti dhiheesseera.

Imaammata Biyya Keessaa
Wanti Trump yeroo duula filannoo waadaa gale guddaan baqattoota seeraan ala Ameerikaa jiran biyyaa ari'uudha. Waadaalee seene keessaa kan inni murannoon itti deemuu hedus tokko kana. Ejjannoo isaa kana hojitti hiikufis hedduu hin rakkatu. Sababni isaas manneen maree lamaanuu ( Senate & Congress) paartii isaatitu harkaa qaba. Baqattoonni Oromoo kumaatamaan lakkaayaman biyyanatti dahoo gaafataniis osoo hayyama hin argatni akka jiran ni beekama. Ilmaan Oromoo kun imammata bulchiinsa Trump kanaan miidhamuun isaanii ni mala. Gaaga'ama gahuu malu irraa lammiilee kenya baraaruuf waldaaleen hawaasaa ammumarraa itti qophaayuu qaban.
Imaammata Dantaa Alaa
Dantaa alaa ilaalchisee wanti Trump dubbataa ture waldhahaadha. Ejjannoon isaa kan paartileen lamaan biyya kanaa amma dura itti beekamanitti hin citu. Kanaaf ammatti imaammanni isaa kana jedhanii afaan guuttatanii dubbachuun nama dhiba. Bifuma kanaan imaammanni inni Afrikaa akkasumas Itoophiyaa irratti qabaachuu malu maal akka tahe guututti hubachuun nama dhiba. Waan inni dabree dabree haasayu irraa garuu waa takka lama jechuun ni danda'ama.

Kan duraa Trump gargaarsa biyyoota guddataa jiraniif kennamu ni morma. Fakkeenyaaf maallaqni biliyoona 700 Afrikaaf kennamu akka qisaasameetti lakkaawuun ummata Ameerikaa tajaajiluuf hojiirra ooluu qaba jedhee dubbatee ture. Kana jechuun bulchiinsa Trump jalatti gargaraarsi biyyota alaatiif kennamu ( foreign aid) akka hirdhatu eeggama. Ejjannoo kanaan yoo itti fufe mootummoota akka Wayyaaneen kan gargaarsa Ameerikaa irratti hirkatanii jiraataniif balaadha. Wayyaanee irraa gargaarsi cituun ykn hirdhachuun qabsoo keenyaaf ammoo faaydaa guddaa qaba.
Kan lammataa Trump akka yaadutti dimokraasii babal'isuun hojii Ameerikaa ta'uu hin qabu. Lola Ameerikaan maqaa abbootii irree buusuutiin Liibiyaafi Siiriyaa keessatti goote ni balaaleffata. Ejjannoo kanaan yoo itti fufe bulchiinsi Trump humnoota bilisummaafi dimokraasiif dhaabbataniif naatoo qabaachuun isaa mamsiisaadha.

Sadaffaan lola ' farra shoorarkeessitoota' ( counter terrorism) ilaalchise ejjannoo cimaa akka qabu yoo dubbates lola kana keessaa waraanni Ameerikaa suduudaan akka hirmaatu fedhii akka hin qabne akeeka. Dabalataanis biyyonni lola kanarratti hirmaatan baasii isaanii Ameerikaan akka kafaltuuf eeggachuu mannaa dirqama isaanii ofumaan bahuu qaban jedhe dhaadataa ture. Kanarraa kaanee michoomni Ameerikaafi Itoophiyaan sababa haala Soomaleetin qaban hedduu akka jijjiramuu hin dandeenye tilmaamuu dandeenya. Garuu ammo akka bulchiinsota Obama fi Bush sanitti bulchiinsi Trump maqaa farra shoorarkaatiin kaaznaa Wayyaanee guutuu waan itti fufu hin fakkaatu. Guututti illee irraa dhaabuu baatu akka hirdhisu eeggama. Kun Wayyaanee akka shilmii biyyoota alaa irratti maxxantee jiraattuuf hoongee uumuun hin oolu. Gaaga;ama diinaggee sochiin Oromoo irraan gaheen yoo walitti dabalame hirdhachuun gargaarsa alaa kun Wayyaaneen daran akka laamshessu tilmaamuun ni danda'ama.

Afraffaan dhimmaa hariiroo diinaggee irrattis imaammanni Trump ifaa miti. Haa ta'uu ammoo waliigalteen daldalaa Ameerikaan biyyota biraa waliin qabdu (kanneen akka NAFTA, TPP) hedduun isaa irra deebi'amee laalamuu akka qabu gadi jabeessee dubbataa ture. Hariiroo daldalaa Ameerikaan Afrikaa waliin qabdu, AGOA jedhamee beekamu irratti hamma ammaa waan dubbate hin agarre. Waliigalteen AGOA bara as aanu keessa yeroon isaa waan dhumatuuf haaromfamuun dirqama. Kanarratti akkuma waliigalteelee kaanii gara Ameerikaa caalaatti fayyaduu yoo dhiibe biyyoota akka Itoophiyaa kanneen AGOA irraa fayyadamaa jiran irratti dhiibbaa ni qabaata.

Walumaagalatti imaammanni haajaa alaa Trump ammatti xaliilee hin beekamne. Faana bu'uudhaan qorannoo geggeessuun irratti qophaayuun barbaachisaadha. Pirazidantii biyya bulchuudhaaf qophaayee hin dhufne waan taheef imaammataafi tarsiimoo caalaa tarii eejjannoofi ilaalcha namoota aangotti muudamani murteessaa ta'uu mala. Kanaafuu namni Ministeera Haajaa alaatti itti gaafatamaa dhimmaa Afrikaa ta'ee muudamu eenyu akka tahe beekuun kallattii imammanni Ameerikaan Afrikaa irratti qabdu maal akka tahuu malu akeekuf nu fayyada.

Hammasitti waa sadeen tokkoo jechuun goolabuun fedha. Obaamaan abdii guddaafi waadaa cimaa Afrikaaf kennee wanni qabatamaan godhe hin turre. Afaanin dimokraasii sirbaa sirna abbaa irree Wayyaanee gargaaraa turuun yaadannoo as dhihooti. Kanaaf Obaamaan 'gaariin' sun bu'ee Trump 'hamaan' dhufuun nuuf jijjirama guddaa hin qabu. Kan lammataa Hillary Clinton kan gareen ishee dursee Wayyaanee irraa quubii nyaate filamuu dhabuun qabsoo keenyaaf gaariidha. Sadaffaan Oromoon hedduun, akkuma ummata addunyaa kaanii, waan Trump dubbaturraa ka'uun akka jibban ni beekama. Garuu gama qabsootti yoo deebinu tarsiimoon teenya jibbaafi jaalalaan osoo hin taane tooftaadhaan maskamuu qabdi. Jaalannus jibbinus waggoota afran as deemaniif imaammata Ameerikaan geggeessuu heddu Trump fi garee isaattu harkaa qaba. Kanaaf nutis ejjannoo teenya wal qixeeffachaa miidhaa imaammanni isaa fidu hirdhisuuf faaydaa tarii argamuu malu irraa buufachuuf qophaayuu qabna. Hunda caalaa garuu milkaayuufi hoongayuu qabsoo keenyaatif murteessaan laafinaafi cimina qabsoo Oromiyaa keessaa tahuu irra deddeebinee of yaadachiisuu qabna. Yoo qabsoon biyyaa jabaatte abbaan fedhes Ameerikaa hogganu dantaa ofiitifu jecha Oromoon michoomuuf dirqamu.

#OromoRevolution "Wal Yaadachiisuuf!

#OromoRevolution "Wal Yaadachiisuuf!

                                                         (Girma Gutama irraa)
Haalli qabatamaan qabsoon oromoo yeroo ammaa irra geessee jirtu, qabsoo kallattii maraan of eeggannoo cimaan utubamte ta'uu qabdi. Diinoota ilmaan oromoo irratti dammaqiinsi ummanni oromoo baroota as dhi'oo kana karaa hundaan qabaachaa jiru milkoomina qabsoo ummata oromootiif hedduu gargaareera. Haa ta'u malee ummanni oromoo hundi wal qixa dammaqiinsa shira diinootaa hin qabaatu. Kanaaf karaa qabsoon ummata oromoo jirtu hunda irra shirri diinoonni ilmaan oromoo xaxan akka jirtu hunduu beekee mangaagaa diinaa keessa osoo hin seenin of eeggannoo barbaachisu taasisuu qaba. Of eeggannoon kallattii qabsoon jirtu maraan taasifamtu milkaayina qabsoo sabaa ariifachiifti. 
Fakkeenyaaf "Qeerroo" jechuun qabsoo ilmaan oromoo gaggeessaa jiran keessatti maal jechuudhaa? hiikkaa maalii qabaa!?
Diinoonni ilmaan oromoo kallattii "Qeerroo" jedhu kanaan maal dalagaa turanii!? Ammas maal dalagaa jiruu!?

Hubannoon ummanni oromoo bal'aan karaa kanaan qabuu hoo maal fakkaataa!?

Jalqaba irratti "Qeerroo" jechuun maal jechuudhaa?
"Qeerroo" jechuun jecha afaan oromoo yoo ta'u, umrii dargaggummaa irratti saala dhiiraa kan bakka bu'uudha. Jechi qixa kanaa kan saalaa dubaraa bakka bu'u ammoo "Qarree" jedhamuun beekkama. Umriin dargagummaa, umrii humna cimaa sadarkaa jireenya dhalli namaa keessa jiraatuutti nama qabaachiftuudha. Qeerroon umrii diina ari'anii harkaan qabuun itti danda'amuudha. Humni umrii qeerroof qarree irratti jiru, humna diina injifachuuf ga'uumsa barbaachusu qabaatu yoo kan shiraaf xaxaa diina ilmaan oromoo of keessaa kan hin qabaanne ta'e qofaadha. Yoo shiraaf xaxaa diinaa of keessaa qabaate humni qeerroof qarree ilmaan oromoo bilisoomsuu danda'u kaayyoo diinaa milkeessuuf oola. Dinoonni qabsoo ilmaan oromoo akkuma yeroo darbe irraa hubanneetti maqaa "Qeerroo Bilisummaa Oromoo" jedhu hanga midiyaa hawaasaa kan akka Raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo jedhamu moggaffachuun humna sadarkaa qeerroof qarree keessa jiru sana hojii diina ilmaan oromoof oolchaa jiran. Ilmaan oromoo sagalee dinaa, Raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessa dalagaa turan ni jiru. Yeroo ammaa kanas beekaas ta'u, osoo hin beekin Raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo jedhamu kana keessa kan dalagaa jiran jiru.
Diinonni ilmaan oromoo karaa kanaan daldala siyaasaa hojjachuu baroota dheeraa dura karaa dhooksaaf karaa ifaatiin shira xaxaa turan. Ammas itti jiran. Shira diinoonni xaxan kanaaniis dargaggoota ciccimoo bu'aalee gurguddoo qabsoo ummata oromoof gumaachuu danda'an lakkoofsaan hedduu hidhamuun, ajjeeffamuun, biyyaa baqachiifamuun qabsoo ummata oromoo barbaadamu osoo galmaan hin ga'in karatti shiroota diinaa kanaan sakaallamaniiru. Shirri diinootaan baroota dheeraa irraa jalqabee xaxamaa as ga'e kun sakaallaa qabsoo ta'uun ammas itti fufeera. Sakaallaan shira diinootaa kun kan hiikkamu danda'u shiroota dinootaa karaa qabsoo ummataa jalaan jiran cufa jala bu'uun ifatti bu'aa qabsoo ummata oromoo dursuun saaxiluun qofaadha. Qeerroon wareega qabsoo ummata oromoo kanfalaa turaniif ammas kanfalaa jiran jiru. Kanaaf maqaa "Qeerroo" dhiiga isaanii dhangalasaa jiraniif turanii,lafee isaaniitiin cabaaf caccabaa turaniif jiranii, lubbuu isaanii wareeganiif ammas wareegutti jiranii maqaa qeerroo warra qabsoo ilmaan oromoo sakaalaa jiraniif hojiilee diinaa hojjachaa jiranii adda baafachuun murteessaadha. Kana yoo hin goonee qabsoo ummataatiin taphachuudha.
Walumaagalatti hojiileen Qeerroon diina ilmaan oromoo waliin dalagaa jiranii hangi tokko isaan armaan gadiiti:

  • 1. Hoggansi dargaggeeyyii qaroo ilmaan oromoo ummata oromoo biyya keessaaf biyya ala jiran keessaa akka hin baane halkaniif guyyaa waayyaannee wajjiin irratti hojjachaa jiru. Kunis karaa danda'an hundaan dargaggeessota dandeettii hoggansaa qaban isaan biyya keessa jiran hiisisuu, ajjeesisuu, biyyaa baqachiisisuu fa'a. Itti fufuun Ilmaan oromoo biyya alaa jiran jiddutti wal diddaan roga hundaan akka jiraatu gochuu.
  • 2. Maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo jedhamuun ilmaan oromoo biyyoota alaa jiran irraa mallaqa walitti qabuun sakaallaa qabsoo oromoo biyya keessaatiif oolchuu, dinagdee mataa isaaniif oolchuu
  • 3. Qabsoo ilmaan oromoo biyya keessatti finiinsaa jiran dhugaa dhokachuu hin dandeenye waan ta'eef akka waan ofii isaaniitii qabsoo sana gaggeessaniitti Raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo jedhamu kan bobaa diinaa jalatti ofii isaaniitii dhaabbataniin ummata guutuuf dargaggoota haala kana hin beekne karaa danda'an hundaan gowwoomsuun kiyyoo diinaa jala guyyaa guyyaan galchaa jiru
  • 4. Yeroo dargaggoota hisiisuu, ajjeesisuu, midhaalee qaamaa irra geessisuu barbaadan dargaggoota sanneen waliin qabsaa'oota of fakkeessuuf dargaggoota waliin mana hidhaa seenanii ofii isaaniitii ba'uu. Kanaaf fakkeenyi nama muxannoo yeroo dheeraa diina waliin hojjachuun beekkamu keessaa maqaa dhalootaa isaa Girmaa Xurunee Darseetiin kan beekkamuu fi Raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo jedhamu keessatti sagantaa Afaan Oromootiin maqaa Hariiroo Jorgoo jedhamuutiin, sagantaa Afaan Amaaraa keessatti maqaa Jaafar Alii Elemoo jedhamuutiin kan beekkamuu fi maqaan dhalootaa isaa Artistii Ifaa Gammachuu fa'a maqaa dha'uun ni danda'ama.
  • 5. Maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo jedhuun caasaa bakka bakkatti babal'ifachuun mataa isaaniitii ittisa waayyaannee jala ta'anii guyyaa guyyaan qabsoo ummata oromoo keessaa qabsaa'oota qabsoo funaanuuf funaansisuun kaayyoo diinootaaf hojjachaa jiraachuu fi k.k.f

Dhimmi maqaa daldala siyaasaa "Qeerroo Bilisummaa Oromoo" jedhamuun gaggeeffamaa ture yeroo darbe fuula midiyaa hawaasaa fi fuula midiyaalee adda addaatiin dhoo'ee gad ba'ee ture. Haala kana hordofuunis yeroo muraasaaf Raadiyoon Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo jedhamu kun namoota haga tokko duraan sagaleen raadiyoo kana keessa dalagaa turan waan iccitiichi isaan jalaa dirretti gad ba'eef haga namoota biroon bakka buusanitti sagantaan oduuleef ibsa ijjannoo isaan dubbisan addaan citee ture. Xinnoo turanii ammas bifa haarawaan namoota biroo dabalatanii deebi'anii dhufanii jiru. Yeroo hedduu namoonni isaan Raadiyoo sana keessatti itti fayyadaman namoota ummata oromoo biratti hojii birootiin beekkamanii fi sagaleen isaanii haaluma salphaan ummata oromoo fi diinota ummata oromoo jalaa sagalee dhokachuu hin dandeenyeedha.
Ergaa walii galaa:
  • 1. Qabsaa'oonni qabsoo ummata oromoo karaa kamuu gaggeessaa jiran shira diinoota irratti dammaquun bilchinaan socho'uu qaban.
  • 2. Ilmaan oromoo beekaas ta'u osoo hin beekin hojii diinummaa qabsoo oromoo irratti bobba'anii jiran ija ilmaan oromoo jalaa yeroo kamuu dhokachuu waan hin dandeenyeef diinummaa isaanii irraa of qusachuu qabu.
  • Oromoo Oromiyaatiin!"

Monday, November 28, 2016

ARRABA HANGA SABBATA MAANQUX DHEERATU NURRAA SASSAABBADHAA!!

ARRABA HANGA SABBATA MAANQUX DHEERATU NURRAA SASSAABBADHAA!!

                                                       (Saphaloo Kadiir irraa)

Namoonni gariin waan sababa hin taane sababsattanii jeequmsaafi qababsaa gatii hin qabneen, fannaafata humaa nuuf hin gooneen jeequmsa addaa uumaa jirtan adaba nurraa godhaa. Adabachuu baattaniis boru sheenaafi seenaan isin adabuu waan hin oolleef rakkoon qabu. Garuu lapheefi sammuun keessan osoo dhugaa beekuu arrabni keessan maaliif cubbuu taraara? Takka waan walitti hin malle waliin madaaltan. Yeroo biraa immoo fiddanii waan walitti hin dhiyaanne walitti harkiftan. Takka deebitanii waan wal hin fakkaanne walitti erbitan. Hanga adeemsa qabsoo Oromoo walitti dhuubdanii ganaantan kana maaliif waanuma dandeessaniifi karuma isinitti toleen qabsoo Oromoo itti hin fufne? Olola dharaafi odeeffannoo bu'ura hin qabneen ilmaan Oromoo wal shakkisiisuuf wixxifachuu irra yoo dandeessan roguma isiniif mijjaa'uun wayyaanee irratti waa darbuufi geengoo diinaa diiguuf xiyyeeffachuu yaalaa mee. Isin qabsoo Oromoo irratti fufaa darbaa ooltaniis, hogoggorsaa keessa harkiftaniis qubaa caphxan malee qabsoo dhaloota qubee doomsuufi qammansuu akka hin dandeenye baraa.

Oromoon garuu kan shira xaxuufi kan cubbuu gaaxu addaan bartee jirti waan taheef dhoksaaniin qabsoo qancarsa jettee of hin dararin. Kaayyoofi aayyoon Oromoo takkuma. Warreen miira fedhii keessoo isaanii qofarratti rarra'uun akka waan kaayyoon addaatti Oromoo walitti buusuuf yaalaa jirtan isinumaatu qilee gandummaa qotatte keessa bu'ee caccapha malee Oromoon walitti buutu hin jirtu. Kaleessa gaafa Oromoon adeemsaafi sirna qabsoo hin hubatin tarsiimoo itti milkooyte arrallee naaf milkaawa jettee yoo anfariiraa jiraatte sitti bariitee jirti. Oromoon yaadaafi malaaniis bakkaafi akka kaleessaa jirti jettee yoo yaadde sammuun kee akka hamatti kantartee, sochii dhaabdee jiraachuu kee namaaf mirkaneessa. Rakkoo dhunfaan qabdu adeemsa qabsoo keessa yoo fiddu immoo sababaaf namoota biraa afaanitti qabattee osoo hin taane sumaafi rakkoon kee qofti waliin koottaa. Qabsoon tun osuma kaan caranuu, kaaniis dutuu imala itti fuftee as geesse. Ammaas osuma isin halaaktaniifi mar'attanii galma barbaadamu san akka geessu hin shakkinaa.

Dhaamsa gabaabaan yoon ibsu, kan Oromoo wal afaan fiduu yaaluufi kan roguma fedheen qabsoo danquuf dhimma gandummaa, ilaalchaa siyaasaa, amantaafi kulaa kulbus biraatiin afaan mimmi'eeffatee as bahu kamuu ergamaa diinaa tahuu isaa eenyulleen ifatti haa baru. Atiis diinummaa kee ofitti mirkaneessaa jiraachuu kee, ofii keetiif ragaa ofitti baatee of saaxilaa jiraachuu kee of bari. Namuu kaayyoofi akeeka jaarmayni inni deeggaru qabu bu'ureeffatee diinarratti waan danda'u darbachuun ala, kara barbaadeefi isaa toluun qabsoo nyaapha kuffisuuf godhaa jiru tirachiisuu malee dhaabaas tahee garee qabsoo Oromootiin godha jedhee of labse kamuu irratti as deebi'ee ololaafi jibba hafarsee taanaan Oromoon eenyummaa isaanii beekuu qaban. Ni beekaniisi. Kanaafuu naguma of shukkuumuufi of tuuluun yeroo of jalaa hin gubinaa jennaan. Qabsoon teessan diina keenya isa gamtaan qabnu irratti haa tahuu. Kana dhabdan immoo nurraa cal'isaa. Qabsoo oofuu yoo dadhabdaniis galaa diriirfadhaa malee arraba keessan kan hanga sabbata maanqux dheeratu kana nutti dheereessuu irraa of qusadhaa.
Saphaloo Kadiir / Abdulbasit
Sadaasa, 2016

Saturday, November 26, 2016

GAMMADAA WAARIYOO; GOOTA WARRAAQSA OROMOO SADARKAA ADDAATTI CEESISEE DHA!

GAMMADAA WAARIYOO; GOOTA WARRAAQSA OROMOO SADARKAA ADDAATTI CEESISEE DHA!

                                       (Saphaloo Kadiir irraa)

Gootummaan maqaa moggaasa haadhaaf abbaa, kan hiriyaa ykn kan ofiif akkuma barbaadan moggaafatan osoo hin taane, onne qabeessummaa, onnattummaafi murannoo fi kutannoo qabaachuu irraa ka'uun hojii boonsaa hojmaata dhugaatiin dagaltee sabaaf hojjattu irraa kan siif moggaafamuu dha. Ani goota jechuuf namni gootummaa hin badhaafamu. Gootummaan tan kennaa bilisaa waliif laatan osoo hin taane hojii ati sabaaf hojjattuutu si gonfachiisa. Hojii dhunfaa keetii dacha dachaan hojjattee fiinxa ba'iinsa gonfachuu bira dabree maatiifi firoottan kee illee yoo hariira uwwifte gootummaan hin moggaafamtu. Goota jechuun dursa kan miidhaafi roorroo saba isaa faccisuuf lubbuu isaa takkittii irratti wareegama murteessuu dha. Lubbuu isaa irratti murteessuu qofaas osoo hin taane qabeenya diinagdee, beekumsaafi humna isaas biyyaafi saba isaaf yoo dabarsee laateedha. Gootni dhugaa jiruuf jireenya, sadoof qananii dhunfaa, faaydaafi fedhii isaa mara irra hin kaayyatu, haajaas itti hin qabu. Haalaafi akkaataa mara keessatti beekkumsa qabuun dirmatee sagaleen saba isaatiif dhawwaaquun, qabeenya isaa gumaachuufi lubbuun isaa kennuun qabsaawa. Gootni maqaan walirra caalu baatuus sadarkaan onneefi kutannoo isaanii wal dhaba. Kana yoon jedhu garuu gootoota qabsoo Oromootiif waan laachuu qaban laatan sadarkaan wal caalchisuuf osoo hin taane warri qabsoofi warraaqsa sabaatiif gumaata laataan marti gootummaa isaaniin malu qaban jechuu kiyya. Garuu haalaafi akkaataa keessatti qabsoo adeemsisaniitu garaagarummaa akka qabaatan taasisa. Gootoonni gariin gareen qindaawanii qabsoo sossoosan. Wayta garii immoo yoo haalli walitti gamtaa'anii waa hojjachuu yoo aanja'uu dhabuuf dhiirti dhiiraa tarkaanfii barbaachisu dhunfaa isaatti fudhachuuf lubbuu ofii irraa kaatee, jireenya ofii irratti wareegama murteeffatee injifannoo dachaan galmeessan.

Nutiis akka Oromootti sabni keenya dur gaafa gabrummaa jalatti kufe irraa jalqabee gootoota bilisummaafi walabummaa sabni dhabe deebisuuf qabsaa'an baayyeefi kumaatama lakkaawamee hin dhumne qabna. Gootoota kutannoof murannoo dhugaa qaban kanaan qabsoon yeroo gara yerootti jijjiiramaa, daran fiiniinaa arra geesse. Gootoonni harki caalu akkuma lubbuu isaanii irratti murteessan wareegamanii dhaamsa jabaa dhiigaan nuuf barreessanii kan dabran yoo tahu gootoonni muraasni immoo akkuma carraatti lubbuun hafanii dhaamsa isaanii afaan isaanii irraa deddeebinee akka dhageenyuuf carroomna. Hambaaleen goottan kaleessaafi kan arraatiis boruuf yaadannoo siidaa qabsoo tahuun seenaan isaan kaasaa kan jiraattu tahuun beekkamaadha. Akkuma adeemsa qabsoo yeroo dheeraa goottan onnee barbadaa qaqqaaliin gulantaa takka irraa tan biraatti tarkaanfachiisaa dhufan san bara 2016 keessaas warraaqsa cimaa Oromoon godhaa jiru kana wareegama seena qabeessa adda addaa kafaluun goottan kumaatamni tarkaanfachiisaa asiin gahan. Irra jireeysi gootota keenyaa dhiiga itti dhangalaasanii, lafee itti cabsanii, foon isaanii itti kukkutanii, lubbuu itti dhabanii, qaamaa itti hir'atanii, qabeenya itti hoonga'anii qabsoo tana sadarkaa boonsaa amma jirtu kanaan gahan. Goottan foon isaanii sooraa, dhiiga isaanii obaasaa qabsoo asiin gahan mara kabajaaf ulfina isaaniin malu isaan barbaachisa. Irra baayyee goottan qabsoo irratti wareegamanii kabajaafi ulfina guddaa isaan barbaachisu laachuufiin wal nama hin gaafachiisu. Goottan baayyee akkuma lubbuu isaanii qabsoof qodhaa godhan sanitti wareegamaniis akka carraa tahee goottan qabsoo sadarkaa adda addaatti ceesisan kan lubbuun hafaniis ni jiru. Barana gootoota keenya qabsoo finiinsaa turan, kanneen lubbuu ofii irratti murteessanii gulantaa warraaqsaa sadarkaa addaatti ceesisan kan lubbuun hafuuf carrooman keessaa tokko dargaggoo Gammadaa Waariyoo ti.

Dargaggoo Gammadaa Waariyoo dhaadannoo isaa 'Down down wayyanee' jedhamuun yeroo ammaa beekkama. Gootichi kun akkuma beekkamu Onkololeessa 2, 2016 gaafa ayyaana Irreechaa waltajjii irratti bahuun 'mic' aanga'oota wayyaanee harkaa butuun 'Down down down wayyaanee' jedhee sagalee isaatiin akka leencaa baroodee diina naasisee, Oromoota miliyoona danuu irraa quuqaa buqqisee, fira qabsoo Oromoo maraas gammachiisee gulantaa qabsoo gara sadarkaa addaatti tarkaanfachiiseedha. Irreecha irratti iddoo waraanni hangi wayyaaneen qabdu itti wal gahee jirutti dhaadannoo akkasii waltajjii irratti bahanii dhageessisuuf onnee gootummaa dhugaa waliin kutannoofi murannoo guduunfatte qabaachuu barbaachisa. Sagale guddiftuu qabatanii waltajjii aanga'ootaafi waraanni wayyaanee irratti walitti qabamee jiru irratti dhaadannoo 'Down down down Wayyaanee' jettu dhawwaaquu dhiisii osoo afaaniin hin dubbanne mallattoo diddaa harka ol qabanii agarsiisuun qofti wareegama guddaa Oromoo kafalchiisaa jiraachuun wal nama hin gaafachiisu. Gaafa ayyaana Irreecha san maaltu taha laata? jedhanii kumni qalbiin eegaa turuun ni yaadatama. Irreechi dur gammachuun Oromoo hammatee gammachiisee gaggeessuus barana immoo lubbuun dhibboota danuu shira diinaatiin irratti wareegamte, kan gammachuu dur golga gaddaatiin haguuge Irreecha gurraacha ture. Wayta Oromoonni miliyoona danutti lakkaa'aman gaddaan liqimfaman kanatti dargaggoo Gammadaan waraana wayyaanee kan akka mixiitti dirree Irreechaa cabalaq godhee jiru keessaan hulluuqee gootummaan waltajjii yaabbatee 'Down down wayyaanee' jedhee dhawwaaquun diina baareeysee miira ilmaan Oromoo gaddaafi gammachuun wal keessa laaqe. Waltajjii akkanaa irratti bahanii diina abaaruun, afaanii baafatanii 'Down down TPLF' jedhanii dura dhaabbatanii dhaadannoo dhageessisuun kutannoofi gootummaa akkam akka gaafatuufi wareegama hangam akka nama kafalchiisu tilmaamuun nama hin rakkisu. Gammadaan goota qabsoo Oromoo fincila xumura gabrummaa irraa gara warraaqsa Oromootti ceesiseedha

Lubbuu ofii irratti du'a murteessanii dirree san irratti bahuun qofti wareegama hadhaawaa nama gaafatti. Sabaa ofiitiif dabarsanii of laachuuf qophaa'ummaa cimaafi of kenniinsa guddaa nama gaafata. Injifannoo cululuqxuu akkanaa geengoo diinaa keessatti galmeessuun ulfaataa tahuu daran kan amanuuf nama rakkiisuudha. Gaafa Irreechaa eega Gammadaan waltajjii irratti 'Down down' jedhe booda yaanni shakkiifi mamii tokko tokko uumamuun kanumaaf ture. Hojiin gootummaa dhugaatiin Gammadaan waltajjii Irreechaa ija wayyaanee duratti hojjate namoota garii "Geengoo diinaa keessatti namni hangas onne qabeessummaafi gootummaan waltajjii diina irratti bahee dhawwaaqu dhuguma ni jiraa? Ani hin amanu! Moo diinaatu fakkeessuuf qindeessee kana godhee laata?" kan jechisiise ture. Eeyyee! Qabsoo keessatti wareegamaafi injifannoon baayyeen kan gamtummaan galmaa'u tahuun waan baratameef murtiifi tarkaanfii goonni akkasii dhunfaan fudhatu kan akkanaa kun mamii keessa nama galchuun beekkamaadha. Sababniis injifannoo cimaa akkasii mooraa diinni marsee jiru keessatti galmeessuun tumsaafi tinnisa qaama biraatiin alatti ni milkaa'a jedhanii yaaduufi carraan injifannoo akkasii argachuu dhiphaafi adeemsi isaas ulfaataa waan taheef gaafa tahee argamu immoo hanga roga adda addaatiin qabatamaan mirkanneeffatanitti 'Ani hin amanu' nama jechiisiisa. Wanti ni taha jettee hin eegne tokko gaafa tahee argamu immoo 'ijaafi gurra kiyyaan amanuu dadhabe' nama jechiisisuun miira uumamaa shakkiifi madaalliif keessa keenyatti kalaqamee jiruutu nu dirqisiisa. Qabsoo keessatti gootummaan injifannoo akkanaa galmeessuun lubbuu ofii caalaa sabaaf dhimmamuufi qomoo ofii jaalachuu irraa kan maddu tahuun beekkamaadha. Kanaaf Gammadaa Waariyootiis jireenya isaa Oromoof qodhaa godhee, lubbuu isaa lammii isaatiif wareeguuf of qopheessee injifannoo san galmeesse. Akkuma gootoonni qaqqaalii baayyeen sabaaf dabarsanii of laachaa, of irra saba jaalaachaa turaniitti, arraas qarooleen baayyeen bilisummaa lammiif jecha du'a of irratti murteessaa jiran. Kan sabaaf qodhaa of godhu baayyee keessaa muraasaatu akka carraa ardii irratti hafa. Isaan keessaa tokko Gammadaa Waariyooti. Ana qofaaf osoo hin taane Oromoofi seenaa qabsoo Oromoo keessattiis Gammadaan goota gootummaan malteeni. Eeyyee! Gammadaan akka carraatti arra lubbuun nu jiddutti argamuus goota saba isaatiif of laate goota cimaa fi guddaadha. Goonni akkasii lubbuun nuuf eewalamee jiraachuun nu gammachiisuu qabdi. Irraan deebi’a. Ana qofaaf osoo hin taane Oromoofi seenaa qabsoo Oromoo keessattiis Gammadaan goota gootummaan malteeni.

Gammadaan goota gulantaa qabsoo keenyaa sadarkaa guddatti geesseedha. Akkuma "Qabsoon beeratti burraaqa" jedhan san hojiin inni hojjateefi injifannoon inni galmeesse garii namaatiif salphaa fakkaattee mul'achuu dandeessi. Garuu nama waa hubatuufi cimina adeemsa warraaqsaa beeku biratti Gammadaan waa guddaa hojjatee. Injifannoo hangana hin jedhamne galmeessuu isaa namni hin hubanne jira jedhee hin yaadu. Akkuma beekkamu dhaadannoon "Down down Wayyaanee!" jedhu kun yoo ilaalan tarii salphaa tokko fakkaachuu mala. Hojiin inni hojjate injifannoo guddaafi bu'a qabeessa tahuu kan mul'isu jecha jedhame qofa osoo hin tahin gocha isaa waliini. Bakki, yeroofi akkaataan itti jechi san jedhame humnaafi ulfina ergaa isaa qabatamaan mul'isuufi dhaamsa guddaa dabarsuu kan dandeessisu gocha isaa waliin qindaa'eeti. Kanaaf jechi gabaabaan 'Down down wayyaanee!' Jedhu kun gatiin inni ol bahuuf fudhateefi bu'aan inni buusees guddaadha. Jechi kun jecha gabaabaa dhaamsaafi ergaa guddaa Oromoo qofa biratti osoo hin tahin kan qabsoo Oromoo deeggaru mara biratti dhaadannoo cimaafi jechaa gatii qabu tahee tajaajila kennaa jira. Ijoolleen daa'imni hiikkaafi gatii jecha kanaa hin beeknelleen eega Gammadaan jecha kana irreecha irratti dhawwaaqe booda "Down down wayyaanee!" Jechaa yoo dhawwaaqxu agarra. Oromoonni bahar gama jiraataan marti eega jechi kun dubbatame booda manneen mootummoota warra adii fuulduratti yoo hiraara bahan dhaadannoo "Down down wayyaanee!" jedhu fayyadamaa jiraachuun beekkamaadha. Jechi gabaabaan kun qalbii warra addunyaa mara kan hawwateefi xiyyeeffannaa argateedha. Gootonni addunyaa tanaa marti jecha ulfinaafi irree qabu kan wayta san qabsoo isaanii tan itti jiran finiinsuuf, dhaamsa dabarsuufi qabsaa'oota onnachiisuuf, kan warraaqtootaafi deeggartoota qabsoo isaanii itti mirqaanfatan kan onnee isaanii keessa bulgaafatanii ittiin itti fayyadamaniifi ittiin beekkaman qaban baayyeetu jira. Fakkeenyaaf, "I Have A Dream!" jecha Maartiin Luutar King warraaqsaaf itti fayyadamaa ture yoo tahu Obamaan gaafa duula sochii filannoo Ameerikaa taasisu "We Can!" Jechuun abjuu Maartiin dhugoomsuufi hiikuu akka danda'u itti fayyadameefi gochaan mirkaneessaa tureedha. Fagoo hin deeminaa, mee keenyuma as deebine haa ilaalluu. Jawar Mohammed gaafa AlJazeera irratti gaaffiif deebii taasisaniif haasawa bal'aa irra jechi gabaabaan hiikkaa garbaa "I am Oromo first!" jedhu hangam takka akka Oromoo gammachiiseefi diina naasisuu bira dabree abdii kutachiise namni hin beekne jiraa? Jecha gabaabaa piroojaktii guddaa dhaleefi hundeeffama OMN tiif bu'ura jaba taheedha. OMN immoo itti fufiinsaafi mirqaansa qabsoo gaggeeffamaa jirtuuf deeggarsa guddaa akka tahe namni hin beekne hin jiru. OMN jechuun ilmaan Oromoo biratti akka miidiyaa ykn TV itti osoo hin taane akka dhaaba (jaarmaya) qabsoo Oromoo guddaa fi cimaa tokkootti kan ilaalamuufi kabajamaafi jaalalli addaa akka isaaf kennamu beekkamaadha. Jechi Gammadaas kanaan addaa miti.

Dargaggoo Gammadaa Waariyoo goota lubbuun jiru tahuu qofa osoo hin tahin gootummaa addaa wanti isa badhaasu danuudha. Gootummaan dhawwaaqee diina naasisuu daran diina harkaa miliqee lubbuun nuuf eewalamuun isaas kan diina aarseefi gootummaa dabalataa kan isaaf laatuudha. Goota diddaa cunqursaa mormee sabaaf qabsaa'ee diina naasisee wareegamu qabaachuun nama gammachiisa. Goota qabsaa'ee diina naasisee lubbuuniis eewalamu qabaachuun immoo injifannoo lakkuu, gammachuu dachaati. Jechi gabaabaan gootichi keenya Gammadaan lallabe kun jecha qofa osoo hin tahin rasaasa guddaadha. Rasaasni immoo akkuma yoo diinatti deebisan galaafatu yoo sirnaan qabuu baatan abbichaas gaaga'a. Kana dubbachuun koo waa malee miti. Gammadaan goota waan isarraa eegamu qabsoof gumaacheefi gahee isaa dacha dachaan bahee jiruudha. Goota osoo hin wareegamin injifannoo guddaa galmeesseedha. Goota jaalala sabaatiif jedhee lubbuu isaa mi'ooytuu wareegaaf qodhaa godhe kan akka carraatti nuuf eewalameedha. Goota akkas nu jaalaatuufi akka alagaan dhiiga isaa cunfattu, lafee isaa cabsitu, foon isaa mummurattuu, lubbuu isaa wareegduuf jiruufi jireenya isaa irraa ka'ee dabarsee nuuf of kenne kana akkaataa Oromoon itti simatteefi quba qabaachaa jirtu garuu kan nama gammachiisuu miti. Goota akkanaa argachuu qofa osoo hin tahin sirnaan qabachuuniis gatii guddaa qaba. Haatahuu garuu simannaafi hammannaa isaan malte Oromoo biraa dhabuun kun kan hamilee qabsaa'ootaa tuqu qofa osoo hin taane kan deebisee balaaf isa saaxiluudha. Inni kabajaaf ulfina nurraa barbaadee miti kan lubbuu isaa dabarsee nuuf laateef. Silaa harka diinaa bu'ee arra waan afaan isaa irraa dhageenyuufi ijaan isa arguullee hin milkooynu ture. Warri shakkees, warri dhugaa arkees silaa osoo kana hin mirkaneeffanne hafa ture. Injifannoo galmeesse caalaa lubbuun eewalamuun isaa kun daran nu gammachiisuu qaba ture. Gammadaan kanaan dura diinaafi firaafiis eenyu akka tahe sirritti hin beekkamne ture. Gariin shakkii namoota muraasaa saniin ulfaa'ee gariin immoo mamii hin beekkamneen liqimfamee ture. Eega guyyaa Irreechaa booda du'aafi jiruun isaa Oromoo mara shakkisiisaafi yaaddeessaa turte. Mucaan kun lubbuun haa eewalamu malee ammallee shanacha diinaa jalaa fagoo miti. Goonni wayyaanetti ibidda shide kun eega miidiyaa irratti mul'ate booda xiloon diinaa irratti xiyyeeffachuun hin oolu. Sabboontoonni Oromoo kan warraaqsa kana keessatti dhageettii qabaniifi waa godhuu danda'an dhimma Gammadaa kana laaffisuu isaanitu mul'ata.

Walumaagalatti Gammadaa Waariyoo kanaan dura hojii isaa malee teessoofi eenyummaan isaa hin beekne ture. Diinni barbaadaa turuus argachuu hin dandeenye. Amma immoo teessoofi eenyummaan isaas gara miidiyaatiin beekkamuun isaa firoota yoo gammachiisu diina immoo daran aarsee jira. Nuti immoo jiraachuu isaa qofatti gammadnee yoo cal'ifnu diinni immoo aara san bahuuf aaree hin cal'isu. Kanaaf ani akka nama tokkootti dhimma isaa ilaalchisee furmaanni waaraan nageenya mucaa kanaaf barbaachisu barbaadamuuf qaba jedheen amana. Akka nuti laaffifne kana diinni waan laaffisee ilaalu natti hin fakkaatu. Jechi namoota gariif xiqqaa kun warra siyaasaatiif rasaasa akkam tahuu ni beekkama. Nuti waan gochi isaa nuuf gumaache tilmaamuu dhiifnuus diinni immoo waan jechi kun isa dhabsiise waan beekuuf salphatti kan jalaa hafuu miti. Gammadaan akkuma jecha san dhageessiseen osoo wareegamee akkuma wareegamtoota kaaniitti yaadatama ture. Akkuma isaaniittiis ilaalama ture. Kana booda immoo yoo miidhaan irra geesse sheenaa guddoo nu keessatti magarsuu qofa osoo hin taane madaa hin qoorrees nu keessatti uuma. Kana dura osoo hin tahin amma eega eenyummaan isaa beekkame kana wayyaanetti ibiddi lammaffaa qabsiifamee jira. Kanaaf gabaabumatti mucaan kun akka Afrikkaa keessaa gamatti cehuufi bobaa diinaa jalaa fagaatu koreen ijaaramtee yeroo gabaabatti baasuuf hojii jalqabuu qaban jedheen yaada. Biyyi masrii namoota Oromoo maraafu jireenyi yaaddeessaa tahee jira. Gammadaan qabsoo keessatti gahee irraa eeggamu caalaa bahee jira. Akka carraa tahee eega eewalame immoo nuti isaaf wabii tahuu nurra jiraata. Inni tokkichi lubbuu jijjiirraa hin qabne saba guddaa fi danuu kanaaf laatee egaa carraan isa jiraachifte nuti danuun kun isaaf maal laachuu qabna? Jedhanii of gaafachuun dirqama taha. Hanguma ammaatuu haalli jireenya isaa hin mijjooyneef fakkaata. Gargaarsi gama 'Gofund' isaaf walitti sassaabamaa jiruus baayyee xiqqaadha. Kanaaf gooticha keenya kana namni marti dhimma isaa itti yaaduu qaba. Goota tokko eega wareegame qofa faarsuu fi seenaa isaa dhaadheessuu osoo hin taane goota lubbuun jiruus kabajaafi ulfina isaan malu laachuufin dirqama. Jechi "Down down wayyaanee!" Jedhu kun yoo irratti hojjatame ammallee piroojektii guddaadha. Waan biraa miti namni suuraa fi jecha isaa qofa interneetiis tahee lafatti fayyadame qofti osoo qarshii takka kafalee miliyoona meeqa taha laata? Dubbiin xumuran malee hin xumuramtu, arraaf goolabe. Horaa bulaa!
“GOOTOOTA KEENYA KABAJAAFI ULFINNI ISAANIIN MALU LAATAMUUF QABA!”

Saphaloo Kadiir
Sadaasa, 2016

Monday, November 21, 2016

OROMOON KAN ODUU MINNAAGU OSOO HIN TAANE KAN DIINA WAREEGU BARBAADA.

OROMOON KAN ODUU MINNAAGU OSOO HIN TAANE KAN DIINA WAREEGU BARBAADA. 

                                              (Saphaloo Kadiir irraa)

Ji’a darbe keessa korri jaarmayaalee qabsoo Oromoo Londonitti yoo gaggeeffamu mootummaan wayyaanee, warri Amhaaraafi leelliftoonni tokkummaa Itoophiyummaa “Oromoon Itoophiyaa ni diigna jedhan” jechuun iyyeensa quba gurra kaayyatanii dachii garagalchaa turan. Oromoofi jaarmayaalee qabsoo Oromootiis balaalleeffatanii, qabsoo wareegama meeqa keessa dabartee as geessees abaaraa turan. Yeroo san kanuma irraa ka’uun warri ol’aantummaafi caalmaya saba tokkoo qofa leellisuu barbaadan kun kora Hoggantoota Oromoo kan Atilaantatti gaggeeffamuuf karoorfame irrattillee shakkii guddaa qabaachuu isaaniis ibsaa turan. Osuma isaan maraataniifi carqa darbaniiti yeroon koraa geessee korri gaggeeffame. Eega korri xumurame booda immoo dubbiin faallaa taatee warri biraa yoo callisu Oromumaatu walitti bobba’uu jalqabe. Akkuma argaa jirru wayta ammaa marsariitiilee interneetaa kana gubba keessattuu miidiyaalee hawaasaa irratti waanuma ajaa’ibaa argaafi dhagayaa jirra. Gariin dhugaa dubbata, gariin immoo waanuma hin beekneef of shukkuuma, gariin immoo waanuma deeggaruufi dhiisullee osoo hin beekne dhawwaaqa. Warri dubbii afaan wallaalee harka maratee dhaabbatee ilaaluus hedduudha. Gareen gama lamatti baatee wal dhooytu tun lachuu Oromoo dha. Lachuu Oromoo tahanii ykn Oromoo fakkaatanii, akka waan Oromoof quuqamaniitti yoo minnaagan, wal arrabsan, tokko faarsaa tokko xureessan agarra. Hangi kora kana hadheeyfatee mormu garuu harki caalaan hoggantootaafi miseensoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO Shanee) yoo tahan sababni balaalleeffannaa isaanii guddaan immoo kora san irratti nu arrabsan, warreen qabsoo Oromoo irratti abbaa tahuu barbaaduutu achitti walitti qabame, waltajjii san kan qophoosseefi hirmaatee diina, teessumni san ABO diiguuf koroorfatamteefi kkf kan jedhu yoo tahu wantoota biraas baayyee dhageenya. Kanneen biraa immoo korri Atilaantaa san sirrii tahuu deeggaruun warra waltajjii san mormuufi faalleessu kana kan balaalleeffatanii dha. Warri gariin gaafuma waltajjiin kora hoggantoota Oromoo jedhamu kun akka gaggeeffamuuf deemtu karoorfamte mormii jalqabe. Eega korri gaggeeffame booda immoo mormiin duraan turte san oowwiteeti osoo deemtuu amma sadarkaa wal dhahiinsaatti, saniifuu wal rukuttaa hamaatti dhufte. Wanti hedduu nama ajaa’ibsiisuu garuu kan wal dhooysisuufi wal dha’uus, kan wal arrabsuufi wal abaaruus keenyuma, Oromoo jechuu kiyya. Gariin immoo dubbii gara gosummaafi naannummaatti harkisee ummata Oromoo waliin dhahuu barbaada. Kan agarruufi dhageenyu marti kanuma gar tokko goree ibidda qabate irratti boba’aa firfirsu malee, kanuma arraabaafi abaarsa qoloo guuttatee xiichu malee kan yaada falaafi furmaata tahu lafa kaa’u, kan araara buusuufi dubbii qabbanneessu hin agarre. Garuu maaliif? Jedhee yoon of gaafadhu wantoota baayyeetu sammutti na dhufe.
“Teenya tun miicaniis hin addaattu, addaattuus tan ormaa hin fakkaattu” jedhe hiriyaan kiyya tokko. Yoo walitti dhufnees rakkoodha. Yoo walirraa fagaannees rakkoodha. Akka ilaalcha kiyyaatti taa’uu irra siquu wayya akkuma jedhamu san gargar faca’uu irra immoo walumatti dhufuutu irra gaariidha jedheen amana. Walitti dhufuun, waliin haasa’uun yaada keessoo keenyaa baafnee akka wal dabarfannu taasisa, namni waan keessa isaa jiru baasee walitti himate immoo wal hubachaa, wal baraafi waliif galaa dhufa. Yaadoota irratti waliif hin gallees bulfachaa, kan irratti waliif galan waliin hojjachaa deemuun baayyee gaariidha. Kan walitti dhufuu hin barbaannees diduufi hafuu mirga qaba. Garuu immoo moggaa ta’ee namoota walitti dhufuun nu fayyada jedhanii amanuun walitti qabamanitti dhagaa haruu hin qabu. Warri walitti dhufuus kan hafe san walitti dhufiinsa hin barbaadu taanaan hafuuf mirga qabaachuu isaa amanuu qaba. Sammuu qaroomteefi qalbii tasgabbooyteen waa hubachuu danda’uu qabna. Waa hundaafuu kora hoggantoota Oromoo Atilaantatti gaggeeffame irraa hanga ammaatti haala deemaa jiru kana waliin wal qabsiiseen yaada koo cunfee waa dubbachuu barbaada. Ani miseensa dhaaba siyaasaa tokkoollee miti. Dhaaba siyaasaa kan Oromoofi Oromiyaaf qabsaa’an kamiifuu jibba qabaachuu baadhullee keessa kootti akeekaafi kaayyoo ABO kan ganamaa saniin deeggara. Osoo hojiirra oolee qabatamaan lafa qabatee kan hedduu na gammachiisuus isuma. Tahullee garuu hunda caalaa fedhiifi hawwii ummata Oromoon hordofa. Dhahannaa Onnee ummata Oromoo dhageeffadhee adeemsa warraaqsa qabsoo isaan itti jiran faana bu’uun filannoo koo guddaadha. Kana ibsuun kiyya dhimma qabsoo Oromoo kamuu ija Oromummaatiin malee ija dhaaba siyaasaa kamiinuu akkaan hin ilaallee akka naaf hubattaniifi. Ani akka Oromoo tokkootti walitti dhufeenyaafi marii Oromoo mara niin deeggara waan taheef kora hoggantoota Oromoo Atilaalantatti gaggeeffamees baayyeen deeggara. Eega korri kun gaggeeffamuuf karoorfame irraa hawwiifi hamileen sardamaan eeggadhe. Qaamaan irratti hirmaachuuf carraa milkaa’u baadhuus akkuma Oromoota danuu qalbiin faanaan ture. Waan korri irra ture hanga gama interneetiin ol bahee mara dhageeffadheen jira. Gama kaaniin immoo namoota garagaraa waliin dhimma kora kanaa ilaalchisee waliin dubbadhee, akkamitti akka ilaalaniifi hubatan gaafadheen jira. Namuu akkuma ilaalcha isaatti waanuma itti dhaga’ame ibsa. Yaadoota nama kan gama ‘Facebook’ ibsataniis hedduu laaleen jira. Gariin ni komata, gariin immoo ni faarfata. Yoo tokko faarfatu tokko maaliif faarfatta? Jedha. Kan shoorarkaa hangana geessu uumees dhimmuma kana. Ani immoo duuddutti faarsuus tahee komachuu hin barbaadu. "Ganna dabreef mana hin ijaaran" jedha Oromoon. Yeroo baayyee namoonni gariin waan dabre irraa barachuu caalaa komachuu jaalatan. Akka dhunfaa kootti kora waliin wal qabatee haala ture irraa ka’uun waaniin hubadhe akka armaan gadiittiin ibsa.
Oromoon walitti dhufee dhimma isaa irratti haala saniin mari’achuun hundaa ol kan na gammachiiseefi quuqaa narraa buqqise ture. Yeroo baayyee ummanni Oromoo biyya keessaa qabsotti jiru geengoo diinaa walakkaa waan jiraniif walitti dhufanii adeemsa warraaqsa isaanii irratti mari’achuun waan ulfaatuuf oromoon geengoo diinaatii ala jiran walitti dhufanii mari’achuu akka qaban yeroo baayyee irra deddeebi’ee barreesseen ture. Kanaaf Oromoon haala saniin walitti dhufanii waliin dubbachuun ana qofa osoo hin taane ummata Oromoo mara tahuu baatuus harka caalu kan gammachiisee akka tahe niin amana. Fedhiifi hubannaan namaa garagara waan taheef harka dhibba ni gammachiisa jechuun immoo hin danda’amu. Haalliin kana itti hubachuu danda’e ummata Oromoo guututti gaafadhee osoo hin taane ykn tilmaamaan osoo hin tahin tooftaa saayinsaawattiin fayyadame. Nama 30 biyya keessaafi biyya alaa irraa dhimma koraa kana ilaalchiseen gaafadhe. Namonni soddamman kana hanga danda’amutti manguddoota, dhaloota qubee, miseensootaafi abbootti amanta irraa keessatti hirmaachisuuf yaaleera. Namoota 30’man keessaa giddugalaan namoonni 25 kan deeggaran 5 immoo kan morman ture. Namoonni shanan morman kuniis walitti dhufuu isaanii osoo hin taane, hanqinoota xixiqqaa kora irratti mul’ate irraa ka’uun akka morman dubbatu. Waanuma fedhellee tahu Oromoo harki caalu ni deeggaran jechuudha. Ani mirkaneeffachuuf malee sadarkaa tilmaamaattuu wayta kana Oromoon iddoo fedhetti walitti dhufee mari’achuu isaanii kan Oromoo taheefi qabsoo sabaaf yaadu kamuu ni morma jechuun hin danda’amu. Tahuus garuu wanti tokko yoo hojjatamu akkuma cimina qabu hanqinaas qabaachuun isaa beekkamaadha. Nama deemuutu gufata malee namni taa’u yoo ta’aan (hudduun) dadhabde malee hin gufatu. Gufaatii sodaaf immoo imala irraa hafuun waan jiru nattin fakkaatu. Daa’imni niin kufa jedhee sodaatu osoo miilaan ol hin kaane waggaa dheeraaf sorraqaa tura. Kan dhaabbilee siyaasaa Oromoo hanga ammaa akka isaan sorroqaan taasisees kanuma ture. Haaluma kanarraa kaanee yoo ilaalle waltajjiin kora kanaatiis hanqina qabaachuun isii beekkamaadha. Tahullee garuu hanqina waltajjii tanaa xixiqqaa mul’ate fuudhanii hojii godhatanii minnaaguun gaarii miti. Hanqinoonni uumamu kamilleen irraa baratamaa, fuul duratti fooyyeeffamaa kan deemamu taha.
Namoonni muraasni hanqina waltajjii kora Atilaantaa jechuun kan kaasan dhimma walaloo guyyaa duraa waltajjii irratti Bulii Badhaanee dubbisee dha. Ani akka kiyyatti walaloon san sirri moo sirrii miti kan jedhu osoo hin taane hanqinni akkamitti uumame kan jedhuu irrattiin xiyyeeffachuu barbaada. Walaloon hanqina qabaachuu dandeessi garuu nuti hanqina qabaachuu walaloo osoo hin taane hanqinichi waltajjii uumamuun isaa akka yaada kiyyaatti sababoota lama irraa jedheen yaada. Tokkoffaa waltajjii akkanaatiif koreeleen haarawa waan tahaniif, yeroo hedduu waltajjii akkanaa qopheessuufi irratti hirmaachuuf haarawa tahuu irraa kan uumamuu malu yoo tahu kan biraa immoo koreen waan darbuu qabuufi hafuu qabu addaan gulaaluufi calaluu dhabuu irraa kan uumame tahuu danda’a. Hanqina walaloo qofa irratti uumame kanaan immoo kora guutuu diinoomsuun, balfuufi balaalleeffachuun immoo ofiifuu diinummaadha. Warreen hanqina kanaafi kan biraallee qabatanii hafarsaa jiran akka dhunfaattiis tahee akka jaarmaya siyaasaatti ni jiran. Garuu hanqinni uumame kun kan kana mara nama dhiphiisuufi nama oowwisu osoo hin taane kan dogoggoroota xixiqqaa fuul dura nu mudachuu malan irraa baratanii bira dabranii dha. Eenyuutu hanqina waltajjii kana fuudhee guddisee ol qabee hafarsaa jira yoo jenne namuu amma ni hubata. Kan nama gaddisiisu garuu waltajji kora Atilaantaa kana dhoqee dibuuf kan wixifatu diina caalaa keenyuma tahuu isaati. Saniifuu hoggantootaafi miseensoonni ABO Shanee kan Daawid Ibsaan hogganamu hanqina waltajjii san irratti mul’ateefi kan ofiif uuman fayyadamanii ummata Oromoo kutaan, amantaafi ilaalcha dhaaba siyaasaan walitti buusuufi gargar facaasuuf yaaluu daran qabsoo oromoo laamsheessuuf wanti isaan hin godhin hin jiru. Yeroo ammaa wayta wayyaaneefi warri habashaatu qabsoon oromoo sadarkaa olola akkanaatiin caphuufi ummanni oromoos ilaalchoota yaraafi dadhabaa kanaan walitti bu’uu bira dabruu baranii bakka cal’isanitti hoggantoonni dhaaba Oromoon qabsoof abdachaafi jaalachaa turtee waan akkanaa godhuun kun namoota garii gaaffii biraa sammuu keessatti kalaquun isaa beekkamaadha. Wanti isaan itti jiran kun garuu anaaf gaaffii yeroo dheeraaf deebii dhabde sammuu kiyya keessaa wacaa turte baayyeef akkaan deebisaa argadhu na taasise. Kaayyoon ABO kan ganamaa Oromoo bilisoomsuufi Oromiyaa walaboomsuu tahullee hoggantoonni ABO Shanee immoo kaayyoo kana cabsanii qabsoo godhamaa jiru sakaaluufi dhoqqee dibuu qofaaf maraachuun isaanii kan ammaa kun yeroo jalqabaa miti.
Dhugaa dubbachuuf warraaqsa ummata Oromoo bal’aan gaggeeffamaa jiru kana hoggantoonni Shanee kun yeroo garagaraa yoo morman argeen jira. Isaan keessaa akka fakkeenyaatti nama tokko yoon kaase Odaa Xasee hoggana ol aanaa Shaneeti. Odaa Xasee akka dhunfaattiis akka dhaabaatiis yeroo garagaraa warraaqsa Oromoo bara 2016 kana keessa gaggeeffamaa ture yoo mormuufi balaalleeffatu fuula FB isaa irrattiis, miidiyaa irrattiis argee dhaga’een jira. Warraaqsa bara kanaa keessatti gaggeeffame keessaa guyyoota seena qabeessa, injifannoo gurguddaa galmeessaniifi hangafoota tahan kan akka hiriira guddicha Oromiyaa Hagayya 6 fi gaafa duulli lagannaa gabaa ji’a Fuulbana 2016 keessa wayta akka gaggeeffamu labsame Odaa Xasee nama hadheeyfatee mormeedha. Hoggantoonni akkanaa kora hogganoota Oromoo maaliif morman yoo jenne argaa irra dhageettii barbaaduu taha. Korri hoggantoota Oromoo Atilaantatti gaggeeffame kun bu’aa warraaqsa bara 2016ti. Warri warraaqsa kana mormaa ture waltajjii bu’aa warraaqsa kanaa taate irratti hirmaachuuf ofitti amantummaafi hirees hin qaban. Abbaan barbaade waan itti amane deeggaruu, waan hin barbaanne immoo mormuu mirga guutuu qaba. Maaliif morman, maaliif jibban jechuu kiyya osoo hin taane sababoonni mormaniif qabatamaafi mul’ataa tahuu qaba jedheen yaada. Haalli isaan itti jiran kun sababoota baayyee irraa kan maddu akka taheen hubadha. Yoo gama isaaniitiin hin taane qabsoon Oromoo taakkuu takka akka hin deemne barbaaduu, dhiigaafi lafee faca’aa jirtuufi lubbuu obboleeyyanii kan qisaasamaa jiru kanaaf leeccalloofi hadooddii dhabuu, qabsoo eenyulleen gaggeessu maqaa itti moggaafachuuf hamiluu, adeemsaafi tartiibni qabsoo itti gaggeessan nama harkaa baduu, kaayyoofi akeeka dhaabni qabu moggatti dhiisanii fedhii ofii jala tarkaanfachuu, amala abbaa irrummaafi ana qofaatu beekaatiin guutamuu, ergama diinaa ba’atanii deemuu, quuqamaafi laalaan sabaa namatti dhaga’amuu dhiisuu, fedhiifi hawwii ummataa beekuu dhabuu, dhahannaa onnee ummataa dhageeffachuu dhabuu, sadarkaa qabsoon irra jirtu hubachuu dhabuufi kkf baayyee irraa kan maddu akka taheen hubadha.
Waanuma fedhee haa tahuu, abbaan fedhe waan barbaade haa hafarsuu nuti ummanni Oromoo wanti godhuu qabnu baayyeetu jira. Kan duraa rakkoolee akkanaa kana gad xiqqeessuufi tarsiimoo bu’aa qabsoo keenyaa guddisuufi galma keenyatti nu dhiheessuu dandeessu diriirfachuun dirqama taha. Nama dhunfaas tahee, dhaabni siyaasaa marti maaliin godhuu qaba jedhee of gaafachuu qaba. Yoo walii galuun hin danda’amne garaagarummaa isaanii akkuma jirutti dhiisanii kaayyoofi akeeka qaban san galmaan gahachuuf tarkaanfachuu qaban. Olola wal irratti banuun nun barbaachisu. Ololaafi dhagaa darbannu mara gara diinaa qofatti darbachuu qabna. Gama biraatiin Oromoon wal amanuu, wal irratti quufuu, waan gaarii hojjatame eenyuutu hojjatee osoo hin taane hojjatamuu isiitti deeggaruu, kan balleesse badii isaa itti himuu, kan waan gaarii hojjate jajjabeessuufi tooftaa biraa kan jaalalaafi qindoomina keenya cimsan, tarsiimoo mootummaa wayyaanee kan butute kana itti fonqolchinu hordofuun dirqama taha. Dhaabni siyaasaa tokko kan biraa waliin hirmaachuu dandeenyaan gamtoomee qabsoo isaa itti finiinsuu qaba. Dhaabni siyaasaa tokko yoo waan biraa godhuu dadhabe dhaaba siyaasaas tahee nama dhunfatti qabsoo Oromoo siqsuuf tattaafatu hamilee buusuufi cubbuun dhoqqee itti dibuu irraa of qusachuu qaba. Ummanni keenya nama ykn dhaaba qabsoo taa’ee minnaagu osoo hin taane kan diina isaa wareegu, kan walirratti ololu osoo hin taane kan tarsiimoo sirrii diina barbadeessuuf diriirsu barbaada. Oromoon wayta ammaa kana eenyuutu naaf hojjataafi eenyuutu narratti hojjataa jiraa sirritti addaan baasee beekee jira. Dhaaba siyaasaa kan yoo danda’e wal tahu yoo dadhabe immoo roguma jiruun qabsoo finiinsu malee kan Oromoo irratti as deebi’ee diigmayaafi shira xaxu hin jaalatu, hin barbaaduusi. Sadarkaa amma qabsoon Oromoo geesse kana irraa abbaan fedhe yoo waan qabsoo qancarsu tanuma barbaade jedheefi hojjatees taakkuu takka of duuba deebisuu akka hin dandeenye hubadhaa. “Kofa ofii ajooytuu abbaatu walitti qabata” jedha Oromoon. Kanaaf afaaniifi bobaa ofii ajaaytuu ofumaaf walitti qabachuu malee of babbanuufi walitti ajeessuu irraa of qusachuun abbumaaf tola jedheen barruu koo goolaba. Horaa bulaa.
Abbaan barbaade wixxifatuus qabsoon keenya galma geessi!
Saphaloo Kadiir
Sadaasa, 2016

Friday, November 18, 2016

#OromoRevolution Yaa'ii Hogganoota Oromoo: Fuulduree

#OromoRevolution Yaa'ii Hogganoota Oromoo: Fuulduree

                                       
                                             (Jawar Mohamma irraa)

Yaa'ii Hogganoonni Oromoo guyyaa sadihiif Atalnta keessatti taa'an goolabamee jira. Akkaataa korri kun itti deemsifame, milkiifi hanqina isaa madaaluun qooda hirmaattotaati. Isaanis bifa adda addaatin himaa jiran. Maaltu itti aana kana jedhurratti waa takkaa lama jechuun fedha. Wanni itti aanu murtiilee yaa'iin kun dabarse ciminaan hojiitti hiikuudha.
  • 1) Yaa'iin kun uummanni Oromoo dudhaa fi aadan siyaasaa dimokraasii hirmaachisaa ta’ee, kan dagaagina wal qixxaataa, nagayaa amansiisaafi kabaja dhala namaaf kan kennu, isa irraa illee hafee kan biraa kan ga’uu, haftee qaroomina sirnaa gadaa qabaachuu isaa gadii fageenyaa kan irratti mari’atamee fi mirkaneefatamee dha. Akkasumas bu’uurrii hundee tokkummaa Oromoo fi siyaasa isa duudhaalen qaroomina haftee sirna gadaa kana keessaa madduu, ka hawwii egeree Oromoo hundaa illee masaku ta’uu isaa hubachuun maree ijoo dubbii kana irrattii balinaan ergaa mari’atameen boodaa, qindoomina cimaan itti fufiinsi akka jiraatuu waliif galameera.

  • 2) Yaa'iin kun galmeelee lama jechuunis Labsii Dhugefannaa 
  • Tokkummaa Oromoo (Affirmation of Oromo Unity and National Aspirations) fi Irbuu Oromoo ( Oromo Charter for Freedom, Justice, Dignity and Peace) jedhan irratti erga mari'atee booda yaada waan hirdhatuufi eda'amuu qabu eeruun, dokumantiileen kun akka yaada yaa'ii kanarratti dhihaataniitin gabbisanii deebisan gurmuu hayyootaa itti ramadee jira. Hayyoonni kunis yeroo gabaabaa keessatti hojii kana xumuranii dokumantii kana gara jila yaa'ii kanaatti ergu. Jilli kunis dokumantii kana daran yaada ummataatin gabbisuuf hawaasa isaanii keessatti irratti mari'achiisu. Hirmaannaa ummataa daran bal'isuuf dokumantiileen kun Oromiyaa keessatti lafa jalaan irratti mari'atamuuf jira, akkasumas gara interneetiin platfoormiin qophaayee yaanni itti sassaabama.

  • 3) Yaa'in kun diplomaasiin Oromoo fi gargaarsi ummata keenya miidhamaa jiruuf qodhamu bifa waaltaheen akka godhamu murteessuun koree qindeessituu itti dhaabee jira. Koreen dhaabbate kun yeroo gabaabaa keessatti sirna isaan barbaachisu guutattanii tarsiimoo baafatanii jila yaa'ii kanaatiifi hawaasa Oromoo bal'aa ni beeksisu jennee abdanna.

  • 4) Marii dokumantiilee irratti bal'inaan hawaasa keessatti godhamuufi yaada ka'u sassaabee fiduun irratti mari'achuuf, akkasumas hojirraa ooluu dirqama koreelee qindeessituutti laatame madaaluf yaa'iin hogganootaa yeroo lammataaf ni yaamama. Kanas akka qindeessuuf yaa'iin kun koreen dhaabbatee jira; hojii isaas ammumarraa eegala.

  • 5) Adeemsa yaa'ii hogganootaa Oromoo kan Atlanta kana irraa komiin bifa adda addaa akka ture ni beekama. Yaa'iin Hogganotaas koreen qindeessituu muftoolee jiran kana akka furuufi yaa'ii lamataa irratti namootaafi gurmuulee hafan kamiyyuu hirmaachisuuf ijibaata akka godhu ajajee jira. Koreenis ajaja kana fudhachuun safisaan hojiitti hiikuuf waadaa seeneera. Waaqni isaan haa gargaaru.

Warri hojiitti ramadame dalagaatti haa jabaatu. Yeroo tumsaaf nu waaman haa owwaannu.

Saturday, November 5, 2016

#OromoRevolution;Seenaa sochii barattoota Oromoo kan bara Wayyaanee keessatti yeroo duraaf fincilli sadarkaa biyyattii fi alatti dhagahamuu danda'e kan eegale yoom irraa ti?

#OromoRevolution; Seenaa sochii barattoota Oromoo kan bara Wayyaanee keessatti yeroo duraaf fincilli sadarkaa biyyattii fi alatti dhagahamuu danda'e kan eegale yoom irraa ti?

                                                      (Yaya Basher irra)

  • 1 Bara 2000 - Wayta san barattoonni yuniversiitii ibidda bosona Baalee, Booranaa, Harargee fi bakkoota birootti qabsiifame dhaamsina jedhanii bobba'uuf gaafannaan yoo mootummaan dhoorku fincila guutuu Oromiyaa geggeessan. 


  • 2 Bara 2001 - Barataa Oromoo Yunivesiitii Maqaleetti ajjeefame tokkoon wal qabatee finicilli jabaan Yuniversiitii Finfinneetti dhalate. Barattoota Oromoo qofa osoo hin taane hundumatu fincile. Wayyaaneen wayta kana barattoota 41? ajjeefte. Fincilli sun guutuu Oromiyaatti babal'ate. Ani illee akka mataa kootti fincila san qindeessuudhaan yakkamee ji'a Bitootessaa keessa qabamee baatii 5 hidhamee biyyaa bahuu koofuu sanitu sababa tahe.


  • 3 Bara 2002 - Barataan Oromoo tokko (yuniversitii kamitti akka tahe dagadheera) ajjeefamuu hordofee Oromiyaa mara keessati fincilli torbaanotaaf lafa raase barattootaan geggeeffame. 


  • 4 Bara 2004 - Magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinnee irraa gara Adaamaa dabarsuu irratti fincila hanga yeroo sanitti morkataa hin qabnetu guutuu Oromiyaa keessatti torbaanotaaf deeme. Qoodni Waldaa Maccaa fi Tuulamaa wayta kanatti akkaan olaanaa ture. 


  • 5. Bara 2005 - Filmaata barasii booda hudha wal qabuu Wayyaanee fi CUDtiin wal qabatee sagaleen qabsoo Oromoo biyyattii keessatti dagatamuu irraa ABOdhaan labsame. Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) jedhamee moggaafamee Sadaasa 9, 2005 labsame. Fincilli kun irra guddaatti laguu gabaatiin hojii irra oolaa ture.


 Akka waan fincilli diddaa Oromoo bara 2005 eegaletti warri kaasuu barbaaddan dhugaa kana akka of duuba deebitanii yaadattaniifi. 

Finciloota barattoota Oromoo ka
n kaleessaa hanga har'aa hundumaa keessatti lubbuun gootota keenyaa ni yaadatama.