Tuesday, September 27, 2016

Beware of TPLF's minority card

Beware of TPLF's minority card

                                                    
                                                                               (By Jawar Mohammad)
Recently you might have noticed that TPLF is propagating 'Somalis' protesting against OLF, G7 etc. Its important to know that these are members of the TPLF's puppet party in Somali region ( its like OPDO and ANDM members rallying in support of the regime). In fact many of the thugs are not from Somali regional state but from Djibouti, Somalia, Somaliland and even Kenya. Back home the psychopathic president of the region has forced residents of Jigjiga to stage a rally. Why all this? First it shows the regime have given up on its puppet parties in Oromia and Amhara regions. Pro-regime rallies planned in Oromia and Amhara were either cancelled due to fear of turning into protest or no one showed up.
But there is more sinister motive than just this. It is part of the minority card TPLF leaders are trying to play as they fight for survival. Two weeks ago Seyoum Mesfin and Abay Tsehaye gave interview where they repeatedly pulled the minority card. They have two objectives in doing so. First they want to mislead and gain sympathy of the liberal international community that their minority ethnic group (Tigreans) are facing genocide from alliance of the two largest ethnic groups Oromo and Amhara. They have been telling diplomats that it's not just Tigreans facing existential threat but also other minorities. Second, they want to implement their long held plan of 'minority coalition' to withstand pressure from Amhara and Oromo forces. Since the days of their armed struggle, TPLF leaders believed that the best way to cope with being outnumbered is to forge alliance (under their domination) with other minorities. The controversial map that connects Tigray with Benishangul-Gumuz and all the way down to Gambela on the West, and Afar and Somali through the East is not some simple error or latest development. It has been on the works since 1980s. Although it failed due to economic competition with Tigrean businessmen, they have also tried to bring urban minorities to their side as well.
But is TPLF an ally of minorities in Ethiopia? Its records say NO!
  • - Its military carried out ethnic cleansing against Ethiopian Somalis as meticulously recorded by human rights organizations. Abdi Illey was their henchmen who was facilitating the massacre. 
  • - It massacred the Agnuwak in Gambella region in 2003 and still continue to kill in the region.
  • - The Sidama were massacred at Loqe in 2002.
  • - Entire villages in Konso are being burned down as we speak.
  • - The Mursi are killed en mass and those captured alive are chained like animals as might have seen on pictures
  • - Silte and Gurage businessmen have been pushed out of the market and replaced by Tigreans.
  • - Afar land is all but taken over by Tigrean land grabbers.
  • - On and on and on......
  • Yet as it faces increasing resistance in Oromo and Amhara, TPLF will be aggressively using this 'minority card' in the up coming weeks and months. This will be done with action that will create rift between minority ethnic groups and Oromo/Amhara. We should henceforth expect the following:
  • - More rallies in diaspora and targeted regions in Ethiopia with participants holding slogans that offend Oromo/Amhara.
  • - Intensified campaign on media using languages that provoke debate and counter attack.
  • - Physical attack on Oromo/Amhara activists and institutions with the aim of provoking counter attack on Somalis.
  • - They will intensify instigating conflict on regional boarders. We are already hearing provocation on Benishangul-Amhara boarders, Somali -Oromia boarders.
  • If left unchallenged, these tactics could cause serious short and long term problem between various nations of the country. Therefore, the following steps should be taken to counter that:
  • - Oromos and Amharas shouldn't fall for the provocative trap. Avoid debates and arguments against Somalis and others.
  • - Let activists, political leaders and organizations respond to debunk them. 
  • - Beware that the regime's agents will engage in nasty exchanges pretending to be Oromo, Amhara, Somali etc. 
  • - Prominent activists, political leaders should be careful against attacks by hired thugs. Community and religious institutions should be protected. In case attacks occur, the situation must be wisely contained. No doubt the regime agents in Amhara and Oromo communities will try to instigate counter attack on Somali and others. Hence no matter the severity, the possible attack on Amhara/Oromo personalities, the response should never be communal; the individual who committed the crime should be singled out and brought to justice.

Such old and tired tactic of divide and rule cannot extend TPLF's dictatorship.

Kaardii Wayyaaneen maqaa sab-bicuuleetiin taphachaa jirtu quba qabaadhaa

Kaardii Wayyaaneen maqaa sab-bicuuleetiin taphachaa jirtu quba qabaadhaa.

                                                        (Jawar Mohammad irraa)

 Kaluu tana akka Wayyaaneen maqaa ‘Somaalotaa’tiin ABO, Gimbot 7 fi kkf irratti duula ololaa bantee jirtu hubachuu hin haftani. Jarri kana keessatti qooda fudhataa jiru paartiilee maxxantuu naannoo Soomaalii (akkuma OPDO fi ANDM faa sirnicha deeggaruuf hiriira baatu) akka tahan hubachuu feesisa. Dhugaa dubbachuuf yoo tahe garuu kashlabboonni kun irra jireessatti kan fidaman Jibuutii, Somaaliyaa, Somaali Laand fi Keeniyaa faa irraati. Rakkoo sammuu kan qabu pirezdaantiin naannichaa jiraattota magaalaa Jigjigaa dirqisiisee hiriira baase. Kun hund garuu maaliif? Jalqaba irratti, sirnichi paartiilee maxxantoota isaa kan Oromiyaa fi Amaaraa keessaa irraa garaa murateera. Hiriironni deeggarsa sirnichaa kan Oromiyaa fi Amaara keessatti karoorfatamanii turan tarii gara hiriira mormiitti jijjiiramu sodaa jedhuun haqaman yookiin namatu bahuufii dide. 
Garuu kana caalaa hammeenya rifaasisaatu jira. Kunis hammeenya kaardii maqaa sablammootaatiin hoggantoonni Wayyaanee lubbuu dheereffachuuf taphachaa jiranii ti. Torbaan lama dura, Siyyum Masfiniifi Abbaay Tsahaayyee gaaffii fi deebii tokko kennanii turani. Achi keessatti maqaa sablammootaa deddeebisanii kaasanii jiru. Kana gochuun kaayyoo lama qaba. Kan duraa, hawaasa addunyaa liberaalawaa kanatti waa himachuu barbaadani. Sab bicuun akka isaanii (Tigraay) wal tumsa saboota wayyaba akka Oromoo fi Amaaraatiin akka duguuggiin shanyii mudataanii jiru fakkeessanii addunyaa dogoggorsuu yookiin garaa laaffifachuu barbaadan. Tigraay qofa osoo hin taaane sablammoonni biyyattii biroonis lubbuun jireenya isaanii irratti doorsifni akka mudataa jiru addunyaatti himuu fedhaniiti. 
Kan lammaffaa, karoora yeroo dheeraaf lafa jalaa qaban kan ‘tumsa sab-bicuulee’ jaaruu jedhu dhugoomsanii dhiibbaa humnoota Oromoo fi Amaaraa irraa itti dhuftu dura dhaabbachuu dha. Hogganoonni Wayyaanee yeroo qabsoo hidhannoo irra turanii qabee wanni itti amanaa turan, akka warra wayyabaan hin liqmfamneef tumsoota akkasii kan ofii keessatti guddatanii mul’atan sablammoota biro waliin tolfachuu dha. Kaartaan falamsiisaan gama dhihaan Tigiraayiin fuudhee Beenishangul-Gumuziin wal qunnamsiisee Gaambeellaa dhaqqabuu fi gama bahaan Affaarii fi Somaaliidhaan walitti fulla’e kan dogoggoraan tahe isinitti hin fakkaatin. Kun bara 1980oota irraa qabee waan irratti hojjetamaa yoona gahe dha. Dorgoommii dinaggee abbootii qabeenyaa Tigraay irraa kan ka’e yeroof fudhatama dhabu illee, sab-bicuulee magaalaa keessaas of cinaa hiriirsuuf yaalii godhaa turani. 
Garuu Wayyaanee TPLF michuu sab-bicuulee Itoophiyaa keessaatii? Galmeen seenaa isaa kan himu LAKKII kan jedhu dha. 
  • - Humni waraana Wayyaanee Soomaalota Itoophiyaa irratti duula duguuggii sanyii geggeessaa akka ture dhaabota mirga dhala namaa tahaniin ifatti galmaawee jira. Abdii Illeey namni jedhamu bitamaa isaanii kan hammeenya kana dhugoomsuuf haala mijeessaa ture.
  • - Humni waraanaa kun bara 2003 keessa Anywaakota naannoo Gaambeellaa fixeera, amma illee ajjeechaa naannoo san keessatti itti fufee jira. 
  • - Bara 2002 warra Sidaamaa Looqee irratti fixee jia. 
  • - Gandeen Koonsoo keessaa waytuma dubbannu kanattuu gubataa jirani. 
  • - Warri Musrii jimlaadhaan ajjeefamanii jiru, kanneen qabaman akkuma suuraadhaan agarre sanitti akka bineensaatti hidhamanii jirani. 
  • - Abbootii qabeenyaa Silxee fi Guraagee gabaa keessaa dhiibamanii bahuudhaan Tigrootaan bakka buufaman. 
  • - Biyyi Affaar akka jirutti saamtota Tigraayiin fudhatameera. Hedduu dha….
  • Kana caalaa akkuma Oromoo fi Amaara irraa dura dhaabbannoon itti jabaataa dhufuun Wayyaanee TPLF diinummaadhaan ‘kaardii sab-bicootaa’ kana torbaanotaa fi ji’oota dhufan keessa fayyadamuuf deema. Kun kan tahu gargar cabiinsa sablammoota bicuu fi Oromoo/Amaaraa uumuudhaani. Kanaafuu waan armaan gadii kanatu taha jedhamee eegama:
  • - Diaspora keessatti hiriirota wal fakkaatoo dhaadannoo Oromoo fi Amaara xiqqeessu baadhatan/dhageessisan arguuf jirra.
  • - Duula miidiyaa wal falmii qabsiisanii fi haleellaa-haleellaan deebisuutu babal’achuuf jira.
  • - Actiivistootaa fi jaarmayoota Oromoo fi Amaaraa irratti haleellaa qaamaa qaqqabsiisuudhaan Soomaaliiwwan irratti nama duchiisuuf yaaluu faatu mul’atchuu mala.
  • - Daangaa naannolee gidduutti walitti bu’insaa qabsiisuu danda’u. Ammayyuu daangaa Benishangul- Amaaraa, Somaalii- Oromiyaa gidduutti haalli kun jiraachuu dhagahaa jirra. 
  • - Yoo dura dhaabbatamuu baate, shirri itti jiramu kun rakkoolee yeroo dhihoo fi fagoo ummatoota biyyattii gidduutti uumuuf deema. Kanaafuu, tarkaanfiileen armaan gadii fudhatamuu qabani:
  • - Oromoo fi Amaarri kiyyoo duchiisaa akkasii keessatti kufuu hin qabani. Somaalii fi warra biroo irratti xiyyeeffachuun falmii gochuu dhiisuu feesisa. 
  • - Aktiivistoonni, hogganoonni siyaasaa fi dhaabonni siyaasaa dogoggora jara kanaa saaxiluun qofa deebii haa kenninu. 
  • - Wakiilonni sirnichaa Oromoo, Amaara, Soomaalii fi kkf of fakkeessanii xapha fokkataa taphachuu akka malan hin dagatinaa. 
  • - Aktivistoonni bebbeekamoon fi hogganoonni siyaasaa shiftoota mindeeffamaniin haleellaa isin irra gahuu malu irraa of eeggachuu feesisa. Jaarmayaaleen hawaasaa fi amantii tikfamuu qabani. Yoo haleellaawwan mudatan, haalichi malaan toyatamuu qaba. Wakiilonni sirnichaa hawaasa Amaaraa fi Oromoo keessa dhokatan Somaalotaa fi warra kaan irratti haleellaa deebii kennuu akka malan shakkiin hin jiru. Kanaafuu hangamuu hammaatu, namtokkeelee Oromoo fi Amaaraa irratti haleellaan dhaqqabu yoo jiraate, deebiin kennamu kan hawaasawaa (communal) tahuu hin qabu. Namni wanjala akkasii hojjete adda baafamee seeratti dhiheeffamuudha qaba. 
Toftaan dullachii fi qoqqoodanii bituu akkasii kun sirna abbaa irrummaa Wayyaanee TPLF dheeressuu hin danda’u.

Sunday, September 25, 2016

#OromoProtests Qananiisaa Baqqalaa ummata isaatiif aantummaa akka hin qabne har'aa mitii gaafa Asallaa jiruu nan beeka

#OromoProtests Qananiisaa Baqqalaa ummata isaatiif aantummaa akka hin qabne har'aa mitii gaafa Asallaa jiruu nan beeka
  
                                                          (Jawa Mohammadiin)
Tarii wanni xiqqoo na ajaa'ibe yeroo atileetonnifi artistoonni alagaatuu ummata Oromoo fixamaa jiruuf nahanii mormii agarsiisan kanatti Wayyaanee cinaa dhaabbate as bahuu isaati. Qananiisaan osoo gara Jarmanuu hin deemin waan akkanaa godhuuf heda hamiin jettu numa turte. Kanas kan godhe dantaa diinaggeetiif akka taate himama. Yoon waan mootummaan naan jettu dide qabeenya keyyatu gaaga'ama ilaalcha jedhu irraayi jedhan. Wanni inni irraanfate qabeenyi inni qabu cufti Tigraay osoo hin taane Oromiyaa keessa jira. Lafa qonnaan bultoota Oromoo irraa buqqaasan gubbatti waa hunda kan jaarratte. Qananiisaan Alaamuddiinifi abbootii qabeenyaa biroo kanneen Oromiyaa irratti duroomanii Wayyaanee cinaa dhabbachuun ummata Oromoo ficcisiisaniin addatti laalalmuu hin danda'u. Wanni inni godhuuf yaale haqa Oromoo mukaaf citaan ragaa bahaafi jiru sadarkaa addunyaatti dhoksuudha. Milkaawuu dhabe malee, dhugaa Fayyisaa Leellisaa ragaa bahe san dhokqqee faaluudha.
Maarree inni dantaa diinaggeetiif jecha diina Oromoo yoo filate, Wayyaaneefi ummata Oromoo jidduu kan diinaggeen caalaatti isa fayyadu agarsiisuun barbaachisaadha. Wayyaaneefi Oromoo jidduu kan isaa fayyaduufi kasaarsuuf humna irra qabu barachuu qaba. Mee qabeenya inni Oromiyaa keessaa qabu maal faadha, eessatti argama hoo? Tarkaanfii fudhatamuu malu odeeffannoo barbaachisaa sassaabannee walitti deebina

Fakkeenni Fokkataa fi Xuraayaan ilaalcha Uf-tuulummaa fi dhiphummaa Wayyaanema mataa isiiti!

Fakkeenni Fokkataa fi Xuraayaan ilaalcha Uf-tuulummaa fi dhiphummaa Wayyaanema mataa isiiti!
(Aman Kedir Kamsare irraa)

The typical and the worst manifestion of Chauvnism and narrow-nationalism is the TPLF regime itselfWayyaanonni saalaa fi safuu waan jedhamu hin beekan. Nyaara isaanii haadatanii ija isaanii sooqiddaan dhiqatanii kijibuun amala dhaabbataa polotikaa Wayyaanota ta’ee jira. Sochii fi humna polotikaa kan ummata Oromoo keessaa dhalatee migaa fi bilisummaa isaa gaafatu dursanii dhiphoo fi dhiphummaan yakkan. Sochii fi humna polotikaa kan ummata Amaaraa keessaa dhalatu kamiyyuu uf-tuuluimmaan hadheessuun  aadaa polotikaa Wayyaanotaa ta’ee baratamee jira. Sochii ummata Oromoo kan isaan hudhee qabe ufirraa faccisuuf jecha dhiyeenna kana leenjii jechuun barattootaa fi barsiisota Oromoo dargaggoo oliif gadi agaabalaa jirti Wayyaaneen. Leenjiin Wayyaanotaa kunis bakka sadi gurguddatti qoodama: abbaan ilaalcha qulqulluu dhugaa sabboonummaa warraaqxummaa (revolutionary democracy), wayyaanota, abbaan ilaalcha uf-tuulaa ummata Amaaraa, mallattoon dhiphummaa sabaa Oromoo gootee hiriirsitee jirti. Leenjiin wayyaanotallee amaraa uf-tuulummaa irraa dhiquu, Oromoo ammo dhiphummaa irraa qulqulleessudha. Polotikaa Wayyaanota keessatti waan lama ifaa ta’uu qaba. Tokkoffaa Wayyaanonni osoo beekan dunuumfatanii kijibuu aadaa jireenna isaanii godhatanii jiru. Yookin hiyyeeyyii beekumsa siyaasaa waan tayaniif humna booddessaa (retrogressive force) ta’anii uf-duuba malee fuul dura laaluu dhabanii jiru. Haala qabatamaa amma biyya Itoophiyaa keessa jirutti fakkiin fokkataa fi bushaawaan ilaalcha uf-tuulummaa fi dhiphummaa sabaa mata isaanii Wayyaanota malee kan biraa ta’uu hindanda’u. Akka seenaa warraaqsa ummata addunyaa galmeessutti uf-tuulummaa fi dhiphummaa addaan baasanii laaluun hindanda’amu. Bara Wayyaaneetiin dura uf-tuulummaa fi dhiphummaan bifa ilaalchaatiin marsaa polotikaa qarayyootaa keessatti uf-muldhisaa turuun isaa waan haalamuu miti. Bara Wayyaanotaa uf-tuulummaa fi dhiphummaan calaqqee ilaalchaa (ideological tendency) tawuun isaa hafee dhiphummaa fi uf-tuulummaan ilaalchaa fi immaammata mootummaatti jijjiirame. During TPLF Cahauvnism and narrow nationalism became state and official policy and ideology of the regime). Bara wayyaanotaa ilaalchi uf-tuulummaa fi dhiphummaa imaammataa fi ilaalcha mootummaa beekamaa tawuu bira dabree aangoo dinaggee, polotikaa fi humna waraanaa kophatti dhuumfatee waggoota dabran 25 uf-tuulummaa fi dhiphummaa hiriyaa hinqabneen ummatoota biyyichaa bitaa fi ukkaamsaa ture. Jiras.  Sirni abbaa-irree TPLF uf-tuulummaa fi dhiphummaa saba tokkoo qofaa  irratti ijaarame garamitti deema gaafii jettu deebisuun siyaasaa biyya Itoophiyaa keessatti murteessaa ta’aa dhufee jira. Akka seenaan biyyoota adda addaa raga bawutti sirni uf-tuulummaa fi dhiphummaa gita bittuu saba tokko irratti hundaaye imaammataa fi ideologii beekamaa godhate dhumaaleettin isaa gara fashistummaa abbaa-irree waraanaatti (fascist military dictatorship) cehuun isaa waan ooluu hin fakkaatu. Yoo qabsoo ummatootaatiin hanqifame malee!Walumaa gallatti fakkeenni fokkataa fi dhukkaawaan ulaagaa uf-tuulummaa fi dhiphummaa guutee aangoo biyyichaa hallanyummaan dhunfate Wayyaaneen alatti kan biraa ammatti Impaayera Itoophiyaa keessa hinjiru. Sirni abbaa irree imaammataa fi ilaalcha dhiphummaa olaantummaa waraanaa fi diinaggee saba bicuu irratti ijaarame qabsoo ummatootaatiin buqqisanii sirna bilisummaa, demokiraatawaa fi qixxummaan ummatootaa keessatti mirkanaawe ijaaruun gaafii belbeltuu ammayyaati!Fakkiin fokkataa fi xurraayaan polotikaa uf-tuulummaa Waayyaaneedha!Fakkiin fokkataa fi hajaawaan  dhiphummaa saba tokkoo irratti ijaarame Wayyaaneedha!

Saturday, September 24, 2016

#OromoProtests AYYAANA IRREECHAA ILAALCHISEE XALAYAA HOGGANOOTA MANA HIDHAA JIRAN IRRAA ERGAME

#OromoProtests AYYAANA IRREECHAA ILAALCHISEE XALAYAA HOGGANOOTA MANA HIDHAA JIRAN IRRAA ERGAME

                                             (HOGGANOOTA MANA HIDHAA JIRAN IRRAA)
Baga Ayyaana Irreechaa Geessan
Irreechi ayyaana guddaafi jaalatamaa ta’eedha. Calaqqee aadaafi duudhaa ummata keenyati. Dur - durii kaasee uummati Oromoo dukkana gannaa ba’ee lafa booqaa birraa simachuuf gam-taadhaan malkaatti bahee irreeffachuun waaqa isaa galateeffatee, hawwii isaa gara fuulduraatifis kadhata.
Sirna uummati Oromoo birraa malkaatti, arfaasa tulluutti bahee irreeffachuun waaqa isaatiif galata dhiyeessuu kana eenyulleen kutee kan kenneef osoo hin taane sirna dhuunfaa isaa isa jalqabuma tureefii har’allee kabajaa jiruudha..
Ummanni keenya yeroofi haalli hammaatee ilmaan isaa baay’een cinaa isaatii kufaniifi baay’een isaanii darara adda addaa keessa jiran kanaattis ayyaana akaakileefi abaabilee isaa irraa dhaale kana gamtaan bahee akka kabajatu fedhiif gammachuu keenya tahuu isaa ibsuu barbaanna.
Ayyaana kabajamaaafii baay’ee jaalatamaa saba keenyaa kana eegdanii kan nu dhaalchistaniifi sadarkaa adduunyaatti akka beekkamu kan taasiftan angaftoonni abbootifii hawwootiin keenya umrii dheeradhaa jechaa, akkasumas dargaggoonni bareedinaafi dammaqina jila kanaatif gocha guddaa gootan gugurdaadhaa isiniin jedhaa ergaa asiin gadii kunniin qaamota armaan gadiitiif dabarsuu barbaanna;
A. Mootummaadhaaf
Oromoofi ayyaani Irreechaa isin dura bara Oromoon, Oromoofi Oromummaan ( Gadaan) buluu sirna tureedha. Qaamonni aadaa tana Oromoo barsiisuufi akkaataa itti kabajamau itti akeekus isinii miti, Kanaafuu;
I. Uummata keenya kana uffadhu, asiin hiriiri, as ijjadhu, kanaaf ililchi, kana weeddisi jedhaa mirga sabaa dhiibuu akka dhaabdan;
II. Mallattoo dhaaba keessanii ( alaabaafi faajjiin) waggoota 25 as fiddan dirreefi malkaa ayyaana saba keenyaa irraa akka fageessitan;
III. Dhaadannoofi faaruu siyaasaa keessan ibsan sabatti fiduu akka dhiistan;
IV. Raayyaafi Poolosii hidhannoo ammayyaa itti hiitanii ayyaanicha akka waan isin dirqamaan uummata kabajiistanii fakkeessaa bara meeshaa waraanaa fi tika keessaa hin turretti Oromoon nagayaan kabajatee galaa waan tureef ummata akka hin doorsifnefi hin tuttuqne akka akeekkachiiftan;
V. Aangawoota keessaa waltajjiitti baastanii weedduu siyaasaa keessanii saba ayyaana kabajuuf dhufetti ololan, bakki sun iddoo siyaasaa itti calaqqisiisun osoo hin taane iddoo aadaa itti geggeeffamu waan ta’eef oduu siyaasaa keessanii irraa akka of qusattan;
VI. Ayyaana Oromoo isa guddaaafi bara kanaa immoo bifa addaatiin kabajamu kana dargaggoonni keenya aadaa saba isaanii abbootiifii hawwootii isaanii faana deemanii akka hin barre waamicha yunivarsitootii taasisan akka fooyyessan jedhaa aangawoonni mootummaa sadarkaa garagaraa gamanumaan akka itti yaaddan isinitti dhaamanna.
B. Abbootii Gadaafi Jaarsolii Oromootiif
Isin abbootiin Gadaafi Jaarsoliin aangoo Sirna Gadaa ( Baallii) ofii keessanii waggoota saddeet-saddeetiin wal harkaa fuudhaa mootummaa abbaa irree waggoota 25 ol saba biteefi saba gaaffii kara nagayaan gaafate dararaa jiru nuuf haa bulu jechaa, waamicha taasiftan, gochi kun isin hin fakkaatu waan ta’eef irraa akka of eeggattan isin gaafanna. Kan malkaatti baataniif Waaqa galateeffachuufi kadhachuuf malee mootummaa abbaa irree galateeffachuufi leellisuuf miti. Uummataa fi irreechi akkuma OPDO/ADWUI dura ture, OPDO/ADWUI boodas itti fufa waan ta’eef walitti hin makinaa.
C. Uummata Keenya Ayyaana Deemtaniif
Aadaan kun kan keessani, dirreen, malkaan, qilleensafi samiinis kan keessani. Akkuma duraan bilisa taatanii Waaqa bilisa ta’e galateeffataa turtan ammas faaya bareedaa, akka duraan jettan jedhaa, akka duraan sirbitan sirbaa ayyaana keessan nagayaafi tasgabbiidhaan kabajadhaa.
Akkuma armaan olitti kaafne haasawaafi gochaaalee sirna ayyaana kana keessa hin turinii mootumamafi abbootii Gadaa akkasumas jaarsoliin taasisanii yoo argaman jila saba keenyaa boressu waan ta’eef;
-Harka Wal Qaxxaamursuun
-Gurra Qabachuun
-Sagalee (iyya) Dhageessisuun
-Dugda Itti galanii dhaabbachuunifii kkf karaa nagayaatiin uummanni keenya mormii akka gootan waamicha isiniif taasifna.
Dhuma irratti sababa mirga saba keenyaatiif jechaa garii du’aan of biraa dhabnee nutis mana hidhaa keessatti ukkaamsamuun keenya isin waliin kabajuu dadhabuu keenyatti gadda nutti dhagayame ibsaa irreechi bara kanaa waadaa qabsoo itti walii gallee haaromsuudhaan milkiif kan itti of qopheessinu haa ta’u.
IRREECHI IRREE 
aa M/Hidhaa Qiliinxoo Irraa
Fulbaana, 2009/ 2016 
Add caption
Hidhamtoota Siyaasaa M/Hidhaa Qiliinxoo Irraa
Fulbaana, 2009/ 2016

#OromoProtests Juneeydii Saadoo gara miidiyaatti as bahuun mariifi falmii jabaa banee jira

#OromoProtests Juneeydii Saadoo gara miidiyaatti as bahuun mariifi falmii jabaa tanee jira,
                                                                 (Jawar Mohammad irraa)
Atakaaroon kun qalbii ummataa qabsoo irraa hamma tokko waan facaaasuuf gariin keenya yaaddayuun ni mul’ata. Yaaddoon kun naaf gala. Garuu mariifi falmiin kun har’a sababa Juneeydiitin haa ka’uu malee turus ummanni Oromoofi mooraan qabsoo isaa waanuma itti dhufuuf deemtuudha. Kunis ilmaan Oromoo OPDO keessatti aangoo qabatanii meeshaa diinaa ta’anii turaniifi ammas jiran akkam goona kan jedhuudha.
Mariin kun amumarraa eegaluun Qabsoon Oromoo boqonnaa siyaasaa cehuumsaa ( transitional politics) keessa seenuu isii agarsiisa. Jalabultii kufaatii sirna abbaa irreefi dhalachuu bilisummaatti biyya kamittuu dhimmi qondaalota sirna jiguuf deemu tajaajilaa turanii ajandaa mariifi falmii cimaa ta’a. Adaduma qabsoon tun jabaattuun Oromoota dhiisaati Tigroonnuu bidiruu mootummaa kufaa jiruu sanirraa utaaluun karaa ummataa ykn karaa baqaa filachuun waan hin oolle. Jara bidiruu diinaa irraa utaalu kana bidiruu qabsoo keenyaa yaabachiifna moo, bishaanuma gadi darbina? Gara mooraa qabsoo yoo finnee faaydaafi miidhaan jiru maali? Erga mootummaan kun kufee hoo qondaalota OPDO gandarraa hanga fedaraalaa jiran kana akkam goona? Jara Tigrootaa hoo? Ni adabna moo dhiifama goonaaf? Yoo adabaman warra sadarkaa kami irra jirutu adabama? Warra maal balleesse? Adabbii akkamii? Dhaddacha seeraa kamiin ( domestic or international)? Dhiifamni ( amnesty) yoo kan godhamuuf taate hoo sirna kamiin godhama? Warra isaan miidhan hoo gumaa akkamittu kafalamaaf? Eenyutu kafalaaf? Siyaasaa biyya teenyaa tan fuulduraa keessatti ni hirmaachifna moo taphaan ala taasifna? (Akka Wayyaaneen ESAPA goote.) OPDOn akka jaarmayaatti itti fufti moo ni diigna? Gaafileen kun hundi kan mariiifi falmiin ciccimtuun irratti godhamee deebiin ammumarraa qopheeffamaafi deemuu qabuudha.
Waan takko garuu ammumarraa ifa godhuun barbaachisaadha. Namni miseensa OPDO ta’ee sirna Wayyaanee tajaajile hundi yakka sirni sun raaw'ateef itti gaafatama. An gaafas hin beekne, hin dhageenye, aangoo dhugaa na harkaa hin jirtuun itti gaafatamummaa jalaa nama hin baasu ( Ignorance does not absolve one from responsibility). Qondaalonni kun yakka hojjatamaa tureefi jiru keessatti takkaa suduudaan hirmaatanii jiran; ykn osoo arganii itti dhiisan. Kanaaf balleessaa irraa of qulqulleessuu hin danda’an. Akka badii isaanii kanaaf itti adabaman garuu waan boru heeraafi seeraan murtaaye hojitti hiikamu ta’a. Har'a qondaalonni kun badii isaanii amananii dhiifama gaafachuun mirga isaaniiti. Dhiifama san namuu mata-matatti irra fudhachuufi dhiisuu danda’a. Garuu ummanni Oromoo waloon gaafii dhiifamaa irratti deebii kennuuf yeroon ammaa miti. Sirni kun erga kufee booda akkuma biyyoota biroo qaamni ( komishinii) yakka sirna abbaa irree keessatti raaw’atame qoratee, yakkamtoota irratti murtii adabbii (prosecute) ykn dhiifamaa ( amnesty) dabarsu dhaabbachuu qaba. Kanaaf ammo ogeeyyii seeraa dhimmaa transitional justice irratti barnoota guddaa horatan waan qabnuuf ammumarraa itti qophaayuu eegaluu qaban. Waa hundaafuu mariifi falmiin dhimma kanarratti godhamu itti fufuun hammeenya hin qabu; garuu miira tasgabbaa’een haa godhamu.

Friday, September 23, 2016

Ibsa dubbii H/maariyam Dassaaleny ilaalchisee, atileet Fayyisaa Leellisaa irra kenamee;

Ibsa dubbii H/maariyam Dassaaleny ilaalchisee, atileet Fayyisaa Leellisaa irra kenamee;

Fulbaana 22, 2016 
                                                           (Atleet Fayisa Lelisaa irraa)



Waan muummichi ministeeraa Itoopiyaa H/Maariyaam Dassaaleny mormii Rio irratti ani agarsiisee fi gara Ameerikaa dhufuu dhufuu koo irratti jedhe argeen jira. Baay'ee na hin dinqine. Sababni isaas, namni yeroo hunda namaan durfamu tokko akkuma ofii isaatti nama ilaala waan ta’eef. Ani yeroo hundumaa dhimma mataa kootiirrattan hundaa'a. Namni kamiyyuu akka isaa kanatti gara dukkanaatti yoo kan na oofan ta'e, hin deemu. Ofan danda'a jechuu kooti.
Anatu gara Rio erge jedhee dubbatee ture. Atileetota waliin gaggeessaa godheefin tures jedha. Ani gonkumaa masara mootummaa isaanii seenee nyaadhes hin beeku. Gaggeeffamees hin beeku. Nama fira koo ajjeese waliin hin nyaadhus, hin dhugus. Ragaadhaaf suurri atileettonni gaafa sana ka’an keessaa suuraa koo barbaadee mirkaneeffachuu ni danda’a. Atileetota kan waamee gaggeesse, pirezidaantii biyyatti ture malee, gonkumaa isa miti. Kan biraa yaa hafuutii, ofiifuu irratti waan hirmaate natti hin fakkaatu. Akka aadaa fi safuu Oromoo ani dhaalee ittin guddadhetti namni guddaa ta’e tokko, keessumattuu namni gadaa of harkaa qabu, hin sobu. Hin soba jechuudhaafu nan qaana’e. Sababnisaas, ani ilma safuu fi duudhaa Oromoo dhaalee guddatedha.
Egaa kaa dubbiin akka H/Maariyaam jedhu sanaa miti. Waanti inni jedhe arrabsoo dha. Hojii isaanii kan dursu yeroo mara arrabsoo fi maqaa namatti baasudha. Fayyisaan dandeetti akkanaa hin qabu miseensota ABOtu akka inni mormii agarsiisu godhe jedhee ture. Duraan dursee nabeekaa dandeetti koo? Akkamiin namadaalee laata?
Kan biroo, anaan miseensota ABO miti akkan sagalee uummata koo dhageessisu kan nataasise. Eenyummaa kooti. dhiittaa mirga namummaa biyyaa sana keessa jiruuti. akka fakkeenyatti hiriyaa koo Kabbadaa Fayyisaa hidhamee ji'a osoo hin guutiin gaafa guyyaa Fulbaana 3/2016 rukutamee,hidhamtoota biraa waliin mana hidhaa keessatti ibiddaan gubataniiru. Kan hafan immoo dararaa mootummaan Itoophiyaa haala gaariin dhandhamachaa jiru.
Kana ABO miti kan dhaqee natti agarsiisee. Miidhaa ummata koo irra ga’u argaa dhaga’aan guddadhe. Anaanis na dhaqabe jira. Ani ABO hin deeggarus hin jibbus. Sababnisaa, ani nama siyaasaa miti, atileeti dha. Uummata koo nan jaalladha. Yeroo kamiyyuu uummata kootif du'uuf qophiidha. Yeroo baay'ee hidhamtoota deddeebi'een gaafachaan ture, mana hidhaa qilinxoo fi mahaakkalaawwitti yoon seenu maqaa koo galmeessen seenee gaafachaan ture. Kanaaf maqaa koo achii argachuu dandeessu. Rakkina biyya sana keessa jiru sirrittin beeka jechuu kooti.
Dhugaadhaf yoo ta'e, gara biyya USA kan nafide uummata Oromoo fi firoottan Oromooti malee ABO miti. Maqaa ABO deegartan jedhuun namoota heddu hidhaa fi ajjeessa turaniiru. kana booda uummata Oromoo gowoomsun dhaabbateera. Ani intalashee (ashaangulliitii) miti riimootin hin socho'u akkasaa. Akka nama tokkootti ofan danda'a. Ofittan amana. Osoo amma dhugaa dhoksuuf fiigu dhugaa mul'isuuf fiigee, biyyattii keessatti dhiigni namaa akka galaana hin lola’u. Kanaafuu ani akka H/Maariyaam kan namni natti kenne hin dubbisu . Ani ergamtuu miti. Ergaa gaggeessuf oliif gadi kaadhee,hin beeku, gara fuula duraas hin kaadhu.
Fayyisaa Leellisaati.


Wednesday, September 21, 2016

#OromoProtests Rakkoo Siyaasaa Itoophiyaatif OPDOn Sababas ta'ee fala ta'uu hin dandeessu.

#OromoProtests Rakkoo Siyaasaa Itoophiyaatif OPDOn Sababas ta'ee fala ta'uu hin dandeessu.

                                                 (Jawar Moahmmad irraa)
Muktaar Kadiiri fi Asteer Maammo alanshanii tufuudhaan Lammaa Magarsaafi Warqinaa Gabayyoo ol baasan. Muktaarifi Asteer waggaa dabre kana Agaazii ummata keenya ficcisiisaa, warra fixes galateeffataa turan; galanni Wayyaaneen isaanii galchite salphina ta'uun bu'aa qabsoo ummata keenyaati. Garuu ergmatoota lama buusanii kanneen biroo lama olbaasuudhaan ummata Oromootin jijjiiramni dhufaa jiraatii qabsoo keessan dhiisaa manatti galaa jechuu barbaadan. Wanni hubatamuu qabu OPDOn maddas ta'ee fala gaafii Oromoo ta'uu hin dandeessu.
Sababni waldhibdee ummata Oromoofi mootummaa kanaa kaayyoo dhaabbanni TPLF lafa kaayyate, kan ol'aantummaa saba Tigree biyya sanitti uumuuti. OPDOs ta'ee dhaabbileen kitillayyoon biroo kaayyoo kana galmaan gahuuf dhaabbatan. Waggoota 25 dabraniis Wayyaaneedhaaf harka ta'uudhaan qabeenya Oromiyaa samsisaa, ilmaan Oromoo hedduu ajjeesisaa, kaan ammoo hisisaafi biyyaa ari'aa ol'aantummaa diinaggee Tigree jaaranii jiran. Ole ta'uudhaan Oromoo cafaqaa ol'aantummaa siyaasaa Tigree hidda qabsiisanii jiran. Kanaafuu namoota OPDOtti mataa ta'an jijjiraa ooluun hariiroo ummta Oromoofi mootummaa Wayyaanee jidduu jiru jijjiruu hin danda'u.
Hogganaan OPDO abbaa fedhes yoo ta'e hanga kaayyoon ol'aantummaa Tigree jaaruufi tursiisuu kaayyoo mootummaa kanaa ta'etti jijjiramni humaatuu hin dhufu. Nama OPDO keessaa jabaa jedhamuu kamiiyyuu fuudhanii osoo muummicha ministeeraa godhaniiyyuu gaafii Oromoo deebisuufi Wayyaaneedhaan walitti nu araarsuu hin danda'u. Hamma sirni ol'aantummaa Tigree utubuuf jaarame kun jirutti ,jara OPDO dhiisaatii Baqqalaa Garbaa kan ardiifi samiin jaalattu saniiyyuu osoo angoorra kaayanii mirgaafi dantaa ummata Oromoo eegsisuun hin danda'amu.
Oromoofi ummatoota biroof jijjiramni waaraa akka dhufuuf kaayyoon Wayyaaneen kun caphuun dirqama. Kaayyoo kana cabsuuf jaarmaya EPRDF jedhamu kan meeshaa saamichaa ta'ee fayyadu diiguun barbaachisaadha. Kana gochuuf ammoo madaalli humnaa sadarkaa walgitutti ol guddachuu qaba. OPDOn haala amma jirtuun humna TPLFn madaalu hin qabdu, horachuu silaa numa dandeessii, qalbii saniif tahu hin qabdu. Kanaafuu ummanni keenya sumsumaa Wayyaaneen jijjiraa ooltuun osoo qabsoo isaa finiinsuutu furmaata.
Mee akeekni Lammaafi Warqinaa ol baasuuf maali?
Wayyaaneen murtii kanarraa waa lama argachuu yaadde; qondaalota OPDO sadarkaa jiddu galeessaa sossobuufi bulchiinsa Oromiyaa daran too'annaa humnoota tikaafi waraanaa jala galchuufi.
  • - Lammaan qondaalota sadarkaa jidduu galeessaa keessatti hamma tokko waan jaalatamuuf, isa muuduun mormii dhaaba keessaa nu mudatu nuuf qabbaneessa; ykn ammoo warra nu mormu san ni qoqqoda jedhanii yaadu.
  • - Warqinaan mangoddootaafi abbootii amantii Oromoo biratti hamma tokko dhageettii waan qabuufi akka itti dubbisu waan beekuuf jara nurraa qabee Qeerroo addatti baasuuf nu fayyada jedhanii yaadan.
  • - Irra caalaa garuu tarkaaanfiin kun Wayyaaneen siyaasaan biyyattii gara walwaraansaa deemaa waan jiruuf haala mijeeffachaa akka jirtu agarsiisa. Jarri lachuu damee tikaa (security) irraa waan dhufaniif, jeneraalotaafi basaastota ishii waliin hojjachuuf ni aanjaya jettee abdatti.

Wayyaaneen akkas yaaddi, akkasiin albee nutti qarachaa jirti. Albee kana akka doomu ykn akka garas garagalu gochuun dirqama keenya.

Monday, September 19, 2016

#OromoProtests #Boycottpaarlaamaa2009, #Caffeelagachuu

                     
                                                       (Tsegaye Ararsa irraa)

Akka seeraa fi heeraatti paarlaamaa ykn bakka bu'oota uummataa jechuun akkuma maqaa isaa qaamaa mootummaa keessatti uummata bakka bu'u jechaadha.

Kan jechuun bakka bu'oonni uummataa jechuun karaa kamiinuu mirgaa fi faayidaa uummataa giddu gala godhachuu qabu.
Kan sirna kana keessatti argaa jirru garuu faallaa kanaati. Paarlaamaan ykn bakka bu'oonni uummataa sirnichaan ijaaraman akka maqaa isaanii uummata kan bakka bu'an osoo hin taanee uummata keessa taa'anii sirnicha warra tiksaniidha, uummata keessaa sirnicha warra bakka bu'aniidha. Dhibee hawaasaa osoo hin taanee sirnicha jiraachisuuf alkanii guyyaa warra hojettaniidha.
Mootummaan ADWUI filannoo yeroo darbanee bara 2007 itti ciniinnatee safuu tokko malee mormituun ykn ilaalcha addaa namni qabu akka bakka bu'aa uummataa ykn miseensa paarlaamaa hin taane kan murteessee harka dhibba miseensota isaatiin guutuu kan barbaade sagaleen uummataa guutumaan guutuutti akka ukkaamamu waan barbaadeefi.

Paarlaamaa sirna kana keessaa miidhaan uummata daran akka jabaatu yoo godhan malee waanti eegnu tokko hin jiru.
Yeroo darbe gabaasa mootummaan wayyaanee miidhaa Oromiyaa keessatti qaqqabe qoradhe jedhee paarlaamaa kanaaf dhiyeessee safuu tokko malee harka guutuun mirakeessuufii isaaniu nj yaadanna.
Kana jechuun paarlaamaa kun bakka bu'oota mootummaa wayyaanee malee kan uummataa miti.
Osoo uummanni kun lafarraa duguugamee dhumeeyyuu ilaalchaa fi ejjennoo wayyaanee ala qabachuu hin danda'an.
Bara haaraa kanatti paarlaamaan kun boqonnaa gannaa xumuranii hojiitti galuuf qophii irra jiru. Haata'u malee waanta addaa irraa hin eegnu.
Kanuma paartiin ADWUI irratti dubbachaa ture mirkaneessuu. Harka, baasanii deeggaruudhaaf qophaawanii jiru.
Uummanni keenyaafi biyyi keenya waan keessa jiru ammoo ni beekna.
Hanga yoomiitti paarlaamaan kun nurratti sirba?
Paarlaamaa kanaaf carraa sadi kennuufii qabna.
  • 1. Yoo dhuguma akka maqaa isaanii uummata bakka ba'an ta'e haala uummata keessa jiru osoo hin jallisiin aantummaa uummataa agarsiisuun uummata cinaa dhaabbachuu qabu. Kana jechuun ajandoota mootummaan wayyaanee akka mirkaneessan itti fiddu harkaa kuffisuu qabu.
  • 2. Yoo mootummaa wayyaanee mormuu hin dandeenye, kan mootummaan wayyaanee itti fiddu harkatti kuffisuuf of hin qopheessine ta'e, walgahuu hin qaban. Paarlaamaan kun diigamuu qaba malee dhiiga uummataa irratti sirbuu hin qabu.
  • 3. Filannoo armaan olii kennameef itti kan hin fayyadame yoo ta'e, miseensonni paarlaamaa kanaa hundi isaanii ajjeechaa, dararama, hidhaa fi badii mootummaan wayyaanee uummata keenya irratti fudhachuu jiru adda durummaan akka itti gaafataman of qopheessuu qabu. Badii mootummaan wayyaanee dalagaa turee fi ammas dalagaa jiru akka itti amananitti fudhatamee miseensonni paarlaamaa 547 hundi isaanii maqaa isaaniitiin himmanni akka itti banamu ammumaa qabanii of qopheessuu qabu.
Carraawwan sadan kennameef akka itti fayyadamuu danda'an waamichi ifaan ifatti karaa miidiyaa hwaasummaa akka isaan qaqqabu gochuu dirqama lammii hundaa ta'a.
Injifannoon kan saba bal'aati!

Sunday, September 18, 2016

Aangoon Polotikaa dhugaa eessaa madda?

Aangoon Polotikaa dhugaa eessaa madda? 


                         (Kufaa 2FFAA)        

                                    (Aman Kadir Kasmare irra)

Barruu ammaan duraa keessatti yaada aangoon Polotikaa haroo xiqqoo baaltokkee (monolithic source) irraa madda jedhu qoratne. Qu’annoo fi iyyaafannoo kana keessattis ilaalchi baaqqeen kun amaloota gurguddoo armaa gadiitiin akka calaqqisu hubanne. Isaanis: aangoon polotikaa (irreen mootummaa) tuuta xiqqoo fiixxee sirna mootummaa qabattee cunqursitu irraa madda, hiree fi hegereen ummata baldhallee jireenna tuuta xiqqoo (gita-bittuu) tana irratti rarra’a, aangoon murna xiqqoo harkatti dhuumfatamte utubaa sibiilaati, hinjijjiiramtu , aangoon polotikaa afaan qawwee qofaa irraa madda, dhugaa fi karaan qajeelaan kiyya qofaadha, yaadaa fi karaan biraa dhara kanneen jedhan ture. Fakkiin fokkataa fi harguugamaan yaada balashee kun murna TPLF tawuu isallee mirkaneeffanne.
Qorannoo fi qu’annoo ardhaa keessatti yaada faallaa kanaa kan aangoon polotikaa muummee sobbooqqoo-dachaa darabee (polylithic source) irraa madda jedhu babbaysina.
Warri ilaalaacha sobbooqqoo aangoo polotikaa ummatatti yookiin saba baldhaatti amanan  akkuma lagni tokko muummee irraa maddu aangoon polotikallee ummata irraa  madda jedhu. Hayyoonni yaada kana qoratan aangoo polotikaa ummataa maanyaa bishaaniitiin (sea) walfakkeessanii laalu. Hayyuun falmataa Polotikaa qabsoo karaa nagayaa Ghandiin (biyya Indiyaa)  akkana jedha: Namni laga-guddaa billawaan muru galaana san muree dhiigsuu hindanda’u. Inumaa laga muruun isaa hafee haka isaattuu foffottoqa.) jedha. Akkuma Wayyaaneen galaana ummata Oromoo muruuf osoo tattaafatu galaanni muramuu didee isa liqimse jechuudha. Akkuma laga tiillicha bishaanii keessa qurxummii fi bineensonni lubbuu qaban hedduun daakanii jiraatan maaynaa aangoo polotikaa ummataa keessas humnnoota aadda addaattuu dachaa-darabeen  qooda iraa fudhata jedhu. Kanaafuu aangoon qabeenna dhuumfaa hallanummaan namoota yookiin gartuulee hagoon qabatamu osoo hintayin qabeenya yagutoo (common property) dhuumfata ummataa jala jiru jedhanii yaadu. 
Yaadni sobbooqqoon aangoo polotikaa akka yaada baaltokkee «ummanni baldhaan murna abbaa-irree irratti irkatee jiraata» jedhanii hin amanan. Faallaa kanaatiin murna abbaa-irreettuu ummata baldhaa irratti irkatee jiraata, yoo ummanni baldhaan hayyamaa fi deggersaa isaa jalaa dachaafate murni abbaa-irree guyyaa tokkos ooluu hindanda’u jedhee amana. 
Ilaalchi aangoon Polotikaa sobbooqqoodha  jedhee yaadu akka yaadaa baaqqeetti (monolithic) aangoon utubaa sibiilaati jedhee hin amanu. Inumaa karaa biraatiin aangoon ni dhufa, ni jijjiirama, ni caccapha jedhee amana. Mootummoonnis ni dhufu, ni kufu jedhee amana. Garuu ummanni baldhaan bara baraan dhaloota irraa gara dhalootaatti osoo addaan hincitin jiraata. 
Akka yaada balashee yaadni aangoo polotikaa sobbooqqoo jedhee amanu «aangoon afaan qawwee qofaa keessaa dhufa» jedhee hin amanu. Qawween deggersaa fi hirmaannaa ummataatiin alatti qoraan duwwaadhaa. Fakkeennaaf sochii ummanni Oromoo j’oota kudhan darbanii godhaa jiru yoo laallu dhugama qawween Wayyaanee kolkolee duwwaadhaa. Ilmaan Oromoo kanneen gootummaan hidhannoo qawwee malee mirga isaaniitiif falmataa jirantuu Wayyaanee hanga funyaanitti hidhate jilbiifachiisaa jira. Kanaafuu yaadni sabbooqqoo aangoo polotikaa aangoon dhugaa, tokkummaan dhugaa, qabsoon dhugaa  bilisummaan waaraan fi demokiraasiin dhugaa hirmaannaa ummata irraa madda jedhee amana. Abdiin bilisummaa fi tokkummaa dhugallee namootaa fi murnoota polotikaa kanneen «nu tuu bilisa si baasa» jedhan osoo hintayin ummata baldhaa  ijaaramee dammaqiinsaan qabsoo isaa geggeessu harka jirti jedhee yaada. 

Ilaalchi sabbooqqoon aangoo polotikaa dachaa darabeetti amanu akka ilaalcha balasheetti aangoon gubbarraa qofaa gadi-lola’a (monolithic top-down homoginization)  jedhee hin amanu. Aangoon polotikaa ummata baldhaa irraa maddee deebisee ummatuma baldhaa aangoo dhuumfachiisa jedhee amana. Fakkiin cululuqaan yaadaa aangoo Polotikaa Sobbooqqoo sirna polotikaa Gadaa Oromooti jennee fudhachuu ni dandeenna.

Itti fufa kufaa 3FFAA.

Aman Kedir Kamsare
   

                                                    

Saturday, September 17, 2016

Seenaa gooticha oromo Jamal Harun akka armaan gadii kanatti dubbisa

Seenaa gooticha oromo Jamal Harun akka armaan gadii kanatti dubbisa

                                      
              Jamal Harun 
''kan itti dhalatee goodina harargee Aanaa xuulloo Aradaa raakataafuraa nannawa magaalaa hirna Aabaa isaa Obboo Harun usoo fi Haadha isaa addee ashee muktar irraa bara 1985 A.L.H ti jamaal harun Abbaa dubara tokkoo yammu ta'u maqaanshee sabboontu jamaal jedhamti jamaal ammala isaatin kan nama hunda biratii jaalatamu fi nama hunda qiixee tookkon kan ilaaluudha jamaal ilmadha.jamaal ilma qootee bullaa waan ta'ef jirenya isaa haala rakko kessati dabarsee yemmu ta'u barumsa isaa kan egalee bara 1998 yemmuu ta'u osoo barachaa jiru hinqina maalaqaa waan qabuf kuttaa 6 barumsa aadaan kuttee hojjii dhunfaa egalee osoo hojjachaa jirani ijjole magaalaa hirna wajjin garee ummatani bara 2005 A.l.h gare dalaalootaa jedhani maqaa moggaasan hogganaan isaani kan amma waagaa 18 itti murame diinee Ahmed yemmu jedhamu jamaal mesansa ture san booda cimina isaa irraa ka'e kooree hojji qindessuttii ta'e. walgahi kan godhan toorbaan keessaa guyya tookoo ture inis guyyaa dilbaataa ture osoo akaniti hojjachaa jirani mottummaan abbaa irree gaamtaa isaaniti waan areef addaan diigee ammaas debiyaani bara 2006 A.L.H walittii deebiiyan yemmuu ta'u mallaqa hanga 600,000 walliqaban asirratii kan murteesan nama kenya kan hidhamee maallaqaan gargaaruu irrati waligalan yeroo kana baruma kana keessa guuyyaa ayyaana ximqataa ummani habashaa yemmuu salalee arabsan jamaal faan isaan chafaqaanii hotela cabsan sababa kanaan namni 7 yemmuu hidhamu inis keessaa tokko ture sababa kanaan waajjira polisii cabsani bahaan namni tokoo kessaa cabe qabamee inis moosiisaa adam kan jedhamu ture san booda jamaal dhokatee erga gaara galee hammaa araa barbadaamaa jira osoo barbaadamaa jiru hiriri ka'e san irrati waan arganif rasaasaan dhawani ajjesan waan nama ajja'ibu du'a isaa beekee galgala yemmu wajjin haasoofnu ani nin du'a du'us alaabaa harka qabadhee haa du'u jedhee akkasuma ganama du'e kun jecha isaa waan ta'ef haa galmaa'uf
Qabsaayaan ni kufaa qabsoon itti fufa!!
Add caption

Aangoon Polotikaa dhugaa eessaa madda?Aangoon Polotikaa dhugaa eessaa madda?

Aangoon Polotikaa dhugaa eessaa madda?


(Aman Kedir Kamsare irraa)

Barreeffama ammaan duraa irratti maalummaa fi gumaata aangoon polotikaa fi hawaasa keessatti qabu gabaabsnee laallee turre. Xiinxallaa kana keessattis hariiroo fi walitti hidhata aangoon polotikaatii fi Qabsoon diddaa nagayaa (Non-violent struggle) qabus mildhannee jirra. Barreeffama ardhaa keessatti muummee (source) aangoon polotikaa iraa maddu iyyaafanna (soqna) Aangoon Polotikaa dhugaa eessaa burqa gaafii jettu wirtuun deebisuu keennaan duratti aangoo polotikaa jechuunuu maal jechuudha gaafii jetti gabaabsinee mildhanna. 
Akka hayyoonni polotikaa irra caalaan walii galanitti aangoo polotikaa jechuun humna ofiitii fi fira qabsoo ijaaranii humna diinaa dura dhaabbatanii, madaala humnaa jallisanii aangoo furtuu (key polotical power) gonfachuu jechuudha. Namootaa fi murnoonni aangoo polotikaa harkatti galfatanii jijjiirraa hawaasaa fi sirnaa fiduu barbaadan kamiiyyuu dura handhura aangoo polotikaa booji’uu qaban. Aangoo polotikaa gonfachuu jechuun ammoo aangoo mootummaa (state-power) fudhachuu jechuudha. Humniti aangoo furtuu mootummaa dhuumfate sirna biyyitti ittiin bultu diigee ijaaruu, imaammata tumuu fi dhaddacha heeraa walabaa utubee hegeree biyyichaa irratti murteessuu danda’a. 
Humnootaa fi jaarmayoonni polotikaa bifa adda addaatiin gaafii haa dhiyeessan malee  ijoon qabsichaa aangoo polotikaa amajaajii (mootummaa) abbaa-irree irraa fudhatanii ummata aangessanii sirna haarawa ijaaruudha. Humniti aangoo polotikaa dursee hin qabatin kamuu  kaayoo barbaade galmaan gawuu hindanda’u. Kan bilisummaa barbaadus dursee aangoo furtuu polotikaa yoo dhuumfate malee bilisummaa hawwu angachuu hin danda’u. Kan biyya walabaa uuma jedhus dursee aangoo mootummaa dhuumfatu malee galma isaa dhaqqabuu hindanda’u. Kan sirna demokiraatawaa federaalawaa haqaa ijaara jedhus dura aangoo furtuu polotikaa gonfatutti hawwii isaa guutuu hindanda’u. Gaafiin hundumaa waliif galchuu gabu garuu «hanga mootummaan abbaa-irree TPLF aangoo irra jirutti hegereen hundumtuu hawwu abjuu taatee hafti.» kan jedhu . Osoo mootummaan Wayyaanee aangoo irra jiru karaan qurxaan biraa hinjiru. Kanaafuu aangoo furtuu polotikaa Wayyaanee harkaa fudhatanii hegeree iftuu bilisummaatii fi demokiraasii dhugaa fiduuf dursine muummee (source of political power) soqnee arguu qabna. 
«Angoon polotikaa dhugaa eessaa madda?» gaafii jettu deebisuu irratti ilaalcha lamaa kan walii faallaa tayetuu qarayyoota siyaasaa (political elites) jedhutti muldhata:
1. Ilaalcha baaqqee yookin balashee (monolithic)—Ilaalchi baaqqeen kun maddi aangoo polotikaa muummee xiqqoo-tokkittii-hawaasa keessaa tuuta hagoo irraa madda jedhanii amanu. Uumaan daandiin polotikaa kun ittiin beekamu kan biraa  ummata baldhaa fi biyyiti tuuta xiqqoo aangoo polotikaa hallanummaan dhuumfatee harkaa qabdu irratti irkatee jiraata jedhu. Yoo humniti hagoon aangoo polotikaa dhandhoontee harkaa qabdu tun diigamte ummataa fi biyyiti ni diigama jedhanii falfalu. Qaruutewwan siyaasaa balasheen masakaman hegeree dukkanooftuu isaan eeggatuu hegeree ummataa, biyyaa fi sabaa wajjiin walitti hidhanii laalu. Fakkeennaaf gaafii fi deebii dhiyeenna kana Abbay Tsehaayee fi Masfin Siyum Radio mootummichaa irratti kennan yoo xiinxalline dhugaa kana agarsiisaa. Marii isaanii irratti yoo mootummaan TPLF diigamte dachii fi samiin ni golgoloofti, Itoophiyaan Ruwaandaa fi Somaaliyaa taati jedhu. Humnoonni ilaalcha balashee akka TPLF qaban kana qofaa irratti hindhaabbatan. Amalli biraa kan isaan ittiin beekaman abbaan dhugaa harkaa qabuu fi karaa qajeelaa irra jiru nu qafaadhaa, ilaalchii fi xurreen biraa dhara jedhu (characteristically self-righteousness). Jijjiiraa haasawwaa fi misoomina (transformation) kan fiduu danda’u TPLF qofaadha yaadaa fi imaammata keenna jilbiifattanii waga’amuu qabdan jedhu. Yoo kan diddan farra guddinaa fi nagyaati jedhamtan dhabamtu jedhanii ummata diniinu.
Abbootiin ilaalcha calcallii akkanaa qaban aangoon utubaa sibiilaatii! Hin diigamu! Hin caccaphuu jedhanii yaadu. Kanaafuu TPLF aangoo polotikaa Itoophiyaa dhuumfaadhaan qabatee osoo si’a takkallee hinjijjiiramin jiraachuu qaba jedhanii murteeffatuu isaanii agarra. 
Ummaan fokkataa fi hammaataa humnoota polotikaa ilaalcha baaqqeen masakanii «aangoon polotikaa afaan qawwee qofaa keessaa madda»jedhanii waan amananiif gaafii karaa nagayaatiin ummanni dhiyeeffatu hundumaafuu deebiin isaanii ajjeechaa. hidhaa fi reebicha. Aadaa Polotikaa Abyssiniyaa keessatti ilaalcha kanarraa kan ka’e aabbaa fi ilmis osoo hin hafin dhiiga walii bilatanii aangoo walirraa fudhatu. Faallaa kanaattiin sirna aadaa polotikaa Gadaa Oromoo keessatti aangoon polotikaa karaa nagaatiin dhaloota duraanii irraa gara dhaloota haarawaatti dabruu isaa hubannoota keessa galchuu feesisa. Baallii aangoo dabarsuuf abbaan ilma ajjeessee rarraguu hinqabu! Aadaa polotikaa Abyssiniyaa keessatti aadaa qabsoo polotikaa nagayaa gatii tokkollee akka hinqabne gadi-fageennaan hubatuu feesisa. 
Mallattoon amaloota qarayyoota siyaasaa ilaalcha balashee kan biraa aangoon polotikaa gubbarraa gadi-dhufa malee dakanaa ol hinhojjatu (top-down homoginization) jedhanii yaadu. Kanaafuu TPLF demokiraasii warraaqxummaa. Mootummaa misoominaa, Transformation jedhee yaada isaa qofaa gubbarraa gadi lolaasaa gurra ummataa ducha. 
Walumaagalatti Wayyaaneen (TPLF)  hangafa qaruutewwaan ilaalcha baaqqeen (monolithic) dursaman haa tawuu malee humnoonni polotikaa Itoophiyaa kanneen ilaalcha kanaan masakama kan birollee  jiraachuu isaanii hubatamuu qaba. Kun mooraa qabsoo Oromoollee dabalata.  Ilaalcha kana amumarraa sirritti qoratanii yoo qabsoo irratti godhan malee hegeree iftuu bilisummaa irratti danqaraa guddaa akka tawu isaa ammumarraa tilmaamuu feesisa. Humnootaa fi qarrayyoonni ilaalcha baaqqee mootummaa TPLFin walfakkaatu qaban raachitii sirna abbaa-irree biraa tawuun akka hubatamuuf yaada kana mariif dhiyeesse. Barreeffama itti aanu keessatti ilaalcha sabbooqqoo (Polylithic), aangoon polotikaa madda tokko qofaa osoo hintayin madda dachaa-darabee qabdii  (maddi aangoo ummata baldhaa) yaada jedhu xiinxalluu yaala.
Itti fufa…+
Aman Kedir Kamsare

Friday, September 16, 2016

-Gumii Abbootii Gadaa Oromiyaatiif


-Gumii Abbootii Gadaa Oromiyaatiif 

                                                                     (#OromoProtests irra)

-Gumii Abbootii Gadaa Oromiyaatiif
-Koree Qopheessituu Ayyaana Irreechaatiif

Dhimmii: Irreecha Bara 2009/2016 Ilaallata
Akkuma beekamu waggaa keessatti guyyaan Oromoon hawwiin eeggatu keessa guddaan ayyaana Irreecha ta'aa dhufeera. Ayyaanni sirna cunqursaatiin awwaalamee baduuf ka'e deebi'ee dagaaguun kan ummata miliyoona 4 ol biyya keessaafi biyya alaa irraa hawwatuufii irratti hirmaatu ta'ee jira. Kunis bu'aa Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Irreechi waltajjii sabboonummaan Oromoo itti calaqqisuufi jiddugaleessa Oromoon miliyoonotaan akka walarganii tokkummaa fi Oromummaa isaanii itti leellisan waan ta'eef mootummaan amma jiru yeroo dheeraadhaaf ukkaamsuudhaaf yaalaa ture. Haa ta'uu garuu cunqursaa kana hundarra dabruudhaan irreechi barabaraan guddachaa dhufnaan ukkaamsuurraa gara itti fayyadamutti tooftaa jijjiirachuun isaanii ni beekama. Kanas waltajjii ayyaanichaa dhuunfachuun qondaalonni olola mootummaa irratti geggeessuun waggoota as aanaa kana baratamaa dhufee jira. Gochi kun duudhaafi safuu Irreechaa kan diigu ta'us ummanni keenya obsaan irra dabraa as gaheera. Bara kana inumaatuu Irreechaayyu kan hirmaachuun danda'mu gara biiroo turizimii Oromiyaatin yoo dursanii galmaa'an qofa jedhamaa jira. Kun fudhatama tokkollee hin qabu. Irreechi baranaa akka sirnaafi nagaan raaw'atamuuf bifa armaan gadiitiin qophaa'uu qaba jenna:

  • 1) Barri darbe kun kan ilmaan Oromoo dhibbatamaan irratti ajjeefaman, kumatamaan madaayaniifi manneen hidhaa keessatti hiraarfamaa jiran ta'uu namuu quba qaba. Kanaaf akkuma ayyaanoota biroo ayyaanni Irreechaa baranaas kan gaddaa, kan warra wareegaman itti yaadannu, kanneen madaayaniifi hidhamaniif waaqa itti kadhannu ta'uu qaba.
  • 2) Ayyaana kanarratti Abbootii Gadaafi manguddoo biyyaa malee qondaalli mootummaa kamiyyuu argamus ta'ee ka'ee dubbachuu gonkumaa hayyamamuu hin qabu.
  • 3) Gadaan Oromoo kan sirnoota dimookraasii hundarraa filatamaa ta'ee addunyaa gubbatti jajamuuf hawaasummaafi siyaasaa hunda keessatti lammiilee hunda bifa walqixaatin waan hirmaachisuufi. Biiroon turiizimii Oromiyaa warra hirmaachuu barbaadu dursee kan galmeessaa jiruuf namoota mootummaaf amanamoo ta'aniin waltajjii gara fuulduraatti baasuun ummata kaan hiree dhoowwuuf akka ta'e ifa. Kun ammoo safuufi seera Gadaa kan Irreechaaf bu'ura ta'ee san diiga. Waan kana ta'eef yaanni ummanni duratti galmaayuu qaban jedhu gonkumaa fudhatama hin qabu.

Yaada armaan olii kana Gumiin Abbootii Gadaafi koreen qopheessituu Irreechaa sirritti xiinxaltanii hojitti akka hiiktan abdanna. Dhiibbaa mootummaatiin gorsa kana moggatti dhiisuun qondaalonni mootummaa akka dubbatan yoo hayyamtan, ummannii galmeen akka galu kan gootan yoo ta'e, humnoonni waraanaa ummata kan goolessan yoo ta'e, tarkaanfii ummanni bal’aan mirga isaa kabachiisuuf fudhatuufi gaaga'ama dhalatu maraaf itti gafatamummaa fudhachuuf akka of qopheessitan isin akkeekachiifna.
Kabajaafi Jaalala Oromummaa Waliin

Wednesday, September 14, 2016

ADDA BILISUMMAA OROMOO (OROMO LIBERATION FRONT)

ADDA BILISUMMAA OROMOO (OROMO LIBERATION FRONT)

                                            Gaafa: 12/09/2016
IBSA WALGAHII KOREE HOJII RAAWWACHIIFTUU ABO

KHR–ABO walgahii isaa dhaabbataa Fulbaana 1 irraa kaasee hanga Fulbaana 11, bara 2016tti
gaggeeffachuun, gabaasaa dameelee dhageeffatee rakkoolee mumul’ataniif furmaataa fi
qajeelfama eega akeekeen booda, haala qabsoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa
Oromiyaa, haala mootummaa faashistii Wayyaanee, haala sochiilee farra-faashistii wayyaanee;
kan naannoo ummata Amaaraa (Gondor, Goojjamii fi Walqaayit) keessatti adeemaa jiru, haala
sochii ummata Konsoo fi Majangir, Gambeellaa, Sidaamaa, Benshaangul, Ogaadeen, haala
Gaanfa Afrikaa fi Afrikaa guutummaatti , haala addunyaa fi kallattiin ammoo, haala sochii
qabsoo bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa waliin waan wal qabate, dhimma dippilomaasii
Oromoo ilaalchiisee, gadii fageenyaan gilgaaluu fi xiinxaluun murtiilee kanaa gadii dabarsuun
walgahii isaa milkiin xumuree jira.
UMMATA BAL’AA OROMOO
Jalqaba uumamuu Impaayeera Itoophiyaa irraa kaasee hanga hardhaatti ummatni Oromoo:
jimlaan ajjeeffamuu (sanyii duguuggaa), eenyumaan isaa haalamuu, hidhamuu, gidirfamuu,
saamamuu fi biyya isaa irraa humnaan ari’amuu irraa kan hafe faayidaan Oromoon sirna
Impaayeerummaa humnaan uumame kana keessatti argate kana jedhamee kan herregamu
tokkoo illeen hin jiru.
Adeemsa seenaa dukkanaawaa kana jijjiiruuf, ilmaan Oromoo bakka buusuun hin danda’amne
kanneen miliyoona baay’een lakkaawaman bilisummaa fi walabummaa saba goota kanaaf jecha
lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne dabarsanii kennaniiru. Addi Bilisummaa Oromoo
(ABOnis), ilmaan Oromoo seenaa gootummaa kana dhaalaniin kan bu’ureeffameefi,
warreegama sabni Oromoo Jaarraa tokkoo fi walakkaaf baasaa jiru kanatti firii gochuufi.
ABOn, qabsoo hadhooftuu wareegama hedduu baasiste geggeesseen hardhaan tana, sagantaan
ABO ummata Oromootiin tinnifame, dhibdeelee ykn rakkoolee: siyaasaa, diinagdee,
hawaasummaa, aadaa fi dhiitama mirga dhala namummaa Impaayera Itoophiyaa jalatti ittiin
eelaa fuudhe ykn gidirfametti furmaata waaraa kan argamsiisuu dha. Kana dhugoomsuufis
ummatni Oromoo Kaabaa Kibbatti, Bahaa Lixattii fi handhuura Oromiyaa keessatti sagalee fi
ilaalcha siyaasaa tokkoon diina faashistummaan isaa ammaan dura bifa kanaan mul’atee hin
beekne dura dhaabatee FDG gara Fincila Xumura Gabrummaatti tarkaanfachiise. Kunis sodaa
injifatuun gootummaa abbootii isaa irraa dhaalen diinatti rifaatuu hamaa naqeen qabsoo isaa
ittisa irraa gara haleelaatti ceesisee jira.
ABOn, gootummaa fi tokkummaa sabni Oromoo harka qullaa, karoora fi sagantaa lafa
kaawwate irratti irkatuun Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) walitti fufiinsaan ji’oota 11f
adeemsiisaa jiru ni dinqisiifata. FXG kanaan, bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa
bakkaan gahuuf, tiksituu Impaayerichaa kan ta’e mootummaa faashistii Wayyaanee fi sirna
impaayerichi irratti ijaarames hundeen buqqisuun murteessaa dha.
تاريخ رقم Lakk.:017/stm/abo/2016
No.:
جبهۃ تحـرير اورومـى
P.O. Box 6973 Asmara, Eritrea Tel 2911 110236 Email: Caalchis@gmail.com, www.oromoliberationfront.org
Kunis ummata bilisoomeen, referendum walabaa fi bilisa ta’e irratti mirga hiree murteeffannaa
saba Oromoo mirkaneessuun taha. Waan taheef KHR-ABO kanaan ala furmaatni biroo akka hin
jirre sirriiti hubatee fi waliifis dhaamee, FXG kana toftaa hidhannoo fi hidhannoo maleettis
dhimma bahuun kan duraanii caalaatti akka finiinsu waamicha hatattamaa dhiheessa.
Mootummaan faashistii Wayyaanee kun kufee mirgi ummata Oromoo haga mirkanaahutti
hoogganummaa haga ammaatti kenne caalaa cimsee akka itti fufu ABO’n irbuu isaa irra
deebi’ee haaromsa.
WBO, HOGGANOOTA , QONDAALOTA, MISEENSOTA FI DEGGERTOOTA ABO
MARAAF,
Miseensota WBO, Hogganootni, qondaalotni, miseensootni fi deeggartootni ABO qabsoo
bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa keessatti adda duree ta’uun haalota rakkisoo
keessatti wareegama qaqqaalii baasaa as gahuun kanuma beekamu dha. Sadarkaa har’a qabsoon
irra gahee fi sabni keenya keessa jiruu, of kenniinsa keenya ol kaafnee qabsoo galiin gahuuf
yoom iyyuu caalatti diinna keenya awwaaluudhaan aangoo siyaasaa Oromoo mirkanneesuuf
bakka jirutti mootummaa faashiistii Wayyaanee haleeluu irratti akka bobbaanu waliif dhaamna.
MOOTUMMAA FAASHISTII WAYYAANEE FI ERGAMTOOTA SIRNICHAA
ILAALCHISEE.
Mootummaa faashiistii Wayyaanee fi ergamtoota Wayyaanee kan ta’an Hoogganootni OPDO
kan sadarkaa federaalaa fi mootummaa naannoo Oromiyaa irra guddaan isaanii, jijjiirraa
fakkeessaa xixiqqaa, kan akka Afaan Oromoo Afaan Finfinnee godhuu, Oromoota naannoo
Finfinnee irraa humnaan buqqa’aniif mana kennuuf labsa adda addaa baasuu dhaan, ummata
humnaan hiriira baasuuf karoora qaban. Kun gaaffii bilisummaa Oromoo fi walabummaa
Oromiyaaf gonkumaa deebii tahuu waan hin dandeenyeef, karoora kana duubaan shirri jirus
ummata Oromoo afanfaajjessanii fincila xumura gabrummaa dura dhaabbachuun sirna
gabroomfataa Wayyaanee ummata Oromoo irra tursiisuu fi amanamummaa sirnichaaf qaban
ittiin mul’ifatuuf murteeffatuu mirkaneessa.
Miseensoota OPDO kanneen sanyii duguuggaan saba isaanii itti dhagahamuun sabni isaanii
akka hin miidhamne hojjachaa turanii fi hojjachaas jiran ni dinqisiifata. Ummatni Oromoo shira
hoggannoota OPDO fi gooftolii isaanii kan summii dammaan dibame fakkatuu olitti kaa’ame
kanaan akka hin dagamne yaadachiisaa, karoora mootummaan faashiistii TPLF baafate kana
fashalsiisuu dhaan, amna gara bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatti godhaa jiru
kana cichoominaa fi shaffisaan itti fufee xumura akka itti godhu ABO’n gadi jabeessee dhaama.
Kana waliin Oromoota badii isaanii irraa barachuu hanqatuun lammii isaanii irratti yakka
raawwataa jiranis ABO’n akeekkachiisa.
ILMAAN OROMOO WARAANA MOOTUMMAA WAYYAANEE KEESSA JIRANII
FI HOJJATTOOTA MOOTUMMAA SADARKAA HUNDAA.
Akkuma dhalli Oromoo hundi beekuu fi hubatutti, sanyii duguuggaan saba Oromoo irratti eega
labsame yeroon isaa bubbulee ti jira. Hardhaan tana, lubbuun dhala Oromoo, kan Wayyaanoti 
aggammii itti shaakalan ta’ee jira.
Haalli kun ammoo, kan dhala Oromoo hunda irriba fi jireenya dhorku ta’uu qaba. Waan
ta’eefis, ilmaan Oromoo kan waraana Wayyaanee keessa jirtani fi kanneen caasaa mootummaa
sadarkaa Federaalaa fi mootummaa naannoo Oromiyaa keessa hojjettan of gurmeessuu fi wal
gurmeessuun qabsoo sabi keessan bilisummaaf geggeessaa jiru waan dandeessan hundaan akka
cinaa dhaabbatan ABO’n yaamicha lammummaa dhiheessa. Yoo itti gaafatama kana hin baane
garuu, fuula duraatti komii saba Oromoofi gaafatama seenaa jalaa akka isin hin baafne
ammumaa isiin yaadachiisuun dirqama jennee amana. Hardhaan tana, qabsoo bilisummaa
Oromoo fi walabummaa Oromiyaa bira yoo hin dhaabbanne, yeroon ummata ofii waliin
dhaabatanis yoommi laata? gaafii jedhuus deebbisuun dirqama keessan akka ta’e jala muruun
ABOn isiin hubachiisna.
DHAABOTA SIYAASAA ITOOPHIYAA ILAALCHISEE.
ABOn humnoota siyaasaa Impaayeera Itoophiyaa, kanneen farra mootummaa faashiistii TPLF
ta’an mara qabsoo isaan lafarratti gochaa jiran ni kabaja. Kanneen hiree murteeffannaa
ummatoota Impaayericha keessa jiran akka akeekaatti kabajuuf murteeffatan ammoo ABOn
bifa addaatiin ilaala. Kanaafis,Tumsi Bilisummaa fi Dimookiraasii Ummattootaa (PAFD)
ijaarame. Haaluma kana irratti hirkachuun, dhaabootiin siyaasaa biyyattii keessatti bifa
mul’ataan lafarratti hojiin beekaman sagantaa siyaasaa walii waliif kabajuun, diinna waloo
kan ta’e mooutmmaa faashistii Wayyaanee irratti xiyyeeffatuun mootummaa gara jabinni isaa
daangaa hin qabne kana aangoo irraa waliin akka kaafnu irraa deebi’ee yaamicha isaa
haaromsa.
MISEENSOTA FI DEGGERTOOTA SABABA ADDAATIIN CAASAA ALA JIRANIIF.
Qabsoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa bakkaan gahuuf amni hafe xiqqaa ta’us,
dirqamni yeroo amma nu irraa eegamu ulfaataa dha. Haala ammaa keessatti, dirqama fuuldura
keenya jiru injifatnoon xumuruuf, dirmannaa ABO’n barbaadu godhuu irraa kan if nama
qusachiisuu sababi kamuu jiraachuu hin malle. Haalli keessa jirru, haala jiraachuu ykn
dhabamuu keessaa filachuu ti. Dhabama irraa saba keenya oolchinee rakkoo dhuunfaa qabnu
furachuun gamnummaa ta’uu hubatuun, miseensotni fi deggertootni arma dura ABO keessaa
sababaa adda addaatin bahan, hatattamaan dhaabatti akka deebi’an ABO’n yaamicha
lammummaa fi biyyummaa isaaniif dabarsa.
DHAABOTA SIYAASAA OROMOO WALABA TA’AN ILAALCHISEE.
Mootummaa faashiistii gabroomfataa Wayyaanee Oromiyaa irraa buqqisuun, bilisummaa fi
nagaa waaraa ummata Oromoof argamsiisuuf, humna namaa fi qabeenyaa ummata Oromoo
tokkoomsuun murteessaa ta’uu isaatti amanuun, dhaabota siyaasaa Oromoo walaba ta’an
gidduutti waliigaltee fi walhubannoo irra gahuun ni yaadatama. Waliigaltee fi walhubannoon
kun akka hojiitti hikamuuf, bakka bu’oota dhaabota kanaa irraa koreen ijaaramte, Koree
qindeesituun Jaarmayooli Bilisummaa fi Walabummaa Oromiyaa (KQ-JBWO) waliigaltee
kana hojiitti hikuu fi hojii irratti akka milkooftuuf ABO qooda irraa eggamu akka gumaachu
mirkanneessa.
SOCHII NAANNOO UMMATA AMAHARAA ( Gondor, Gojamii fi Walqaayt)
ILAALCHISEE.
Sochiin farra mootummaa faashiisti Wayyaanee ummatni Amahaaraa naannoo Gondorii fi
Gojjamitti geggeessaa jiru, sochii mirgaa ta’uu ABO’n ni amana. Haa ta’u malee,
mootummaan Wayyaanee karaa irraa maqfame malee gaaffiin kun deebii argachuu hin
danda’u. Waan ta’eef, kallattii hundaan mootummaa Wayyaanee jilbeenfachiisuuf ciminaan
akka irratti hojjetamuu qabu ABO’n yaadachiisaa, ajjeechaa, hidhaa fi gidirfamuu ummata
naannoo Amaaraa irratti faashiistoota Wayyaaneetin gaggeeffamaa jiru gadii faggeenyaan
balaaleeffata.
Saaminsa fi eenyummaa isaanii haquuf gochaa mootummaan faashistii Wayyaanee irratti
raawwataa jiru mormuun, qabsoo sabni Koonsoo fi Majangir geggeessaa jiru, ummatni
Oromoo fi dhaabni isaa ABOn ni dhinqisifata; biras ni dhaabbata. Qabsoon sabni Konsoo fi
Majangar gaggeessaa jiran, qabsoo haqaatis jedhe amana. Itti dabalees: ajjeechaa jumlaa,
hidhaa fi gidirsaa saba Konsoo fi Majangar irra gahaa jiru ABOn cimsee balaaleeffata.
HAWAASA OROMOO BIYYA ALAA JIRAN ILAALCHISEE.
Mirgi abbaa biyyummaa isaa sarbamuu, nagayaan jiraachuu dadhabuu irraa hawaasini Oromoo
biyya alaa jiraatu kan baqattummaaf isa saaxile hubatuu dhaan biyya isaa deebifatuun
murteessaa ta’uu amanee qabsoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf tinnisa
gochaa har’a gahe. ABOn gumaacha kanaan duraa dinqisiifataa, qabsicha injifatnoon
guduunfuuf ammoo dirqama addaa haalli yeroo ammaa gaafatu bahuuf hawaasni keenya ala
jiru gumaacha qabsoo dachaa dachaan akka ol kaasu Koreen Hojii Raawwachiiftuu ABO
jabeesee waamicha dabarsa.
YAKKA SANYI DUGUUGGAA (genocide) MOOTUMMAA WAYYAANEE
GAGGEEFFAMAA JIRU ILAALCHISEE.
Mootummaa faashiistiin TPLF mootummoota impaayeericha keessatti kana dura mumul’atan
hunda caalaa gara jabinaan kan guutame ta’uu isaa kan hojiin agarsiisaa jiru ta’uu dhaabootni
mirga dhala namaaf dhaabatan hundi raga itti bahaa jiran. Sanyii duguuggaan kallattiin kan
saba Oromoo irratti qiyyeefatame ta’uu, hojii faashiistootni TPLF kan ji’oota 11 ilaaluu fi
tarkaanfii isaannii xinxaluun gahaa dha. Sanyyi duguuggaan kun ummatoota naannoo 
Gambellaa, Beenshangul, Sidaamaa, Ogaden, fi ummata Konsoo fi Majangar irrattis bal’inaan
kan gaggeeffamaa turee fi jiru dha. As kaluu kana ammoo ajjeechaan jumlaa kan saba Amaaraa
irratti dabalataan xiyyeeffatame gadi bahuun raga dabalataa ti jennee ammana. Waan ta’eefis,
ajjeechaa suukanneessaa adeemsifamaa jiru kana gareen walaba ta’ee qoratee mootummoota
gamtoomanii fi dhadacha mana heera addunyaaf (ICC) akka dhiheeffamu ABOn jabeesee
hawaasaa addunyaa mara gaafata.
Kanuma waliin, dhaaboota mirga dhala namaaf dhaabatan,,kanneen sanyii duguuginsi Oromoo
fi saboota biroo irratti geggeeffamaa jiru yakka ta’uu hubatanii iyyaannaa dabarsaa jiran
ABOn dinqisifataa fi galateeffataa hojii eebbifamaa kana cimsanii akka itti fufan gaafata.
Injifannoo Ummata Oromoof !!!
KHR-ABO
Fulbaana 12, 2016