Saturday, December 31, 2016

#OromoRevolution XALAYYAA GABAABDUU BARA 2017’F

#OromoRevolution XALAYYAA GABAABDUU BARA 2017’F

                                                   (Girma Gutuma tiin)
"Dursa baga nagaan dhufte yaa bara haaraa akkam jirta? Jireenyaaf amaatii hin tuffatan jedhan silaa nu akkuma itti nu ajajanitti jiraachaa jirra. Waa'ee nagummaaf jireenya keenyaa nu hin gaafatiin akkuma itti jiraatantu jireenya jennee waan dhiisneef. Ati nagaa taanaan gaariidha. Nageenyaf fayyummaan keenyas harka kee akka jiru amaleeffannaa keenya darban irraa hubannee jirra.
Hireen keenyas si keessatti mirkaneeffamaan amantaa keenya . Garuu wanuuma nu ajaa'ibetu jira; yoo nutti hin gaddine, yaadaaf gaaffii keenya akka armaan gadiitti siif dhiyeessina. Yaa obboleessa bara 2018, yaa kaadhimaa bara 2016, Mee amma maalumatu sitti tollaan as dhufuuf murteeffatte? Barri dura kee turehoo bara gaddaa turee; maaltu si gammachiifnaan isa gaggeessitee bakka isaa bu'uuf deemtaa? Silaahoo atis haaromsa gadi faggootti nii amantaa? Shakkineerra kanaaf tahuu hin oolu. atis adeemsa isa doofaa kaasanii doomaa bakka buusan hordofta akka hin taane.
Bara 2016 keessa iyyaaf gadda ture osoo dhageessuu ጥልቅ ታድሶ dhaan bara 2016 bakka buhuuf dhuftaa? Lakki ati bara imimmaaniif dhiiga hedduu dhangalaaste waan taateef cubbuukee fixadhu malee an bakka si hin bu'u jettee hin didduu? Bara ilmaan namaa mara boossise, bara hamaa kana kaaftee bakka isaa bu'uuf garaa maaltu si danda'ee? Dursa rakkoo jiru furii nagaa natti dabarsi
jettee hin didduu? Moo atis akkuma bara dura kee turee garaa jabaatta? Moo malaammaltummaa hojjette jettee 2016 adabdee kunoo nu baroonni qulqulloofneera jettaa? Akkuma bara darbee atis cubbuu kee dhoksitee guyyootaaf ji'oota badiitu kana godhe, urjiiwwaniif baatiiwwan, shororkeessitoo tatu qillensa goola jettamoo, balleessera ani hojii kana hin dandahu yaa bara 2018 dafii kottuu dhaammattaa? Silaa barri dura keessanii bara abdiiti nuun jedhanii, kana goota Jenne waan hin yaadneef sitti iyyachuuf xalayaa nuffisiisaa erga bara dhibbaa olii baroota dhufaa darbaaf katabamu kana nus dabareen nu geenyaan siif katabnee jirraa nuffii malee nuuf dubbisi maaloo!!!
Akkuma dhageenye dhufikee dhihaateera as gahuufis deemsa sa'aa muraasaatu siif hafa, karaa erga walakkeeffattees deebi'i jechuun ni ulfaata yaa bara 2017 dhaamsaa xiqqoo qabna. Waa xiqqoo si rakkisuu feena maaloo amma as geessutti mamii tokko malee gaaffii keenya mara nuuf deebisuuf qalbiikeetti yaadaa kottu. Gaaffii keenya kitila toora galee hin dhumne San keessaa hanga
tokko si yaadachiisuuf.. *Akkuma atuu quba qabdu boo'ichi keenya hammaatee kana nurraa dhaabuuf ministeerota kee qopheessi.
*lafaaf Lafee keenya dhabne, kana nuuf deebisuuf angawoota keef hojjettoota kee Mara haaromsii qophaahi. *Mirga uumamaan qabnu, mirga ilmi nama argachuu qabu Mara sarbamnee;
Kanas dhangalahuu dhiigaaf cabuu lafee tokko malee nuuf deebisuuf humna waraanaa kee kan lafoof qilleensaa Mara namummaa barsiisi, addaggummaa isaanii dhiisanii sammuu ilma namaaf yaadu akka qabaatan gochuuf karoorsi. *Ilmaan keenya Warreen wareegamanitti simboo gochuuf kaayyoo isaanii galmaan gahuuf, Warren xaaran Mara humnaaf hamileen jabeessuuf, gorsaaf soorakee fe'achuu hin dagatiin! *waan hunda caalaa ilmaan abbaa tokkoo ta'anii warra gandaan dhaaba siyyaasaa qooddatanii, saba tokkummaan isaa akka dhagaa gurrachaa jabaate kana laaffisuuf xaaran ilmaan keenya warruma horree guddisnetti qalbii nuuf deebisi. *Silaa numa numarraa dadhabne ofirraa; Warreen maqaa sabaan daldalan; Warren garaaf bulan; warreen hattoota ija isaanii jaamsuf lubbuu isaanii abiddaan gubuuf paarlaamaa keetti nuuf dhiheessi. Silaa waa'een keenya himamee hin dhumu nii beekta. Si yaadachiisuuf malee nurra situ beeka waan hunda caalaa *Warreen dhugaan ganamaa galgala osoo hin rafiin saba isaaniif dalagan, Warren sabaaf caban, Warren hidhamaniif ergamtootaaf tajaajiltoota kee ergiif, bakka jiran maratti isaan golgi. Bakka deeman maratti akka qoreen isaan hin waraanne nuuf tiksi.
Diina isaanii caalaa fira isaanii isa isaanitti gamu irraa eegi.
Kana hunda yoo nuuf raawwatte baraa amma baraattii akkuma madda walaabu yaadannu sana maqaa gaariin si waamaa hafna. Yoo didde garuu akkuma guyyaa gaafa irreechaa dhibboonni dhuman, guyyaa gaafa obbolonni keenya galaanaan dhumaniif akkuma guyyoota hamoo baayyinaan 365 tahan bara 2016 keessa gaddaaf jibbaan taran mara gaddaan yaadannuu sitti gaddina. Maqaa kee galmee xuraawwaa irratti katabna. Kanammoo waan feetu hin seenu; eeyyeen hin gootus, kanaaf abdiin si eegganna; gammachuun si simanna; nus si faana buunee dirqama keenya bahuuf bakkayyuu waadaa keenya haaromsina. Atis lakkoofsa 6
lakkoofsa 7n bakka buusuuf qofa akka hin dhufne abdii qabna.
Hanga as geessutti nagaatti. (#"warren jiraachuuf uumamee, uumamaan jireenya dhorkame; warreen mirga guutuun dhalatee, mirgi qicamee kennamuuf; warreen osoo qabuu dhabef, warren ofii agabee orma quubse irraa.') Kabaja waliin nagaan kottu. Mallattoo dhiiga kumaatama wareegamaniif, miliyoonota hidhaan, Cabaan, godaansaan dararaman waliin!!"

Wednesday, December 28, 2016

OMN tamsaasa Afaan Arabaa eegaluun akka jabaatti irratti haasayamaa jira

OMN tamsaasa Afaan Arabaa eegaluun akka jabaatti irratti haasayamaa jira.

                                                 (Jawar Mohamma irraa)

Kuni waan gaariidha. Sababni OMN Afaan kana tamsaasatti daballeef nama hedduuf ifa. Namni hedduunis barreessee jira. Xiqqoma itti dabaluuf:
Kaayyoon OMN 'Oromiyaa addunyaan, addunyaa ammoo Oromiyaan wal qunnamsiisuudha.' Kana ammoo hamma humni hayyaameen dhawaataan toora tamsaasaa ( mode of broadcast) akkasumas afaanota tamsaasaa dabalaa deemuudhaan galmaan geenya. Afaan Oromootin eegalle. Afaan Amaaraa itti daballe. Afaan Inglizii itti edaane. Amma Afaan Arabaatin as baane. Dhihotti Khiswahilifi Afaan Soomaleetin as bahuuf qophaayaa jirra.
Afaan arabaa maalif?
- Oromoota 500,000 oltu baqattummaafi hojiidhaan biyyoota Arabaa jira. haa ta'uu ammoo ummanni Arabaa kun waa'ee Oromoo homaa hin beekan jechuun ni dandahama. Hariiroo lammileen keenya achi jiraatan hawaasa san waliin qaban ( public diplomacy) fooyyeessuuf waa'ee Oromoo fi Oromiyaa ummata san barsiisuun akkaan barbaachisaadha. sababni sagantaa Afaan Inglizii babaldhisaa jirruufis tokko Faranjiin nuti keessa jiraannu dhimma keenya akka hubattuufi.
- Ilmaan Oromoo baqattoonni kun achitti horan ( 2nd and 3rd generation immigrants) kumaatamaan lakkaayamu ( Hubadhaa! Baqattoonni Oromoo osoo biyya Faranjii hin dhufin biyya Arabaa qubatan...baroota 1940moota irraa eegalee). Ilmaan isaan horan kan afaan Oromoo hin beekne kumaatamatu jira ( Fkn joollee Elemoo Qilxuu laalaa). OMN waa'ee seenaa Oromoo fi haala Oromiyaa daa'imman Oromoo Afaan warra isaanii hin beekne hubachiisuun barbaachisaadha. Afaan Ingiliziis kan eegalleef keessaa sababni guddaan joollee biyya faranjii dhalattee Afaan Oromoo hin beekne bira gahuufi.
- Hariiroo daldalaa Itoophiyaan biyyoota alaa waliin gootu keessatti Chaaynaatti aanee sadarkaa guddarra kan jiru biyyoota Arabaa waliini. Jara kana waliin diplomaasii jabeeffachuun ammatti qabsoo keenyaaf, boru ammoo hariiroo diinaggeetiif barbaachisaadha. Hariiroo diplomaasii cimsuuf ammoo dhimma keenya Afaan isaan beekaniin hubachiisuun barbaachisaadha. Saagantaa Afaan Inglizii kan babal'isuu barbaannufis akeekuma kana biyyoota dhihaa keessatti daran cimsuufi. ( Hubadhaa Wayyaaneen dhiibbaa gama saniin dhufu diinaggee isiitiif hedduu waan sodaattuf hariiroo isii jara kanaa waliin cimsuuf halkaniifi guyyaa carraaqxi. Baatilee jahan dabre kana keessatti biyyoota muumichi ministeeraafi haajaa alaa dhaqaniifi walgaltee adda addaa mallatteessan yoo laaltan kun ifatti muldhata. Nutii teenyee laaluu qabnaaree? )
- Akeeka dhimma Oromoo ummata ollaa keenyaafi kan addunyaa beeksisuu kana galmaan gahuuf adaduma humni teenya jabaachaa deemtuun afaanota gurguddoo naannawa saniitifi addunyaatin oduufi sagantaalee idilee dabalaa deemna. Akkuma duratti ibse dhihotti Afaan Soomaleefi Kiswahilitin eegaluuf qophii xumuraa jirra. Gaazexeessaa dhimma keenya Afaan Chaaynaatiin himuu danda'u osoo argannee sanis itti dabaluu feena. Dhugaan baana, qoosaafi miti.
- Kanaan walqabatee Afaan sabafi sablammootaatiif hireen osoo kenname wayya yaadni jedhu ka'ee jira. Yaada dansaadha. Yaadni nuti dura qabaachaa turre saboota naannawa saniitif saatalaytii keenyarratti kenninee walabaan siyaasaa isaanii afaan ofiitiin akka tamsaasaniif ture. Akkuma namuu beeku saboonni naannawa sanii toora saatalaytii OMN akka fayyadaman ifatti affeeraa turre. Rakkoon jiru saboonni biyya sanii hedduun nu daran waan cunqurfamanii turaniif humni isaanii nurraahuu laafaadha. Sababuma kanaan gariin eegalanii jidduun dhaaban. Tokko tokko ammoo ni eegalla jedhanii fiixaan baasuu dadhaban. Haala kana hubachuun humna isaani ol guddisuuf tarii deeggarsa godhuun barbaachisuu hin oolu jennee haala mijeessuuf mari'achaa jirra.
Walakkeessoo bardhibbee 20ffaa keessa biyti Igilizii siyaasaafi waraanaan moo'amtee yeroo kufuuf daddaaqaa turtetti dantaa isii addunyaa irratti eegsisuuf kan isii dandeessise BBC dha. Ameerikaan siyaasaa addunyaa akka dhuunfatu kan godhe humna waraanaa qofa osoo hin taane CNN, VOA fi Hollywood ta'uu ni beeytan. Biyyoonni kun dhimma ofiifi kan addunyaa afaan ofiitifi afaanota gurguddaan biroon tamsaasuun ilaalchi isaanii mataa ummata addunyaa keessa akka jiraatu godhan. Kanarraa nutis wahuma baranna. Waan barannu kana ammoo humna qabnuun hojitti hiikuu qabna. ( kanarratti gaaf biraa dabalataan barreessuun yaala)
Ammaaf gama kiyyaan kanuma. 
Tasgabbiin mar'idhaa. 
Marii keessatti wal eeggadhaa. 
Wal hin madeessinaa. 
Yaada waliif ulfeeffadhaa. 
Yaada Oromoof ta'uu waliin gabbifadhaa.

Dhimmaa waa'ee OMN Afaan Arabaatin dabarsuu ilaachisee yaada lixa Wallaggaa magaalaa Aayiraa fi naannoo isaa irraa uummata oromoo hundaaf darbe

Dhimmaa waa'ee OMN Afaan Arabaatin dabarsuu ilaachisee yaada lixa Wallaggaa magaalaa Aayiraa fi naannoo isaa irraa uummata oromoo hundaaf darbe


'Dhimma waa'ee OMN afaan Arabaatiin jalqabuuf jedhu ilaalchisee dhaamsa lixa Wallaggaa magaalaa Aayiraa fi naannoo isaa irraa uummata oromoo hundaaf darbe
hunduma dura nagaan Waaqayyo bakka jirtanitti isin haa ga'u jechaa yaa uummata oromoo baayyee isin jaalanna baayyees isin yaannas yoo Waaqayyo jedhe guyyaan itti bilisoomnee Finfinnee gubbaatti waliin kbajannu fagoo nutti hin fakkaatu. Gara ijoo dubbii keenyaatti isin deebisuuf gidduu kana OMN afaan Arabaatiin tamsaasa isaa jalqabuuf kan jedhu ilaalchisee namootni tokko tokko amantaa islaamaa baballisuuf jechuun olola ofaa jiraachuu dhageenyee jirra. Namootni kun Oromoo ykn saba biraa ta'uu ni danda'a. Nuti Oromoonni lixa Wallaggaa dubbii jarreen muraasni uummata Oromoo amantaan qooduuf yaalaa jiran kana dura jabeessinee ni dhaabbanna ni morminas, Akkuma beekamu naannoon keenya hedduminaan amantaa kiristiyaanaa kan hordofnu ta'u illee amantaan kan dhuunfaa akka ta'e hubachuun afaanotni addunyaa irra jiran ittiin walii galuu ta'uu isaa malee rakkoo biraa akka hin qabne mirkaneessuu barbaanna. Kanaaf OMN tamsaasa isaa afaanota addaa addaatin eegaluun isaa kan nu gammachiise ta'uu irra darbee kan ittiin boonnu ta'uu ibsuu barbaanna. Kanaaf nuti Oromootni lixa Wallaggaa tattaaffii OMN godhaa jiru kana kan deggerruuf kan bira dhaabbannu ta'uu mirkaneessina.
Tokkummaan ilmaan oromoo haa jabaatu,

 Oromoon tokko IUOf lixa Wallaggaa magaalaa Aayiraa irraa''

#OromoRevolution ''ODF, G7 fi Qabso Oromo

#OromoRevolution ''ODF, G7 fi Qabsoo Oromo

                                                    (Daraaraa Sabaa irraa)



Jaarmayini Oromo karaa itti fakkaaten Qabso gaggeesun ni danda'a. Mirgaas qaba. Anni jaarmaya ODF karaan isaan Qabso itti gaggeesuf filattan; Sagantaa Siyaasa isaan irra abdii yoon hin qabannele rakko irra hin qabu. Haa tahu male kan nama yaachisu warra isaan waliin tahanii Qabsoo gaggeesun tumsa jaarataniidha. Qabixxiileen armaan gadi kana mee haa laalu. Hunda dura jaarmayini tokko kan tumsa jaarmaya biraa waliin jaaratu yoon humna wal qixxaa qabaateedha. Yoon humna wal gittu hin jiraane boru jaarmayini tokko isaan keessa yoon waan irratti wal-galan san cabse waan ittin dirqqisiisan (leverage) hin qaban. Kana jechuun ODF harka qullaa warra Qabsoo nidhannoo gaggeesu waliin tumsa jaarachuun bu'u tokkollee waan qabu natti hin fakkaatu. Qabso hidhannoo hin gootu ja'anii ABO keessa bahanii maaf warra Ethiopia kan Qabso hidhannoo gaggeesina ja'u waliin tumsa jaarattuun barbaachise laata? Moo maquma "Ethiopian" ja'u kanaatu itti tole laata yoon Sagantaa Siyaasa tokko qabaachuu baatanillee? G7 kan waan ODF waliin tumsa jaaratu isaa barbaachisef mooraa Qabso Oromof Oromiyaa keessa waan seenu hin dandeenyeef isaan qabate yoon haali toleef Oromiyaa seenu barbaada. Two wrongs don't make a right akkuma ja'an hegereen Oromof Oromiyaa Oromon murttaahu isaa hin irranfatinaa.

Yeroo amma kana kan QEERROOn biyya keessa Oromiyaa jechaa jirtu ODF maaf faalla fedhii Dhaloota Qubee deemu barbaaden gaaffiidha? Kun dhiibba akkam Ilimaan Oromo giddutti fida? Gaaffii Oromof Oromiyaa irrati hoo, gaaffii abba biyyummaa Oromo gama Ethiopiyummaati dhiibun maaf barbaachise? Ani Siyaasaan hanga nuuf galutti jaarmayoottin Siyaasa Gaggeesu tokko Siyaasa isaa fedhii ummata irrati hundaa'e sagantaa isaa baafata. Kana jechuun fedhii ummata jala deemu jechuudha. Yoon kana tahu baate nagaa fayyaa laffa'u jechudha. Kana ragaan jira QEERROON 3,000 tahu kan j'oota 12 dabre lubbuun isaan itti wareegaman oso Oromiyaa ja'aniitti. Kana jechuun Qabso karaa nagaa hin gageesina jechuu kootti mitti. Rakko bakki isin jirtu ODF warra Oromof Oromiyaa dhabamisiisu fedhu waliin oso humna akka isaani hin qabne tumsa tahuu isaati. ODF ol aantumman oso tumsa kana geggeese dhima Oromof Oromiyaa humna ittin tiiysu qabaate rakkon hin jirtu. Garuu amma yoon tumsa isaani tahe dhima Ethiophiyaaf Ethiophiyummaa kan G7 oofu waliin gargaare galman gahe male dhimmi Oromo kan ODF warra kanaa waliin Oromof fidu tokko natti hin mullatu ani.

Waan tokko kan Oromon beekku qabu, G7 yoon hiree argattee lolee biyya seenu kan danda'u taate Oromof Oromiyaa waan ja'ama akka dhabamsisu ifaaadha. Jaallan keenya kan ODF kana wallaalan nutti hin fakkaatu. Gaaga'amni akkasi yoon kan dhufu tahe isaan waan hidhannoo hin qabnef dhaabu hin danda'an. Kun isaan hin yaachisa laata? Yoon kun tahe hoo maal godhuu danda'u? Human Ethiopia ifiin ja'u kun rakkon isaani Oromon Ethiophihummaa fudhatuuf fudhatuu dhabu mitti. Rakkon isaan nu waliin qaban lafa teenya, heddumina keenyaafi qabenya keenya wantti isaan gubaa jiraa. Oso Oromo Ethiophiyummaa fudhatee, Alaabaa Ethityoiphiyaa qaamatti uffatee yeroo du'ulee ittin maramee awwalame isaan Oromo amanuuf hin deemani rakkon isaani waan olitti maqaa dhawe kana waan tahee.

Wayyaanen Afaan Qawwee malee akka biyya teenya gaddi hin lakkifine dhumaattiif Ilimaan Oromo kan barana booda namuufu ifaadha. Dhumaattin ummata keenya oso akkanatti itti fufee jiruu silaa amma wantti Oromon barbaadu mooran Oromo tan hidhannoo jabeesuun barbachisaadha. ODF silaa kanarrati jaaramayoota Siyaasa Oromo kan waliigalan waliin hojjatuu oso qabu maaf G7 waliin hoojatuun barbaachise? Yeroo amma kana kan ummani Amaraatu akka Sabaati jaarama jiran maaf Oromo waliin hoojatuu dadhabamee warra Ethiopia leelisu waliin tumsa jaaratun barbaachise. Karaa biraattin sodaan ani qabu ODF G7 waliin tumsa uumachuun yoon mooran Qabsoo Hidhannoo Oromo akka amma jirttu kanatti yeroo dheertuuf kan daddaaqamettee deemitu taate nami keenya tokko tokko abdii kitattee sababaa ODF tumsa kana keessa jiruuf gama G7 seenu laata kan ja'uus gaaffii kootti.

Oromo yaada lama qabaachuun beekkamaadha. Yaani lamaanu yoon Oromo humna taate argamte qofa kan hojii irra oolu danda'a. Warri karaa nagaan Qabsoyina ja'u walitti dhufani humna cimittuu mataa isaani eega tolfatan booda, oli'aantuma Dhaaba Oromo bakka mirkanaahetti warra biraa waliin tumsa tolfatanii dhimma ofii eegachuuf humaa hin qabu. Qabsoo hidhanno goona warri ja'anis akkasumaa tumsa jaarratan keessati humna cimittuu tumsa saniin deemtu, mirga Oromof Oromiyaa dabarsanii kan hin kaninne tahu qaba. Kara nagaans ja'e hidhannoo Jaarmayinih Siyaasaan Oromo kan amba biraa waliinin tumsaan jaaradha ja'u durse yaani san moora Oromo keessati irrati wal marhatamuu qaba. Maalif? Eega Oromof Oromiyaaf qabsoon kan goonu taate wantti wal irra dhooysanii deeyllla deemaniif tokkolen hin jiru. Warri Siyaasaa hoojatu waan hubatuu qaba Siyaasaan isaan gaggeesan gaaffii ummani keenya lafa iratti gaafataa jiruun wal gittu qaba. Kanaaf ragaa yoon barbaadan dhaadannoollee QEERROON Oromiyaa keessa jechaa jirtu irra deebi'a dhageefadhaa Siyaasa teesan achi irrati wal qixxeefadhaa.

Abdiin koo tumsi keessan akkuma jirutti tahe mooraa Ethiophiyummaa mooraa Oromummaa irra caalichisuuf caraaqquu irra if qusattanii humna qaban hunda gama mooraa Oromo fiddanii Oromof Oromiyaafi jaarmayaallee Siyaasa Oromo kan jiran waliin akka hojatanidha Odaa Oromo Finfinnee keessati waliin gaddi dhaabdaniidha.

Galatooma.

Tuesday, December 27, 2016

WAREEGAMAN MALEE BILISUMMAA WAARAAN HIN ARGAMU!

WAREEGAMAN MALEE BILISUMMAA WAARAAN HIN ARGAMU!

                                               ((Saphaloo Kadiir irraa)


Itti citan citaan biddeena buusan!" Jedha Oromoon gaafa murannoofi kutannoo waan tokko hojjachuuf qaban maakmaaksaan himan. Yoo hidhii ciniinnatanii ittuma cichan waan mara hojjachuun ni danda'ama, fiinxa baasuuniis numa hin oolle jechuu isaaniiti. Dhugaa dha! Namni imala tokko eega jalqabe daandii isaarratti gufuuf gufaanni mudatuus, beelaaf dheebuun halawwatuus, qeeyraafi tabbi itti baayy'atuus mudhii jabeeffateetuma amna isaa goolaba malee of duuba hin deebi'u. Keessattuu Oromoon uumama namaa keessaa kutannoon isaanii adda. Eega imalaaf miila manaa baasan balaan kamuu yoo isaan mudatellee sodaafi bir'uun of duubatti hin deebi'an. Maakmaaksichi kuniis ejjannuma keessa isaanii kana bifa haqaarameen ol baasee arraata jechaatiin guduunfee sagaleen ibsa. Itti citan malee ciisanii hin nyaatan. Caphanii baqan malee, dhiiga facaasan malee, diinaggee itti dhaban malee bilisummaan bilisaa hin jiru jedhan warri qabsaa'ootaas yoo adeemsa qabsoo ibsan. Humna, qabeenya, yeroo, beekumsaafi lubbuu itti wareeganii itti citanii, itti cichan malee qabsoo fiinxa baasuun hin danda'amu jechuudha.
Eeyyee! Kun maakmaaksa dhugaa kan gannaaf gadaa naanna'uu dha. Jechi gabaabaan kun murannoo dubartoonni qaban ibsuuf kan jedhamu fakkaatullee garuu yeroo ammaa kana haala warraaqsa qabsoo waliin yoon walitti akeeknu kan miira keessoo keenya nuuf ibsuu dha. Keessattuu anaaf hedduu gara na ga'ee na qabbaneessa. Namoota keessoon isaanii kiyyatti dhiyaataniis akkasumatti ibsaaf jedheen yaada. Gariin immoo mamuun "akkamitti?" gaaffiin jettu keessoo isaaniitti dhandhaaramtuus wahii dhabamaaree? Dubbiin maakmaaksichi ibsu akkumaan jedhe taligaa dubartootaan kan wal qabatu tahuus haadhooliin ykn niitiiwwan keenya roobuus caamuus guyyaa tokko bobeessaa dhabne jedhanii maatii agabuu akka hin oolchine kan mirkanneessuudha. Qoraan gahaa dhabaniis citaa hobob je'ee dhaamuun laaqana maatii hojjachuun isaanii murannoo guddaa qabaachuu isaanii mirkaneessa. Hubadhaa! Dhihana hojjatanii maatii isaanii quubsanii bobbaasuun qabsoo yoo tahu, bobeessaa faalkaa hin qabne citaan biddeena buusanii maatii guutuu quubsuu danda'uun isaanii immoo adeemsa qabsoo keenyaa kan hidhannoo dhabee murannoon gaggeeffamaa jiru kana tahuu isaati. Imala qabsoo kanaas erga jalqabnee walakkaa daandii biraan dabarree goolabuu geenyee lafatti hin gannu, ammallee daran cininnannee itti fufna malee if bir'annee, dadhabnee, hifannee karatti hin dhaabnu waan jedhu naaf ibsa fakkaata. Oromiyaa keessattiis immoo "Itti cinnee citaan biddeena bilisummaa buufna!" dhaadannoo jedhuun qeerroonwarraaqsa marsaa biraa kaasuuf kan qophaa'an tahuufi mallattoon warraaqsaa iddoo garitti mul'achaa jira odeeffanni jedhuus gama mirgaatii as balali'uun ni mul'ata.
Dhimma adeemsa qabsoo yeroo ammaa akka duumeessa gannaatti wal maree roobuuf qaqawwisuutti adeemsa qabsoo jalqabuuf miilarra if ta'aa jiraachuun ummata Oromoo mallattoon mul'isu danuu tahuus garuu qabsoo gosa kam akka gaggeessuuf deeman irratti immoo yaadoota sadarkaa ilaalchaan wal miliqan akka jiranillee odeeffanni kun irra diba. Gari gariin namaa akka waan qabsoon tun galma dhabdee, akka waan bu'aa malee qancarteetti kan fudhatan fakkaatu. Kaan immoo akka waan Oromoon waa jalqabuu malee xumuruu hin beekneetti yaadan. Tokko tokko immoo waan abdii kutuu bira gahaniis ni fakkaatu. Hangi tokko keessattuu warreen tooftaa adeemsa qabsoo hubataniifi sammuu si'ooytuu qaban immoo imalli qabsoo akkuma deemsa itti fufetti jirachuu hubatanii garuu ibidda daaraa keessatti dibameen wal fakkeessan. Murni gariin immoo shakkii dur warraaqsi sirgigaatee itti kufeefi dogoggora kaleessaa kan godaannisa sammuu tahee keessatti hafe san qaxaph je'ee tan dabarte tan arraatiin wal bira fidee "Arraas laata karaan keenya sanuma tahinnaa?" je'ee girrisa shakkiitiin xaxamuus ni mul'ata.
Haa tahuu garuu dhugaan akka biiftuutti calaqqiftee mul'attu kan ija namoota gariif akka biiftuu duumeessi furdaan haguugeetti itti gaaddiddaa'u jiraachuun numa beekkama. Kun immoo namni marti waan tokko wal qixa hin hubatu, bifa wal fakkaataaniis hin ibsatu waan taheef heera uumamaa keessa kan yakkatee miti. Gariin dafee hubatee dafee hojiirra oolchuuf jarjarfata. Wayta sardamni isaa dafee hojiirra ooluuf dhabe immoo deebi'ee aaraafi dallansuun oodee ta'a. Akkuma saffisaan hubatan waan fudhatan san saffisaan hojiirra oolchuuf warri barbaadan kun amala dafanii hifachuufi waan godhuuf ka'an san gaafa namni isaan waliin gochoomsu dhibaa'e ammaas tasa deebi'anii balfuu warra filatuudha. Isaan kun dilas hin baayy'atan. Garuu yaadaafi tarkaanfiin isaanii humna waan qabduuf akka buuloo xiqqoo bishaan guddaa balanceeysituutti sagaleen isaaniilleen hanguma xiqqatti yaada sammuu namootaa shoorarkeessuu qabdi. Kanneen dafanii waan tokko hubachuu irratti saffisa jiddugala qaban baayyeen jiraataniis garuu yaada warreen dafanii waa hubatanii kanaan waan haguugagamaniif sagaleen isaanii ol ka'ee hin dhaga'amu. Waca warreen saffisa guddaan waan hubatanii kanaan liqimfamee hafa jechuudha.
Gariin immoo dhibaa'iinsa suuteen adeemsa dheeraa keessa kan hubatu yoo tahu jarri kuniis akkuma warra saffisoo san lakkoofsaan muraasa. Isaan kun eega ganni naanna'e booda, eega wanti karoorfamee hojjattamee bu'aan isaa argamee booda bu'aa argame kana ilaalanii hubatu. Isaan kun eega dubbiin cirotti dhumte booda kanneen akka nama amma dammaqeetti baaraganii dha. Warraaqsaaf qabsoon kamiyyuu makaa namoota kanneen maraatiin gaggeeffamti waan taheef ilaalchoonni wal habaabuufi yaadni saffisa wal fakkaataan deemuu dhabuun mul'achuun dirqama taha jechuu dha. Keessattuu yeroo ammaa qabatama qabsoo Oromoon gaggeessaa jirtu irraa yoo hubannu akka sabaatti Oromoon guutuun ilaalchoota walitti dhihaataafi olloomaa surrii horatanillee akka dhaaba qabsootti buburraa'uu mul'atu kanaatu qalbii namoota garii cabsee, hamilee isaan harkatti qancarsaa jira. Haalli kun immoo sadarkaa warraaqsi itti tarkaanfachuu qabu dhibeeysuun qaawa dinni harganuun waan uumeef jarri baraagan akka hawaasatti hafuura kutan haala mijjeesseef. Gama kaniin hawaasni gahee bahuu qabanii ol waan bahaniif, qabsoo sadarkaa guddatti ol siqsuun imaama isaanii bira dabranii kan dhaaboota qabsoollee waan walakkeessaniif jaarmaya qabsoo kan arraata wal butu malee kan diina laaffate kana hobbaasuuf sossoo'u dhabnaan hifanni itti dhufee, dallansuun keessatti ita'e.
Gaafa hawaasni yaada isaa haqaaree ibsatu, yoo fedhiifi hawwii isaa dhawwaaqu, wayta imaama keenyaa ol baanee mee isiniis keessan bahaa jedhu jaarmayooni siyaasaa keenyaa immoo akka ijoollee gaafa haati ergattu walitti deddeebiftuutti "Ana hin baantu si baantii" mormii jedhuun wal afaan deebi'uu malee wal tahanii diinarratti xiyyeeffachuun hafe. Wayta kana hawaasniis akkaataa mooraa qabsoo keessatti uumamee ture, kan carraa silaa milkaa'an deebisee harkaa futtaase san yaadachiisee sammuu wareersa. Gaafa akkaataan dur nu hoongeesseen wal fakkaatu san ammaas mul'atu yaadda'uufi dallanuun yoom hafaree? "Namni guyyaa bofa arke halkan......!"
Tan dur yaadatee carraan gurraachi akkasii deebi'ee akka hin mudanneef yaadda'uun ummatichaa sirrii tahuu hubatanii jaarmayni qabsoo kulkula san irraa malaasuu osoo qabanii daran madaa isaanii fottooysuun kun yoo hin hafne ammaas taanaan ummataa waliin araarama akka hin qabne beekuu qaban ture. Silaa isaan marti wanti godhuu qabaniifi ummanni irraa eeggatu roguma jiraniin, akeekaafi kaayyoo bu'ura dhaaba isaanii irra dhaabbachuun qeerroo bifa bittinnaa'een qabsaa'aa jiru, onnattoota dhagaan qawwetti duulanii arra sadarkaa tana gahan kana ijaaranii qabsoo humna diinaan wal gittu horatanii waraansa wal madaalutti seenanii gaariidha tan jettu qaban.
Kan tahaa jiruufi qabatamaan arginu garuu faallaadha. Keessattuu jaarmayoonni gara hidhannoon qabsoon gaggeessa jedhu marti xibaaraan wal afaanfaajjeessuu malee, kijibaafi cubbuun miseensoota isaanii walitti diinoomsuun ala afaan isaaniifi kan qawwees diina irratti deebisuuf waan hayyaman hin fakkaatan. Naatu si caalaa jecha malee gochi maddii hin mul'anneen ham walitti jechuu malee, naatu abbaa qabsootii ragaa qabatamaan tokko itti hin argamneen walitti guunguumuu malee kan irra wayyaa tahee yeroo murteessaan amma jedhee xumaashaa takka gara kallattii diinaa furgisu hin agarre. Kun kan mul'isu immoo isaan marti dadhaboofi saansakka dhablee tahuu daran lafeen daandii qabsoo kana irratti hanga ammaa dhaga tuulii tahaa turteefi dhiigni laga qabsoo guutee akka galaana gannaatti yuusaa ture maraaf naasuufi hadooddiillee waan hin qabnees isaan fakkeessuu hin oolle. Kana maraatu sammuu ummataa xaxee, yaada surri isaanii faxee, aaraan garaa xiilleeysee dallansuun bokoka xil godhee jira. Haalli shorroqiinsa dhaaba qabsoo Oromoo irratti shirri diinaa guyya guyyaan hammaachaa dhufe marti walitti dabalamanii yeroo ammaa ummata keenya kan biyya keessaa warraaqsatti turan yaada qasamaa fiinxi bade keessa galchee akka waan abdiin isaanii reeqqiftuu fakkeessuus garuu ammallee duraa hin dukkaneessine. Kan galgala xibaara warra jaarmayoota siyaasaafi minnaaga warra duruu sodaaf baqateetti aaree "Teenya tun...." jechaa bule ganama ka'ee yoo miidhaa diinaa argu garuu "lubbuun gaafa dhalatte duute" jedhee haala itti murtii galgalaa fashaleesse yaada isaa jijjiiruutu mul'ata. Kana jechuun Oromoon yaadaafi fedhii of duuba deebi'uu eenyulleen akka hin qabne mirkaneessa.
Hundaafuu walumagalatti qabsoon Oromoo amma didirrisaa jirtu kun akkuma iddoo garitti qacacuu jalqabe kun guutuu Oromiyaatti yoo dhoo'e jiraachuu mootummaa wayyaaneef carraa dhumaati jedhamee yaadama. Garuu haalli qabsoon itti deemamuu qabu kan duraanii irraa jijjiirama tooftaa guddaa horachuutu irra jiraata. Kanaafuu ilmaan oromoo marti akkuma kanaan duraa ejjannoo tokkoon hiriiree badii sanyii baalleeessi wayyaanee ofirraa xumuruu qaba jedheen yaada. Yeroo ammaa qabsoon adda durummaan barbaachiftu qabsoo hidhannoo tan dhaaboolii siyaasaa Oromoon godhamuu qabdu yoo tahu isaan hidhannoon Oromoof qabsoofna jedhan marti yeroo xumuraaf akka qabsoo hidhannoo uunkaafi bifa qabdu taasisuuf ka'an gaafanna. Carraan ammaa kun isaan dabarraan ilmaan Oromoo isaan mara tufuuf arraba irraan jiran matagalee ofirraa tufuun isaanii hin hafu. Kana yoo jennu immoo ummanni Oromoo akka hawaasaatti qabsoo irraa ni dhaabbatan jechuu miti. Haaluma jiruufi rakkoo mudatu irra dhaabbachuun tooftaafi mala qabsoo tarsiimoon qajeelfamu haarawaafi saffisaa uummachuun dirqama taha. Gama biraatiin immoo mala qabsoo miidhaa diinni nurratti raawwatu xiqqeessuu danda'u fayyadamuun dirqama taha. Kana immoo eenyullee eeggachuu osoo hin taane qeerroon Oromoo sadarkaa mara keessatti bifa kurfaaa’eefi qindoomina qabuun of ijaaree waanuma dhihoo isaatti argamuun naannoo isaanii bilisa taasisaa deemuuf of qopheessuun dirqama taha. Haaluma tahe maraan kana booda qabsoon Oromoo mamii tokko malee gara hidhannootti akka seenu godhuuf eenyulleen hojjachuu qaba. Yoo jaarmayoonni qabsoo yeroo gabaabatti gara hidhannoo qabatamaan seenuu baatan immoo dirqama qeerroon akka hidhatu taasisuun ummanii akka duubaan isaanitti hiriiru godhaa deemuun filannoo dhumaati. Humna qabeenya, yeroo, beekumsaafi lubbuu keenya mara itti wareegnee, itti cinnee qabsoo keenya fiinxa baasuun dirqama. Barruu koo goolabe. Horaa bulaa deebanaa!
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Mudde, 2016

Wednesday, December 21, 2016

Wayyaaneen ammas Maastar Pilaanii hojiirra oolachina jechuutti jirti.

Wayyaaneen ammas Maastar Pilaanii hojiirra oolachina jechuutti jirti. 

                                                        (Jawar Mohammad iin)
Maastar Pilaaniin kun kan amma duraatiin adda moo tokko? Mirga Oromoofi Oromiyaa ni miidhamoo?
  • 1) Maastar Pilaannin kun maqaadhaaf kan duraatiin adda. Kan duraa sun Maastar Pilaanii Qindaawaa Magaalaa Finfinneeif Magaalota Godina Addaa Oromiyaa sanitti walitti hammatee qophaaye ture. Akka wayyaaneen jettutti Mastar Pilaaniin qindaawaan sun mormii ummata Oromootin waan fashaleef Magaalaan Finfinnee Maastar Pilaanii haraya kana mataa ishee qofaatti baafattee jirtii. Kuni garuu dhugaadhaa? 
  • 2) Galmeelee Maastar Pilaanii 'haaraa' kanaa waliin walqabatanii dhihaatan muraasa argeen jira. Galmeelee kanarraa akka agarrutti maastar pilaaniin kun kan Finfinnee qofa haa jedhamuu malee iftii kaartaa Maastar Pilaanii kanarra kaayame daangaa baldhina magaalaa Finfinnee kan yeroo ammaa irra hedduu guddaadha. Fakkeenyaaf bakkeewwan Oromiyaa keessa jiran kanneen akka Galaan, Tulluu Diimtuu, Jamoo fii Samiit jedhaman fudhatee jira. Kana jechuun kaartaan kun daangaa Finfinnee baldhisuun lafa bulchiinsa Oromiyaa jala jiru as mura. Akkuma dura karoorfame qonnaan bultoonni Oromoo kumaatamaan lafarraa buqqa'uuf deemu jechuudha. 
  • 3) Maastar Pilaaniin kun haaraa haa jedhamu malee akkuma isa amma duraa san magaalaan Finfinnee tajaajila bishaanii Oromiyaa keessaa ( Gafarsa, Laga Daadhii, Qaallitti) irraa argatti jedha. Kosii illee Oromiyaa keessaatti akka darbamutti kaaye. Tajaajila kana Finfinneen kaffaltii malee akka argattutti tilmaama warri karoora kana baase kun. 
  • 4) Yoo yaadattan mirga addaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdi jedhamee keewwaata 49(5) keessa kaayame san baatii Onkololeessaa darbe kana furmaata itti goona jedhanii waadaa seenanii turan. Onkololeessi dhufee darbe, furmaanni godhame garuu hin jiru. Osoo gaafii guddaa kanaaf furmaata hin kenniin karoora waggoota 25 turu baasuun mirga Oromiyaan qabdu san daranuu duuchuuf akka ta'e akeeka. 
  • 5) Maastar Pilaanii kana haaraa fakkeessuuf hedduu carraaqan. Maqaa isaa jijjiran; kan duraa saniif fakkeenyi magaalaa Faransaay tan Lyon jedhamtuu turte, kan haaraa kanaa ammoo tan Korea Soul jedhamtuudha jedhan. Dhugaan jiru garuu Maastar Pilaanii kaleessaa sanis kan ammaatin kan dhiibaa jiru namootuma walfakkaataadha. Abbaay Xaayyee Dhaabbata Qorannoo Magaalaatirraa duubaan dhiiba. Maatiwos Asaffaa Maastar Pilanii akka duraatif maanajara, kan ammaatifis sanuma. 
Walumaagalattuu Finfinneen handhuura teessuma lafaa, aadaa, seenaafi diinaggee Oromiyaati. Karoorri magaalaa kanaa kamiyyuu Oromiyaa ni laallata. Karoorri Oromoofi Oromiyaa osoo hin hirmaachisin bahu ammoo dantaa saba kanaaa miidhuun isaa waan hin oolle. Ijaa kana ta'eef moirmamuu qaba. Wayyaanees ta'ee humni biraa Finfinnee karoora baasuu dura gaafii mirgaa Oromiyaafi Oromoon magaalaa sanirraa qaban deebisuun dirqama. Sana ta'uu baannaan isaanis haa baasan Oromoonis fashaleessuu ittuma fufuun waan hin oolle.

Stop Your madness with Master Plan and Resolve the Master Problem

Stop Your madness with Master Plan and Resolve the Master Problem

                                                   (By Jawar Mohammad)

The TPLF state media has announced Addis Ababa Master Plan will be implemented soon. I have seen documents pertaining to this matter. Here is my take:
  • 1) The regime claims this master plan is for Addis Ababa city only. That is the controversial Integrated Master Plan of Addis Ababa and surrounding towns have been disentangled and split into two. In other words Addis Ababa has given up on a joint master plan with its neighboring Oromia towns and forging ahead with separate plan. Yet...
  • 2) A cursory review of the 'new' plan shows it isn't that new. For a starter, the land that is incorporated in this plan that's supposed to be just for city of Addis Ababa is way larger than the current & constitutional limits of the city. There are localities and districts (according to the constitutionally stipulated jurisdictions of both the Oromia state & the AA city council administration) laying in the current Oromia proper like Gelan, Semit, Jamo etc which are surprisingly made part of the city and covered in the "new master plan". In short, There's is huge tract of land from surrounding Oromia villages that have still been incorporated into Addis Ababa. In other words, this master plan expands the city limit violating the existing boarders and aims to remove hundreds of thousands of farmers, just as previously planned.
  • 3) Just as the earlier 'integrated' master plan, this 'new' plan states that the city will get water from Oromia (Gefersa, Laga Dadhi, Aqaqi) and dry waste will be dumped in Sandafa as well. It assumes the city will continue to use these resources and services free of charge. But there is no agreement between Oromia and the city administration.
  • 4) The regime promised to resolve the constitutionally guaranteed Oromia's Special interest over Addis Ababa by this past October. Yet that has not been materialized yet. Trying to implement a 25 year Master Plan for Addis Ababa before resolving this thorny issue is tantamount to inviting further complications.
  • 5) In general, this 'new' master plan is different from the integrated master plan only in name. They have tried to make it look different. They said the previous plan was based on Frances city of Lyon while the new one is based on Seoul city of Korea. Yet the same people who devised the previous plan are behind this one. Abay Tsehaye is the man who is pushing it. Mathiwos Asefa the manager of the 'integrated plan' is again manager of the 'new' plan. The old plan was supposedly scrapped in January 2016. In their own admission its takes years to develop a master plan that lasts 25 years. Which means they did not develop any new plan but renamed the same old bloody one.

The bottom line is Finfinne (Addis Ababa) is at the heart of Oromia, geographically, politically, culturally and economically. Any plan developed for the city without the participation and approval of the Oromo people and Oromia state for the city is bound to adversely affect Oromo people, economically, culturally and politically. Hence, it has been and it will be rejected and resisted. Similarly any plan contested by the Oromos and bound to fail harming residents of the city. Thus, before you embark on any fancy talk of Master Plan, sit down and resolve the Master Problem...Oromia's historical and constitutionally affirmed right and interest over the city of Addis Ababa.

Tuesday, December 20, 2016

Maaliif akka ta'e hinbeeku garuu Namoota baayyee Hojiirra ooluun Master Pilaanii Finfinnee isaan yaaddessaa hin jiru.

Maaliif akka ta'e hinbeeku garuu Namoota baayyee Hojiirra ooluun Master Pilaanii Finfinnee isaan yaaddessaa hin jiru.

                                                            (Abdi Fite iin)

 Anaaf garuu yaaddoo guddaa dha. Maaliif jechuu maltu. Gaaffii gaarii dha. Finfinnee keessa manneen Gandaa, Kiraay Beetoochi, kan bara Dargiin aangootti dhufe isaan "Kabbartee" ykn Fi'udaalaa mana lamaaf sadii ol qaban irraa sassaabe keessa kan jiraatu namootuma sila magaalaa jaallatu malee Oromoo isa baadiyyaatti cichee jiru miti.
Manneen sun har'a dulloomaniiru. Master Pilaaniin Finfinnee yoo hojiitti hiikamuu jalqabu isaan kanatu buqqa'a. Jara kanaaf Finfinneen lafa laattuuf tokko hin qabdu. Kanaaf isaan kun eessa qubatu? Jaallattanis jibbitanis Oromiyaa dha. Magaalota Ollaa naannoo Finfinnee jiran. Kun egeree murteessuu magaalota Oromiyaa irratti dhiibbaa qabaa yoo jettan dhiibbaa guddaa qaba. Nuti ammoo haala amma jirru kanaan Mo'umsa amannee waan fudhanne fakkaanna. Diinni garuu hojii isaa hin dhaabne. Ittuma jira.

Namni keenya baayyeen of danda'ee mirga isaaf dhaabbachuurra abalu naaf haa qabsaa'u jedhee bakka bu'uummaan kan qabsaa'uuf kan barbaadu fakkaata. Tokko tokko ammoo arrabsoo, abaarsoo fi qeeqatu qabsoo itti fakkaata. Namoota mirga saba isaaniif falmatan kan kootaa guuttachuuf filatee ergate hin jiru. Haga har'aatti uummati Oromoo nama naaf dubbata yookaan naaf falma jedhee Filate hin qabu. Kun gaafa biyya qabaanne hojiirra oola. Haga guyyaa sanaatti garuu namni hundinuu akka itti amaneef karaa itti amaneen saba isaatiif dubbata. Kanaaf, wal abaaruu fi wal faarsuu dhiifnee hundi keenya otuu gama Oromoof bu'aa qabaata jennuun otuu gara hojiitti bobbaanee gaarii dha.
Namooti nama abaaruufis tahe nama faarsuuf Facebook kanarra jiran dhugaaf otuu hin taane ergamaaf akka tahe beennee gara tarkaanfii isa itti aanutti ce'uun dirqama. As irratti baanee wal abaarreef kabajaa nama tokkoo hin hanqisnu. Yoo Afaan banan sammuun duwwaatti hafa jedha Sidaamni. Facebook irratti baatanii yoo nama faarsitanis sun kiraa manaa namarraa hin kaffalu yookaan Insurance jireenyaa naaf hin ta'u. Maaliif jennaan yaadi dhala namaa dhaabbataa waan hin taaneef. Bor yoo jijjiiramu ammoo akka isin isa waliin jijjiiramtan barbaada. Bor kan har'a itti amanu yoo deebi'ee shakku akka isinis wajjin shakkitan barbaada. Kan inni yaadu isin hin yaaddan yoo ta'e isin diina. Kanaaf, namnuu gama yaaduun gara hojiitti otuu seenee wayya malee wal ilaalaa qabsoofna yoo ta'e wal ilaalaa gufanna. Yoo waan hojjennu qabaanne, yaadaaf qalbiin ko'oommatee bu'aa buusuu mala jedheen yaada. Nama dubbatu beettaniif yaada isaa hin fudhatinaa! Dursaatii yaada isaa hubadhaa! Isa barreesse beettaniif 'like' fi 'share' hin roobsinaa. Isa namni sun barreesse qalbiin dubbisaa! Hunda caalaa ammoo hubannaa qabaadhaa! Sabni hubannaa hin qabne ni galagala jedha mitiire.

Sunday, December 18, 2016

Mootummaan Wayyaanee Dhimma Maaster Pilaanii Magaalaa Finfinnee kan Duraan Dhiise jedhe Amma Maaliif Afarsaa Jira?

Mootummaan Wayyaanee Dhimma Maaster Pilaanii Magaalaa Finfinnee kan Duraan Dhiise jedhe Amma Maaliif Afarsaa Jira?

                                          (Boruu Burraaqaatiin)

Dhimmi Maaster Pilaanii magaalaa Finfinnee amma dura eegalame mormii jabaa ummanni Oromoo godheen hambisiifamuu danda’ee akka ture ni yaadatama. Yeroo sanitti dabballoonni OPDO arraba damma dibatanii gad bahuudhaan ‘’yoo ummata Oromoo kan hin gammachiifne tahe maaluu ni hafa’’ jechuun ololaa bahan. Mormiin ummata Oromoo yeroo sana Maaster Pilaaniitti qabatee eegalame garuu salphaatti kan dhaabatu hin turre. Gaaffiin Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa waan taheef boris salphaatti kan aguugamee hafu hin tahu. Haa tahuutii mormii sirnicha hundee irraa raasuu danda’e kana ukkaamsuuf jecha Labsa Yeroo Muddamaa Oromoo irratti labsan. Humnaan ummata afaan qabanii, harka isaa micciiranii, miila isaa hidhanii callisiisuu filatan.
Dhimmi Maaster Pilaanii magaalaa Finfinnee ammas xixxiixaa jira. Miidiyaaleen Wayyaanee gurguddoon EBC fi FBCn dhimma kana qabatanii ifatti gad bahanii jirani. Keessumattuu miidiyaa karoora mootummaa dursee beeksisuudhaan beekamu kan tahe Faanaan (FBC) oduu Mudde 8, 2009 (ALH)tti dabarseen ‘’Maaster Pilaaniin magaalaa Finfinnee dhiheenyatti akka ragga’u Komishiniin Pilaanii Magaalaa Finfinnee beeksise’’ jechuun gabaasee jira. Gaaffiin as irratti ka’uu qabu, Wayyaaneen maaliif yeroo kanatti dhimma master pilaanii kana amma kaasuu filatte kan jedhuu dha. An akka naa galetti sababaan isaa waan gurguddaa lama.
Kan duraa, sirnichi wayta ammaa kana jabaa nama Oromoo hanga danda’e guuree mana hidhaatti naqee jira. Warra silaa ummata kakaasuu fi mormii ummataa qindeessuu danda’u jedhee shakku qabee hidhaa keessatti toyatee argama. Ummata isa hafe ammoo bittaa waraanummaa Komaand Poostiitiin sodaachisee bitaa jira. Ammaantana hamilee fi kaka’umsa ummanni Oromoo qabsoo mirga isaaf qabu onnee isaa keessatti buruqsee, boquu gad cabseen jira jedhee waan of amansiise fakkaata. Kana irraa ka’uun wayta kanatti kaayyoo biyya Oromoo saamuu fi Oromoo salphisuuf qabate san hojii irra oolchuu irraa wanni na hanqisu hin jiru jedhee of amansiisee jira. Oromoon hangamuu baay’atu, hangamuu sadarkaan mormii isaa addunyaatti dhagahamu, toyannoo koo jalaa hin bahu, dirqisiisee doorsisee waanin barbaadu waga’uu nan danda’a jedhee of hubachuu isaa argaa jirra. Dhimma Master Pilaanii magaalaa Finfinnee irratti Oromoodhaan salphifamee boquu cabsatee kan ture sirni Wayyaanee amma xiiqii san Oromoo irratti bahachuuf yeroo aanjaa uummadheera jedhee yaadaa jira.
Kan lammaffaa wanni Wayyaaneef onnee kenne haala faca’iinsa gurmuu siyaasaa Oromoo ti. Dhaaba siyaasaa biyya keessaa (KFO) yoo taheef guutummaatti mataa hanga jalaatti jabaa namoota dhaabichaa hidhaa naqanii jirani. Dhaabicha guutummaatti laamshessanii jiru. Wayta Wayyaaneen bulchiinsa Komaand Poostii Oromiyaa irratti labsitee halkanii guyyaa Oromoo kumootaan mana hidhaatti guurtu, rukuttee madeessitu, ajjeeftu, qabeenya isaa aduu saafaatiin saamtu dhaabni siyaasaa Oromoo jabaan sabichaaf dirmatee salphina kana irraa Oromoo baraaruu danda’e hin jiru. Keessoon dhaabota siyaasaa Oromoos tahee aktiivistoota Oromoo biyya keessattis tahee alatti irree qabaatee kan sirnicha sodaachisu hin taane. Ummatatu muratee natti ka’e malee dhaabni siyaasaa kan sagantaa mataa isaatiin haleellaa narraan gahuu danda’u Oromoo keessa hin jiru jettee murteessiteetti Wayyaaneen. Duula karaa miidiyaa hawaasummaa ummata kakaasuuf godhamu Facebook fi karaalee wal qunnamtii biroo cufuudhaan ummata dukkana keessatti iggitte.
Haalli amma jiru waan fedhan Oromoo irratti labsuuf yeroo aanjaa tahee laalameera. Wayyaneen balaa siyaasaa hamaa, keessumattuu Oromiyaa keessatti mudatte irraa humna qawweetiin akka of baraartee amma hafuura bitattetti of fudhatteetti. Kunis Oromoo tuffachuu irraa madda. ‘Ofiif wacitu malee homaa na gochuu hin dandeessan, keessi keessan bukoo dha’ nuun jedhaa jirti. Ummata keessaa warra mormii dabre keessatti seenaa hojjete garii ajjeeftee, kuun madeessitee qaama hir’iftee, kuun ammoo kumoota kudhanootaan hidhaatti naqxee affeelaa waan jirtuuf, tarkaanfii akkasii kanaan umrii dheereffachuun akka danda’amu shaakalaa jirti.
Kanaafuu maaltu mala? Hegereen qabsoo kanaa maal tahuuf deemaa jira? Kan durii yoo hafe wareegamni gootonni Oromoo qabsoo waggaa tokkoo keessatti kafalan bilaash tahee hafaa? Wayyaaneen humna qawweetiin Oromoo afaan qabdee deebitee akka bofaa biyyee arraabdee yoo ol kaatu, akkasumatti wacnee dhiifna moo tarsiimoo qabsoo haaraa wayiitiin gad baanee dheebuu bilisummaa ummata keenya baafna? Gaaffilee kana qaamonni ‘humnoota siyaasaa’ Oromoo ofiin jedhan of gaafachuu qabu. Warri jaaramee jiru waliin hojjechuu ni dandeenya moo hin dandeenyu jedhaa wal gaafadhaa. Waliin haasawuu fi waliin deemuu hin dandeessan taanaan maqaa qabsoo lafa kaayaatii jireenya mataa keessanii jiraadhaa. Ummanni isin eega, isinis qilleensuma irratti jirra jirra ofiin jettu, lafa irratti garuu hin mul’atani, gidduutti kan bu’aa hangana hin jedhamne hammaarrachaa jiru diina keenya.
Wayyaaneen mormii lafa raasu waggaa tokkoo san irraa dandamattee tuffii isii itti fufuu kan dandeesse hanqina keenyaan malee jabina mataa ishiin miti. Keessoon jaarmayummaa siyaasaa Oromoo baay’ee dheedhii dha. Corqaa dha. Bakka ummanni keenya gahe gahuufuu fagoo jira. Wayyaanee kan lubbuu itti hores isa kana. Ummanni yoomuu mirga isaaf ni falmata. Garuu jaarmayaa siyaasaa jabaa kan tarsiimoo jabaadhaan isa hogganu hin qabu taanaan maayyii irratti irbaata diinaa taha. Wayyaaneen bulchiinsa Komaand Poostii labsuu ishii dura ibsoonni dhaabonni siyaasaa Oromoo tokko tokko baasaa turan sirnichaaf gargaarsa guddaa godhe. Jaarmayoonni siyaasaa Oromoo walii isaanii gidduutti wal dorgoommii diigaa godhan irraa kan ka’e ‘qabsoo biyya keessaa deemaa jiru natu hogganaa jira’ jedhanii miidiyaatti bahanii labsuun ummata keenya rukuchiise malee bu’aa Oromoofis tahee jaarmayaa sanaaf fide homaa hin qabu. Diraamaa Wayyaaneen ‘ABO fi Masriitu na goolaa jira’ jettee hojjetatteef karaa bane. Diraamaa kanaan qabdees labsa yeroo muddamaa baafatte. Bulchiinsa waraanaa ‘Comand Post’ jedhamu Oromoo irratti labsitee haleellaa abbaa irrummaa kan durattuu raaw’achaa turte seerawaa godhachuuf ittiin gargaaramte. Dheedhummaan siyaasaa keenyaa balaa kana fakkaatu nu mude.
Gara fuulduraas of keessa deebinee hanqina keenya hin guuttannu taanaa, dogoggora keenya irraa hin barannu taanaan, akka qara eebootti qeeqa sodaachuu dhiifnee wal hin dhageeffannu taanaan, ego keenya of duuba goonee sabichaaf waa hojjechuu qofa irratti wal hin dorgoomnu taanaan salphinni kana caalu itti fufuun gaaffii hin qabu. Laafina keenya irraa barannee qaama laafinaa san jabinatti jijjiirrachuu dandeenyaan garuu ni injifanna. Yoo san gochuu hin dandeenye ammoo dhiiga ummanni keenya bilisummaa isaaf dhangalaasaa jiru dhiiga saree gochuu manna Oromoon akka furmaata barbaaddattu itti himnee karaa irraa maquu dha. Dhaamsi kun warra tuqata siyaasaa Oromoo qabu kan matayyaas tahee gurmuudhaan gumaachaa jirra jedhan maraaf tahuu qaba.
Sabni keenya ni injifata!

DHUGAA WARAANA SYRIA MARCH 15/ 2011- NOV 2016 12/18/201

DHUGAA WARAANA SYRIA MARCH 15/ 2011- NOV 2016-12/18/201
Waraanni Syria Bitooteessa 15 /2011 kan jalqabe yeroo tahu lolli kun waggoota 5 fi Cinaa Ol dabree jira hanga har'aatti hin dhaabbanne,waan dhaabbatuus hin fakkaatu.
Waraanni Syria erga jalqabee Syrian maal dhabde?
Waraanni Syria March 15 2011- December 2016 ji'a amma keessa jirru kanatti Syria keessatti Lubbuun namootaa fi qabeenyi barbadaa'e Waraana Addunyaa 2ffaa booda Seenaa dhala ilmaan namaa keessatti Rikordii tahee galmaawe.
Syrian biyya jireenyi Abjuu itti tahe erga taate waggoonni 5 fi Cinaan dabran.
Waraanni waggoota 5-f cinaaf gaggeeffame kun :-
·        lubbuu lammiilee Kuma Dhibba Afurii fi Torbaatamaa (470,000) Ol tahan galaafate. Baay'inni kun Ummata Syria Miliyoona 23 tahu keessaa dhibbeentaa % 11.5 taha. lakkoofsi kun reeshiyoon yeroo kaa'amu lammiilee Syria kudhan tahan keessaa tokko 1:10 ajjeefaman ykn du'uu Isaanii agarsiisa.
·        dubartoonni kuma kudhan, dhibba Shanii fi Afurtama (10,540) tahan ajjeefaman.
·        Daa'imman Kuma Shantamaa (50,000) Ol tahan ajjeefaman. Baay'ina Ummata biyyattii keessaa daa'imman dhibbeentaa jahaatama tahan ( 60% ) tahan Syria irraa baqatan.
·        4.daa'imman kuma kudha tokkoo fi Afurtamii Afur (11,044) tahan hidhaman.
·        5.daa'imman miliyoona 2.5 tahan barnoota adda muran.
·        6.manneen barnootaa kuma 3768 tahan barbadaawan.
·        7.Ogeeyyonni Fayyaa 700 tahan ajjeefaman.
·        8.Doktaroonni dhibbeentaa %95 ( 15000) tahan biyyaa baqatan.
·        9.52.7% Ummanni tahu hojii malee hafan.
·        10.lammiileen Syria 10 keessaa 7 tahan Miskiinummaa keessa kufan.
·        11.Syrian hanga Bara 2015 tti Maallaqa USA $ Biliyoona 254 Ol tahu kasaarte.
·        12.Ummanni Miliyoona 8 Ol tahan dhiheessa Bishaan Dhugaatii qulqqulluu isaan feesisa.
·        13.namoonni Miliyoona 13.5 tahan gargaarsa namummaa hatattamaa isaan barbaachisa.
·        14.muslimoonni Sunnii miliyoona 13.6 tahan Syria irraa baqatanii biyyoota Turkii, Iraaq,Egypt,lebnon fi jordanitti baqatan.
·        15.lammiileen Syria harka 95% tahan kan barreessuu fi dubbisuu dandahan tahuun ibsame.
·        16.lammiileen Syria baqatan miliyoona 13.5 tahan biyya baqaa keessatti daa'imman kuma dhibba tokkoo fi jahaatama (160,000) tahan dhalatan.

Maddi: Gabaasa Ji'a December 2016 dhaabbata Syrian Center for Policy Research baase irraa argame ture.

Friday, December 16, 2016

#OromoRevolution Dhaama Qeerroo Godin shawaa lixaa Aanaa Amboo fi Aanaa Tokkee Kuttayee (Guder) irra

#OromoRevolution  Dhaama Qeerroo Godin shawaa lixaa Aanaa Amboo fi Aanaa Tokkee Kuttayee (Guder) irra
#OromoRevolution"Godin shawaa lixaa Aanaa Amboo fi Aanaa Tokkee Kuttayee (Guder) keessatti Hidhamtoonni siyaasaa hundii DR Mararaa dabalatee hanga hiikamanitti tofataa qabsoo har’a n itti calqabamee jira.
Gafiin mirgaa oromoon gafachaa ture kan deebii argatee hin jiru yoo hidhaaf ajjechaa ta’ee malee.
Guyyaa Wiixataa eegalee(3/4/20090) eegalee ‘’ Hanga hidhamtoonni siyaasaa keenyaa hiikamanitti ‘’ qabsoon bifa har’aan itti fufuu qaba jechuun qeerroon fincila bifa har’aan eegalaan jiru.

  • 1,Amboo kisoosee oddoo libaan sad 2ffaa guyyaa wixataa eegalee guyyaa guyyaan mormii cimaatu jira
  • 2.Gudaar mana bar katolik mission fi mana barumsaa Ajoo sad 1ffaa Guyyyaa Wiixataa darbee kaasee hanga hidhamtooni keenya hundii gadii lakkifamaniitti qormaataas ta’ee barumsa hin barannu jechuun guyyaa 5 guutuu barmsii addaan cite ijooleen 60 ol kan ta’an hidhamanii jiru.
Bakka baayeetti qabsoon bifa har’aan Gincii dabalatee eegalaa akka jiruu fi warren hafaniis akka itti makaman abdii guddaa qabna.
Kaan booda torbee dhufuu calqabee guutuu oromiyaa tti bifa walfakkaatuun qabsoon toftaa har’aan akka itti fufuu hundii keenyaa waliif dabrsuun otoo walirra hincitiin yeroo walfakaatuun akka qabsoo yeroo muraasaaf laafee jiru akka jabesiinee itti fuufunu waliif akka dabarsitaan waamicha lammummaa dhiyeesina."

Thursday, December 15, 2016

Tafarii Nugusee, hayyichi sirni Gadaa akka UNESCO galmaayuu shoora guddaa taphate ammas hidhame jedhan.

Tafarii Nugusee, hayyichi sirni Gadaa akka UNESCO galmaayuu shoora guddaa taphate ammas hidhame jedhan.

Tafarii Nugusee, hayyichi sirni Gadaa akka UNESCO galmaayuu shoora guddaa taphate ammas hidhame jedhan. Tafariin Yuniavrsitii Finfinneetti barataa doktireetii yoo ta'u hayyootaafi manguddoota Oromoo gurmeessuun qorannoo Gadaa UNESCO-tti galmeessuuf barbaachisu akka guutamu nama godheedha. Dabalataanis Gumiin Abbootii Gadaa Oromiyaa akka jaarama carraaqqii guddaan kan milkeesseedha. Gaafa hiriira guddichaa Finfinneetti qabamee hidhaa erga turee booda gadi lakkifame. Kunoo har'as deebisanii fudhan jedhan. Obboleessi isaa yunivarsitii brsiisus jalqaba mormii kanaa irratti hidhamee Maa'ikalaawii ture.
Wayyaaneen UNESCOn Gadaa galmeessuu isaatif of jajaa ilmaan Oromoo hojii san hojjatan ammoo hidhaatti fixaa jirti.

Monday, December 12, 2016

Dr Fikru Maaruu Hordofaa dhalataa Oromoo Lammii Biyya Sweden

Dr Fikru Maaruu Hordofaa dhalataa Oromoo Lammii Biyya Sweden


Dr Fikru Maaruu Hordofaa dhalataa Oromoo Lammii Biyya Sweden yoo ta'u ogeessa fayyaa onnee beekkamaadha.
 Biyya Sweden keessatti baratee hojjatee mooxannoofi leeccalloo erga harkaan gayatee booda biyya kootti galeen saba koo tajaajila jedhee deeme.
 Oromiyaas dhaqee seenaa biyyaatti keessatti mana yaalaa dhabee Onnee isa kan duraa dhaabe. Manni yaalaa kunis Addis Cardiac Hospital jedhama. Akkum yaades itti milkaa'ee maammiloonni biyyaattii guutuu dabree Afrikaa biraarraas itti yaa'uu eegalan. maqaan isaas daran guddataa deeme. Maaliloota dabalaa jiran kana keessummeessuuf jecha hospitaalcha daran babal'isuu yaadee meeshaa biyya alaatii fiduuf murteessa. Yeroo kanatti qondaalonni Wayyaaneen gumurukii bulchan gubboo kennitu malee homaa siif hin seenan, diddu ammoo kan galfatte kanaa rakkootu mudata jedhanii doorsisan.
 Namoota beeku dubbifnaanis waa hiixattu malee jarri si hin dhiiftu; nutuu biyyanatti akkanumaan ofirraa gabbaraa jiraanna jedhaniin. Dokorichis osoma garaa isa didu dirqamee waa hiixatuu hin oolle. Gaafa kaan qondaalonni Tigrootaa wal loltee hidhaa wal buufte. Dr Fiqruus doorsisanii maallaqa irraa nyaatanii, booddee fuudhanii hidhaatti darban.
Tibba darbe yeroo manni hidhaa Qilinxoo gubatu achi ture. Doktoora lubbii lammiilee isaa baraaruuf jecha jiruu sadoofi qananii dhiisee Sweden irraa galeen; mana hidhaa gubdee nama fixxe jedhanii yakkuun akka malee dhaananii hospitaalatti waldhaanama jira jetti oduun har'a dhufte.
An akka natti fakkaatutti dubbiin durumaa akkuma 'yaa marqaa si afuufun kun booda si nyaachufi jedhan san natti fakkaata. Yeroma matta'aa gaafatan sanuu Oromticha kana dhabamsiisuuf shira itti xaxuu isaanii arguun ni danda'ama. Erga hidhaniis amma dubbii hin fakkaanneen yakkuun isaanii, Dr Fiqruu dhabamsiisanii qabeenya isaa saamuuf akka shiraa jiran hubanna. San daran ammoo beektotaafi dureeyyii Oromoo dhabamsiisuun kaayyoo Wayyaanee guddaa ta'uu namuu ni beeka. Kanaafu Dr Fiqruun shira wayyaanee kanaaf kan duraas kan dhumaas miti. Hamma Wayyaaneen angorra turtetti ija Oromoo buruqsuu hin dhiiftu. Ija ofii baraaruuf mutaa diinaa cabsuun dirqama Oromoo hundaati.

Saturday, December 10, 2016

QABSOO HAQAA, DHUGAA QOFAAN GALMAAN GEENYA!

QABSOO HAQAA, DHUGAA QOFAAN GALMAAN GEENYA!

                                                         (Saphaloo Kadiir'iin)
Qabsoo Oromoo bara dheeraa fadhiidooytee daaraa keessaa ka'uu dadhabde turte barana ilmaan Oromoo sunsuma jidduu ol kaasanii wareegama meeqaan akka miilaan tarkaanfattu godhan. Akkuma miilaan oofuu jalqabsiisan kana saffisa tarkaanfannaa isii dabaluun galma sabni barbaadu saniin gahuuf immoo furtuu gurguddaa dhugaa fi haqa jedhamu qabaachuufi itti fayyadamuu nu barbaachisa. Dhugaa irra dhaabbannee haqa walitti himuun daandii suduudaa irra adeemsa sirnaawaa akka imallu, galmaaf galmee barbaada yaanu akka qajeelatti milkoofnuus nu taasisa. Namni haqa isaa kan dhabe qabsoo dhugaatiin barbaadu sobaafi dhara irraa fagaachuu isa barbaachisa. Waa'ee dhugaafi haqaa kana waliin wal qabatee gaaroomminaafi ulfina isaan Oromoo biratti qaban irratti yoo makmaaksaan ibsan.
- "Karaan sobaan dabran deebii nama dhiba!"
- "Dhugaa dubbatanii bakka itti namatti dhiite bulan!"
- "Dhugaa dubbatan firummaan hin baddu!"
- "Dhugaa irraa rabbiin karra bane!"
- "Dhugaafi dullumti galgala galti!
- "Sobni takka malee lama nama hin bulchu!"
- "Haqni afaan qaban funyaaniin dubbata!"
- "Haqni ni qal'ata malee hin citu!"
- "Namni dhugaa hin quufne dhuguullee hin quufu!"
- ".............................." jechama hedduutu dhimma kana ibsuuf jedhama.

Maakmaaksaaf jechamni haqaaf dhugaa irratti dubbatamu danuudha waan taheef silaa ammallee oofne itti fufa. Maakmaaksoonni kun marti barbaachisummaa haqaafi dhugaa dagalchuuf qofa osoo hin tahin Oromoof haqaaf dhugaafiis hangam gatii akka qabu namattiis mul'isa. Gama biraatiin Oromoon waardiyaa dhugaafi haqaa akka tahan akkasumaas hariiroon qaban cimaa tahuus mirkaneessee, raggaasisa. Dhugaa dhiisanii dhara xibaaruun, haqa gatanii shiraan wal abaaruun safuu dha. Dhugaa dubbachuun wanti barbaachisuuf saalfiif safuu eeggachuuf qofa osoo hin tahin boqonnaa surriitiis argachuuf barbaachisa. Sammuun boqonnaa gaariin guutamte immoo gara guuttannaa arraa qofaaf osoo hin tahin hegeree fuul-duraatiif tilmaama gaarii dhooyti. Dhugaa kana bu'ura irraa waan beekuuf Oroomoon sobaafi cubbuu hin jaalatu.

Gama tokkoon yoon taajjabu qabsoo Oromoo keessatti yeroo baayyee dharaafi cubbuu gurguddoo walakkaa wiirtuu qabsoo Oromootti biqilchuun warraaqsa keenya kan nurraa qancarsuuf wixxifachaa jiran namoonni gariin ni mul'atu. Shirri amma handhura qabsootti dagaaguuf meermeeraa jiru kun duriis biqila qabsoo meeqa maxachaa, meeqa gogsaati ture. Kana yoo ilaallu sochiif adeemsa qabsoo keenyaa wanti yeroo hedduu gaadi'ee qabe cubbuuf dhara jechuu ni dandeenya. Namni gariin immoo yoo dhugaan baafamee dubbatamu waan Oromoo diiguufi qabsoo Oromoo danqu dubbachuun yeroo ammaa hin barbaachisu jedhee yaada. Waan dhugaa dubbachuun diigamiinsa Oromoof akka sababa tahetti warri yaadaniis ni jiru. Garuu eenyulleen wanti beekuu qabu yoo jiraate qabsoo keenya kan haqaaf godhaa jirru kana dhugaa qofa qabannee malee dharaaf cubbuun galmaan gahuu akka hin dandeenye beekuu qabna. Dhugaa walitti himuu dhiifnee sobaan qabsoo gaggeessuuf yaaluun boolla irra citaa afnee akka gubbaa tarkaanfachuuti waan taheef gaaga'ama hamaa fida. Kanaaf qabsoo keessatti dhugaa walitti himaa deemuun dirqama. Kan balleesse balleessite, kan tolcheen immoo tolchite jechaa waliin deemuun dirqama Oromoo maraati.

Warri gariin qabsoo sabaa gaggeessina jechaati "Ani maleeykaadha! Hir'inaas hin qabu, ani tasuma hin dogoggoru waan taheef nan tuqinaa" jechaa qabsoo Oromoo gaggeessuu kajeelan. Namni isaan irratti yaada, qeeqaafi komii kaasu kamuu farra qabsooti. Osoo ati itti hin dhihaanne akka qoree doobbiitti haalalatti nama gubu. Kan dhugaa itti hime mara immoo gaalaatu ka'an. "Nan tuqinaa! Isin hin tuquu" dhaadannoo jedhu waan qaban fakkaatu. Oromoo bilisoomsuuf akka waan waaqni isaan qofa ergeetti of ilaalu. Warreen kun afaaniin "Oromoof qabsoofna" jechaati gochaan akka warra nafxanyoota kaleessa "Nuti qulqulluu sanyii waaqni file kan namni muduus yakkuus hin dandeenyeedha" jechuun Oromoofi Oromiyaa miidhaa turan san fakkaatu. Namni hir'ina isaanii tuqe immoo namuma nabiyyii tuqe. Warreen akkanaa kun ololaafi dharri isaan qabsaa'oota Oromoo irratti afuufaan waan addaati. Ni qabsoofna jechaa Oromoo diiguu barbaadan. Hayyootaafi beektoota Oromoo, dhaabbataafi miidiyaa sabaaf gaarii yaaduufi hojjatu mara cubbuun maqaa xureessuufi shiraan gaadi'uuf qofa yaadan. Kanaaf nuti yeroo ammaa olola sobaa wal irratti oofuu dhiifnee warreen akkanaattiis dhugaa himaa deemuu qabna jedheen yaada koo goolaba.
#Saphaloo / Abdulbasit Kedir
Mudde, 2016