Monday, August 21, 2017

BITIIF GURGURII LAGACHUUN HUMNA DIINA CABSUU NU DANDEESSISA

BITIIF GURGURII LAGACHUUN HUMNA DIINA CABSUU NU DANDEESSISA

(Barruu duula lagannaa bitiif gurgurii irratti qophaa’e)

                                                          (Saphaloo Kadiir irraa)

Dhimmi bitiif gurgurii lagachuu kun sadarkaafi dhawaataa danuu qaba. Tooftaan lagannaa bitiif gurgurii adeemsifamu bifa saayinsaawaan lagannaa sadarkaa duraafi lameessoo (primary & secondary boycott) jedhamuun bakka lamatti qoodama. Kan amma irraa dubbannu kun lagannaa bitiif gurgurii oomishtootaa fi daldaltoota sadarkaa jalqabaa (primary Boycott) irratti xiyyeeffata. Kan sadarkaa lammeessoo bulfannee arraaf lagannaa gabaa sadarkaa jalqabaa gaggeessuun kun faaydaa argamsiisuu danda’u keessaa muraasni:-

1) Siyaas-diinagdee wayyaanee laamsheesa:

Sababni guddaan oromoon oomishuu malee irraa gammaddee hin beekneef tarsiimoo misoomaaf mootummaan wayyaanee baase kanaatu akka oromoon barayyu diinagdeen gad caphuu malee taakkuu takka ol hin siqnetti wixineeffamee jira. Wayyaaneen yaad rimee dinagidee "zero sum game economic theory" karoorse waggoota 25 keessatti dhawaatan hojiirra olaa dhufee waytii amma humna dinagidee saba Tigree cimisee jira.
Yaadni kun oromoo, sabaafi ummataa biraa dhaawaatan hiyyoomsee sanyii Tigree duroomisuuf kan kaayyeefate tahuu isaa fakkeenyi ijoon, warshaalee gurguddoon Tigraay keessatti hundeefamanii jiraachuu dha. Daandiin baaburaa Maqalee - Kombolchaan naanna'ee gara Jibuutiitti fullaa'uus kanaaf ragaadha.
Oromoon lafasaarra ari'amee hiyyummaa hamaa keessa seenee waardiyaa ta'ee biyya abbaa isaa keessatti akka saree mooraa alagaa eegaa jira. Yeroo ammaa ilmaan Oromoo mirga isaa gaafannaan, amma booda lafa tiyya irraa hin buqqa’u jedhee dinnaan wayyaaneen qawwee diinagdee keenyaan horattetti fayyadamuun yakka duguuggaa sanyii nurratti raawwachaa jirti. Kanaaf duula lagannaa bitiif gurgurii guutuu Oromiyaa keessatti torbaan tokkoof walitti aansinee gabaa lagachuun diinagdee wayyaaneen murruq nuun godhaa jirtuufi humna ittiin ummata cunqursu kana laamshessuun ol’aantummaa diinagdee ummanni Tigree nurratti qabaachuuf wixifatan kana hidha kutuuf nu fayyada. Kun faaydaa guddaafi ijoodha.

2) Qabeenya Keenya Irratti nu Abboomsa:

Mootummaan wayyaanee tooftaa addaa baafatee Oromoo malaan quncisaa jiru keessaa beekkamaan maqaa diinagdee gabaa bilisaa ijaaruu jedhu qabatee “Eenyulleen Oomisha isaa bakka barbaaddetti, gatii barbaadeen gurgurachuu mirga qaba” jedhee kijiba. Hanga arraa garuu wanti qabatamaan arginu faallaa dha. Qotee bulaan Oromoo oomishuma humna isaatiin bututee lafa isaarraa oomishatu magaalaa isatti aantu geessee gurgurachuu hin danda’u. Sababniis, ashuuraaf qaraxa humna isaaniin wal hin gitne dirqamaan kafalchiisuun akka inni gabatti waa gurgurachuu jibbu godhee, akka isaan hin kaanetti gombisaa jira. Oromoon dur irraa hanga arraa oomishuu malee irraa fayyadamee hin beeku. Oromoon harree damma itti fe’an tahee yeroo mara hiyyummaa keessatti maraammartoo akka dhawatu kan godhe tooftaa wayyaanee daran nutiis tarkaanfii barbaachisu fudhachuu dhabuu keenya. Gatii gurgurtaa oomisha biyya keenya keessatti kan gurguratu osoo hin tahin warra bitu qofaatu murteessuuf aangoo qaba. Silaa gurguratuutu gatii oomisha isaa murteeffachuu qaba malee warri bitu akkuma barbaadutti murteessuu hin qaban ture.
Fakkeenyaaf; Oomisha kuduraaf muduraa, jimaafi kkf biyyoota ollaa akka soomaaliyaafi Jibuutiif kan dhiheessu adda durummaan qotee bulaa Harargeeti. Soomaaleen magaalaa Awwadaay, Kombolchaa, Haroomaayaafi Dirre Dhawaa keessa dhuftee jimaa, kuduraafi muduraa qotee bulaa keenya irraa bitu daldaltoota keenya muraasa waliiniis wal tahuun gatii oomisha isaanii gad cabsee akka fedhetti irraa bita. Kana akka hin murteeffanne wanti nu godhe immoo nuti qabeenya keenya irratti abboomuu dadhabuu keenya. Qotee bulaan Oromoo gatii oomisha isaa hanga barbaadetti akka shalagatee gurguratuuf carraa bal’aa uumaaf, oomisha keenya irratti abbaa aangoo tahuun murteessummaa nama tokkootiin alatti ofiif taligachuu kan dandeesisu, humnaafi dandeetti murree murteeffachuu akka horannuufi barannuuf kan nu tinnisu oomisha keenya guyyoota muraasaaf gurguruu diduudha. Uggurri bitiif gurgurii kun qabeenya keenya irratti tooftaa salphaan akka abbaa taanu karaa nuuf banuufi qotee bulaan keenyaas oomishaisaa itti laffa’ee, itti luqqa’ee oomishu gatii barbaadetti gurgurachuu akka danda’u taasisa.

3) Gatii oomishoota madaalawaan akka jiraatu taasisa:

Akkuma agarruufi dhageenyu ummanni biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessa jiraatu harki caalaan duugda Oromiyaa irratti harka Oromootiin jiraata. Tahuus garuu Oromoon oomishee gatii salphaafi baayyee xiqqaa taheen callaa isaa gurgurachuuf dirqamaa ture. Sangaa gabbisuu malee takkaa irraa gammadeefi irraa gabbatee hin beeku Oromoon. Osoo bifa ogummaawaan shalagamee qotiyyoo tokko gabbisuuf baasiin itti baafamuufi gatiin inni itti gurguramu wal hin caalu. Yeroo ammaa Oromiyaa keessatti qotee bulaa bututee oomishatu irra warra dallaala tahee baasiifi darara tokko malee oomisha qonnaan bulaa kana gurguruutu arra dachaa meeqaan duroomaa jira. Warri kana godhan immoo warra Oromiyaa alaa dhufan kan lafa hin qabneedha. Dallaalli tokko qabeenya oomishataa tokko warra bitu waliin wal dubbatee yoo gurguru waan herreegatu qaba. Hojii bittuufi gurgurtuu wal qunnamsiisuu qofaan yeroo gabaabaa booda qabeenya horatee lafuma qotee bulaa keenya irraa bituun ykn kireessuun akka inni lafuma isaa irratti hojii humnaa (kuulii) hojjatee, waardiyaa tahee jiraataniif dirqisiisaa jira.
Gama tokkoon qotee bulaan sangaa tokko waggaa guutuu gabbisee gabaa baasee yoo gurgure daara ijoollee lamaatti guyyuma san magaalatti fixee gala. Sababniis oomishni warshaa irraa bahuufi kan qotee bulaan keenya oomishatu gatiin isaa dachiif samiidha. Kun tahuun wanti lafaa bahuufi warshaa irraa bahu gatiin isaa wal qixaataa tahuu qaba jechuu osoo hin taane gatii walitti siqaa tahuutu irra jira jechuu kooti. Walitti maluu dhabuu gatiilee Oomishaa kanaatu osoo abbaan lafaa mana citaa hin jijjiirranne kan midhaan daldalu gamoo wal irratti ijaaruu jalqaba. Osoo abbaan itti luqqa’ee sangaa gabbise gurguru kophee hin bitanne warri gogaa daldaluufi qotiyyoo isaa bitee qalee foon gurguru konkolaataa akka hoolaatti tarree galchee mooraa keessa dhaaba. Sirna dhabiinsaafi wal madaaluu dhabuu gatii oomishootaa irraa kan uumee dha. Kanaaf ummanni keenya guyyoota jedhame kana waan tokko gabaa baasuu dhiisuun san booda gatii barbaadetti murteeffatee oomisha isaa gurgurachuu isa dandeessisa.

4) Gateetiin Diinagdee biyyattii baadhatee jiru Oromiyaa ta’uu mirkaneessa.

Oromoon seenaa biyyattii keessatti abbaa dachii badhaatuufi bal’oo tahee osoo jiruu bara baraan, sirna dhufaa dabraa keessatti guyyaa tokko qabeenyaafi oomishaa isaa irraa gammadee hin beeku. Eega gaafa Minilik afaan qawweetiin gabroome sabni Oromoo qotee oomishuun alagaa sooraa,, loon gabbisu ambaatu qalata, waan qabu biraa hoonga’ee, beela’ee kabajaas dhabee jiraachaa jira. Namni qabeenya isaa irratti muree murteeffachuu hin dandeenye hiyyeessa, hiyyeessi immoo hin kabajamu. Yeroo mara wanti harmeen teenya haadha qoraanii, abbaan keenya abbaa re’ee, abbaa hoolaa jedhamee yaamamuuf, osoo nama ta’ee jiruu wanti namummaa dhabee jiraatuuf waan qabeenya isaa kan bututee oomishatu irraa milkaa’uu dadhabeefi. Oromiyaan gateetii diinagdee Itoophiyaa taatee osoo jirtuu Oromoon immoo gad aantummaafi gadadoon biyya isaa keessa jiraataa jira. Kuniis haala lamaan mirkaneessuu dandeenya. Tokko oomisha ofiif oomishatu irraa mlkaa’uu dadhabuu isaa yoo kaan immoo galiin mootummaa harki caalu Oromiyaa tahee osoo jiruu baajanni mootummaan Oromiyaaf ramadu immoo kan naannoolee biraa waliin reeshiyoon yoo laalamu gar malee xiqqaadha, kan nama qaanfachiisu. Diinagdee biyyattii baadhatee kan deemu Oromiyaa tahee osoo jiruu kabaaf kabajaa dhabuun nu fixaa jiraachuun wayyaanee kun nuuf mirkaneessa. Kanaaf, Oromoon yoo guyyuma tokko oomisha isaa gabaa baasu kana waliif galee kan lagatu tahee gateetiin diinagdee biyyattii Oromoo tahuun hubatamee kabajaan isaan malu laatamaaf. Oromoon dafqa xuruurfatee beela’aa oomishee akka ummanni biyyattii quufanii bulu taasisaa jiraachuu mirkaneessuun kabajaafi ulfina isaan maluus argata.

5) Adeemsa daldala Tigree gufachiisa.

Sadarkaa biyyaatti keessatti daldaltoonni jiran kan saba biraati. Ilmaan Oromoo immoo daldala yaraafi sadarkaa gadii qofarratti malee daldala ol’aanaa irratti hirmaachaa hin jiran. Dhuguma dubbachuuf oromoon ammallee karameellaa ijoollee qofa gurguraa jira. Kolkolee gati dhabeessa magaalaa xixiqqoo qofa keessatti hirmaachaa jira. Magaalaa gurguddoo keessatti daldala gurguddaafi murteessaa irratti hirmaachuuf Oromoon hayyaama hin argatu. Kanaaf ragaan guddaan abboottii qabeenyaa Finfinnee keessa jiraniifi warri oomisha biyya keessaa alatti erguufi biyya gamaatii fichisiisuu (inporter and exporter) keessa meeqa Oromoo akka tahan eenyulleen tilmaamuu danda’a. Irra baayyeen saba biraa tahanillee immoo hangafoonni saba Tigreeti. Saniifuu immoo aanga’ootaafi qabsaa’oota warra Tigraay akka tahe beekkamaadha. Oomisha biyya keessaa albuda irraa hanga barbareefi biddeenaatti, kan biyya gamaati seensisan immoo motoora gurguddaa irraa lilmeetti kan galchu isaani.
Gama biraatiin abboottiin qabeenyaa saba biraa tahan oomishoota biyya alaatii seera qabeessaan gara biyya keessaa galchan akka hin milkooyneef ilmaan Tigree guutuun daldala ‘kotorobaandii’ irratti hirmaatanii hojjachaa jiran. Ilmaan Oromoo daldala kotorobaandii hojjatan immoo qabeenya saamamanii harka duwwaa galu. Saba biraa kan tahan kanneen gama seera qabeessaan meeshaa alaa fidu irra baayyeen kasaaree harka dhadhawatee hojii daldalaa keessaa baafamanii jiran. Gama kaaniin immoo oomisha qonnaan bulaa irraa gatii salphaan argachuuf daldaltoota xixiqqaa maqaa maammilummaatiin hanga baadiyyaatti caaseeffamaan diriirfatanii oomisha qonnaan bulaa keenyaa saamsisuun gara alaatti warri ergu Tigreedha. Warri ummata keenya cunqursee gatii xiqqaan oomisha qonnaan bulaa irraa bitu immoo namuma keenya kan osoo dilas hin fayyadamne ummataaf aantummaa hin qabnee dha. Kanaaf daldaltoota faaydaa Tigreef ummata keenya sancaraa jiru addaan baafachuuf, warra dantaa garaatiif sabaaf dantaa hin qabneefi aantummaa dhugaa ummataaf qaban tooftaa gabaa lagachuu kanaan addaa calalachuufi gulaaluun ni danda’ama. San booda warra diina cinaa dhaabbatan irratti tarkaanfii fudhachuuf nu fayyada.

6) Shalaggii Kafaltii Humnaa Olii Sirreessa.

Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa shalaggii adda addaa kan akka gibiraa, kiraa lafa baadiyyaa, qaraxa, ashuura, gatii calla guddiftuu kkf humnaa ol qotee bulaafi daldalaa keenyarratti fe’ee humna ummataa butuchaa jira. Qotee bulaan lafa muraasa qabu xaa’oo birrii 2000 oliin, sanyii filatamtuu birri 1500’n bitee, lafa hektaara 1 hin geenye irra gibira birrii 500-1000tti, kafaltii biroo tan maqaan isii hin beekkamne danuu dirqisiisee kafalchiisaa jira. Gama biraatiin daldaltoota shaqaxa meeshaan firiin lama keessaa mul’attu gibira guddaa humnaa olii irratti shalagee funyaan qabee irraa funaanaa jira. Uggurri bitiif gurgurii kun immoo wayyaaneen tolaan osoo hin tahin dirqiin shalaggii fi gatiilee wantoota inni daldaluu akka xiqqeessu godha.

7) Qabsoof Humna dabalataa tahuufi faaydaalee biroo.

Qabsoon warraaqsa ummata bal’aan gaggeeffamtu adeemsaafi akkaataa mataa isii danda’e qabdi. Injifannoo barbaachisu galmeessuuf tooftaa qabsoo jijjiiraa deemuun dirqama taha. Kanaaf oomishoota keenya kan humna teenyaan oomishnu gabaa baasuu dhiisuu dabalatee wantoota biroos gabaa irraa bituu dhabuu akkasumaas tajaajiloota biyyatti kan galiin isaa kallattiin mootummaa wayyaaneef galu kan akka lootarii biyyooleessaa, teelee Itoophiyaa, Baankii Daldala Itoophiyaa kkf irraa lagachuun humna wayyaanee dha’uuf nu gargaara.

Qabsoon duula gabaa lagachuu kun miidhaa kallattii mootummaan nurra gahu kan akka ajjeechaaf madeessuu baayyee gad xiqqeessuun bu’aa keenya immoo dachaan dabala. Namuu mana isaatti oomisha isaa waliin hafee magaaleeffachuu dhiisuu waan taheef walitti bu’iinsa hin qabu. Waan ofii hin gurguradhu jechuuf namni namatti dubbatu immoo yoo jiraate san maraataa callaadha.
Gama biraatiin gamtummaa, wal jala deemsaafi humna Oromoon qabdu mul’isuuf tooftaa salphaadha. Oromoon keessattuu wayta ammaa kana aariifi xiiqiin bokokee waan jiruuf waan jedhe irraa hanga galmaan gahuu akka hin deebine hojiin itti mul’isuu dandeenya. Oromoon yoo wal ta’eefi waliif gale waan mara akka godhuun isaaf salphaa ta’e alagaan dhugoomfachuu akka danda’utti mirkaneessaaf. Kana malees faaydaan biraa kan akka hawaas-diinagdee biyyatti micciiruun ummanni biraa akka mootummaa gaafiin sardu godhuun tumsa qabsoo teenyaaf dabala. Kanaafi tartiibbawwan armaan olitti tarreeffaman dabalatee faaydaalee biraa danuus ni qaba. Kanaaf gabaa lagachuun, bitiif gurgurii qabeenya keenyaa diduun duula rasaasa malee walakkaa injifannoo tahe kana irratti Oromiyaa guutuun duuluu qabna.

“Oromoon waan isaa gurgurachuu dhabu mirga qaba. Bara baraan ofiif luqqa’ee diina hin gabbaru!”
Saphaloo Kadiir / Abdulbasit
Fuulbana, 2016

Wednesday, August 9, 2017

OPEN LETTER:

OPEN LETTER:                          (By Jawar Mohammed)

To: The Global Fund Board of Directors

Cc: -The Global Fund Secretariat 

- Global Fund’s Office of the Inspector General 
Geneva, Switzerland


Greetings! 

Global Fund, as the 21st century partnership-based financing organization designed to accelerate the end of HIV/AIDS, tuberculosis and malaria as epidemics, is indeed contributing its fair share for the global health and wellbeing of millions of people.

As Ethiopia is one of the top recipients of support from the Global Fund, there is no doubt that many poor patients have benefited irrespective of the level of corruption and misappropriation of funds on the part of the ruling regime. 


The country has received over $2 billion from 2002 to 2016, as per the report of the Global Fund itself. But the regime in power misused and misappropriated much of this money by manipulating and taking advantage of Global Fund’s good-intentioned principle called ‘Country ownership’ -- at the heart of which is the golden idea that people determine their own solutions in fighting the diseases affecting their health, and take full responsibility for them.


However, the regime in Ethiopia has effectively manipulated this principle to use global fund resources for its own political end goals. The 2015 audit report of the office of the general inspector of the Global Fund itself briefly touched up on these problems. 

For the malaria grant for example, the report rightly identified the following problems:
• Inadequate Monitoring and Evaluation and Poor Data Quality; 
• Theft or Diversion of Non-Financial Resources; 
• Poor Financial Reporting; 
• Treatment Disruption; 
• Substandard Quality of Health Products; 
• Inadequate Principal Recipient Reporting and Compliance.

To illustrate the report’s important point on diversion of resources for wrong purposes, there is no better example than drawing your kind attention to a recent case in the city of Ambo, where the regime deployed its brutal security forces using the vehicles obtained by the Ministry of Health using foreign funding such to crack down on anti-government protesters who were on the streets protesting a newly introduced tax hike.

As a result, the protesters have torched one of the vehicles in mid-June but the regime continued using these vehicles to transport its security agents. Several evidences show that these vehicles which the tyrant regime in Ethiopia is using to transport its security forces to kill protesters, were procured by the Global Fund grants.
The Global Fund secretariat should therefore reconsider and submit to rigorous scrutiny its partnership with the corrupt and repressive regime of Ethiopia. 


Financial supports from the Global Fund should not be used to enable the repressive security structures of the regime that kills its own citizens but to help the needy people of the country. To this end, the Global Fund has not only the moral responsibility but also the legal duty to make sure that all its financial supports to the regime are used solely for their intended purposes. 

We are therefore kindly requesting the Board Directors of the Global Fund to undertake the necessary investigations on the misuse, misappropriation and diversion of resources that the regime in Ethiopia receives as grants from the Global Fund.

Sincerely,
Jawar Mohammed


Tuesday, August 8, 2017

Dr. Awol Kasim Aloofi Jawar Mohammed Garaagarummaan Isaanii Maali?

Dr. Awol Kasim Aloofi Jawar Mohammed Garaagarummaan Isaanii Maali?

                                                    (Hawi - Anole irraa)
Waan hunda dura garaagarummaan jiraachun, hayyoonni yaadota irratti waldhabuun waanuma siyaasa keessa jiru ta’uu isaa hubachuun baay’ee nu barbaachisa. Dhimmi Uummataa dhoksaa hin qabu. Ajandaa sabaa irrattis waldhibdeen guddaan akkamiin kaayyof galmi sabaa dhugooma isa jedhu malee dhimma dhuunfaatii miti. Adeemsafi kallattii qabsoo akkasumas tarsiimoo irratti garaagarummaan ni jiraata. Kuni waan seenaa qabsoo biyyoota hundaa irratti argine, kan borus iftaanis uumamuudha. Kanaafuu, waldhibdeen akkanaa hayyoota Oromoo jidduutti yoo uumame akka waan badiin guddaan dhalatee tokkootti ilaalamuu hin qabu yaada jedhun qaba.
Barreeffamoota isaa kana duraas dabalatee kan dhiheenya kanaa dubbisee, bifa naa mijateen erga dhimmicha qulqulleefafchuuf yaaleen booda garaagarummaan uumame maal akka ta’e hubachuuf yaaleera. Akka Ilaalcha kootiitti qabxiilen garaagarummaa kanneen armaan gadi kana jedheen amana.
  • 1. Kallattii Qabsoo Oromoo - Akka Ilaalcha Awwalitti kallattiin qabsoo Oromoo ammas taanan sirriitti adda bayee lafa hin teenye. Akka amantaa isaatti akkaataan amma ittii adeemaa jirru garam akka deemnufii maalif akka adeemaa jirru sirriiti hin agarsiisu. Kanaafuu mariin hunda qabeessa ta’e gaggeeffamee waliigaltee irra gahamuu qaba yaada jedhu qaba. Jawaarin dabalatee warreen qabsoo adda durummaadhaan gaggeessaa jiran immoo qabsoon keenya akka duraanii sana haala gubbaa gadiitiin ( top down approach) hin gaggeeffamtu jedhu. Inni gubbaadhaa gadi gaggeessan suni milkii fiduu hin dandeenye jedhaniit amanu. Kallatti kanaan immoo bu’aan qabatamaan dhufee jira jedhaniitis ni amanu.
  • 2. Qabsoon Oromoo Nama Tokko Irratti Irkachuu - Qabsoon Oromoo nama tokko qofa irratti irkachuu hin qabdu jechuudhaan yeroo ammaa kanatti wanti hundi ‘ Abbaa Irrummaa’ nama tokkootiin masakamaa jirti yaada jedhu qaba Awwal. Kunimmoo galmaan nu ga’uu hin danda’u jedhees ni amana. Jawaar gama isaatiin Uummaticha bifa mul’ataa jiru kanaan sochoosaa akka jiru, qabsoon qabsoo dhuunfaa isaa osoo hin ta’in qabsoo uummatichaa, kan uummataan hogganamu akka ta’e irra deddeebi’ee dubbata. Duulli Abbaa Irrummaa kan irra deddeebi’amee kan ka’u ta’us namoota heddu biratti kan faarfamaafi xiyyeffannaan guddaan itti kenname bu’aa qabatamaa Jawaar qabsoo Oromoo eddoo itti riphxe irraa kaasee bifa namni hundi arguun sochoosee diina gatantarsuu isaati.
  • 3. Bilisummaa Yaadaa - Awwal irra deddeebi’ee wanta aaridhaan dubbatu keessaa inni guddaan bilisummaan yaadaafi ilaalchaa qabsoo keenya keessatti gufateera ilaalcha jedhu qaba. Akka komii isaatti namni yaada ijaarsaas ta’ee qeeqaa dhiyeesse tokko battalumatti akka waan namoota dhuunfaa qeeqeetitti ilaalama, kunimmoo sirrii miti yaada jedhu qaba. Kanaaf immoo hordoftoota Jawaar qeeqa, namoota arrabaan yaada namaa danqan akka waan Jawaar bobbaaseetittis ni ilaala. Ibsa kanaan dura Jawaar namoota isa qeeqanis ta’ee isa abaaraniif baase irratti inni nama abalu naa dubbadhu, narraa falmi jedhee ajajate/ ramadate tokkoyyuu akka hin qabne dubbata. Waan isarratti dhiyaatu kamiyyuu ofirraa deebisuuf deeggarsa akka isa hin barbaachisne dubbata.
  • 4. Sabboonummaa Oromummaa - Jawaar sabboonummaan Oromoo sirriitti lafa qabachuu qaba, sabni keenya sirriitti jabaateefi cimee of danda’aa ta’ee miila lamaan dhaabbachuu qaba yaada jedhu qaba. Awwal gama isaatiin sabboonummaan garmalee jabaate saba keenya ni miidha yaada jedhu qaba. Qabsoon keenyaafi adeemsi keenyas sabaaf sablammoota biroo xiyyeeffannaa keessa galchuu qaba yaada jedhus ni dhiyeessa. Kanaaf immoo qabsoon hunda hammataa ta’e gaggeeffamuu qaba jedhee dubbata. Namoonni hedduun yaada isaa kana akka habashumaa leellisuutti fudhatuudhaan qeeqa guddaa irraan ga’u. Habashaa waliin hojjachuus ta’ee Itiyoophiyummaa xiyyeffannaa keessa galchaa adeemun qabsoo Oromoo laamshessuu malee faaydaan inni nuuf fide tokkos hin jiru kanneen jedhanis laayyoo miti.
  • 5. Waliin Hojjachuufi Wal tumsuu - Akkuma irra deddeebidhaan argine Awwal dhimmoota garagaraa irratti Jawaarif dhaamsa dabarsus ( gama iimeeliis ta’ee gama birootiin) deebiin Jawaar kennu Awwaliin akka gaddisiisetti dubbata. Namni Miidiyaa Sabaa hogganuufi qabsoo sabaa gaggeessu deebii sirrii kennuu qaba yaada jedhu dhiyeessa. Jawaar gama isaatiin Awwalis dabalatee qaamota biroo irraa waan abdii mure fakkaata. Akka fakkeenyaatti yoo kaasne yeroo OLC ( Konveenshinii Hoggansa Oromoo) Atlaantaa irratti qophaa’u Jawaar dhaamsa nama hunda ilaallatu, eenyuyyuu hirmaannaa akka godhu ifatti labsee ture. Yeroo sana Awwaliifi namoonni isa waliin turan waamicha saniif deebii kennuu irra haala addaatiin nuti affeeramuu qabna ilaalcha jedhu ( may be) qabaachuu irraan kan ka’e erga gumiin gaggeeffamuuf bultiin xinnoon hafe qeeqa bal’aa miidiyaa hawaasaa kana booresse dhiyeessanii turan. Wanti suni Uummata keenya qofas osoo hin ta’in qaamota biroo kan Aktiivistoota keenya akka fakkeenyummaatti fudhachaa turan hunda ajaa’ibsiise. Deebin yeroo sana Jawaar deebises gabaabduudhuma ture - Isin darbadhaa, nuti walitti qabneet ittii ijaarra jedhe. Sana jechuun isaas Awwaliifi garee isaa hedduu gaddisiise.
  • 6. Marii Dhiheenya Kana Qindeessummaa Awwaliin gaggeeffame - Walgahii Waldaa Qorannaa Oromoo ( OSA) irratti qorannaa Dr. Muhaammadifi Dr. Asfaawin OMN irratti dhiyaate ilaalchisee Uummanni komee dhiyeessun isaa ni yaadatama. Komii kanarraan kan ka’e namni hedduun OSA abaaruu eegalan, akka dhaabbata kufeetitti qeeqan. Yeroo kana Awwal OSA cinaa dhaabbatuun waldaan kuni qabeenya Oromooti, yaada uummataa waan hin calaqqisiisnef qofa abaaramuu hin qabu jechuudhaan dubbate. Guyyoota muraasa boodas namoota OSA irratti OMN ilaalchisee haasaa taasisan affeerudhaan sagantaa marii qopheesse. Marii kanarratti Jawaaris affeeree akka ture, Jawaar immoo affeerraa sana akka fudhachuu dide dubbate. Kanaan walqabatees Awwal aarii qabuufi qeeqa Jawaar irratti qabu dhiyeesse, kuni daran dubbii oo’ise. Akka yaada namoota hedduutitti Awwal mataansaa kanaan dura Jawaarin qeeqaa waan tureef nama walabummaadhaan namoota kana affeeree mariisisu hin danda’u kanaaf Jawaar affeerraa isaa fudhachuu dhabuun sirriidha yaada jedhu qabu.
  • 7. Obsa Qabeessummaafi Miira Ofii Too’achuu - Akka kanaan dura irra deddeebidhaan arginetti Awwal miira ofii too’achuu irra morkaafi aariitu dubbii isaa irraa calaqqisa. Inumayyuu al tokko tokko namoota gadi qabanii sia qeeqan hamma arrabsuuttis ni ga’a. Jawaar gama isaatiin qeeqni hedduun, qaamota hedduun irratti ka’us akka laayyotti miiraan butamee deebii hin kennu. Deebiin inni hawaasa duratti kennus bifa miira uummataatifi qabsoo Oromoo hin miinen kan barraawudha. Tarii haasaa dhuunfaadhaan taasisan keessatti jechoota hamaadhaan walitti deddeebisuun ni mala ta’a. Wanti Hawaasa bal’aa fuunduratti arginu garuu Awwal caala Jawaar obsa akka qabu namootni hedduun ni dubbatu.

Walumaagalatti, Awwalis ta’ee Jawaar Qabsoon Uummata Oromoo eddoo barbaadame akka geettuf waan danda’an godhaa jiru. Lameenuu hamma danda’aniin Uummata isaanii waan amansiisu hojjachuuf oliif gadi jechaati jiru. Isa kamtu lameen keessaa dhimma Uummata keenyaa irratti dhimmamee, yeroo isaa, dandeettii isaafi jireenya isaa aarsaa godhee akka daran hojjachaa jiru waan uummanni ilaalee itti murteessudha. Kanarraan kan hafe, qaamni kun guutumaan guututti sirriidha, inni kuni dogongora jechuun waan danda’amu natti hin fakkaatu. Hammuma fedhe garaagarummaa haa qabaatan malee boru walitti deebi’anii Uummatni keenya akkaataa bilisummaa ofi itti argatu irratti akka waliin hojjatan abdii guddaan qaba. Hammasitti hundi keenyayyuu eenyumtuu waan itti amane, bifa hamileefi miira hawaasa keenya hin miinen, mariifi falmii fayya qabeessa ta’e gaggeessuu aadaa godhachuun faaydaa guddaa akka nuuf qabu hubachuu qabna jedheetin amana. Wal abaarun, wal arrabsuuniifi garmalee waldhiibun hunda keenyayyuu eessanuu ni hin ga’u. Hamma danda’ameen hayyoonni keenya qaawwa isaan jidduu jiru daran bal’isuufii, ol fuudhanii xiqqaaf guddaas hawaasa biraan gahuun dura obsaan irratti hojjachuun gaarii natti fakkaata. Yeroon kana jedhu immoo wantin ani dubbadhe hundi sirriidha jechuu akka hin taane naa hubachuu qabdu. Tarii wantin ani dogongore, looge yookin bifa dogongoraatin hubadhe yoo jiraate yoomiyyuu of sirreessudhaaf qophii ta'uukoo isiniif ibsuun barbaada!
Kanuma

Keenyas Oluma

Thursday, July 20, 2017

MORMIIN GIBIRA HUMNAA OLIII EESSA GAHE? GARAMITTI DEEMUU MALA?

MORMIIN GIBIRA HUMNAA OLIII EESSA GAHE? GARAMITTI DEEMUU MALA? 

                                                     (Jawar Mohammed irraa)
Jawar Mohammed
Gibirri daldaltoota irratti humnaa ol fe'amuun erga dubbii kaasee torban lama dabree jira. Daldaltoonni dura gibirri kaffaluu qaban kan bara dabreetin yoo walbira qabamu dachaa hedduun dabaluu isaatiin komii isaani gara waajjira galiiwwanii dhiheessan. 
Komiin isaanii garuu dhageettii waan hin argatiniif gara mormiitti jijjiramuu eegale. Daldaltoonni Calanqoo hiriira bahuun mormii kana eegalan. uummanni Gudar ammoo diddaa hojii dhaabuu labsate. Gincii, Ambo, Walisoof magaalonni naannoo sanii itti aanan. Naqamteetti cehuun magaalaan cal taate. Mormiin kun guyyaa har'aa gara Gimbii, Dambi Doolloo, Mandiifi Najjoo cehe. Takkuma takkaan Oromiyaa walgahaa jira. Gibirri kun hanga ammaa kan ifatti daldaltootatti ibsame Oromiyaafi magaalaa Finfinneeti. Finfinneen duubatti haa harkifattuu malee har'a naannoleen muraasni suuqiilee isaanii guutuu guutuutti cufachuun mormichatti dabalamanii jiru.

- Gara mootummaatiin hanga ammaatti yaadni amansiisaa ta'e hin dhiyaanne. Gibirri inumaatuu hin daballeefi dabaluun sirriidha yaadota jedhan wal dhoofsisaa jiran. Sababa labsii muddamaatiifi tarkaanfii humnaa fudhatamaa tureen uummanni guutuutti cabee jiilee harka kennee jira jedhanii waan jala muranii turaniif mormiin kun ni ka'a jedhanii gonkumaa hin shakkine. Kanaafuu, miira rifatuufi hamaa keessa bu'anii jiran. Har'a boru nurraa dhabbata jedhanii abdachaa turan. Ammas 'oolmaa boruu ilaallee tarkaanfii itti aanu murteessina' ejjannoo jetturra jiran.

- Dhimmi gibiraa waan nama hundaa lafee tuqu waan taateef akka laaftuutti akka mootummaan hawwutti addaan waan dhaabbatu miti. Magaalonni dura hojii dhaaban hojiitti deebi'uun abdii kenneefi ta'a, garuu dogongoranii jiran. Qabsoo nagayaa keessatti qoqqobbiin diinagdee biyyi guutuun bifa takkaan gabaa lagachuunis ta'ee dabaree dabareen gochuun lamaanuu bu'aa buusa. Kan bakka takkaa sun dhiibbaa yeroosiifi qara qabu ( immediate and sharp) uumuun mootummaa harka kan kennisiisu yoo tahu, kan dabareen godhamu waldura dhaabbannaa dheeressuun dhawaataan dhiibbaa guddataa deemu uuma. Keessattuu haala mootummaan tun keessa jirtuun kan walharkaa fuudhinsaa kanatu irraa ishii miidha. Sababni isaas olola biiyyi tasgabboofte jechuun ummataafi faranjii amansiisuuf duulaa jiran fashaleessa. Guyyaa tokko magaalaa lammaan takkas yoo cufatte, odeeffannoon isaa miidiyaan waan bahuuf isaan cinqaa deema. Dheerachuun sun immoo magaalonni haara galfachaa sirnicha dagachiisaa akka deeman isaan gargaara. Tooftaan walharkaa fuudhuun dheeratee deemuu kun gaafileen biraa ka'uun duula kanarratti qaamni hawaasaa biraas akka itti dabalamu karaa waan banuuf hammasuma dhiibbaa dabalaa dhufa. Kanaafuu magaalonni guyyaa addaa addaa diddaatti seenuun kun waan ishii gargaaru yoo itti fakkaate mootummaan dogongortee jirti. Kana jechuun ummanni bifa harca'een haa deemu osoo hin taane daldaltoonni akkuma wal mari'atanii waliigalaniin guyyaa isaanif tolu murteeffachaa deemuun faayidaa qaba.

Odeeffannoo hanga ammaa nu gaheen guyyaa sadan as aanu diddaan kun daran babal’achaa akka deemuuf karoorfame akeeka. Kunis Jimaanniifi Sanbattan lamaan guyyaa gabaa waan ta'eef tarkaanfiin diddaa fudhatamu dhiibbaa cimaa qabaata.

- Ammaaf mootummaan tooftaa mee bullee ilaalla ( wait and see ) jedhu hordofaa jirti. Tooftaa kana garuu guyyoota sadeen tokko ol obsitee turuu hin dandeessu. Ofiif jecha gaaffilee uummataa kana deebisuun ishii waan hin oolle. Akkuma gubbaa kanatti tuqne bubbuluun humna ummataa harcaasa jettee haa abdattuu malee dhugaan jiru tooftaan amma ummanni eegale kan humna isaa qosachaa kan mootummaa laaffisaa deemuuf isa dandeessisuudha. Muuxannoo waggoota lamaan dabranirraa horames laafaa akka hin taane hubachuun barbaachisaadha.

-Guyyoota itti aananitti magaalonni akkuma qophii fixataniin itti dabalamaa haa deeman. Magaalonni dursanii eegalan gaafa humni laaffate haara galfachuun tooftaa sirriiti. Naamusni, bilchinni tooftaa ittiin filatan ( wise tactical selection) fi tokkummaan adeemsaa barbaachisaadha. Guyyoonni sadeen itti aanan hedduu murteessaa waan ta'aniif magaalonni hanga ammaa hin hirmaatin saffisaan qophii xumuratanii tarkaanfii fudhachuun dhiibbaa dabaluufi haamilee waliif kennuuf murteessaadha.

Wednesday, July 19, 2017

Xalayaa Banaa PMNO Kabajamoo Obbo Lammaa Magarasaaf

Xalayaa Banaa PMNO Kabajamoo Obbo Lammaa Magarasaaf

                                          (Jawar Mohammed irraa)
Jawar Mohammed
Bakka jirtutti nageenyi rabbi si haa gahu. Akkuma waliinuu hordofaa jirru ummanni Oromiyaa ammas mormii biraa keessa seenee jira. haala kanarratti qabxii muraasa siif dabarsuun fedha.
  • 1) Ji'oota jahan dabran kana ummanni Oromoo bifa hoggana OPDO kamiifuu godhee hin beekneen ofitti si fudhatee jira. Godinoota hunda keessatti bahee si simachuun si dhugeeffatee jira. Kana kan godheef dhugaa isaa waan irraa dubbatteef. Haasaa keettu onnee seene. Xiqqaatus tarkaanfii qabatamaa ati fudhattetu abdi itti hore.
  • 2) Mormiin amma ka'es kan jibba siifi bulchiinsa keetii miti. Inumaatu ummanni abdii waan sirraa qabuuf waan warra si duraa tokkollee hin gaafatin si gaafachaa jira. Gibira humnaa olii nurraa buusi jechaa jira. Hubadhu, ummatuma har'a suuqii isaa cufee konkolaataa dhaabe mormaa jiru kanatu gaafa ati karoora warraaqasa diinagdeetti isaan waamte garagalee bahee guyyaa takkatti miliyoona dhibbatamaan sheeri bitate. Kanaaf ummanni waan gaarii ati fidde yennaa itti amane qabatamaan si bira dhaabbatee; gaafa waan isa miidhaa itti fidde mormiitti deebi'e.
  • 3) Gibirri amma fe'ame kun madaallii kamiinuu humnaa ol akka ta'e sitti himuun hin barbaachisu. Bara dabre sochiin diingdee biyyattii, keessattuu kan Oromiyaa haalaan miidhamee akka ture namuu beeka. Hamma fedhes hanqinni bajataa jiraatu bara kana gibira dabaluun gaariidha jedhee abbaan murteesse nama qalbii hin qabne ta'uu qaba. Ummanni gibira kana kafaluuf osoo hayyamaa ta'eeyyuu kafaluuf qarshii isaa hin qabu. Pirojektoota yaaddaniif maallaqa yoo barbaaddan gadi baatee ummata keetin dhugaa itti himtee as kennaa osoo jetteenii galii silaa gibiraa kanaa oliin si badhaasuu mala. Garuu gibira haqa maleessaa itti fe'uu ammoo cichee morma.
  • 4) Ummanni kan mormaa jiru gibirri humnaa ol isatti dabalamuu qofaa miti. Kubbaniyyaaleen gurguddaan Oromiyaaf gibira kafaluu dhiisanii seeraan ala mootummaa federaalf kafaluu isaanii, akkasumas, qabeenyi uumamaa Oromiyaa harka alagaa jiraachuu isaati. Mootummaan naannoo Oromiyaa daldalaa magaalaa Ambotti dafqa isaa xuruurse suuqii xiqqoo takka banate irratti gibirri dachaa shaniin yoo dabalu, warra bishaan Amboo waraabaa biliyoonaan gugurguratu irraa sumunii buufachuu yoo dadhabe maal jedhamaree? Kanaafuu mormiin ka'aa jiru gibira hin kafalluu osoo hin taane gibirri kan galii keenyaan wal madaale haa ta'u, Oromiyaan qabeenya isheerratti abbaa haa taatuudha. Afaan biraan mormiin kun mootummaan naannoo Oromiyaa mirgaafi aangoo seeraan kennameefi shiraan irraa fudhatame akka deebifatu guuza/ jigii bahaafi jira jechuudha. Itti fayyadamaa!
  • 5) Mormiin kun hamma ammaatti sochii farra mootummaa miti. Mootummaan gibira humnaan walgitu ( fair taxation) haa nu gaaftu akkasumas sirni federaalizimii diinaggee ( fiscal federalism) hojiitti hiikamee naannoleen qabeenya lafa isaanii irra jirutti aangoo guutuu haa qabaatan kan jedhuudha. Kana ifatti jara waliin jirtan hubachiisu qabdan.
  • Kanarraa ka'uun gorsa obbolummaa armaan gadii laachuun fedha
  • - Shalaggii gibiraa haaraa kana dafaa haqaa. Yoo baay'ate ummanni hammuma bara dabree haa kafalu. 
  • - Rakkoon adeemsa gibira guuruu Oromiyaa keessa akka jiru namuu beeka. Kana bifa gaariin furuuf koree ogeeyyota biiroo galiiwwani, hayyoota dhimma kana qoratan, fi daldaltoota irraa walitti dhufan jaaraa. Koreen kun mariifi qorannaa godhee yaadaa imaammataafi tarsiimoof ta'u isiniif haa dhiheessu.Sanirratti hundaayun gibirri bara dhufuu haa murtaayu.
  • - Heerri mootummaa Itoophiyaa akkaataa gibirriifi galiin itti guuramu irratti ifaadha. Daladala alaa ( import and export) kan gibira irraa guuru federaala. Daldala naannoo keessaa kan gibira irraa guuru mootummaa naannooti. Albuuda gurguddaa irraa ammoo waliin hiratu. Kubbaaniyyaan tokko hamma fedhes haa guddatu, eessattuu haa galmaayu gibira naannoma keessatti galii irraa argatu saniif galchuu qaba. Kana sodaa tokko malee falmadhaa. Jarri diddee morma raasnaan tarkaanfii fudhadhaa...heeraafi ummanni isin faana jira. 
  • - Mormiin godhamaa jiru guututti kan nagayaati. Ummanni hokkara kaasuu gonkumaa hin barbaadu. Kanaafu qaamota nageenyaa naannoo ajaja kee jala jiranitti qajeefama ifaafi jabaa dabrsuun ummata akk hin tuqne dhoorgi. Poolisiifi loltoonni federaals ummataan akka walitti hin buune akeekkachiisa ifaa warra isaan ajajuutti dabarsi. 
  • - Dabballee jaanjoo garii kan alagaan akka qalqallootti akka isaa tahutti hodhe, tan yeroo ummanni komii kaase hunda saba ciniinuuf fiigdu tana sansalata mormaa gabaabaa ( short leash) itt godhuu feesisa.

Dhumarratti dhugaaf haa t'auu fakkeessaaf waan ummanni jaalatu dubbachuun qalbii isaanii hawwattee jirta. Jechoota dubbatte hojitti hiikuun qormaata itti aanee si eeggatuudha. Dhimma qubee ofirraa dabarsitanii jirtan. Qormaata Finfinnee gatantartanis yeroo dheereffachuu dandeessanii jirtu. Dhimmi gibiraa qormaata cimaadha. Waadaan ummataa galteefi abdiin itti horte hoomacha moo dhadhaadha kan jedhu asirratti adda baya. Ummanni ammas abdii sirraa qaba. Ati didnaan ykn dadhabnaan mirga isaa kabachiisuuf qophiidha.
Nagayaan
Obboleessa kee
Jawar Mohammed

Monday, July 17, 2017

Siyaasni kijibaaf gantummaa hoo gara injifannootti nu geessaa laata?

Siyaasni kijibaaf gantummaa hoo gara injifannootti nu geessaa laata?

                                             (Girma Gutema irraa)

  • 1) OPDOn akkuma amala ishee durii sana karaa qabsoo ummataatirra dhaabbattee akka waan ummataaf qabsooftuu fakkeessuudhaan siyaasni akkamii akka gara injifannootitti nu geessu akka danda’urratti ‘Lecture’ nu godhuuf yaalaa jirti. Kan Agaazii ummatarratti waamtee ficcisiisaa turte ishuma taatee osoo jirtuu, as deebitee ammoo injifannoowwan Qeerroon Oromoo lafeef dhiiga ufiitiin goonfate kanneen yeroo dhiheenyaa san hunda akka waan injifannoo OPDO ta’eetitti xeebdi. Kun waan hunda caala nama aarsa. Kan na rukutterra kan na arrabsitetu na dhukkubse jedha warri gamaa. OPDOn hojii food-for-work wayyaaneetirra yoom bilisa baateti ammoo kan injifannoo qabsoo qeerroo Oromoo dhuunfachuuf dhamaatu? Silaa injifannoon qeerroo kun akeekni isaa tokkoohuu OPDO maxantummaaf gabrummaa wayyaanee jalaa baasuu hin turree ishumatu didaa jira malee?
  • 2) Hiriira mormii ba’uun, gabaa lagachuun, diddaa adda addaa karaa nagaya qabuunillee adeemsisuun adeemsa siyaasaa duubatti hafaa dha jetti OPDOn. Ajab! Yaa OPDO, agaazii yaamanii akka keessan ollaa keessa waliin deemuudhaan karaa itti agarsiisanii ummatarratti dhukaasissudhaaree qabsoon ammayyaa?
  • 3) Ummanni kan mormaa jiru gibira hin kaffaluu jedheeti miti. Osoo jedheehuu ammo dhugaa qaba. Mootummaan OPDO mootummaa ummata Oromootiin filatamee muudamee miti. Kana ammoo sochi bara dabree guutuu godheenis caasaa OPDO Oromiyaa keessa jiru cufa mancaasee balleessuudhaan agarsiisee jira – the people completely rejected OPDO gov’t. Kanaafuu, haaluma dubbii ijoo beekamaa “no taxation without representation” jedhuun gibira mootummaa OPDOtiif hin kaffalu osoo jedheehuu dhugaa qaba ummanni. Garuu sanuu hin jenne ummanni. “Tilmaama galii guyyaa” shira jedhuun ba’aa gibira irratti tuuluuf deemtan falmaataa jira ummanni ammaaf.
  • 4) Rakkinna wal-madaaluu dhabuu (imbalance) galiif baasii mootummaa Oromiyaatiif itti gaafatamaan adda duree OPDO dha. OPDOn as baatee kana lallabuun ishii ufumaan akka uf saaxiltu taasise. Heeruma (constitution) biyyattiitin aangoo kennameef itti fayyadamuu dhabuudhaan mootummaan fadaraalaa galii gurguddoo Oromiyaa keessa maddan kophummaadhaan (exclusively) akka saamu godhuudhaan OPDOn karaa Kanaan ummaata saamsisuurra dabartee, amma ammoo gibira dabalataa ummatarratti tuuluu feeti. Ummanni Oromoo paartii siyaasaa kan qabeenya naannoosaa samsisu, kanarras dabree kan ijoolleesaa agaazii itti yaamee ajjeesisu ni morma malee hin deeggaru.

  • 5) Daldaltoota kuma 46 ol gara “seera qabeessummaatti” galchine jettan. Namni hagana gahu cufa seeraan ala Oromiyaa keessatti haga yoonaa daldalaa turan taanaan, mootummaan OPDO akkamiinuu ani mootummaa dha, Oromiyaa bulchaan ture ufiin jedhuu danda’a yaakh? Kunis mataasaatiin hangam tokko OPDO kan saaxilu dha.
  • 6) Dabalataanis dubbii kana ammas “qaama fageenyarra taa’ee” jirutti qabachuun kun ammas rakkoo jajjabduu OPDOtti fiduuf deema. Rakkoo jiru alatti qabachuun (externalize godhuun) kun hiikkaa lama, (lamaanuu kan OPDO saaxilu) qaba: Tokkoffaa: Ummatni OPDOrra qaama biyya alaa taa’ee fageenyaan dhaamsa wayii dabarfatu dhagaya malee OPDO ani mootummaa Oromiyaa ti jettee dubbattuuf gurra hin qabu – kanaaf warra fagoo kana dhagahee ka’aa jira hiika jedhu qaba. Kun ammo akkuma olitti qabxii 4 irratti ibsame, OPDOn mootummaa taatee Oromiyaa bulchaa akka hin jirre, ta’uus akka hin dnadeenye daran mirkanneessa. Lammaffaa: Jechi akkasii kun TPLF/OPDOn tuffii ummataaf qabdus kan agarsiisuu dha. Ummata agaaziif qawwee ishii dura dhaabbatee mirga ufiitiif falmu dura dhaabbatee, lakkii gaaffiin kun kan warra alaati malee keetii mitii jechuudhaan tuffii ummataaf qabdu agarsiisa. Tuffiin kun kan dhufu ammoo aantummaa ummatichaa dhabuurraa kan ka’e ummaticha akka alagaafi bitamaa ilaaluurraa kan maddu dha.

Siyaasaan Fakkeessuu Eessayyuu Nama hin Geessuu

Siyaasaan Fakkeessuu Eessayyuu Nama hin Geessuu

                                              (Jawar Mohammed)

Dubbi-himaan mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa Qixxeessaa barruu ganama kana maxxansaniin mormiin gibira irratti godhamaa jiru kan sababa hin qabneefi miiraan guutame, kan qabsoo Oromoos miidhuudha jedhan. Obbo Addisuufi qondaalota OPDOtin wanni jennuun;
1) Daldalaa hiyyeessaa kaapitalli isaa 20,000 gibira 40,000 yeroo irra tuultan diduun miiraan guutamuu osoo hin taane lubbuuf wixxifachuudha.
  • 2) Fincilli baroota darbe keessa godhame gatii guddaa kafalchiise malee bu'aa hin argamsiifne jette. Wareegama qaalii kafaluun keenya dhugaadha. Injifannoo gurguddaa Oromo, Oromummaafi Oromiyaa awwaala Wayyaaneen qotteef keessaa baase addunyaatti futtaaseedha. Kan bira haa hafuuti namoonni akka keetiifi Lammaa Magarsaa gara fuulduraatti baafamanii afaan sabboonummaa onnatanii akka dubbatan kan godhe fincila ilmaan Oromooti. Osoo beektee galateeffachuu qabda malee xiqeessuuf yaaluun kee gantummaa kaleessaatti gadi deebi'uudha.
  • 3) Baajatani mootummaa Oromiyaa biliyoona 56 yoo ta'u galiin gibira irraa argamu biliyoona 10 qofa jette. Kanaaf itti gaafatamaan OPDO fi mootummaa naannoo Oromiyaati malee daldalaa miti. Isintu aangoo isiniif kenname dabarsee federaala harka Tigree jiruuf laate. Daataa ati maxxansaa jirtuufi Caffee irratti dhihaaterraa akka agarrutti galiin Oromiyaa keessaa harki 80% ta'u mootummaa federaalaattin guuramaa jira. Mootummaa federaalaa galii isaa waliigalaa keessaa dhibbeentaa 60% ta'u Oromiyaa keessaa argata. Kana jechuun galiin Oromiyaa keessaa argamu baajata Oromiyaa bira dabree mootummaa federaalaafi naannolee biraa subsidize godhaa jira. Kanaafuu achi teessanii Oromiyaa saamsisaa hanqina bajataa nu mudate jechuun daldalaaa hiyyeessa saamuun haqaa miti. Diddaan eegales madaallii kamiinuu haqa qabeessa.
  • 4) Mormii qodhamaa jiru warra qindeessan irratti tarkaanfii fudhanna jettee doorsisuu yaaltee jirta. Kun waan haaraa miti. Waanuma Fiqaaduu Tasammaa ( namichi si duraa bakka ati amma jirtu kana ture) fi Muktaar Kadiir jechaa turaniidha. Lammaa Magarsaa tibba darbe "dhiiga Oromoo jigsaa misoomni dhufu hin jiru' jedhee ture. Doorsisini ati ilmaan Oromoo ajjeechisuuf har'a goote kun haasaan Lammaa sun fakkeessaa ta'uufi OPDOn bakka ishii duriitti afaanin malee gochaan akka hin jijjiramin ragaa baha.
  • 5) Mormii godhamaa jiru akkuma barattan alatti dhiibuu ( externalize) gochuu eegaltanii jirtin. Kan isin diidaa jiru daldalaa Oromiyaa keessaati. Qaamni hawaasaa kun kan yeroo dheeraaf isin obsee jaalates ta'ee sodaate isin cinaa dhabbachaa tureedha. Har'a gamnaanif jiruu isaatifi kan maatii isaa baraaruuf gibira humnaa olii hin kafalu jedhe. Nuti warri biyya alaa jirru sagalee ummata sanii taanee dabarsaa jirra. Eenyu haa dubbaturee? Hoggansi Oromoo biyya keessa jiru takkaa hidhaa qilintooxiin ykn mooraa OPDOtiin lugaamamee jira. Hogganni akka Dr Mararaafi Baqqalaa Garbaa dallaya Qilinxootin ugguramee jira. Kan akka keetiifi Lammaa Magarsaa foonaa Wayyaaneen jaarte kan OPDO jedhamtu keessatti osoo garaan beekuu kijiba hafarasa; haqa ummataa awwaaluuf battisa. Haala kana keessatti roorroo ummata keenyarra gahu bakka feenes jiraannu irraa dubbachuun, ummata keenya jajjabeessuun dirqama nurra jiruudha. Dirqama kana ammoo bahuu itti fufna.
  • 7) Oromiyaa keessatti jijjirama fidaa jirraa jettan. Eeyyeen warra isin duraatiin yoo wal bira qabamu jijjirama xixiqqaa fiddanii jirtan. Kana ammoo osoo ala kana nutti wacamuu ifatti isin deeggarree jira. Dhimma daangaa irratti, dhimma lafa deebisiisuu iratti tarkaanfii sirrii isin fudhattan dhoksaa maletti jajnee jirra. Dhimma qubee irratti isin morminee gaafa isin karatti deebi'uuf waadaa galatan isin amannee ifatti isin galateeffanne. Ummanni Oromoo baldhaanis waan gaarii gaafa dubbattaniifi hojjattan badii keessan kaleessaa laalee galata isin dhoorganne. Bahee isin faarse. Siinqee jala hulluuqsisee dhibaayyuu isin unachiisee isin faarsa. Wantee qabsiisee farda yaabsiee isin onnachiise. Gaafa balleessitan ammoo dhoksaan maletti isin morma. Murtiifi imaammata miidhaa qabu Wayyaanerraa fuutanii gaafa gadi fiddan ammoo cichee isin dura dhaabbata.
  • 8) Mormiin ka'aa jiru karoora xixiqqaa yeroo gabaabaa isin qabdan gufachiisuu mala. Garuu yoo gab jettanii xiinxaltan yeroo dheeraa ( long term) keessatti humna isiniif dabalaa daran isin aangessaa deema. Fakkeenyaaf kubbaniyyaaleen gurguddaan Oromiyaaf gibira akka kafalan godhuu feena jettan. Kuni tolaan akka hin taane anis atis beekta. Akeeka san galmaan gahuuf diddaan ummataa kun humna guddaa isiniif taha. Kanaafuu garbitti majii dhoksitu hin ta'inaa.

Gibira humnaa olii daldalaarraa buusaa; 

Nama alaa sababsachuu dhiisaa
Ummata of cinaa hiriirsaa
Qabeenyaafi aangoo Oromiyaa deebisiisaa.